< Joel 3 >

1 “For, behold, in those days, and in that time, when I restore the fortunes of Judah and Jerusalem,
“Bara sana keessa, yeroo sanatti, ani yommuun boojuu Yihuudaatii fi Yerusaalem deebisutti,
2 I will gather all nations, and will bring them down into the valley of Jehoshaphat; and I will execute judgment on them there for my people, and for my heritage, Israel, whom they have scattered among the nations. They have divided my land,
saboota hunda walitti qabeen gara Sulula Yehooshaafaaxitti gad isaan nan buusa. Anis achitti sababii dhaala koo, sababii Israaʼeliif isaanitti nan mura; isaan saboota gidduutti saba koo bittinneessanii biyya koos gargar qooddataniiruutii.
3 and have cast lots for my people, and have given a boy for a prostitute, and sold a girl for wine, that they may drink.
Isaan uummata kootti ixaa buufatanii ijoollee dhiiraas sagaagalummaatti geeddarataniiru; akka dhuganiif dubara illee daadhii wayiniitti gurguratan.
4 “Yes, and what are you to me, Tyre and Sidon, and all the regions of Philistia? Will you repay me? And if you repay me, I will swiftly and speedily return your repayment on your own head.
“Yaa Xiiroosii fi Siidoonaa, isin kutaaleen Filisxeem hundinuu, amma maal narraa qabdu? Isin waan ani godheef haaloo na baafachaa jirtuu? Yoo isin haaloo na baafachaa jirtu taʼe ani dafee ariitiidhaan waan isin hojjettan sana matuma keessanittin deebisa.
5 Because you have taken my silver and my gold, and have carried my finest treasures into your temples,
Isin meetii fi warqee koo guurrattanii qabeenya koo filatamaas mana waaqeffannaa keessanitti geeffattaniirtuutii.
6 and have sold the children of Judah and the children of Jerusalem to the sons of the Greeks, that you may remove them far from their border.
Isin biyya isaanii irraa isaan fageessitanii uummata Yihuudaatii fi Yerusaalem Giriikotatti gurgurattan.
7 Behold, I will stir them up out of the place where you have sold them, and will return your repayment on your own head;
“Kunoo, ani biyya isin itti isaan gurgurattan keessaa isaan baasee waan isin hojjettan sana matuma keessanitti nan deebisa.
8 and I will sell your sons and your daughters into the hands of the children of Judah, and they will sell them to the men of Sheba, to a faraway nation, for Yahweh has spoken it.”
Ani ilmaanii fi intallan keessan saba Yihuudaatti nan gurgura; isaan immoo saba fagoo jiru kan Saabaa jedhamutti dabarsanii isaan gurguratu.” Waaqayyo dubbateeraatii.
9 Proclaim this among the nations: “Prepare for war! Stir up the mighty men. Let all the warriors draw near. Let them come up.
Waan kana saboota gidduutti labsaa: Waraanaaf qophaaʼaa! Gootota kakaasaa! Loltoonni hundi dhiʼaatanii haa lolan.
10 Beat your plowshares into swords, and your pruning hooks into spears. Let the weak say, ‘I am strong.’
Maarashaa keessan tumaatii goraadee godhadhaa; haamtuu keessanis tumaatii eeboo godhadhaa. Namni laafaan, “Ani jabaa dha!” haa jedhu.
11 Hurry and come, all you surrounding nations, and gather yourselves together.” Cause your mighty ones to come down there, Yahweh.
Isin saboonni qixa hundaan dafaa kottaattii achitti walitti qabamaa. Yaa Waaqayyo, loltoota kee gad ergi!
12 “Let the nations arouse themselves, and come up to the valley of Jehoshaphat; for there I will sit to judge all the surrounding nations.
“Saboonni haa kaʼan; isaan dafanii gara Sulula Yehooshaafaax haa dhufan; ani saboota gama hundaan jiranitti muruuf achi nan taaʼaatii.
13 Put in the sickle; for the harvest is ripe. Come, tread, for the wine press is full, the vats overflow, for their wickedness is great.”
Midhaan gaʼeeraatii haamtuu itti kaaʼaa. Kottaatii ija wayinii dhidhiitaa; boolli itti wayinii cuunfan guuteeraatii; sababii hamminni isaanii guddaa taʼeef boolli itti wayinii cuunfan guutee irra dhangalaʼeera!”
14 Multitudes, multitudes in the valley of decision! For the day of Yahweh is near in the valley of decision.
Waldaan guddaan, waldaan nama baayʼee sulula murtii keessatti wal gaʼeera! Guyyaan Waaqayyoo sulula murtii keessatti dhufuu gaʼeeraatii.
15 The sun and the moon are darkened, and the stars withdraw their shining.
Biiftuu fi addeessi ni dukkanaaʼu; urjiiwwanis siʼachi ifa hin kennan.
16 Yahweh will roar from Zion, and thunder from Jerusalem; and the heavens and the earth will shake; but Yahweh will be a refuge to his people, and a stronghold to the children of Israel.
Waaqayyo Xiyoon irraa ni iyya; Yerusaalem keessaas sagalee dhageessisa; lafaa fi samiin ni raafamu. Waaqayyo garuu saba isaatiif iddoo itti baqatan, saba Israaʼeliif immoo daʼoo ni taʼa.
17 “So you will know that I am Yahweh, your God, dwelling in Zion, my holy mountain. Then Jerusalem will be holy, and no strangers will pass through her any more.
“Ergasii isin akka ani Waaqayyo Waaqni keessan Xiyoon keessa, gaara koo qulqulluu sana irra jiraadhu ni beektu. Yerusaalem qulqulluu taati; namoonni biyya alaa gonkumaa lammata ishee hin weeraran.
18 It will happen in that day, that the mountains will drop down sweet wine, the hills will flow with milk, all the brooks of Judah will flow with waters; and a fountain will flow out from Yahweh’s house, and will water the valley of Shittim.
“Gaafas tulluuwwan daadhii wayinii haaraa ni coccobsu; gaarranis aannan yaasu; lageen Yihuudaa hundinuu bishaaniin guutamu. Burqaan tokko mana Waaqayyoo keessaa burqee sulula Shixiim ni obaasa.
19 Egypt will be a desolation and Edom will be a desolate wilderness, for the violence done to the children of Judah, because they have shed innocent blood in their land.
Gibxi garuu ni onti; Edoomis duwwaa hafti; isaan dhiiga nama yakka hin qabnee biyyattii keessatti dhangalaasuudhaan saba Yihuudaatti daba hojjetaniiruutii.
20 But Judah will be inhabited forever, and Jerusalem from generation to generation.
Yihuudaan bara baraan, Yerusaalemis dhaloota hundaaf iddoo jireenyaa ni taati.
21 I will cleanse their blood that I have not cleansed, for Yahweh dwells in Zion.”
Ani dhiiga isaanii kan yakka hin qabne sana utuun haaloo hin baʼin nan dhiisaa? Lakkii, hin dhiisu.”

< Joel 3 >