< Jacob 4 >

1 Where do wars and fightings amongst you come from? Don’t they come from your pleasures that war in your members?
Wanni lolaa fi walitti buʼuu isin gidduutti kaasu maali? Isaan hawwii isin keessatti wal lolan irraa dhufu mitii?
2 You lust, and don’t have. You murder and covet, and can’t obtain. You fight and make war. You don’t have, because you don’t ask.
Isin ni hawwitu; garuu hin argattan. Kanaaf ni ajjeeftu; ni hinaaftus. Garuu waan barbaaddan sana argachuu hin dandeessan. Kanaafis walitti buutu; wal loltus. Isin waan Waaqa hin kadhanneef hin qabaattan.
3 You ask, and don’t receive, because you ask with wrong motives, so that you may spend it on your pleasures.
Isin dharraa keessan hamaa guutachuuf jettanii yaada hamaan waan kadhattaniif yommuu kadhattan hin argattan.
4 You adulterers and adulteresses, don’t you know that friendship with the world is hostility towards God? Whoever therefore wants to be a friend of the world makes himself an enemy of God.
Yaa ejjitoota, addunyaatti michoomuun Waaqatti diina taʼuu akka taʼe hin beektanii? Namni michuu addunyaa taʼu kam iyyuu diina Waaqaa taʼa.
5 Or do you think that the Scripture says in vain, “The Spirit who lives in us yearns jealously”?
Yookaan wanni Katabbiin Qulqulluun, “Hafuurri nu keessa jiraatu sun hinaaffaadhaan hawwa” jedhu akkasumaan dubbatama seetuu ree?
6 But he gives more grace. Therefore it says, “God resists the proud, but gives grace to the humble.”
Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun, “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna” jedhuufis kanuma.
7 Be subject therefore to God. Resist the devil, and he will flee from you.
Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa.
8 Draw near to God, and he will draw near to you. Cleanse your hands, you sinners. Purify your hearts, you double-minded.
Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.
9 Lament, mourn, and weep. Let your laughter be turned to mourning and your joy to gloom.
Dhiphadhaa; gaddaa; booʼaas. Kolfi keessan booʼichatti, gammachuun keessan immoo gaddatti haa geeddaramu.
10 Humble yourselves in the sight of the Lord, and he will exalt you.
Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa.
11 Don’t speak against one another, brothers. He who speaks against a brother and judges his brother, speaks against the law and judges the law. But if you judge the law, you are not a doer of the law but a judge.
Yaa obboloota, wal hin hammeessinaa. Namni obboleessa isaa hammeessu yookaan obboleessa isaatti muru kam iyyuu seera hammeessa; seerattis ni mura. Garuu ati yoo seeratti murte seera sanatti muraa jirta malee isaaf ajajamaa hin jirtu.
12 Only one is the lawgiver, who is able to save and to destroy. But who are you to judge another?
Inni seera tumuu fi Abbaan Murtii tokkichuma; innis isa fayyisuu fi balleessuu dandaʼuu dha. Garuu nama kaanitti muruuf ati eenyu?
13 Come now, you who say, “Today or tomorrow let’s go into this city and spend a year there, trade, and make a profit.”
Egaa isin warri, “Harʼa yookaan bor magaalaa kana yookaan magaalaa sana dhaqnee waggaa tokko achi turra; daldallees buʼaa arganna” jettan mee dhagaʼaa.
14 Yet you don’t know what your life will be like tomorrow. For what is your life? For you are a vapour that appears for a little time and then vanishes away.
Isin waan bor taʼuuf jiru iyyuu hin beektan. Jireenyi keessan maal innii? Isin hurrii yeroo xinnoof mulʼattee ergasii immoo badduu dha.
15 For you ought to say, “If the Lord wills, we will both live, and do this or that.”
Qooda kanaa isin, “Yoo Gooftaan jedhe, nu ni jiraanna; waan kana yookaan waan sana ni hojjenna” jechuu qabdu.
16 But now you glory in your boasting. All such boasting is evil.
Amma garuu isin of jajuu keessanitti gammaddu. Gammachuun akkasii hundi hamaa dha.
17 To him therefore who knows to do good and doesn’t do it, to him it is sin.
Egaa namni kam iyyuu waan gaarii hojjechuu qabu utuma beekuu yoo hojjechuu baate kun cubbuu isatti taʼa.

< Jacob 4 >