< 2 Chronicles 33 >

1 Manasseh was twelve years old when he began to reign, and he reigned fifty-five years in Jerusalem.
Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche.
2 He did that which was evil in the LORD’s sight, after the abominations of the nations whom the LORD cast out before the children of Israel.
Innis waan jibbisiisaa saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
3 For he built again the high places which Hezekiah his father had broken down; and he raised up altars for the Baals, made Asheroth, and worshipped all the army of the sky, and served them.
Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas barbadeessee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaawwan Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates.
4 He built altars in the LORD’s house, of which the LORD said, “My name shall be in Jerusalem forever.”
Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Waaqayyo, “Maqaan koo bara baraan Yerusaalem keessa ni jiraata” jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche.
5 He built altars for all the army of the sky in the two courts of the LORD’s house.
Oobdiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo lamaanuu keessattis raayyaawwan samii hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche.
6 He also made his children to pass through the fire in the valley of the son of Hinnom. He practised sorcery, divination, and witchcraft, and dealt with those who had familiar spirits and with wizards. He did much evil in the LORD’s sight, to provoke him to anger.
Sulula Ben Hinoomittis ilmaan isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolchaa fi falfala hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula Waaqayyoo duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.
7 He set the engraved image of the idol, which he had made, in God’s house, of which God said to David and to Solomon his son, “In this house, and in Jerusalem, which I have chosen out of all the tribes of Israel, I will put my name forever.
Innis fakkii Waaqa tolfamaa kan hojjetee ture sana geessee mana qulqullummaa Waaqaa kan Waaqni akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonitti dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba.
8 I will not any more remove the foot of Israel from off the land which I have appointed for your fathers, if only they will observe to do all that I have commanded them, even all the law, the statutes, and the ordinances given by Moses.”
Yoo isaan waan ani waaʼee seera, labsii fi qajeelcha karaa Museetiin kenname sanaa isaan ajaje hunda hojjetanii ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii keessaniif kenne keessaa baʼu hin godhu.”
9 Manasseh seduced Judah and the inhabitants of Jerusalem, so that they did more evil than did the nations whom the LORD destroyed before the children of Israel.
Minaaseen Yihuudaa fi namoota Yerusaalem karaa irraa jalʼise; kanaafuu isaan saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan.
10 The LORD spoke to Manasseh and to his people, but they didn’t listen.
Waaqayyos Minaasee fi saba isaatti dubbateera; isaan garuu dhagaʼuu hin feene.
11 Therefore the LORD brought on them the captains of the army of the king of Assyria, who took Manasseh in chains, bound him with fetters, and carried him to Babylon.
Kanaafuu Waaqayyo ajajjoota loltoota mootii Asoor isaanitti kaase; isaanis Minaasee qabanii hokkoo funyaanitti kaʼaanii foncaadhaan hidhanii Baabilonitti isa geessan.
12 When he was in distress, he begged the LORD his God, and humbled himself greatly before the God of his fathers.
Innis lubbamee Waaqayyo Waaqa isaa barbaadee fuula Waaqa abbootii isaa duratti akka malee gad of qabe.
13 He prayed to him; and he was entreated by him, and heard his supplication, and brought him again to Jerusalem into his kingdom. Then Manasseh knew that the LORD was God.
Waaqayyos yeroo inni isa kadhatetti naʼeefii waammata isaa dhagaʼeef; deebisees gara Yerusaalem mootummaa isaatti isa fide. Minaaseenis ergasii akka Waaqayyo Waaqa taʼe ni beeke.
14 Now after this, he built an outer wall to David’s city on the west side of Gihon, in the valley, even to the entrance at the fish gate. He encircled Ophel with it, and raised it up to a very great height; and he put valiant captains in all the fortified cities of Judah.
Ergasii dallaa Magaalaa Daawit isa alaa, karaa lixa burqaa Giihoon kan sulula keessaa gaara Oofeelitti naannessee hamma Karra Qurxummiitti ni haaromse; dallaa kanas akka malee ol dheeresse. Magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda keessas ajajjoota waraanaa ni qubachiise.
15 He took away the foreign gods and the idol out of the LORD’s house, and all the altars that he had built in the mountain of the LORD’s house and in Jerusalem, and cast them out of the city.
Innis waaqota ormaa fi fakkiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa ni balleesse; akkasumas iddoowwan aarsaa kanneen inni gaarran mana qulqullummaa irraa fi Yerusaalem keessatti tolche hundas ni diige; magaalaa keessaas baasee ni gate.
16 He built up the LORD’s altar, and offered sacrifices of peace offerings and of thanksgiving on it, and commanded Judah to serve the LORD, the God of Israel.
Iddoo aarsaa Waaqayyoo deebisee dhaabee aarsaa nagaa fi aarsaa galataa irratti ni dhiʼeesse; akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel tajaajilaniif namoota Yihuudaa ni ajaje.
17 Nevertheless the people still sacrificed in the high places, but only to the LORD their God.
Taʼus sabni ittuma fufee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa keessatti aarsaa dhiʼeesse; garuu uummanni sun Waaqayyo Waaqa isaa qofaaf aarsaa dhiʼeessaa ture.
18 Now the rest of the acts of Manasseh, and his prayer to his God, and the words of the seers who spoke to him in the name of the LORD, the God of Israel, behold, they are written amongst the acts of the kings of Israel.
Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, kadhannaan inni Waaqa isaa kadhatee fi dubbii inni namoota waa arganii himan maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin isatti himan dabalatee seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera.
19 His prayer also, and how God listened to his request, and all his sin and his trespass, and the places in which he built high places and set up the Asherah poles and the engraved images before he humbled himself: behold, they are written in the history of Hozai.
Kadhannaan isaa fi akki Waaqni itti garaa laafeefii kadhannaa isaa dhagaʼeef, cubbuun inni hojjete hundii fi amanamummaa dhabuun isaa, akkasumas utuu gad of hin qabin dura iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaruun isaa, siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo dhaabuun isaa hundi galmeewwan namoota waa arganii himanii keessatti barreeffamaniiru.
20 So Manasseh slept with his fathers, and they buried him in his own house; and Amon his son reigned in his place.
Minaaseenis abbootii isaa wajjin boqotee masaraa mootummaa isaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
21 Amon was twenty-two years old when he began to reign; and he reigned two years in Jerusalem.
Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche.
22 He did that which was evil in the LORD’s sight, as did Manasseh his father; and Amon sacrificed to all the engraved images which Manasseh his father had made, and served them.
Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Aamoon waaqota Minaaseen tolche waaqeffate; hunda isaaniitifis aarsaa dhiʼeesse.
23 He didn’t humble himself before the LORD, as Manasseh his father had humbled himself; but this same Amon trespassed more and more.
Inni garuu akka abbaa isaa Minaasee fuula Waaqayyoo duratti gad of hin qabne; Aamoon ittuma caalchisee yakka hojjete.
24 His servants conspired against him, and put him to death in his own house.
Qondaaltonni Amoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti isa ajjeesan.
25 But the people of the land killed all those who had conspired against King Amon; and the people of the land made Josiah his son king in his place.
Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon Mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan.

< 2 Chronicles 33 >