< Ezekiel 44 >

1 Then he brought me back by the way of the outer gate of the sanctuary, which looks towards the east; and it was shut.
Sana booddee namichi sun balbala iddoo qulqulluu kan karaa alaatiin gara baʼa biiftuutti garagalutti deebisee na fide; balballi sunis cufamee ture.
2 The LORD said to me, “This gate shall be shut. It shall not be opened, no man shall enter in by it; for the LORD, the God of Israel, has entered in by it. Therefore it shall be shut.
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Balballi kun cufamee hafa; inni banamuu hin qabu; namni tokko iyyuu achiin hin seenu. Sababii Waaqayyo Waaqni Israaʼel karaa sanaan seeneef, balballi sun cufamee hafa.
3 As for the prince, he shall sit in it as prince to eat bread before the LORD. He shall enter by the way of the porch of the gate, and shall go out the same way.”
Namni fuula Waaqayyoo duratti waa nyaachuuf karra ittiin seenan keessa taaʼuu dandaʼu bulchaa sana qofa. Inni karra ittiin gardaafoo seenan sanaan ol galee achumaan gad baʼuu qaba.”
4 Then he brought me by the way of the north gate before the house; and I looked, and behold, the LORD’s glory filled the LORD’s house; so I fell on my face.
Namichi sun karra kaabaatiin gara fuullee mana qulqullummaatti na fide. Anis milʼadheen akka ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa Waaqayyoo guute arge; adda kootiinis lafattan gombifame.
5 The LORD said to me, “Son of man, mark well, and see with your eyes, and hear with your ears all that I tell you concerning all the ordinances of the LORD’s house and all its laws; and mark well the entrance of the house, with every exit of the sanctuary.
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, waaʼee danbiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo waan ani sitti himu hunda hubadhuu ilaali; sirriitti dhaggeeffadhu; qalbeeffadhus. Waaʼee karra ittiin mana qulqullummaa seenaniitii fi karra ittiin iddoo qulqulluudhaa baʼanii hunda yaadatti qabadhu.
6 You shall tell the rebellious, even the house of Israel, ‘The Lord GOD says: “You house of Israel, let that be enough of all your abominations,
Mana Israaʼel fincilaa sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa mana Israaʼel, hojiin keessan jibbisiisaan sun haa gaʼu!
7 in that you have brought in foreigners, uncircumcised in heart and uncircumcised in flesh, to be in my sanctuary, to profane it, even my house, when you offer my bread, the fat and the blood; and they have broken my covenant, to add to all your abominations.
Hojiiwwan keessan jibbisiisoo kaan hundatti dabaltanii alagoota yaada garaa fi fooniin dhagna hin qabatin iddoo qulqulluu kootti galchitan; nyaata, coomaa fi dhiiga naaf dhiʼeessuudhaan mana qulqullummaa koo xureessitan; kakuu koos cabsitan.
8 You have not performed the duty of my holy things; but you have set performers of my duty in my sanctuary for yourselves.”
Isin itti gaafatamummaa wantoota koo qulqulluu irratti qabdan fiixaan baasuu diddanii iddoo koo qulqulluu irratti alagoota muuddatan.
9 The Lord GOD says, “No foreigner, uncircumcised in heart and uncircumcised in flesh, shall enter into my sanctuary, of any foreigners who are amongst the children of Israel.
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Alagaan yaada garaa fi fooniin dhagna hin qabatin iddoo koo qulqulluu sana seenuu hin qabu; alagoonni Israaʼeloota gidduu jiraatan iyyuu seenuu hin qaban.
10 “‘“But the Levites who went far from me when Israel went astray, who went astray from me after their idols, they will bear their iniquity.
“‘Lewwonni warri yeroo Israaʼeloonni narraa jalʼatanitti waaqota isaanii duukaa buʼuudhaan jooran cubbuu isaaniitti gaafatamuu qabu.
11 Yet they shall be ministers in my sanctuary, having oversight at the gates of the house, and ministering in the house. They shall kill the burnt offering and the sacrifice for the people, and they shall stand before them to minister to them.
Isaan itti gaafatamummaa karrawwan mana qulqullummaa qabaachuudhaan, isa keessas tajaajiluudhaan iddoo qulqulluu koo keessa tajaajiluu dandaʼu; qalma gubamu qalanii maqaa uummataatiin dhiʼeessuu, fuula uummataa dura dhaabataniis uummata tajaajiluu ni dandaʼu.
12 Because they ministered to them before their idols, and became a stumbling block of iniquity to the house of Israel, therefore I have lifted up my hand against them,” says the Lord GOD, “and they will bear their iniquity.
Garuu sababii isaan fuula waaqota isaanii duratti uummata tajaajilanii mana Israaʼel cubbuudhaan kuffisaniif ani akka isaan cubbuu isaaniitti gaafatamaniif harka ol kaafadhee kakadheera, jedha Waaqayyo Gooftaan.
13 They shall not come near to me, to execute the office of priest to me, nor to come near to any of my holy things, to the things that are most holy; but they will bear their shame and their abominations which they have committed.
Isaan luboota taʼanii na tajaajiluuf natti dhiʼaachuu hin qaban yookaan wantoota koo qulqulluu kamitti iyyuu yookaan aarsaawwan koo kanneen aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu taʼanitti dhiʼaachuu hin qaban; qaanii hojiiwwan isaanii jibbisiisoo baadhachuu qabu.
14 Yet I will make them performers of the duty of the house, for all its service and for all that will be done therein.
Taʼus ani akka isaan itti gaafatama mana qulqullummaa qabaataniif, akka isaan hojii isaa hunda hojjetanii fi waan achi keessatti hojjetamuu qabu hunda hojjetaniif isaan nan muuda.
15 “‘“But the Levitical priests, the sons of Zadok, who performed the duty of my sanctuary when the children of Israel went astray from me, shall come near to me to minister to me. They shall stand before me to offer to me the fat and the blood,” says the Lord GOD.
“‘Luboonni warri Lewwotaa fi sanyii Zaadoq taʼanii fi warri yeroo Israaʼeloonni karaa koo irraa jalʼatanitti hojii iddoo qulqulluu koo amanamummaadhaan deemsisan fuula koo dura tajaajiluudhaaf dhiʼaachuu qabu; coomaa fi dhiigas aarsaa godhanii dhiʼeessuuf fuula koo dura dhaabachuu qabu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
16 “They shall enter into my sanctuary, and they shall come near to my table, to minister to me, and they shall keep my instruction.
Iddoo qulqulluu koo isaan qofatu seenuu qaba; isaan qofatu na tajaajiluu fi hojii koo hojjechuuf maaddii kootti dhiʼaachuu qaba.
17 “‘“It will be that when they enter in at the gates of the inner court, they shall be clothed with linen garments. No wool shall come on them while they minister in the gates of the inner court, and within.
“‘Isaan yeroo karra oobdii gara keessaatiin seenanitti wayyaa quncee talbaa irraa dhaʼame uffachuu qabu; yeroo karra oobdii gara keessaa dura yookaan mana qulqullummaa keessa tajaajilanitti wayyaa suufii irraa dhaʼame kam iyyuu uffachuu hin qaban.
18 They shall have linen turbans on their heads, and shall have linen trousers on their waists. They shall not clothe themselves with anything that makes them sweat.
Isaan marata quncee talbaa irraa dhaʼame mataa isaaniitti maratanii wayyaa jalaa kan quncee talbaa irraa dhaʼame mudhii isaaniitti hidhachuu qabu. Wayyaa isaan dafqisiisu kam iyyuu uffachuu hin qaban.
19 When they go out into the outer court, even into the outer court to the people, they shall put off their garments in which they minister and lay them in the holy rooms. They shall put on other garments, that they not sanctify the people with their garments.
Isaan yeroo gara oobdii alaa iddoo uummanni jirutti gad baʼanitti uffata ittiin tajaajilaa turan sana of irraa baasanii dareewwan qulqulluu keessa kaaʼuu qabu; akka uffata isaaniitiin uummata hin qulqulleessineefis uffata biraa uffachuu qabu.
20 “‘“They shall not shave their heads, or allow their locks to grow long. They shall only cut off the hair of their heads.
“‘Rifeensa mataa isaanii haaddachuu yookaan guddisuu hin qaban; garuu rifeensa mataa isaanii murachuu qabu.
21 None of the priests shall drink wine when they enter into the inner court.
Lubni kam iyyuu yeroo oobdii gara keessaa seenutti daadhii wayinii dhuguu hin qabu.
22 They shall not take for their wives a widow, or her who is put away; but they shall take virgins of the offspring of the house of Israel, or a widow who is the widow of a priest.
Isaan haadha hiyyeessaa yookaan niitii dhirsi hiike fuudhuu hin qaban; durba sanyii Israaʼel yookaan niitii lubni irraa duʼe qofa fuudhuu dandaʼu.
23 They shall teach my people the difference between the holy and the common, and cause them to discern between the unclean and the clean.
Isaan garaa garummaa waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin gidduu jiru saba koo barsiisanii akka isaan waan xuraaʼaa fi waan qulqullaaʼaa addaan baafatan itti argisiisuu qabu.
24 “‘“In a controversy they shall stand to judge. They shall judge it according to my ordinances. They shall keep my laws and my statutes in all my appointed feasts. They shall make my Sabbaths holy.
“‘Falmii kam iyyuu keessatti luboonni akka abbootii seeraatti haa tajaajilan; akka sirna koottis haa murteessan. Isaan seera koo fi ajaja koo kan ayyaana kootiif murteeffame hundaaf kenname sana eeguu qabu; Sanbatoota koos qulqulleessanii eeguu qabu.
25 “‘“They shall go in to no dead person to defile themselves; but for father, or for mother, or for son, or for daughter, for brother, or for sister who has had no husband, they may defile themselves.
“‘Lubni tokko nama duʼetti dhiʼaachuudhaan of xureessuu hin qabu; haa taʼu malee yoo namni duʼe sun abbaa isaa yookaan haadha isaa, ilma isaa yookaan intala isaa, obboleessa isaa yookaan obboleettii isaa kan hin heerumin taʼe garuu inni of xureessuu dandaʼa.
26 After he is cleansed, they shall reckon to him seven days.
Inni erga qulqullaaʼee booddee guyyaa torba eeguu qaba.
27 In the day that he goes into the sanctuary, into the inner court, to minister in the sanctuary, he shall offer his sin offering,” says the Lord GOD.
Innis gaafa iddoo qulqulluu keessa tajaajiluuf oobdii iddoo qulqulluu isa gara keessaa seenutti aarsaa cubbuu waaʼee ofii isaatiif dhiʼeessuu qaba, jedha Waaqayyo Gooftaan.
28 “‘They shall have an inheritance: I am their inheritance; and you shall give them no possession in Israel. I am their possession.
“‘Dhaalli luboonni qaban anuma qofa. Isin Israaʼel keessatti qabeenya tokko illee isaaniif kennuu hin qabdan; ani qabeenya isaanii nan taʼa.
29 They shall eat the meal offering, and the sin offering, and the trespass offering; and every devoted thing in Israel shall be theirs.
Isaan kennaa midhaanii, aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaa ni nyaatan; wanni Israaʼel keessaa Waaqayyoof kenname hundi kan isaanii ni taʼa.
30 The first of all the first fruits of every thing, and every offering of everything, of all your offerings, shall be for the priest. You shall also give to the priests the first of your dough, to cause a blessing to rest on your house.
Mataa oomisha midhaanii keessaa filatamaan hundii fi kennaan keessan kan addaa hundinuu kan lubootaa ti. Akka eebbi warra mana keessan jiraataniif dhufuuf, daakuu keessan keessaa kan jalqabaa isaaniif kennuu qabdu.
31 The priests shall not eat of anything that dies of itself or is torn, whether it is bird or animal.
Luboonni simbira yookaan horii, waan duʼee argame yookaan kan bineensi madeesse kam iyyuu nyaachuu hin qaban.

< Ezekiel 44 >