< Numbers 21 >

1 The Canaanite, the king of Arad, who lived in the South, heard that Israel came by the way of Atharim. He fought against Israel, and took some of them captive.
Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraatu sun akka Israaʼel karaa Ataariim irra dhufaa jiru dhageenyaan Israaʼeloota lolee isaan keessaa nama tokko tokko boojiʼe.
2 Israel vowed a vow to the LORD, and said, “If you will indeed deliver this people into my hand, then I will utterly destroy their cities.”
Israaʼeloonnis, “Yoo ati saba kana dabarsitee harka keenyatti kennite, nu guutumaan guutuutti magaalaa isaanii barbadeessina” jedhanii Waaqayyoof wareegan.
3 The LORD listened to the voice of Israel, and delivered up the Canaanites; and they utterly destroyed them and their cities. The name of the place was called Hormah.
Waaqayyos iyya Israaʼel dhagaʼee warra Kanaʼaan dabarsee harka isaaniitti kenne. Israaʼeloonnis isaanii fi magaalaawwan isaanii illee guutumaan guutuutti barbadeessan; kanaafuu iddoon sun Hormaa jedhamee waamame.
4 They travelled from Mount Hor by the way to the Sea of Suf, to go around the land of Edom. The soul of the people was very discouraged because of the journey.
Isaanis Edoom duubaan darbanii deemuuf jedhanii Gaara Hoorii kaʼanii karaa Galaana Diimaatti geessu irra qajeelan. Sabni sun garuu karumatti obsa fixate;
5 The people spoke against God and against Moses: “Why have you brought us up out of Egypt to die in the wilderness? For there is no bread, there is no water, and our soul loathes this disgusting food!”
isaanis Waaqaa fi Museedhaan mormanii akkana jechuudhaan dubbatan; “Isin maaliif akka gammoojjii keessatti dhumnuuf biyya Gibxii nu baaftan? Buddeenni hin jiru! Bishaan hin jiru! Nus nyaata balfamaa kana jibbineerra!”
6 The LORD sent venomous snakes amongst the people, and they bit the people. Many people of Israel died.
Waaqayyos bofawwan hadhaa qaban gidduu isaaniitti erge; bofawwan sunis isaan iddanii Israaʼeloonni baayʼeen dhuman.
7 The people came to Moses, and said, “We have sinned, because we have spoken against the LORD and against you. Pray to the LORD, that he take away the serpents from us.” Moses prayed for the people.
Sabni sunis gara Musee dhufee akkana jedhe; “Nu yeroo Waaqayyoo fi sitti afaan dabarre sana cubbuu hojjenne. Akka Waaqayyo bofawwan kanneen nurraa fageessuuf nuuf kadhadhu.” Museen saba sanaaf kadhate.
8 The LORD said to Moses, “Make a venomous snake, and set it on a pole. It shall happen that everyone who is bitten, when he sees it, shall live.”
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Bofa tokko tolchiitii utubaatti fannisi; namni bofni idde kam iyyuu bofa ati tolchite sana ilaalee jiraachuu dandaʼa.”
9 Moses made a serpent of bronze, and set it on the pole. If a serpent had bitten any man, when he looked at the serpent of bronze, he lived.
Museen bofa naasii tokko tolchee utubaatti fannise. Ergasiis namni bofti idde kam iyyuu yeroo bofa naasii sana ilaalu ni jiraata ture.
10 The children of Israel travelled, and encamped in Oboth.
Israaʼeloonni fuula duratti qajeelanii Oobooti keessa qubatan.
11 They travelled from Oboth, and encamped at Iyeabarim, in the wilderness which is before Moab, towards the sunrise.
Ergasiis Oobootii kaʼanii Iyyee Abaariim lafa karaa baʼa biiftuutiin fuullee Moʼaabitti gammoojjii keessatti argamu qubatan.
12 From there they travelled, and encamped in the valley of Zered.
Achiis kaʼanii Sulula Zered keessa qubatan.
13 From there they travelled, and encamped on the other side of the Arnon, which is in the wilderness that comes out of the border of the Amorites; for the Arnon is the border of Moab, between Moab and the Amorites.
Achii kaʼaniis daarii Arnoon lafa gammoojjii keessaa kan bulchiinsa Amoorotaa keessa seentu sana irra qubatan. Arnoon lafa daarii Moʼaab irraa kan Moʼaabii fi Amoor gidduu jirtuu dha.
14 Therefore it is said in The Book of the Wars of the LORD, “Vaheb in Suphah, the valleys of the Arnon,
Sababiin Kitaabni Waraana Waaqayyoo akkana jedhuuf kana: “Waaheb Suufaa keessaa fi lageen, Arnoonii fi
15 the slope of the valleys that incline towards the dwelling of Ar, leans on the border of Moab.”
irraan-gadee sululaa kan gara Aaritti geessuu fi daarii Moʼaab irratti argamu.”
16 From there they travelled to Beer; that is the well of which the LORD said to Moses, “Gather the people together, and I will give them water.”
Achii kaʼanii gara Biʼeer boolla bishaanii kan Waaqayyo Museedhaan, “Saba walitti qabi; ani bishaan kennaafii” jedhe sanaa karaa isaanii itti fufan.
17 Then Israel sang this song: “Spring up, well! Sing to it,
Israaʼelis faarfannaa kana faarfate: “Yaa boolla bishaanii nana, burqi! Isinis waaʼee isaa faarfadhaa;
18 the well, which the princes dug, which the nobles of the people dug, with the sceptre, and with their poles.” From the wilderness they travelled to Mattanah;
Boolla bishaanii ilmaan mootii qotan, kan kabajamoonni sabaa, qajeelcha warra seera kennuutiin ulee isaaniitiin qotan faarfadhaa.” Isaan ergasii gammoojjii sana keessaa baʼanii Mataanaa dhaqan;
19 and from Mattanah to Nahaliel; and from Nahaliel to Bamoth;
Mataanaadhaa kaʼanii Nahaaliʼeel dhaqan; Nahaaliʼeelii kaʼanii Baamooti dhaqan;
20 and from Bamoth to the valley that is in the field of Moab, to the top of Pisgah, which looks down on the desert.
Baamootii immoo kaʼanii sulula Moʼaab, iddoo itti fiixeen Phisgaa gammoojjiitti garagaltu qubatan.
21 Israel sent messengers to Sihon king of the Amorites, saying,
Israaʼelis Sihoon mooticha Amoorotaatiin akkana jechuuf ergamoota ergate:
22 “Let me pass through your land. We will not turn away into field or vineyard. We will not drink of the water of the wells. We will go by the king’s highway, until we have passed your border.”
“Akka nu biyya kee keessaan darbinu nuuf eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokkotti iyyuu hin gorru yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo illee hin dhugnu. Nu hamma biyya kee keessaa baanutti karaa mootichaa irra yaana.”
23 Sihon would not allow Israel to pass through his border, but Sihon gathered all his people together, and went out against Israel into the wilderness, and came to Jahaz. He fought against Israel.
Sihoon garuu akka Israaʼel biyya isaa keessa baʼee darbu hin eeyyamne. Innis loltoota ofii guutuu walitti qabatee Israaʼelin loluuf gammoojjiitti gad baʼe. Yommuu Yaahazi gaʼettis Israaʼeliin wal lole.
24 Israel struck him with the edge of the sword, and possessed his land from the Arnon to the Jabbok, even to the children of Ammon; for the border of the children of Ammon was fortified.
Israaʼel garuu goraadeedhaan isa ajjeesee Arnoonii jalqabee hamma Yaaboq gaʼutti biyya isaa qabate; garuu sababii dallaan daangaa Amoorotaa jabaa tureef inni hamma daangaa Amoonotaa qofatti deemuu dandaʼe.
25 Israel took all these cities. Israel lived in all the cities of the Amorites, in Heshbon, and in all its villages.
Israaʼelis magaalaawwan Amoorotaa hunda, Heshboonii fi qubatawwan naannoo ishee jiran hunda qabatee keessa qubate.
26 For Heshbon was the city of Sihon the king of the Amorites, who had fought against the former king of Moab, and taken all his land out of his hand, even to the Arnon.
Heshboon kun magaalaa Sihoon mootii Amoorotaa isa mooticha Moʼaab kan duraa lolee biyya isaa hunda hamma Arnoonitti irraa fudhate sanaa ture.
27 Therefore those who speak in proverbs say, “Come to Heshbon. Let the city of Sihon be built and established;
Sababiin weellistoonni akkana jedhaniif kana: “Gara Heshboon kottaa; isheen deebitee haa ijaaramtu; Magaalaan Sihoonis haa haaromfamtu.
28 for a fire has gone out of Heshbon, a flame from the city of Sihon. It has devoured Ar of Moab, The lords of the high places of the Arnon.
“Heshboon keessaa ibiddi, magaalaa Sihoon keessaa arrabni ibiddaa baʼe. Ibiddi sun Aari magaalaa Moʼaab, jiraattota gaara Arnooniis gubee barbadeesse.
29 Woe to you, Moab! You are undone, people of Chemosh! He has given his sons as fugitives, and his daughters into captivity, to Sihon king of the Amorites.
Yaa Moʼaab, siif wayyoo! Yaa warra Kemoosh, isin barbadooftaniirtu! Inni ilmaan isaa akka baqattootaatti, intallan isaa immoo akka boojiʼamtootaatti, Sihoon mootii Amoorotaatti dabarsee kenneera.
30 We have shot at them. Heshbon has perished even to Dibon. We have laid waste even to Nophah, Which reaches to Medeba.”
“Nu garuu isaan garagalchineerra; Heshboon hamma Diiboonitti barbadoofteerti. Nus hamma Noofaa ishee gara Meedebaatti diriirtu sanaatti isaan barbadeessineerra.”
31 Thus Israel lived in the land of the Amorites.
Akkasiin Israaʼel biyya Amoor keessa qubate.
32 Moses sent to spy out Jazer. They took its villages, and drove out the Amorites who were there.
Museen Yaʼizeeritti basaastota erge; isaanis qubatawwan naannoo ishee qabatanii Amoorota achi keessa jiraachaa turan ariʼanii baasan.
33 They turned and went up by the way of Bashan. Og the king of Bashan went out against them, he and all his people, to battle at Edrei.
Isaanis ergasii deebiʼanii karaa Baashaan qabatanii ol baʼan; Oogi mootichi Baashaaniitii fi loltoonni isaa guutuun Edreyiitti isaaniin wal loluuf itti gad baʼan.
34 The LORD said to Moses, “Don’t fear him, for I have delivered him into your hand, with all his people, and his land. You shall do to him as you did to Sihon king of the Amorites, who lived at Heshbon.”
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Sababii ani guutuu loltoota isaatii fi biyya isaa illee dabarsee harka keetti kenneef isa hin sodaatin. Waanuma Sihoon mootiin Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sana goote isa illee godhi.”
35 So they struck him, with his sons and all his people, until there were no survivors; and they possessed his land.
Isaan isa, ilmaan isaatii fi loltoota isaa hunda utuu nama tokko illee hin hambisiniif dhaʼanii biyya isaa illee irraa fudhatan.

< Numbers 21 >