< 1 Kings 12 >

1 Rehoboam went to Shechem, for all Israel had come to Shechem to make him king.
Rehooboʼaamis sababii Israaʼeloonni hundinuu mootii isa gochuudhaaf achi yaaʼaniif kaʼee Sheekem dhaqe.
2 When Jeroboam the son of Nebat heard of it (for he was yet in Egypt, where he had fled from the presence of King Solomon, and Jeroboam lived in Egypt;
Yerobiʼaam ilmi Nebaat yommuu oduu kana dhagaʼetti deebiʼee dhufe; inni yeroo sanatti Solomoon Mooticha jalaa baqatee Gibxi jiraachaa tureetii.
3 and they sent and called him), Jeroboam and all the assembly of Israel came, and spoke to Rehoboam, saying,
Kanaafuu Yerobiʼaamitti nama erganii waamanii, innii fi waldaan Israaʼel guutuun gara Rehooboʼaam dhaqanii akkana jedhaniin:
4 “Your father made our yoke difficult. Now therefore make the hard service of your father, and his heavy yoke which he put on us, lighter, and we will serve you.”
“Abbaan kee waanjoo ulfaatu nurra kaaʼee ture; ati immoo amma hojii inni humnaan nu hojjechiise sanaa fi waanjoo ulfaataa inni nurra kaaʼe sana nuuf salphisi; nus si tajaajillaa.”
5 He said to them, “Depart for three days, then come back to me.” So the people departed.
Rehooboʼaam immoo deebisee, “Bultii sadiif deemaatii ergasii deebiʼaa gara koo kottaa” jedheen. Kanaafuu namoonni sun baʼanii deeman.
6 King Rehoboam took counsel with the old men who had stood before Solomon his father while he yet lived, saying, “What counsel do you give me to answer these people?”
Ergasiis Rehooboʼaam Mootichi maanguddoota bara jireenya isaa keessa abbaa isaa Solomoonin tajaajilaniin mariʼate. Innis, “Isin akka ani namoota kanaaf maal deebisu na gorsitu?” jedhee gaafate.
7 They replied, “If you will be a servant to this people today, and will serve them, and answer them with good words, then they will be your servants forever.”
Isaanis, “Yoo ati harʼa tajaajilaa saba kanaaf taatee isaan tajaajiltee deebii gaarii kenniteef, isaan yeroo hunda tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii deebisaniif.
8 But he abandoned the counsel of the old men which they had given him, and took counsel with the young men who had grown up with him, who stood before him.
Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate.
9 He said to them, “What counsel do you give, that we may answer these people who have spoken to me, saying, ‘Make the yoke that your father put on us lighter’?”
Innis, “Gorsi keessan maal? Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nurra kaaʼe kana nuuf salphisi’ naan jedhan kanaaf akkamitti haa deebisnu?” jedhee isaan gaafate.
10 The young men who had grown up with him said to him, “Tell these people who spoke to you, saying, ‘Your father made our yoke heavy, but make it lighter to us’—tell them, ‘My little finger is thicker than my father’s waist.
Dargaggoonni isa wajjin guddatan sunis akkana jedhanii deebisaniif; “Namoonni kunneen, ‘Abbaan kee waanjoo ulfaataa nurra kaaʼe; ati garuu waanjoo keenya nuu salphisi’ siin jedhan; ati amma akkana jedhiin; ‘Qubni koo xinnaan mudhii abbaa kootii irra furdaa dha.
11 Now my father burdened you with a heavy yoke, but I will add to your yoke. My father chastised you with whips, but I will chastise you with scorpions.’”
Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaaʼe; ani immoo hammas caalaa iyyuu isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa.’”
12 So Jeroboam and all the people came to Rehoboam the third day, as the king asked, saying, “Come to me again the third day.”
Bultii sadii booddee Yerobiʼaamii fi namoonni hundi akkuma mootichi, “Guyyaa sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedhe sana gara Rehooboʼaamitti deebiʼan.
13 The king answered the people roughly, and abandoned the counsel of the old men which they had given him,
Mootichi immoo afaan hamaadhaan namoota sanaaf deebii kenne. Gorsa maanguddoonni kennaniif sana didee
14 and spoke to them according to the counsel of the young men, saying, “My father made your yoke heavy, but I will add to your yoke. My father chastised you with whips, but I will chastise you with scorpions.”
gorsa dargaggootaa fudhatee, “Abbaan koo waanjoo keessan isinitti ulfaachise; ani immoo hammas iyyuu caalaa isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa” jedhe.
15 So the king didn’t listen to the people; for it was a thing brought about from the LORD, that he might establish his word, which the LORD spoke by Ahijah the Shilonite to Jeroboam the son of Nebat.
Kanaafuu mootichi namoota sana hin dhaggeeffanne; wanni kun akka dubbiin Waaqayyo karaa Ahiiyaa namicha biyya Shiiloo sanaatiin Yerobiʼaam ilma Nebaatitti dubbate sun raawwatamuuf Waaqayyo biraa dhufeetii.
16 When all Israel saw that the king didn’t listen to them, the people answered the king, saying, “What portion have we in David? We don’t have an inheritance in the son of Jesse. To your tents, Israel! Now see to your own house, David.” So Israel departed to their tents.
Israaʼel hundi yommuu akka mootichi isaan dhaggeeffachuu dide arganitti akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan: “Nu Daawit irraa qooda maalii qabna? Ilma Isseey irraas maal qabna? Yaa Israaʼel gara dunkaana keetii! Yaa Daawit mana kee eeggadhu!” Kanaafuu Israaʼeloonni gara mana ofii isaaniitti deebiʼan.
17 But as for the children of Israel who lived in the cities of Judah, Rehoboam reigned over them.
Israaʼeloota magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatan garuu Rehooboʼaamtu bulchaa ture.
18 Then King Rehoboam sent Adoram, who was over the men subject to forced labour; and all Israel stoned him to death with stones. King Rehoboam hurried to get himself up to his chariot, to flee to Jerusalem.
Rehooboʼaam Mootichis, Adooraam itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa ni erge; Israaʼel hundi immoo dhagaadhaan tumanii isa ajjeese. Rehooboʼaam Mootichi garuu ariitiidhaan gaarii ofii isaa yaabbatee jalaa miliqee Yerusaalemitti baqate.
19 So Israel rebelled against David’s house to this day.
Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti mana Daawititti fincilaniiru.
20 When all Israel heard that Jeroboam had returned, they sent and called him to the congregation, and made him king over all Israel. There was no one who followed David’s house, except for the tribe of Judah only.
Israaʼeloonni hundinuu akka Yerobiʼaam deebiʼe dhageenyaan nama itti erganii gara waldaatti isa waamanii Israaʼel hunda irratti mootii isa godhan. Gosa Yihuudaa qofatu mana Daawitiif amanamaa taʼee hafe.
21 When Rehoboam had come to Jerusalem, he assembled all the house of Judah and the tribe of Benjamin, a hundred and eighty thousand chosen men who were warriors, to fight against the house of Israel, to bring the kingdom again to Rehoboam the son of Solomon.
Rehooboʼaam yommuu Yerusaalem gaʼetti akka isaan Israaʼelitti duulanii Rehooboʼaam ilma Solomooniif mootummaa deebisaniif jedhee mana Yihuudaa hundaa fi gosa Beniyaam keessaa namoota loluu dandaʼan kuma dhibba tokkoo fi saddeettama walitti qabe.
22 But the word of God came to Shemaiah the man of God, saying,
Garuu dubbiin Waaqaa kun akkana jedhee gara nama Waaqaa, gara Shemaaʼiyaa ni dhufe;
23 “Speak to Rehoboam the son of Solomon, king of Judah, and to all the house of Judah and Benjamin, and to the rest of the people, saying,
“Rehooboʼaam ilma Solomoon mooticha Yihuudaatiin, Yihuudaa fi Beniyaam hundaan, saba hafeenis akkana jedhi;
24 ‘The LORD says, “You shall not go up or fight against your brothers, the children of Israel. Everyone return to his house; for this thing is from me.”’” So they listened to the LORD’s word, and returned and went their way, according to the LORD’s word.
‘Waaqayyo akkana jedha; obboloota keessan Israaʼeloota loluudhaaf jettanii ol hin baʼinaa. Sababii wanni kun ana biraa dhufeef tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti galaa.’” Kanaafuu isaan dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii akkuma Waaqayyo ajaje sanatti mana ofii isaaniitti dachaʼan.
25 Then Jeroboam built Shechem in the hill country of Ephraim, and lived in it; and he went out from there and built Penuel.
Yerobiʼaamis ergasii biyya gaaraa Efreem keessatti Sheekemin jabeessee ijaaree achi jiraate. Achiis baʼee Phenuuʼeelin ijaare.
26 Jeroboam said in his heart, “Now the kingdom will return to David’s house.
Yerobiʼaam akkana jedhee garaa isaatti yaade; “Amma mootummaan mana Daawitiif ni deebiʼa.
27 If this people goes up to offer sacrifices in the LORD’s house at Jerusalem, then the heart of this people will turn again to their lord, even to Rehoboam king of Judah; and they will kill me, and return to Rehoboam king of Judah.”
Namoonni kunneen yoo mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Yerusaalem jiru sanatti aarsaa dhiʼeessuuf ol baʼan amma illee gara gooftaa isaanii Rehooboʼaam mooticha Yihuudaatti garagalu. Isaan na ajjeesanii gara Rehooboʼaam Mootichaatti deebiʼu.”
28 So the king took counsel, and made two calves of gold; and he said to them, “It is too much for you to go up to Jerusalem. Look and behold your gods, Israel, which brought you up out of the land of Egypt!”
Kanaafuu mootichi mariʼatee jabbiiwwan lama warqee irraa tolche. Namoota sanaanis, “Yerusaalemitti ol baʼuun akka malee isinitti ulfaata. Yaa Israaʼel waaqonni keessan kanneen Gibxii baasanii isin fidan kunoo ti” jedhe.
29 He set the one in Bethel, and the other he put in Dan.
Innis jabbii tokko Beetʼeel keessa, kaan immoo Daan keessa dhaabe.
30 This thing became a sin, for the people went even as far as Dan to worship before the one there.
Wanni kunis cubbuu itti taʼe; namoonnis jabbii achi jiru sana waaqeffachuuf hamma Daanitti deeman.
31 He made houses of high places, and made priests from amongst all the people, who were not of the sons of Levi.
Yerobiʼaamis gaara irratti iddoo sagadaa ijaaree saboota Lewwota hin taʼin keessaa luboota muude.
32 Jeroboam ordained a feast in the eighth month, on the fifteenth day of the month, like the feast that is in Judah, and he went up to the altar. He did so in Bethel, sacrificing to the calves that he had made, and he placed in Bethel the priests of the high places that he had made.
Innis bultii kudha shanaffaa jiʼa saddeettaffaa keessa ayyaana akkuma ayyaana Yihuudaa keessatti ayyaaneffame sanaa tokko hundeessee iddoo aarsaa irratti qalma dhiʼeesse. Kanas fakkiiwwan jabbii kanneen tolchee ture sanaatiif aarsaa dhiʼeessuudhaan Beetʼeelitti hojjete. Akkasumas Beetʼeelitti iddoo sagadaa kan gaara irratti ijaaree ture sanatti luboota ramade.
33 He went up to the altar which he had made in Bethel on the fifteenth day in the eighth month, even in the month which he had devised of his own heart; and he ordained a feast for the children of Israel, and went up to the altar to burn incense.
Innis bultii kudha shanaffaa jiʼa saddeettaffaatti jiʼuma ofii filate keessa gara iddoo aarsaa kan Beetʼeelitti ijaare sanaatti ol baʼe. Saba Israaʼeliifis guyyaa ayyaanaa hundeessee ixaana aarsuuf gara iddoo aarsaatti ol baʼe.

< 1 Kings 12 >