< 1 Kings 1 >

1 Now King David was old and advanced in years; and they covered him with clothes, but he couldn’t keep warm.
Daawit Mootichi yeroo jaaree dulloometti yoo uffata itti tuulan illee dhagni isaa hin hoʼuuf ture.
2 Therefore his servants said to him, “Let a young virgin be sought for my lord the king. Let her stand before the king, and cherish him; and let her lie in your bosom, that my lord the king may keep warm.”
Kanaafuu tajaajiltoonni isaa akkana jedhaniin; “Durba qulqulluu mooticha tajaajiltuu fi kunuunsitu haa barbaannu. Isheenis gooftaa keenya mootichatti bira ciiftee isa haa hoʼiftu.”
3 So they sought for a beautiful young lady throughout all the borders of Israel, and found Abishag the Shunammite, and brought her to the king.
Isaanis biyya Israaʼel guutuu keessa durba miidhagduu barbaadanii intala Abiishagi jedhamtu kan gosa Suunam tokko argatanii mootichatti fidan.
4 The young lady was very beautiful; and she cherished the king, and served him; but the king didn’t know her intimately.
Intalattiin akka malee miidhagduu turte; isheenis mooticha kunuunsite; ni tajaajiltes; mootichi garuu ishee bira hin gaʼu ture.
5 Then Adonijah the son of Haggith exalted himself, saying, “I will be king.” Then he prepared him chariots and horsemen, and fifty men to run before him.
Yeroo sanatti Adooniyaan ilmi Hagiit kan isheen Daawitiif deesse, “Ani mootii nan taʼa” jedhee ol ol of qabe. Kanaafuu inni gaariiwwanii fi fardeen akkasumas namoota fuula isaa dura fiigan shantama qopheeffate.
6 His father had not displeased him at any time in saying, “Why have you done so?” and he was also a very handsome man; and he was born after Absalom.
Abbaan isaa immoo, “Ati maaliif waan akkanaa goota?” jedhee gonkumaa isa ifatee hin beeku. Inni gurbaa akka malee miidhagaa kan Abesaaloomitti aanee dhalatee dha.
7 He conferred with Joab the son of Zeruiah and with Abiathar the priest; and they followed Adonijah and helped him.
Adooniyaanis Yooʼaab ilma Zeruuyaatii fi Abiyaataar lubichaan mariʼate; isaanis isa deeggaran.
8 But Zadok the priest, Benaiah the son of Jehoiada, Nathan the prophet, Shimei, Rei, and the mighty men who belonged to David, were not with Adonijah.
Garuu Zaadoq lubichi, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa, Naataan raajichi, Shimeʼiin, Reeʼii fi eegdonni Daawit filatamoon Adooniyaa wajjin hin turre.
9 Adonijah killed sheep, cattle, and fatlings by the stone of Zoheleth, which is beside En Rogel; and he called all his brothers, the king’s sons, and all the men of Judah, the king’s servants;
Adooniyaanis dhagaa Zoohelet isa naannoo Een Roogeelitti argamu biratti hoolaa, korma looniitii fi jabboota coccoomoo aarsaa dhiʼeesse. Innis obboloota isaa ilmaan mootichaa hunda, namoota Yihuudaa kanneen qondaaltota mootichaa taʼan hunda ni waame;
10 but he didn’t call Nathan the prophet, and Benaiah, and the mighty men, and Solomon his brother.
garuu Naataan raajicha yookaan Benaayaa yookaan eegdota filatamoo yookaan obboleessa isaa Solomoonin hin waamne.
11 Then Nathan spoke to Bathsheba the mother of Solomon, saying, “Haven’t you heard that Adonijah the son of Haggith reigns, and David our lord doesn’t know it?
Ergasii Naataan akkana jedhee Batisheebaa haadha Solomoon gaafate; “Ati akka Adooniyaan ilmi Hagiitii, utuu gooftaan keenya Daawit quba hin qabaatin mootii taʼe hin dhageenyee?
12 Now therefore come, please let me give you counsel, that you may save your own life and your son Solomon’s life.
Mee amma kottu akka ati itti lubbuu keetii fi lubbuu ilma kee Solomoon oolchuu dandeessu si gorsaa.
13 Go in to King David, and tell him, ‘Didn’t you, my lord the king, swear to your servant, saying, “Assuredly Solomon your son shall reign after me, and he shall sit on my throne”? Why then does Adonijah reign?’
Amma gara Daawit mootichaa dhaqiitii, ‘Yaa gooftaa koo mootii, ati, “Ilmi kee Solomoon anatti aanee dhugumaan mootii ni taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa” jettee ana garbittii keetiif hin kakannee? Yoos Adooniyaan maaliif mootii taʼe?’ jedhiin.
14 Behold, while you are still talking there with the king, I will also come in after you and confirm your words.”
Anis utuma ati achitti mooticha wajjin dubbachaa jirtuu dhufee waan ati jettu sana siif mirkaneessa.”
15 Bathsheba went in to the king in his room. The king was very old; and Abishag the Shunammite was serving the king.
Kanaafuu Batisheebaan kaatee mootii dulloome sana arguuf gara kutaa Abiishagi intalli gosa Suunam sun itti isa kunuunsaa turteetti ol seente.
16 Bathsheba bowed and showed respect to the king. The king said, “What would you like?”
Batisheebaan gad jettee fuula mootichaa duratti jilbeenfatte. Mootichis, “Ati maal barbaadda?” jedhee gaafate.
17 She said to him, “My lord, you swore by the LORD your God to your servant, ‘Assuredly Solomon your son shall reign after me, and he shall sit on my throne.’
Isheenis akkana jettee deebifteef; “Yaa gooftaa ko, ati mataan kee, ‘Ilmi kee Solomoon natti aanee mootii ni taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa’ jettee maqaa Waaqayyo Waaqa keetiitiin ana garbittii keetiif kakattee turte.
18 Now, behold, Adonijah reigns; and you, my lord the king, don’t know it.
Amma garuu Adooniyaan mootii taʼeera; ati gooftaan koo mootichis waan kana quba hin qabdu.
19 He has slain cattle and fatlings and sheep in abundance, and has called all the sons of the king, Abiathar the priest, and Joab the captain of the army; but he hasn’t called Solomon your servant.
Inni kunoo sangoota, jabboota coccoomoo fi hoolota baayʼee aarsaa dhiʼeessee ilmaan mootii hunda, Abiyaataar lubichaa fi Yooʼaab ajajaa loltootaa waameera; garuu garbicha kee Solomoonin hin waamne.
20 You, my lord the king, the eyes of all Israel are on you, that you should tell them who will sit on the throne of my lord the king after him.
Yaa gooftaa koo mooticha, si booddeedhaan eenyu teessoo gooftaa koo mootichaa irra akka taaʼu sirraa beekuudhaaf iji Israaʼel hundi sirra jira.
21 Otherwise it will happen, when my lord the king sleeps with his fathers, that I and my son Solomon will be considered criminals.”
Yoo kanaa achii yeroo gooftaan koo mootichi abbootii isaa wajjin boqotutti anii fi ilmi koo Solomoon akka nama balleessaa qabuutti ilaalamna.”
22 Behold, while she was still talking with the king, Nathan the prophet came in.
Utuma isheen amma illee mooticha wajjin dubbachaa jirtuu Naataan raajichi ni dhufe.
23 They told the king, saying, “Behold, Nathan the prophet!” When he had come in before the king, he bowed himself before the king with his face to the ground.
Isaanis, “Naataan raajichi as jira” jedhanii mootichatti himan. Kanaafuu Naataan dhufee fuula mootichaa duratti gad jedhee harka fuudhe.
24 Nathan said, “My lord, King, have you said, ‘Adonijah shall reign after me, and he shall sit on my throne’?
Naataanis akkana jedhe; “Yaa gooftaa koo mootii, ati, ‘Adooniyaan natti aanee mootii taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa’ jetteertaa?
25 For he has gone down today, and has slain cattle, fatlings, and sheep in abundance, and has called all the king’s sons, the captains of the army, and Abiathar the priest. Behold, they are eating and drinking before him, and saying, ‘Long live King Adonijah!’
Inni harʼa gad buʼee sangoota, jabboota coccoomoo fi hoolota baayʼee aarsaa dhiʼeesseera. Ilmaan mootichaa hunda, ajajjoota loltootaatii fi Abiyaataar lubicha waameera. Isaan amma iyyuu isa wajjin nyaachaa dhugaa, ‘Adooniyaan mootichi bara dheeraa haa jiraatu!’ jechaa jiru.
26 But he hasn’t called me, even me your servant, Zadok the priest, Benaiah the son of Jehoiada, and your servant Solomon.
Garuu ana garbicha kee, Zaadoq lubicha, Benaayaa ilma Yehooyaadaatii fi garbicha kee Solomoonin hin waamne.
27 Was this thing done by my lord the king, and you haven’t shown to your servants who should sit on the throne of my lord the king after him?”
Egaa kun waan gooftaan koo mootichi utuu isa booddeedhaan eenyu akka teessoo gooftaa koo mootichaa irra taaʼu garbicha isaa hin beeksisin hojjeteedhaa?”
28 Then King David answered, “Call Bathsheba in to me.” She came into the king’s presence and stood before the king.
Daawit mootichi, “Mee Batisheebaa ol waamaa” jedhe. Kanaafuu isheen gara mootichaatti ol seentee fuula isaa dura dhaabatte.
29 The king vowed and said, “As the LORD lives, who has redeemed my soul out of all adversity,
Mootichis akkana jedhee kakateef; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa rakkina hundumaa keessaa na baase sanaa,
30 most certainly as I swore to you by the LORD, the God of Israel, saying, ‘Assuredly Solomon your son shall reign after me, and he shall sit on my throne in my place;’ I will most certainly do this today.”
ani waan duraan maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin siif kakadhe sana harʼa dhugumaan siif guuta. Ilmi kee Solomoon na booddeedhaan mootii taʼa; iddoo koos teessoo koo irra ni taaʼa.”
31 Then Bathsheba bowed with her face to the earth and showed respect to the king, and said, “Let my lord King David live forever!”
Batisheebaanis addaan gad jettee harka fuutee fuula mootichaa duratti jilbeenfattee, “Gooftaan ko, Daawit mootichi bara baraan haa jiraatu!” jette.
32 King David said, “Call to me Zadok the priest, Nathan the prophet, and Benaiah the son of Jehoiada.” They came before the king.
Daawit mootichis, “Mee Zaadoq lubicha, Naataan raajichaa fi Benaayaa ilma Yehooyaadaa as waamaa” jedhe. Yommuu isaan fuula mootichaa duratti dhiʼaatanitti,
33 The king said to them, “Take with you the servants of your lord, and cause Solomon my son to ride on my own mule, and bring him down to Gihon.
inni akkana isaaniin jedhe: “Garboota gooftaa keessanii of faana fudhadhaatii ilma koo Solomoonin gaangoo koo irra teessisaatii Giihoonitti gad buusaa.
34 Let Zadok the priest and Nathan the prophet anoint him there king over Israel. Blow the shofar, and say, ‘Long live King Solomon!’
Achittis Zaadoq lubichii fi Naataan raajichi Israaʼeloota irratti mootii godhanii isa haa diban. Malakata afuufaatii, ‘Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!’ jedhaa iyyaa.
35 Then come up after him, and he shall come and sit on my throne; for he shall be king in my place. I have appointed him to be prince over Israel and over Judah.”
Isinis ergasii isa wajjin ol baʼuu qabdu; innis dhufee teessoo koo irra taaʼee iddoo koo buʼee mootii taʼuu qaba. Ani akka inni bulchaa taʼuuf Israaʼelii fi Yihuudaa irratti isa muudeera.”
36 Benaiah the son of Jehoiada answered the king, and said, “Amen. May the LORD, the God of my lord the king, say so.
Benaayaa ilmi Yehooyaadaa akkana jedhee mootichaaf deebise; “Ameen! Waaqayyo Waaqni gooftaa koo mootichaa akkasuma haa jedhu.
37 As the LORD has been with my lord the king, even so may he be with Solomon, and make his throne greater than the throne of my lord King David.”
Waaqayyo akkuma gooftaa koo mooticha wajjin ture Solomoon wajjin haa taʼu; teessoo isaas teessoo gooftaa koo Daawit mootichaa caalaa haa jabeessu!”
38 So Zadok the priest, Nathan the prophet, Benaiah the son of Jehoiada, and the Cherethites and the Pelethites went down and had Solomon ride on King David’s mule, and brought him to Gihon.
Kanaafuu Zaadoq lubichi, Naataan raajichi, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa, Kereetonnii fi Pheletonni gad buʼanii gaangoo Daawit mootichaa irra Solomoon teessisanii Giihoonitti geessan.
39 Zadok the priest took the horn of oil from the Tent, and anointed Solomon. They blew the shofar; and all the people said, “Long live King Solomon!”
Zaadoq lubichi dunkaana qulqulluu keessaa gaanfa zayitii fuudhee Solomooniin dibe. Isaanis malakata afuufanii namoonni hundi, “Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!” jedhanii iyyan.
40 All the people came up after him, and the people piped with pipes, and rejoiced with great joy, so that the earth shook with their sound.
Namoonni hundi hamma sagalee sanaan lafti sochootutti faaggaa afuufaa gammachuu guddaadhaan isa faana ol baʼan.
41 Adonijah and all the guests who were with him heard it as they had finished eating. When Joab heard the sound of the shofar, he said, “Why is this noise of the city being in an uproar?”
Adooniyaa fi keessummoonni isa wajjin turan akkuma nyaata isaanii fixataniin waan kana dhagaʼan. Yooʼaabis sagalee malakataa dhageenyaan, “Iyyi magaalaa keessaa kun hundi maalii?” jedhee gaafate.
42 While he yet spoke, behold, Jonathan the son of Abiathar the priest came; and Adonijah said, “Come in; for you are a worthy man, and bring good news.”
Utuma inni dubbachuutti jiruu, Yonaataan ilmi Abiyaataar lubichaa ni dhufe. Adooniyaanis, “Ol seeni. Jabaan akka keetii kun oduu gaarii fiduu qabaa” jedhe.
43 Jonathan answered Adonijah, “Most certainly our lord King David has made Solomon king.
Yonaataanis akkana jedhee deebise; “Akkas miti! Gooftaan keenya Daawit mootichi, Solomoonin mootii godheera.
44 The king has sent with him Zadok the priest, Nathan the prophet, Benaiah the son of Jehoiada, and the Cherethites and the Pelethites; and they have caused him to ride on the king’s mule.
Mootichis Zaadoq lubicha, Naataan raajicha, Benaayaa ilma Yehooyaadaa, Kereetotaa fi Pheletota isa wajjin erge; isaanis gaangoo mootichaa irra isa teessisan;
45 Zadok the priest and Nathan the prophet have anointed him king in Gihon. They have come up from there rejoicing, so that the city rang again. This is the noise that you have heard.
Zaadoq lubichii fi Naataan raajichi Giihoonitti mootii godhanii isa dibaniiru. Isaan gammachuudhaan achii ol baʼan; magaalattiinis iyya isaaniitiin sochoofamte; wacni isin dhageessan kunis kanaa dha.
46 Also, Solomon sits on the throne of the kingdom.
Kana caalaa iyyuu Solomoon teessoo mootummaa irra taaʼeera.
47 Moreover the king’s servants came to bless our lord King David, saying, ‘May your God make the name of Solomon better than your name, and make his throne greater than your throne;’ and the king bowed himself on the bed.
Qondaaltonni mootiis, ‘Waaqni kee maqaa kee caalaa maqaa Solomoon beekamaa godhee teessoo isaa illee teessoo kee caalaa haa guddisu!’ jedhanii gooftaa keenya Daawit mooticha eebbisuuf dhufaniiru. Mootichis siree isaa irratti gad jedhee sagade;
48 Also thus said the king, ‘Blessed be the LORD, the God of Israel, who has given one to sit on my throne today, my eyes even seeing it.’”
innis, ‘Waaqayyo, Waaqni Israaʼel kan akka iji koo harʼa nama iddoo koo buʼee teessoo koo irra taaʼu argitu naa eeyyame sun haa eebbifamu’ jedhe.”
49 All the guests of Adonijah were afraid, and rose up, and each man went his way.
Kana irrati keessummoonni Adooniyaa hundi rifatanii kaʼanii bibittinnaaʼan.
50 Adonijah was afraid because of Solomon; and he arose, and went, and hung onto the horns of the altar.
Adooniyaan garuu Solomoonin sodaatee dhaqee gaanfa iddoo aarsaa qabate.
51 Solomon was told, “Behold, Adonijah fears King Solomon; for, behold, he is hanging onto the horns of the altar, saying, ‘Let King Solomon swear to me first that he will not kill his servant with the sword.’”
Solomoonittis akkana jedhamee himame; “Adooniyaan Solomoon mooticha sodaatee gaanfa iddoo aarsaa qabatee itti cicheera. Innis, ‘Solomoon mootichi akka goraadeedhaan garbicha isaa hin ajjeefne harʼa naaf haa kakatu’ jedhe.”
52 Solomon said, “If he shows himself a worthy man, not a hair of his shall fall to the earth; but if wickedness is found in him, he shall die.”
Solomoonis, “Yoo inni amanamaa taʼuu isaa mirkaneesse rifeensa mataa isaa keessaa tokko iyyuu lafa hin buʼu; garuu yoo hamminni isa keessatti argame inni ni duʼa” jedhee deebise.
53 So King Solomon sent, and they brought him down from the altar. He came and bowed down to King Solomon; and Solomon said to him, “Go to your house.”
Solomoon mootichis nama itti erge; isaanis iddoo aarsaa biraa gad isa fidan. Adooniyaanis dhufee fuula Solomoon mootichaa duratti gad jedhee harka fuudhe; Solomoonis, “Deemi, mana keetti gali” jedheen.

< 1 Kings 1 >