< Luke 18 >

1 Then he spoke a parable to them about how they should always pray and not become discouraged,
Yesuusis akka isaan yeroo hunda kadhachuu qabanii fi akka isaan abdii hin kutanne isaan barsiisuuf jedhee fakkeenya tokko barattoota isaatti hime.
2 saying, “In a certain city there was a judge who did not fear God and did not respect people.
Innis akkana jedhe; “Magaalaa tokko keessa abbaa murtii kan Waaqa hin sodaanne, namas kan hin kabajne tokkotu ture.
3 Now there was a widow in that city, and she came often to him, saying, 'Help me get justice against my opponent.'
Haati hiyyeessaa tokkos magaalaa sana keessa turte; isheenis, ‘Diina koo irratti murtii qajeelaa naa kenni’ jettee isatti deddeebiʼaa turte.
4 For a long time he was not willing to help her, but after a while he said to himself, 'Though I do not fear God or respect man,
“Innis yeroo gabaabaaf didee ture; ergasii garuu akkana jedhee garaa isaatti yaade; ‘Ani yoon Waaqa hin sodaanne illee, yoon namas hin kabajne illee,
5 yet because this widow causes me trouble, I will help her get justice, so that she does not wear me out by her constant coming.'”
sababii niitiin kun deddeebitee na rakkiftuuf murtii qajeelaa nan kennaaf; yoo kanaa achii deddeebitee na dadhabsiifti.’”
6 Then the Lord said, “Listen to what the unjust judge says.
Gooftaanis akkana jedhe; “Egaa waan abbichii murtii dabaan sun jedhu dhagaʼaa;
7 Now will not God also bring justice to his chosen ones who cry out to him day and night? Will he delay long over them?
Waaqni immoo filatamtoota isaa warra halkanii guyyaa gara isaatti iyyataniif murtii qajeelaa hin kennuu? Isaan duraa tursaa ree?
8 I say to you that he will bring justice to them speedily. Even so, when the Son of Man comes, will he indeed find faith on the earth?”
Ani isinittin hima; inni dafee murtii qajeelaa kennaaf; garuu Ilmi Namaa gaafa dhufu lafa irratti amantii ni argataa?”
9 Then he also spoke this parable to some who were persuaded in themselves that they were righteous and who despised other people,
Yesuusis namoota qajeelummaa ofiitti amananii warra kaan immoo tuffatanitti akkana jedhee fakkeenya kana hime.
10 “Two men went up into the temple to pray—the one was a Pharisee and the other was a tax collector.
“Namoonni lama Waaqa kadhachuuf gara mana qulqullummaatti ol baʼan; isaanis Fariisicha tokkoo fi nama qaraxa walitti qabu tokko turan.
11 The Pharisee stood and prayed these things about himself, 'God, I thank you that I am not like other people—robbers, unrighteous people, adulterers—or even like this tax collector.
Fariisichi kaʼee dhaabatee, waaʼee mataa isaa akkana jedhee kadhate; ‘Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii jechuunis akka saamtotaa, jalʼootaa fi sagaagaltootaa keessumattuu waan akka namicha qaraxa walitti qabu kanaa hin taʼiniif sin galateeffadha.
12 I fast two times every week. I give tithes of all that I get.'
Ani torbanitti yeroo lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa irraas harka kudhan keessaa tokko nan kenna.’
13 But the tax collector, standing at a distance, would not even lift up his eyes to heaven, but hit his breast, saying, 'God, have mercy on me, a sinner.'
“Namichi qaraxa walitti qabu sun garuu fagoo dhaabate, qoma isaa dhadhaʼaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani nama cubbamaadhaatii naa naʼi!’ jedhe malee ija isaatiin illee ol jedhee gara samii hin ilaalle.
14 I say to you, this man went back down to his house justified rather than the other, because everyone who exalts himself will be humbled, but everyone who humbles himself will be exalted.”
“Ani isinittin hima; namichi kun namicha duraa irra fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼee mana isaatti gale. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu garuu ol qabama.”
15 The people were also bringing to him their infants so that he might touch them, but when the disciples saw it, they rebuked them.
Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf daaʼimmanis Yesuusitti fidaa turan. Barattoonni garuu yommuu waan kana arganitti isaan ifatan.
16 But Jesus called them to him, saying, “Permit the little children to come to me, and do not forbid them. For the kingdom of God belongs to such ones.
Yesuus garuu ijoollee sana ofitti waamee akkana jedhe; “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii.
17 Truly I say to you, whoever will not receive the kingdom of God like a child will definitely not enter it.”
Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.”
18 A certain ruler asked him, saying, “Good teacher, what must I do to inherit eternal life?” (aiōnios g166)
Bulchaan tokko, “Yaa Barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee isa gaafate. (aiōnios g166)
19 Jesus said to him, “Why do you call me good? No one is good, except God alone.
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ati maaliif gaarii naan jetta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru.
20 You know the commandments—do not commit adultery, do not kill, do not steal, do not testify falsely, honor your father and mother.”
Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’”
21 The ruler said, “All these things I have obeyed from the time I was a youth.”
Namichis, “Ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera” jedhe.
22 When Jesus heard that, he said to him, “One thing you still lack. You must sell all that you have and distribute it to the poor, and you will have treasure in heaven—and come, follow me.”
Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Amma illee waan tokkotu si duraa hirʼata; waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedheen.
23 But when the ruler heard these things, he became extremely sad, for he was very rich.
Inni yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee gadde; akka malee sooressa tureetii.
24 Then Jesus, seeing him, became very sad and said, “How difficult it is for those who are rich to enter the kingdom of God!
Yesuusis isa ilaalee akkana jedhe; “Mootummaa Waaqaatti galuun sooreyyiif akkam rakkisaa dha!
25 For it is easier for a camel to go through a needle's eye, than for a rich person to enter the kingdom of God.”
Dhugumaan namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”
26 Those hearing it said, “Then who can be saved?”
Warri waan kana dhagaʼanis, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan.
27 Jesus answered, “The things which are impossible with people are possible with God.”
Yesuusis, “Wanni namaaf hin dandaʼamne, Waaqaaf ni dandaʼama” jedhee deebise.
28 Peter said, “Well, we have left everything that is our own and have followed you.”
Phexrosis, “Kunoo, nu waan qabnu hunda dhiifnee si duukaa buuneerra” jedheen.
29 Jesus then said to them, “Truly, I say to you that there is no one who has left house, or wife, or brothers, or parents, or children, for the sake of the kingdom of God,
Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii mootummaa Waaqaatiif jedhee mana yookaan niitii yookaan obboloota yookaan haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee dhiisee,
30 who will not receive much more in this world, and in the world to come, eternal life.” (aiōn g165, aiōnios g166)
bara kana keessa dachaa baayʼee, bara dhufuuf jiru keessa immoo jireenya bara baraa utuu hin argatin hafu tokko iyyuu hin jiru.” (aiōn g165, aiōnios g166)
31 After he gathered the twelve to himself, he said to them, “See, we are going up to Jerusalem, and all the things that have been written by the prophets about the Son of Man will be accomplished.
Yesuus warra kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen; “Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; wanni raajonni waaʼee Ilma Namaa barreessan hundinuus ni raawwatama.
32 For he will be given over to the Gentiles, and will be mocked, and shamefully treated, and spit upon.
Inni dabarfamee Namoota Ormaatti ni kennama. Isaanis isatti qoosu; isa arrabsu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus.
33 After whipping him, they will kill him, and on the third day he will rise again.”
Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaʼa.”
34 They understood none of these things, and this word was hidden from them, and they did not understand the things that were said.
Barattoonni garuu waan kana hunda keessaa tokko illee hin hubanne; hiikkaan isaas isaan duraa dhokfamee ture. Inni maal akka dubbachaa tures isaaniif hin galle.
35 It came about that, as Jesus approached Jericho, a certain blind man was sitting by the road begging,
Yeroo Yesuus Yerikootti dhiʼaatetti, namichi jaamaan tokko qarqara karaa taaʼee kadhachaa ture.
36 and hearing a crowd going by, he asked what was happening.
Innis akka tuunni namootaa karaa sana darbaa jiru dhageenyaan, waan taʼaa ture gaafate.
37 They told him that Jesus of Nazareth was passing by.
Isaanis, “Yesuus nama Naazreetitu asiin darbaa jira” jedhanii isatti himan.
38 So the blind man cried out, saying, “Jesus, Son of David, have mercy on me.”
Innis, “Yesuus, yaa ilma Daawit, na maari!” jedhee iyye.
39 The ones who were walking ahead rebuked the blind man, telling him to be quiet. But he cried out all the more, “Son of David, have mercy on me.”
Namoonni fuula dura deemaa turanis akka inni calʼisuuf isa ifatan; inni garuu, “Yaa ilma Daawit na maari!” jedhee ittuma caalchisee iyye.
40 Jesus stood still and commanded that the man be brought to him. Then when the blind man was near, Jesus asked him,
Yesuusis dhaabatee akka isaan namicha gara isaa fidan ajaje. Yommuu inni gara isaatti dhiʼaatetti Yesuus akkana jedhee isa gaafate;
41 “What do you want me to do for you?” He said, “Lord, I want to receive my sight.”
“Akka ani maal siif godhu barbaadda?” Namichis, “Yaa Gooftaa, ani arguun barbaada” jedhee deebise.
42 Jesus said to him, “Receive your sight. Your faith has healed you.”
Yesuusis, “Argi; amantiin kee si fayyiseeraa” jedheen.
43 Immediately he received his sight and followed him, glorifying God. All the people, when they saw this, gave praise to God.
Innis yeruma sana argee Waaqa jajachaa Yesuus duukaa buʼe. Namoonni hundinuus yommuu waan kana arganitti Waaqa jajan.

< Luke 18 >