< Joshua 24 >

1 And Joshua gathered all the tribes of Israel to Shechem, and called for the elders of Israel, and for their heads, and for their judges, and for their officers; and they presented themselves before God.
Iyyaasuunis ergasii gosoota Israaʼel hunda Sheekemitti walitti qabe. Innis maanguddoota, hooggantoota, abbootii murtii fi qondaaltota Israaʼel walitti waame; isaanis fuula Waaqaa duratti dhiʼaatan.
2 And Joshua said to all the people, Thus saith the LORD God of Israel, Your fathers dwelt on the other side of the river of old, even Terah, the father of Abraham, and the father of Nahor: and they served other gods.
Iyyaasuun saba hundaan akkana jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Abbootiin keessan bara durii, Taaraa abbaa Abrahaamii fi Naahoor dabalatanii Laga gama jiraatanii waaqota biraa waaqeffatan.
3 And I took your father Abraham from the other side of the river, and led him throughout all the land of Canaan, and multiplied his seed, and gave him Isaac.
Ani garuu abbaa keessan Abrahaam biyya Laga gamaatii fuudhee biyya Kanaʼaan keessa isa dabarsee sanyii baayʼee kenneef. Ani Yisihaaqin isaafan kenne;
4 And I gave to Isaac Jacob and Esau: and I gave to Esau mount Seir, to possess it; but Jacob and his children went down into Egypt.
Yisihaaqiif immoo Yaaqoobii fi Esaawun kenne. Biyyaa gaaraa Seeʼiir Esaawufin kenne; Yaaqoobii fi ilmaan isaa garuu Gibxitti gad buʼan.
5 I sent Moses also and Aaron, and I plagued Egypt, according to that which I did among them: and afterward I brought you out.
“‘Anis Musee fi Aroon ergee waanan achitti hojjedheen namoota Gibxi dhaʼichaan dhaʼee achii isin baase.
6 And I brought your fathers out of Egypt: and ye came to the sea; and the Egyptians pursued after your fathers with chariots and horsemen to the Red sea.
Yeroo ani abbootii keessan biyya Gibxi keessaa baasetti, isin gara galaanaa dhuftan; warri Gibxi immoo gaariiwwan lolaatii fi warra fardeen yaabbataniin hamma Galaana Diimaatti isaan hordofan.
7 And when they cried to the LORD, he put darkness between you and the Egyptians, and brought the sea upon them, and covered them; and your eyes have seen what I have done in Egypt: and ye dwelt in the wilderness a long season.
Isaan gargaarsa barbaaduuf Waaqayyotti iyyatan; innis isaanii fi warra Gibxi gidduu dukkana buuse; warra Gibxitti galaana fidee isaan ukkaamse. Isin waan ani warra Gibxi godhe ijuma keessaniin argitan. Ergasiis isin bara dheeraa gammoojjii keessa jiraattan.
8 And I brought you into the land of the Amorites, who dwelt on the other side of Jordan; and they fought with you: and I gave them into your hand, that ye might possess their land; and I destroyed them from before you.
“‘Anis biyya Amoorota gama baʼa Yordaanos jiraachaa turan sanaatti isin nan fide. Isaanis isin lolan; ani garuu dabarsee harka keessanitti isaan kenne. Ani fuula keessan duraa isaan nan barbadeesse; isinis biyya isaanii qabattan.
9 Then Balak the son of Zippor, king of Moab, arose and warred against Israel, and sent and called Balaam the son of Beor to curse you:
Baalaaq ilmi Ziphoori mootichi Moʼaab sun yeroo Israaʼelitti duuluuf qophaaʼetti akka inni isin abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼooritti dhaamsa ergate.
10 But I would not hearken to Balaam; therefore he blessed you still: so I delivered you out of his hand.
Ani garuu Balaʼaamin hin dhaggeeffanne; kanaafuu inni irra deddeebiʼee isin eebbise; anis harka isaa keessaa isin nan baase.
11 And ye went over Jordan, and came to Jericho: and the men of Jericho fought against you, the Amorites, and the Perizzites, and the Canaanites, and the Hittites, and the Girgashites, the Hivites, and the Jebusites; and I delivered them into your hand.
“‘Isinis ergasii laga Yordaanos ceetanii Yerikoo dhuftan. Jiraattonni Yerikoos akkuma Amooronni, Feerzonni, Kanaʼaanonni, Heetonni, Girgaashonni, Hiiwonnii fi Yebuusonni godhan sana isin lolan; ani garuu dabarseen harka keessanitti isaan kenne.
12 And I sent the hornet before you, which drove them out from before you, even the two kings of the Amorites; but not with thy sword, nor with thy bow.
Ani sonsa isaanii fi mootota Amoorotaa lamaan fuula keessan duraa ariʼee baasu isin dura nan erge. Isin goraadee keessanii fi iddaa keessaniin isaan hin ariine.
13 And I have given you a land for which ye did not labour, and cities which ye built not, and ye dwell in them; of the vineyards and oliveyards which ye planted not do ye eat.
Ani akkasiin biyya isin itti hin dadhabinii fi magaalaa isin hin ijaarin isiniifan kenne; isinis isaan keessa jiraattanii iddoo dhaabaa wayiniitii fi muka ejersaa kan ofii keessanii hin dhaabin irraa nyaattan.’
14 Now therefore fear the LORD, and serve him in sincerity and in truth: and put away the gods which your fathers served on the other side of the river, and in Egypt; and serve ye the LORD.
“Egaa Waaqayyoon sodaadhaatii amanamummaa guutuudhaan isa tajaajilaa. Waaqota abbootiin keessan Laga gamaa fi biyya Gibxitti waaqeffatan sana gataatii Waaqayyoon tajaajilaa.
15 And if it seemeth evil to you to serve the LORD, choose for yourselves this day whom ye will serve; whether the gods which your fathers served that were on the other side of the river, or the gods of the Amorites, in whose land ye dwell: but as for me and my house, we will serve the LORD.
Isin garuu yoo Waaqayyoon tajaajiluu hin barbaanne, waaqota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu Waaqayyoon waaqeffanna.”
16 And the people answered and said, Be it far from us that we should forsake the LORD, to serve other gods;
Sabnis akkana jedhee deebiseef; “Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jennee Waaqayyoon dhiisuun nurraa haa fagaatu!
17 For the LORD our God, he it is that brought us and our fathers out of the land of Egypt, from the house of bondage, and who did those great signs in our sight, and preserved us in all the way in which we went, and among all the people through whom we passed:
Kan biyya Gibxi, biyya garbummaa sana keessaa nuu fi abbootii keenya baasee waan mallattoowwan gurguddaa sana ija keenya duratti hojjete Waaqayyo Waaqa keenyaa dha. Inni karaa keenya hunda irrattii fi saboota nu gidduu isaanii tarre sana hunda gidduutti nu eege.
18 And the LORD drove out from before us all the people, even the Amorites who dwelt in the land: therefore will we also serve the LORD; for he is our God.
Waaqayyo saboota hunda, Amoorota biyya sana keessa jiraachaa turanis fuula keenya duraa ariʼee baase. Sababii inni Waaqa keenya taʼeef nu Waaqayyoon tajaajilla.”
19 And Joshua said to the people, Ye cannot serve the LORD: for he is an holy God; he is a jealous God; he will not forgive your transgressions nor your sins.
Iyyaasuunis sabaan akkana jedhe; “Isin Waaqayyoon tajaajiluu hin dandeessan. Inni Waaqa qulqulluu dha. Inni Waaqa hinaafuu dha. Inni fincila keessanii fi cubbuu keessan isinii hin dhiisu.
20 If ye forsake the LORD, and serve foreign gods, then he will turn and do you harm, and consume you, after that he hath done you good.
Yoo isin Waaqayyoon dhiiftanii waaqota ormaa tajaajiltan, inni erguma waan gaarii isinii godhee booddee garagalee balaa isinitti buusee isin balleessa.”
21 And the people said to Joshua, Nay; but we will serve the LORD.
Namoonni garuu Iyyaasuudhaan, “Lakki! Nu Waaqayyoon tajaajilla” jedhan.
22 And Joshua said to the people, Ye are witnesses against yourselves that ye have chosen you the LORD, to serve him. And they said, We are witnesses.
Iyyaasuunis deebisee, “Isin akka Waaqayyoon tajaajiluu filattan ofii keessanitti dhugaa baatota taataniirtu” jedheen. Isaanis deebisanii, “Eeyyee, nu dhugaa baatota” jedhan.
23 Now therefore put away, said he, the foreign gods which are among you, and incline your heart to the LORD God of Israel.
Kana irratti Iyyaasuun, “Yoos amma waaqota ormaa kanneen isin gidduu jiran sana baasaa gataatii garaa keessan Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti kennaa” jedheen.
24 And the people said to Joshua, The LORD our God will we serve, and his voice will we obey.
Sabnis Iyyaasuudhaan, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya tajaajilla; ni ajajamnaafis” jedhe.
25 So Joshua made a covenant with the people that day, and set them a statute and an ordinance in Shechem.
Iyyaasuun guyyaa sana sabaaf kakuu galee Sheekemitti ajajaa fi seera baase.
26 And Joshua wrote these words in the book of the law of God, and took a great stone, and set it up there under an oak, that was by the sanctuary of the LORD.
Innis waan kana Kitaaba Seera Waaqaa keessatti barreesse. Dhagaa guddaa tokkos fuudhee iddoo qulqulluu Waaqayyoo biratti qilxuu tokko jala dhaabe.
27 And Joshua said to all the people, Behold, this stone shall be a witness to us; for it hath heard all the words of the LORD which he spoke to us: it shall be therefore a witness to you, lest ye deny your God.
Inni nama hundaan akkana jedhe; “Kunoo! Dhagaan kun dhugaa nutti baʼaa. Inni dubbii Waaqayyo nutti dubbate hunda dhagaʼeera. Yoo isin Waaqa keessaniif hin amanamin dhagaan kun dhugaa isinitti baʼa.”
28 So Joshua let the people depart, every man to his inheritance.
Kanaafuu Iyyaasuun tokkoo tokkoo namaa gara dhaala mataa mataa isaatti erge.
29 And it came to pass after these things, that Joshua the son of Nun, the servant of the LORD, died, being an hundred and ten years old.
Sana booddee Iyyaasuun ilmi Nuuni, garbichi Waaqayyoo sun, waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe.
30 And they buried him in the border of his inheritance in Timnathserah, which is in mount Ephraim, on the north side of the hill of Gaash.
Isaanis lafa dhaala isaa, Timnaat Seeraa kan biyya gaaraa Efreem keessatti karaa kaaba Tulluu Gaʼaashitti argamtu sanatti isa awwaalan.
31 And Israel served the LORD all the days of Joshua, and all the days of the elders that outlived Joshua, and who had known all the works of the LORD, that he had done for Israel.
Sabni Israaʼel bara jireenya Iyyaasuu guutuu fi bara maanguddoota erga inni duʼee as hafanii jiraatanii waan Waaqayyo Israaʼeliif godhe hunda arganii keessa Waaqayyoon tajaajileera.
32 And the bones of Joseph, which the children of Israel brought out of Egypt, they buried in Shechem, in a parcel of ground which Jacob bought of the sons of Hamor the father of Shechem for an hundred pieces of silver: and it became the inheritance of the children of Joseph.
Lafeen Yoosef kan Israaʼeloonni biyya Gibxii baasanii fidanis Sheekemitti lafa Yaaqoob meetii dhibba tokkoon ilmaan Hamoor, abbaa Sheekem irraa bitee sanatti awwaalame. Lafti kunis dhaala sanyii Yoosef taʼe.
33 And Eleazar the son of Aaron died; and they buried him in a hill that pertained to Phinehas his son, which was given him in mount Ephraim.
Eleʼaazaar ilmi Aroonis duʼee Gibeʼaa lafa biyya gaaraa Efreem kan ilma isaa Fiinehaasiif ixaadhaan kenname keessatti awwaalame.

< Joshua 24 >