< Deuteronomy 5 >

1 And Moses called all Israel, and said to them, Hear, O Israel, the statutes and judgments which I speak in your ears this day, that ye may learn them, and keep, and do them.
Museen Israaʼeloota hunda walitti qabee akkana isaaniin jedhe: Yaa Israaʼel ajajawwanii fi seerawwan ani harʼa utuma isin dhageessanuu labsu kana dhagaʼaa. Baradhaatii jabeessaa isaan duukaa buʼaa.
2 The LORD our God made a covenant with us in Horeb.
Waaqayyo Waaqni keenya Kooreebitti nu wajjin kakuu gale.
3 The LORD made not this covenant with our fathers, but with us, even us, who are all of us here alive this day.
Waaqayyo kakuu kana nu wajjin, nu warra harʼa lubbuudhaan as jiraannu hunda wajjin gale malee abbootii keenya wajjin hin galle.
4 The LORD talked with you face to face on the mount from the midst of the fire,
Waaqayyo tulluu irratti ibidda keessaa ifaan ifatti isinitti dubbate.
5 (I stood between the LORD and you at that time, to show you the word of the LORD: for ye were afraid by reason of the fire, and went not up upon the mount; ) saying,
Yeroo sanatti waan isin ibidda sodaattanii tulluutti ol hin baʼiniif ani dubbii Waaqayyoo isinitti himuuf isinii fi Waaqayyo gidduun dhaabadhe. Innis akkana jedhe:
6 I am the LORD thy God, who brought thee out of the land of Egypt, from the house of bondage.
“Ani Waaqayyo Waaqa kee kan Gibxii, biyya garbummaatii si baasee dha.
7 Thou shalt have no other gods before me.
“Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin.
8 Thou shalt not make for thee any graven image, or any likeness of any thing that is in heaven above, or that is on the earth beneath, or that is in the waters beneath the earth:
Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru waaqa tolfamaa kamiitiin iyyuu ofii keetiif hin tolfatin.
9 Thou shalt not bow down thyself to them, nor serve them: for I the LORD thy God am a jealous God, visiting the iniquity of the fathers upon the children to the third and fourth generation of them that hate me,
Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani Waaqayyo Waaqni kee, Waaqa hinaafu kan ijoollee warra na jibbanii sababii cubbuu abbootiitiif jedhee hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee
10 And showing mercy to thousands of them that love me and keep my commandments.
warra na jaallatanii ajajawwan koo eegan immoo hamma dhaloota kumaatti jaallatuu dha.
11 Thou shalt not take the name of the LORD thy God in vain: for the LORD will not hold him guiltless that taketh his name in vain.
Maqaa Waaqayyo Waaqa keetii akkasumaan hin dhaʼin; Waaqayyo warra akkuma argan maqaa isaa dhaʼan utuu hin adabin hin dhiisuutii.
12 Keep the sabbath day to sanctify it, as the LORD thy God hath commanded thee.
Akkuma Waaqayyo Waaqni kee si ajajetti guyyaa Sanbataa qulqulleessuudhaan eegi.
13 Six days thou shalt labour, and do all thy work:
Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu;
14 But the seventh day is the sabbath of the LORD thy God: in it thou shalt not do any work, thou, nor thy son, nor thy daughter, nor thy male servant, nor thy female servant, nor thy ox, nor thy donkey, nor any of thy cattle, nor thy stranger that is within thy gates; that thy male servant and thy female servant may rest as well as thou.
guyyaan torbaffaan garuu sanbata Waaqayyo Waaqa keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan qotiyyoon kee yookaan harreen kee yookaan horiin kee kam iyyuu yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin. Hojjetaan keetii fi hojjettuun kee akkuma kee haa boqotan.
15 And remember that thou wast a servant in the land of Egypt, and that the LORD thy God brought thee out from there with a mighty hand and by an outstretched arm: therefore the LORD thy God commanded thee to keep the sabbath day.
Akka atis biyya Gibxitti garba turtee fi ergasii immoo Waaqayyo Waaqni kee harka jabaa fi irree diriirfameen achii si baase yaadadhu. Kanaafuu Waaqayyo Waaqni kee akka ati Sanbata eegdu si ajaje.
16 Honour thy father and thy mother, as the LORD thy God hath commanded thee; that thy days may be prolonged, and that it may be well with thee, in the land which the LORD thy God giveth thee.
Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuu fi akka sitti toluuf akkuma Waaqayyo Waaqni kee si ajajetti abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
17 Thou shalt not kill.
Hin ajjeesin.
18 Neither shalt thou commit adultery.
Hin ejjin.
19 Neither shalt thou steal.
Hin hatin.
20 Neither shalt thou bear false witness against thy neighbour.
Ollaa keetti sobaan dhugaa hin baʼin.
21 Neither shalt thou desire thy neighbour’s wife, neither shalt thou covet thy neighbour’s house, his field, or his male servant, or his female servant, his ox, or his donkey, or any thing that is thy neighbour’s.
Niitii namaa hin hawwin. Mana namaa yookaan lafa qotiisaa yookaan hojjetaa yookaan xomboree isaa, qotiyyoo isaa yookaan harree isaa, yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin.”
22 These words the LORD spoke to all your assembly on the mount from the midst of the fire, of the cloud, and of the thick darkness, with a great voice: and he added no more. And he wrote them in two tables of stone, and delivered them to me.
Ajajawwan Waaqayyo tulluu gubbaatti, ibidda, duumessaa fi dukkana limixii keessa waldaa keessan guutuutti sagalee guddaadhaan labse kanneenii dha; wanni inni itti dabales hin jiru. Ergasiis inni ajajawwan sana gabateewwan dhagaa lama irratti barreessee natti kenne.
23 And it came to pass, when ye heard the voice from the midst of the darkness, (for the mountain did burn with fire, ) that ye came near to me, even all the heads of your tribes, and your elders;
Yeroo isin utuu tulluun sun ibiddaan bobaʼuu dukkana keessaa sagalee sana dhageessanitti, hooggantoonni gosoota keessaniitii fi maanguddoonni keessan hundi gara koo dhufan.
24 And ye said, Behold, the LORD our God hath shown us his glory and his greatness, and we have heard his voice from the midst of the fire: we have seen this day that God doth talk with man, and he liveth.
Isinis akkana jettan; “Kunoo Waaqayyo Waaqni keenya ulfinaa fi guddina isaa nu argisiiseera; ibidda keessaas sagalee isaa nu dhageessiseera. Nu harʼa akka namni yoo Waaqni isatti dubbate illee jiraachuu dandaʼu argineerra.
25 Now therefore why should we die? for this great fire will consume us: if we hear the voice of the LORD our God any more, then we shall die.
Amma garuu nu maaliif duuna? Nu yoo sagalee Waaqayyo Waaqa keenyaa deebinee dhageenye ni duuna; ibiddii guddaan kunis nu barbadeessa.
26 For who is there of all flesh, that hath heard the voice of the living God speaking out of the midst of the fire, as we have, and lived?
Nama duʼaa hin oolle hunda keessaa eenyutu takkumaa sagalee Waaqa jiraataa ibidda keessaa dubbatuu dhagaʼee akka nu dhageenyee jiraanne kana utuu hin duʼin hafe?
27 Go thou near, and hear all that the LORD our God shall say: and speak thou to us all that the LORD our God shall speak to thee; and we will hear it, and do it.
Itti dhiʼaadhuutii waan Waaqayyo Waaqni keenya jedhu hunda dhagaʼi. Ergasii immoo waan Waaqayyo Waaqni keenya sitti himu hunda nutti himi. Nu ni dhaggeeffannaa; ni ajajamnas.”
28 And the LORD heard the voice of your words, when ye spoke to me; and the LORD said to me, I have heard the voice of the words of this people, which they have spoke to thee: they have well said all that they have spoken.
Waaqayyo yommuu isin natti dubbattanitti isin dhagaʼeera; Waaqayyos akkana naan jedhe; “Ani waan namoonni kunneen siin jedhan dhagaʼeera. Wanni isaan jedhan hundinuu gaarii dha.
29 O that there were such an heart in them, that they would fear me, and keep all my commandments always, that it might be well with them, and with their children for ever!
Akka hamma bara baraatti isaanii fi ijoollee isaaniitti toluuf isaan utuu yeroo hunda garaa na sodaatee ajaja koo hunda eegu qabaatanii akkam gaarii ture!
30 Go say to them, Return to your tents again.
“Dhaqiitii, ‘Dunkaana keessanitti deebiʼaa’ jedhiin.
31 But as for thee, stand thou here by me, and I will speak to thee all the commandments, and the statutes, and the judgments, which thou shalt teach them, that they may do them in the land which I give them to possess it.
Ati garuu asuma na bira turi. Ani ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerawwan ati akka isaan biyya ani dhaala godhee isaaniif kennu keessatti eeganiif isaan barsiiftu hunda sitti nan hima.”
32 Ye shall observe to do therefore as the LORD your God hath commanded you: ye shall not turn aside to the right hand or to the left.
Kanaafuu waan Waaqayyo Waaqni keessan isin ajaje of eeggannaadhaan eegaa; mirgatti yookaan bitaatti hin gorinaa.
33 Ye shall walk in all the ways which the LORD your God hath commanded you, that ye may live, and that it may be well with you, and that ye may prolong your days in the land which ye shall possess.
Akka biyya dhaaltan keessa jiraachuu dandeessan, akka isinitti tolee umurii dheeraa illee qabaattaniif karaa Waaqayyo Waaqni keessan isin ajaje hunda irra deemaa.

< Deuteronomy 5 >