< Matthew 23 >

1 Then Jesus spoke to the multitudes and to his disciples,
Yesuusis ergasii uummataa fi barattoota isaatiin akkana jedhe:
2 saying, “The scribes and the Pharisees sit on Moses’ seat.
“Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni barcuma Musee irra taaʼaniiru.
3 All things therefore whatever they tell you to observe, observe and do, but don’t do their works; for they say, and don’t do.
Kanaafuu waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa; eegaas. Garuu waan isaan hojjetan hin hojjetinaa; isaan ni dubbatu malee waan dubbatan sana hin hojjetaniitii.
4 For they bind heavy burdens that are grievous to be borne, and lay them on men’s shoulders; but they themselves will not lift a finger to help them.
Isaan baʼaa ulfaataa hidhanii gatiittii namaa irra kaaʼu; ofii isaaniitii garuu baʼaa sana sochoosuuf qubaan illee tuquu hin barbaadan.
5 But they do all their works to be seen by men. They make their phylacteries broad and enlarge the fringes of their garments,
“Isaan waan hojjetan hundumaa namootatti of argisiisuuf hojjetu: Kudhaama isaanii ni balʼifatuutii; handaara uffata isaaniis ni dheereffatu.
6 and love the place of honor at feasts, the best seats in the synagogues,
Iddoo cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaa keessatti immoo taaʼumsa ulfinaa jaallatu.
7 the salutations in the marketplaces, and to be called ‘Rabbi, Rabbi’ by men.
Gabaa keessattis akka namoonni nagaa isaan gaafatanii fi akka ‘Yaa barsiisaa’ jedhanii isaan waaman jaallatu.
8 But you are not to be called ‘Rabbi’, for one is your teacher, the Christ, and all of you are brothers.
“Isin garuu, ‘Barsiisaa’ jedhamtanii hin waamaminaa; Barsiisaa tokko qofa qabduutii. Isin hundis obboloota walii keessanii ti.
9 Call no man on the earth your father, for one is your Father, he who is in heaven.
Lafa irratti nama tokkoon illee ‘Abbaa’ hin jedhinaa; isin Abbaa tokko qofa qabduutii; innis isa samii irraa ti.
10 Neither be called masters, for one is your master, the Christ.
‘Gooftota’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin Gooftaa tokko qofa qabduutii; innis Kiristoos.
11 But he who is greatest among you will be your servant.
Isin keessaa namni hunda keessan caalu tajaajilaa keessan haa taʼu.
12 Whoever exalts himself will be humbled, and whoever humbles himself will be exalted.
Namni ol of qabu kam iyyuu gad qabamaatii; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol qabama.
13 “Woe to you, scribes and Pharisees, hypocrites! For you devour widows’ houses, and as a pretense you make long prayers. Therefore you will receive greater condemnation.
“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin mootummaa samii namoota duraa cuftuutii. Ofii keessanii hin seentan; warra seenuu yaalanis akka isaan seenan hin gootan. [
14 “But woe to you, scribes and Pharisees, hypocrites! Because you shut up the Kingdom of Heaven against men; for you don’t enter in yourselves, neither do you allow those who are entering in to enter.
Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Mana haadha hiyyeessaa saamtanii onsituutii; itti fakkeessuuf kadhannaa ni dheeressitu; kanaafuu murtii caalutu isinitti murama.]
15 Woe to you, scribes and Pharisees, hypocrites! For you travel around by sea and land to make one proselyte; and when he becomes one, you make him twice as much a son of Gehenna as yourselves. (Geenna g1067)
“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Nama tokko amantii keessanitti galfachuuf jettanii lafaa fi galaana irra joortu; yommuu inni amanuttis akka inni isin caalaa dachaa lama ilma gahaannam taʼu isa gootu. (Geenna g1067)
16 “Woe to you, you blind guides, who say, ‘Whoever swears by the temple, it is nothing; but whoever swears by the gold of the temple, he is obligated.’
“Qajeelchitoota jaamota nana, isiniif wayyoo! Isin, ‘Namni kam iyyuu yoo mana qulqullummaatiin kakate, kun homaa miti; namni kam iyyuu yoo warqee mana qulqullummaatiin kakate garuu kakuun sun isa qaba’ jettu.
17 You blind fools! For which is greater, the gold or the temple that sanctifies the gold?
Isin gowwootaa fi jaamota nana, warqee moo mana qulqullummaa kan warqee sana qulqulleessutu caala?
18 And, ‘Whoever swears by the altar, it is nothing; but whoever swears by the gift that is on it, he is obligated.’
Akkasumas isin, ‘Namni kam iyyuu yoo iddoo aarsaatiin kakate, kun homaa miti; yoo kennaa iddoo aarsaa irra jiru sanaan kakate garuu kakuun sun isa qaba’ jettu.
19 You blind fools! For which is greater, the gift, or the altar that sanctifies the gift?
Isin jaamota nana, kennaa sana moo iddoo aarsaa isa kennaa sana qulqulleessutu caala?
20 He therefore who swears by the altar, swears by it and by everything on it.
Kanaafuu namni iddoo aarsaatiin kakatu, iddoo aarsaatii fi waan isa irra jiru hundumaan ni kakata.
21 He who swears by the temple, swears by it and by him who has been living in it.
Namni mana qulqullummaatiin kakatu, mana qulqullummaatii fi isa mana qulqullummaa keessa jiraatuun kakata.
22 He who swears by heaven, swears by the throne of God and by him who sits on it.
Namni samiidhaan kakatu, teessoo Waaqaatii fi isa teessoo sana irra taaʼuun kakata.
23 “Woe to you, scribes and Pharisees, hypocrites! For you tithe mint, dill, and cumin, and have left undone the weightier matters of the law: justice, mercy, and faith. But you ought to have done these, and not to have left the other undone.
“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin abasuuda, insilaalaa fi kamuunii kudhan keessaa tokko ni kennitu. Garuu seera keessaa waan caalaatti barbaachisaa taʼe jechuunis murtii qajeelaa, araaraa fi amanamummaa dhiiftaniirtu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa duubaa hojii irra oolchuu qabdu ture.
24 You blind guides, who strain out a gnat, and swallow a camel!
Isin qajeelchitoota jaamota nana! Bookee ni calaltu; gaala immoo ni liqimsitu.
25 “Woe to you, scribes and Pharisees, hypocrites! For you clean the outside of the cup and of the platter, but within they are full of extortion and unrighteousness.
“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi isaanii garuu saamichaa fi ofittummaadhaan guutameera.
26 You blind Pharisee, first clean the inside of the cup and of the platter, that its outside may become clean also.
Yaa Fariisicha jaamaa nana! Jalqabatti keessa xoofootii fi caabii qulqulleessi; ergasii duubni isaas ni qulqullaaʼaa.
27 “Woe to you, scribes and Pharisees, hypocrites! For you are like whitened tombs, which outwardly appear beautiful, but inwardly are full of dead men’s bones and of all uncleanness.
“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin akkuma awwaala nooraa dibame kan duubni isaa bareedaa fakkaatee keessi isaa immoo lafee namoota duʼaniitiin, xuraaʼummaa hundaanis guutamee ti.
28 Even so you also outwardly appear righteous to men, but inwardly you are full of hypocrisy and iniquity.
Isinis akkasuma duubaan qajeeltota fakkaattanii namootatti mulʼattu; keessi keessan garuu fakkeessuu fi hamminaan guutameera.
29 “Woe to you, scribes and Pharisees, hypocrites! For you build the tombs of the prophets and decorate the tombs of the righteous,
“Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin raajotaaf awwaala ijaartuutii; soodduu qajeeltotaas ni bareechitu.
30 and say, ‘If we had lived in the days of our fathers, we wouldn’t have been partakers with them in the blood of the prophets.’
Isin, ‘Nu utuu bara abbootii keenyaa sana jiraannee silaa dhiiga raajotaa dhangalaasuu keessatti isaan wajjin hin hirmaannu ture’ jettu.
31 Therefore you testify to yourselves that you are children of those who killed the prophets.
Kanaafuu isin akka sanyii warra raajota ajjeesan sanaa taatan ofuma keessanitti dhugaa baatu.
32 Fill up, then, the measure of your fathers.
Egaa safartuu cubbuu abbootii keessanii guutaa!
33 You serpents, you offspring of vipers, how will you escape the judgment of Gehenna? (Geenna g1067)
“Bofoota nana! Ijoollee buutii nana! Isin akkamitti murtii gahaannam jalaa baʼuu dandeessu? (Geenna g1067)
34 Therefore, behold, I send to you prophets, wise men, and scribes. Some of them you will kill and crucify; and some of them you will scourge in your synagogues and persecute from city to city,
Kanaafuu, kunoo ani raajotaa fi ogeeyyii, barsiistotas gara keessanitti nan erga. Isinis isaan keessaa gartokko ni ajjeeftu; ni fanniftu; warra kaan immoo manneen sagadaa keessan keessatti garaftu; magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraattis isaan ariitu.
35 that on you may come all the righteous blood shed on the earth, from the blood of righteous Abel to the blood of Zachariah son of Barachiah, whom you killed between the sanctuary and the altar.
Kanaaf dhiiga Abeel nama qajeelaa sanaatii jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas ilma Baraakiyuu isa isin mana qulqullummaatii fi iddoo aarsaa gidduutti ajjeeftaniitti, dhiiga qulqulluu lafatti dhangalaafame hundumatti ni gaafatamtu.
36 Most certainly I tell you, all these things will come upon this generation.
Ani dhuguma isinittin hima; kun hundinuu dhaloota kanatti ni dhufa.
37 “Jerusalem, Jerusalem, who kills the prophets and stones those who are sent to her! How often I would have gathered your children together, even as a hen gathers her chicks under her wings, and you would not!
“Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne.
38 Behold, your house is left to you desolate.
Kunoo, manni keessan onee isinii hafa.
39 For I tell you, you will not see me from now on, until you say, ‘Blessed is he who comes in the name of the Lord!’”
Ani isinittin himaatii; isin hamma, ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu sun eebbifamaa dha’ jettanitti lammata na hin argitan.”

< Matthew 23 >