< Jeremiah 26 >

1 In the beginning of the reign of Jehoiakim the son of Josiah, king of Judah, this word came from the LORD:
Jalqaba bara mootummaa Yehooyaaqiim ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaa sanaatti dubbiin kun Waaqayyo biraa dhufe:
2 “The LORD says: ‘Stand in the court of the LORD’s house, and speak to all the cities of Judah which come to worship in the LORD’s house, all the words that I command you to speak to them. Don’t omit a word.
“Waaqayyo akkana jedha: Oobdii mana Waaqayyoo keessa dhaabadhuutii namoota magaalaawwan Yihuudaa keessaa baʼanii mana Waaqayyoo keessatti waaqeffachuu dhufan hundatti dubbadhu. Waan ani si ajaju hunda itti himi; jecha tokko illee hin hambisin.
3 It may be they will listen, and every man turn from his evil way, that I may relent from the evil which I intend to do to them because of the evil of their doings.’”
Tarii isaan dhagaʼanii tokkoon tokkoon namaa karaa isaa hamaa sana irraa ni deebiʼa taʼa. Anis gaabbee badiisa sababii hammina isaaniitiif isaanitti fiduuf yaadaa ture sana nan hambisa.
4 You shall tell them, “The LORD says: ‘If you will not listen to me, to walk in my law which I have set before you,
Atis akkana jedhiin; Waaqayyo akkana jedha; ‘Yoo isin na dhagaʼuu diddanii, seera koo kan ani fuula keessan dura kaaʼe sana duukaa buʼuu baattan,
5 to listen to the words of my servants the prophets whom I send to you, even rising up early and sending them—but you have not listened—
amma illee yoo isin dubbii tajaajiltoota koo raajota ani utuma isin dhagaʼuu diddanuu ammumaa amma isinitti erge sanaa illee dhaggeeffachuu baattan,
6 then I will make this house like Shiloh, and will make this city a curse to all the nations of the earth.’”
ani mana kana akkuma Shiiloo, magaalaa kana immoo saboota lafaa hunda keessatti waan abaarsaa nan godha.’”
7 The priests and the prophets and all the people heard Jeremiah speaking these words in the LORD’s house.
Luboonni, raajonnii fi sabni hundi Ermiyaasii dubbii kana mana Waaqayyoo keessatti dubbatu dhagaʼan.
8 When Jeremiah had finished speaking all that the LORD had commanded him to speak to all the people, the priests and the prophets and all the people seized him, saying, “You shall surely die!
Garuu akkuma Ermiyaas waan Waaqayyo akka inni dubbatuuf isa ajaje hunda namoota hundatti, himee raawwateen luboonni, raajonnii fi namoonni hundi isa qabanii akkana jedhaniin; “Ati duʼuu qabda!
9 Why have you prophesied in the LORD’s name, saying, ‘This house will be like Shiloh, and this city will be desolate, without inhabitant’?” All the people were crowded around Jeremiah in the LORD’s house.
Ati maaliif akka manni kun akkuma Shiiloo taʼuu fi akka magaalaan kunis onee duwwaa hafu maqaa Waaqayyootiin raajii dubbatta?” Namoonni hundis mana Waaqayyoo keessatti Ermiyaasin marsan.
10 When the princes of Judah heard these things, they came up from the king’s house to the LORD’s house; and they sat in the entry of the new gate of the LORD’s house.
Qondaaltonni Yihuudaa yommuu waan kana dhagaʼanitti mana Mootii keessaa gara mana Waaqayyootti ol baʼanii balbala karra Haaraa kan mana Waaqayyoo dura tataaʼan.
11 Then the priests and the prophets spoke to the princes and to all the people, saying, “This man is worthy of death, for he has prophesied against this city, as you have heard with your ears.”
Kana irratti luboonnii fi raajonni sun qondaaltotaa fi namoota hundaan, “Waan namichi kun magaalaa kana irratti raajii dubbateef duuti isatti muramuu qaba. Isin waan kana gurruma keessaniin dhageessaniirtu!” jedhan.
12 Then Jeremiah spoke to all the princes and to all the people, saying, “The LORD sent me to prophesy against this house and against this city all the words that you have heard.
Ermiyaas qondaaltota hundaa fi namoota hundaan akkana jedhe; “Waaqayyo akka ani waan isin dhageessan kana hunda mana kanaa fi magaalaa kana irratti raajii dubbadhuuf na erge.
13 Now therefore amend your ways and your doings, and obey the LORD your God’s voice; then the LORD will relent from the evil that he has pronounced against you.
Kanaafuu isin amma karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa; Waaqayyo Waaqa keessaniif illee ajajamaa. Yoos Waaqayyo gaabbee balaa isinitti fiduuf yaade sana ni dhiisa.
14 But as for me, behold, I am in your hand. Do with me what is good and right in your eyes.
Ani garuu harkuma keessan keessa nan jira; isin tarkaanfii gaarii fi qajeelaa isinitti fakkaate narratti fudhadhaa.
15 Only know for certain that if you put me to death, you will bring innocent blood on yourselves, on this city, and on its inhabitants; for in truth the LORD has sent me to you to speak all these words in your ears.”
Garuu isin yoo na ajjeeftan akka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuu keessaniin ofitti, magaalaa kanattii fi warra ishee keessa jiraatanitti balaa fiddan beekkadhaa; Waaqayyo dhugumaan akka ani dubbii isin dhageessan kana hunda dubbadhuuf isinitti na ergeeraatii.”
16 Then the princes and all the people said to the priests and to the prophets: “This man is not worthy of death; for he has spoken to us in the name of the LORD our God.”
Kana irratti qondaaltonnii fi namoonni hundi, lubootaa fi raajotaan, “Namicha kanatti duuti muramuu hin qabu! Inni maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaatiin nutti dubbatee jiraa” jedhan.
17 Then certain of the elders of the land rose up, and spoke to all the assembly of the people, saying,
Maanguddoota biyyaa keessaas tokko tokko kaʼanii waldaa sabaa guutuudhaan akkana jedhan;
18 “Micah the Morashtite prophesied in the days of Hezekiah king of Judah; and he spoke to all the people of Judah, saying, ‘The LORD of Hosts says: “‘Zion will be ploughed as a field, and Jerusalem will become heaps, and the mountain of the house as the high places of a forest.’
“Bara Hisqiyaas mootii Yihuudaa ture keessa Miikiyaas namni biyya Mooresheet akkana jedhee saba Yihuudaa hundatti raajii dubbate; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “‘Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti; Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati; gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa.’
19 Did Hezekiah king of Judah and all Judah put him to death? Didn’t he fear the LORD, and entreat the favour of the LORD, and the LORD relented of the disaster which he had pronounced against them? We would commit great evil against our own souls that way!”
“Hisqiyaas mootichi Yihuudaa yookaan saba Yihuudaa keessaa namni tokko iyyuu isa ajjeeseeraa? Hisqiyaas Waaqayyoon sodaatee araara isaa hin kadhannee? Waaqayyos gaabbee badiisa isaanitti fiduu yaade sana hin dhiifnee? Nus badiisa hamaa ofitti fiduu geenyeerra!”
20 There was also a man who prophesied in the LORD’s name, Uriah the son of Shemaiah of Kiriath Jearim; and he prophesied against this city and against this land according to all the words of Jeremiah.
Namni maqaa Waaqayyootiin raajii dubbate kan biraa immoo Uuriyaa ilma Shemaaʼiyaa nama biyya Kiriyaati Yeʼaariim ture; innis akkuma Ermiyaas magaalaa kanaa fi biyya kana irratti raajii dubbate.
21 When Jehoiakim the king, with all his mighty men and all the princes heard his words, the king sought to put him to death; but when Uriah heard it, he was afraid, and fled, and went into Egypt.
Yommuu Yehooyaaqiim mootichi, ajajjoonnii fi qondaaltonni isaa hundi dubbii Uuriyaa dhagaʼanitti mootichi isa ajjeesisuu barbaade; Uuriyaan garuu waan kana dhageenyaan sodaatee gara Gibxitti baqate.
22 Then Jehoiakim the king sent Elnathan the son of Achbor and certain men with him into Egypt.
Yehooyaaqiim mootichi garuu Elnaataan ilma Akboor namoota biraa wajjin gara Gibxitti erge.
23 They fetched Uriah out of Egypt and brought him to Jehoiakim the king, who killed him with the sword and cast his dead body into the graves of the common people.
Isaanis Uuriyaa Gibxii fidanii Yehooyaaqiim mootichatti kennan; mootichis goraadeedhaan isa ajjeese; reeffa isaa immoo iddoo namoonni ulfina hin qabne itti awwaalamanitti gate.
24 But the hand of Ahikam the son of Shaphan was with Jeremiah, so that they didn’t give him into the hand of the people to put him to death.
Ahiiqaam ilmi Shaafaan garuu Ermiyaasin deeggare; kanaafuu Ermiyaas ajjeefamuuf dabarfamee namootatti hin kennamne.

< Jeremiah 26 >