+ Genesis 1 >

1 In the beginning, God created the heavens and the earth.
Jalqabatti Waaqni samiiwwanii fi lafa uume.
2 The earth was formless and empty. Darkness was on the surface of the deep and God’s Spirit was hovering over the surface of the waters.
Lafti kan bifa hin qabnee fi duwwaa turte; dukkannis tuujuba irra ture; Hafuurri Waaqaas bishaan irra sosochoʼa ture.
3 God said, “Let there be light,” and there was light.
Waaqnis, “Ifni haa taʼu” jedhe; ifnis ni taʼe.
4 God saw the light, and saw that it was good. God divided the light from the darkness.
Waaqnis akka ifni sun gaarii taʼe arge; ifaa fi dukkanas gargar baase.
5 God called the light “day”, and the darkness he called “night”. There was evening and there was morning, the first day.
Waaqnis ifa sanaan “Guyyaa” jedhe; dukkana sanaan immoo “Halkan” jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa tokkoffaa.
6 God said, “Let there be an expanse in the middle of the waters, and let it divide the waters from the waters.”
Waaqnis, “Bishaanii fi bishaan gargar baasuuf bantiin bishaanota gidduu haa jiraatu” jedhe.
7 God made the expanse, and divided the waters which were under the expanse from the waters which were above the expanse; and it was so.
Kanaafuu Waaqni bantii tolchee bishaan bantii jalaatii fi kan bantiin olii gargar baase. Akkasumas taʼe.
8 God called the expanse “sky”. There was evening and there was morning, a second day.
Waaqnis bantii sana “samii” jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa lammaffaa.
9 God said, “Let the waters under the sky be gathered together to one place, and let the dry land appear;” and it was so.
Waaqnis, “Bishaan samiidhaa gad jiru iddoo tokkotti walitti haa qabamu; lafti gogaanis haa mulʼatu” jedhe. Akkasumas taʼe.
10 God called the dry land “earth”, and the gathering together of the waters he called “seas”. God saw that it was good.
Waaqni lafa gogaa sanaan “lafa” jedhe; bishaanicha walitti qabameen immoo “galaana” jedhee moggaase. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
11 God said, “Let the earth yield grass, herbs yielding seeds, and fruit trees bearing fruit after their kind, with their seeds in it, on the earth;” and it was so.
Ammas Waaqni, “Lafti biqiltuuwwan haa baastu; biqiltuuwwan akkuma gosa gosa isaaniitti sanyii baasan, mukkeen ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa gosa isaaniitti lafa irratti haa argaman” jedhe. Akkasumas taʼe.
12 The earth yielded grass, herbs yielding seed after their kind, and trees bearing fruit, with their seeds in it, after their kind; and God saw that it was good.
Laftis biqiltuu akkuma gosa isaatti sanyii baasu, muka ija kennu, kan iji isaas sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa isaatti baaste. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
13 There was evening and there was morning, a third day.
Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa sadaffaa.
14 God said, “Let there be lights in the expanse of the sky to divide the day from the night; and let them be for signs to mark seasons, days, and years;
Waaqnis akkana jedhe; “Guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii samii irratti ifawwan haa taʼan; isaanis mallattoowwan waqtiileen, guyyoonnii fi waggoonni ittiin beekaman haa taʼan;
15 and let them be for lights in the expanse of the sky to give light on the earth;” and it was so.
isaanis ifawwan bantii samii irraa kan lafaaf ifa kennan haa taʼan.” Akkasumas taʼe.
16 God made the two great lights: the greater light to rule the day, and the lesser light to rule the night. He also made the stars.
Waaqni ifa gurguddaa lama uume; kunis akka ifni guddaan guyyaa, inni xinnaan immoo halkan moʼuuf. Akkasuma urjiiwwan illee uume.
17 God set them in the expanse of the sky to give light to the earth,
Waaqnis akka isaan lafaaf ifa kennaniif bantii samii irra isaan kaaʼe;
18 and to rule over the day and over the night, and to divide the light from the darkness. God saw that it was good.
kunis akka isaan guyyaa fi halkan moʼanii fi akka ifa sana dukkana irraa gargar baasaniif. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
19 There was evening and there was morning, a fourth day.
Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa afuraffaa.
20 God said, “Let the waters abound with living creatures, and let birds fly above the earth in the open expanse of the sky.”
Waaqnis, “Bishaan uumamawwan lubbu qabeeyyii munyuuqaniin haa guutamu; simbirroonnis lafaa olitti, bantii samii keessa haa barrisan” jedhe.
21 God created the large sea creatures and every living creature that moves, with which the waters swarmed, after their kind, and every winged bird after its kind. God saw that it was good.
Kanaafuu Waaqni uumamawwan galaanaa gurguddaa, lubbu qabeeyyii munyuuqan kanneen galaana keessa jiraatan hundaa fi simbirroota qoochoo qaban hunda akkuma gosa isaaniitti uume. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
22 God blessed them, saying, “Be fruitful, and multiply, and fill the waters in the seas, and let birds multiply on the earth.”
Waaqnis, “Horaa; baayʼadhaa; bishaan galaanotaas guutaa; simbirroonnis lafa irratti haa baayʼatan” jedhee isaan eebbise.
23 There was evening and there was morning, a fifth day.
Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa shanaffaa.
24 God said, “Let the earth produce living creatures after their kind, livestock, creeping things, and animals of the earth after their kind;” and it was so.
Waaqnis, “Lafti akkuma gosa gosa isaaniitti uumamawwan lubbuu qabeeyyii jechuunis horii, uumamawwan lafa irra mumunyuuqan, bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti haa kennitu” jedhe. Akkasumas taʼe.
25 God made the animals of the earth after their kind, and the livestock after their kind, and everything that creeps on the ground after its kind. God saw that it was good.
Waaqni bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti, horii akkuma gosa gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra mumunyuuqanis akkuma gosa gosa isaaniitti uume. Waaqni wanni kun akka gaarii taʼe arge.
26 God said, “Let’s make man in our image, after our likeness. Let them have dominion over the fish of the sea, and over the birds of the sky, and over the livestock, and over all the earth, and over every creeping thing that creeps on the earth.”
Waaqnis, “Kottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama uumnaa; isaanis qurxummii galaanaa irratti, simbirroo samii irratti, horii irratti, lafa hundumaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan” jedhe.
27 God created man in his own image. In God’s image he created him; male and female he created them.
Kanaafuu Waaqni akka bifa isaatti nama uume; akka bifa Waaqaatti isa uume; innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.
28 God blessed them. God said to them, “Be fruitful, multiply, fill the earth, and subdue it. Have dominion over the fish of the sea, over the birds of the sky, and over every living thing that moves on the earth.”
Waaqnis isaan eebbisee, “Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota samii irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa” jedheen.
29 God said, “Behold, I have given you every herb yielding seed, which is on the surface of all the earth, and every tree, which bears fruit yielding seed. It will be your food.
Ergasii Waaqni akkana jedhe; “Kunoo ani akka isaan nyaata isinii taʼaniif biqiltuu lafa hunda irratti sanyii kennu hundaa fi muka iji isaa sanyii of keessaa qabu gosa hunda isinii kenneera.
30 To every animal of the earth, and to every bird of the sky, and to everything that creeps on the earth, in which there is life, I have given every green herb for food;” and it was so.
Anis bineensa lafaa hundaaf, simbirroota samii hundaaf, uumama lafa irra munyuuqu hundaaf jechuunis waan hafuura jireenyaa of keessaa qabu hundaaf akka nyaata isaanii taʼuuf biqiltuu lalisaa hunda nan kenna.” Akkasumas taʼe.
31 God saw everything that he had made, and, behold, it was very good. There was evening and there was morning, a sixth day.
Waaqnis waan hojjete hunda ilaale; wanni sunis dhugumaan gaarii ture. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa jaʼaffaa.

+ Genesis 1 >