< Acts 22 >

1 “Brothers and fathers, listen to my defense which I will now make to you.”
“Yaa obbolootaa fi abbootii, falmata ani amma isin duratti dhiʼeeffadhu kana mee naa dhagaʼaa.”
2 When the crowd heard Paul speak to them in the Hebrew language, they became quiet. He said,
Jarris yommuu isaa afaan Ibraayisxiitiin isaanitti dubbatu dhagaʼanitti kan duraa illee caalaa calʼisan. Phaawulosis akkana jedhe;
3 “I am a Jew, born in Tarsus of Cilicia, but educated in this city at the feet of Gamaliel. I was instructed according to the strict ways of the law of our fathers. I am zealous for God, just as all of you are today.
“Ani Yihuudii dha; magaalaa Xarsees ishee biyya Kiilqiyaa keessaa sanattin dhaladhe; garuu Yerusaalemittin guddadhe. Miilla Gamaaliyaal jalattis seera Abbootii keenyaa akka gaariitti baradhee, akkuma isin hundi harʼa hinaaftan kana anis Waaqaaf nan hinaafa ture.
4 I persecuted this Way to the death, binding up and delivering them to prison both men and women,
Dhiiraa fi dubartii qabee, mana hidhaa keessa isaan buusuudhaan duuka buutota karaa kanaa hamma duʼaatti ariʼadheera;
5 as the high priest and all the elders can bear witness. I received letters from them for the brothers in Damascus, and went there to bring them back in bonds to Jerusalem in order for them to be punished.
waan kanas lubni ol aanaanii fi waldaan jaarsolii guutuun ragaa naa baʼu. Anis xalayoota isaan gara obboloota warra Damaasqoo jiraniitti barreessan fudhadheen akka namoonni kunneen adabamaniif hidhee Yerusaalemitti isaan fiduuf achi nan dhaqe.
6 It happened that when I was traveling and nearing Damascus, about noon suddenly a great light from heaven began to shine around me.
“Gara saafaatti, akkuma ani Damaasqootti dhiʼaadheen ifni guddaan isaa akkuma tasaa samii irraa naannoo kootti balaqqise.
7 I fell to the ground and heard a voice say to me, 'Saul, Saul, why are you persecuting me?'
Anis lafatti kufeen sagalee, ‘Yaa Saaʼol! Yaa Saaʼol! Ati maaliif na ariʼatta?’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.
8 I answered, 'Who are you, Lord?' He said to me, 'I am Jesus of Nazareth, whom you are persecuting.'
“Anis, ‘Yaa Gooftaa ati eenyu?’ jedheen gaafadhe. “Inni immoo deebisee, ‘Ani Yesuus nama Naazreeti isa ati ariʼattuu dha’ naan jedhe.
9 Those who were with me saw the light, but they did not understand the voice of him who spoke to me.
Warri na wajjin turanis ifa sana argan malee sagalee isa natti dubbachaa ture sanaa hin hubanne.
10 I said, 'What should I do, Lord?' The Lord said to me, 'Arise and go into Damascus; there you will be told everything that you must do.'
“Anis, ‘Yaa Gooftaa, ani maal godhu ree?’ jedhee gaafadhe. “Gooftaanis, ‘Kaʼii Damaasqoo seeni. Wanni akka ati hojjettuuf siif kaaʼame hundinuu achitti sitti himamaatii’ naan jedhe.
11 I could not see because of that light's brightness, and being led by the hands of those who were with me, I came into Damascus.
Anis sababii calaqqisa ifa sanaatiif homaa arguu dadhabnaan, warri na wajjin turan harka qabanii Damaasqootti na geessan.
12 There I met a man named Ananias, a devout man according to the law and well spoken of by all the Jews who lived there.
“Namichi Anaaniyaas jedhamu kan sirriitti seera eegu tokko Yihuudoota achi jiraatan hunda biratti maqaa gaarii qaba ture.
13 He came to me, stood by me, and said, 'Brother Saul, receive your sight.' In that very hour I saw him.
Innis gara koo dhufee na bira dhaabatee, ‘Yaa obboleessa koo Saaʼol, agartuun kee siif haa deebiʼu!’ naan jedhe; agartuun koos yeruma sana naa deebiʼe. Anis isa arguu dandaʼe.
14 Then he said, 'The God of our fathers has chosen you to know his will, to see the Righteous One, and to hear the voice coming from his own mouth.
“Innis akkana jedhe; ‘Waaqni abbootii keenyaa akka ati fedhii isaa beektu, akka ati Isa Qajeelaa sana argituu fi akka afaan isaa irraa dubbii dhageessuuf si filateera.
15 For you shall be a witness for him to all men about what you have seen and heard.
Atis waan argitee fi waan dhageesse sana fuula nama hundumaa duratti isaaf dhugaa ni baata.
16 Now why are you waiting? Arise, be baptized, and wash away your sins, calling on his name.'
Egaa amma maal eegda ree? Kaʼii maqaa isaa waammachaa cuuphamiitii cubbuu kee of irraa dhiqi.’
17 After I had returned to Jerusalem, and while I was praying in the temple, it happened that I was given a vision.
“Anis Yerusaalemitti deebiʼee utuu mana qulqullummaa keessatti kadhannaatti jiruu akka waan of wallaaluu nan taʼe.
18 I saw him say to me, 'Hurry and leave Jerusalem quickly, because they will not accept your testimony about me.'
Gooftaa illee isaa, ‘Jarri kun waan ati waaʼee koo dhugaa baatu hin fudhataniitii dafii ammuma Yerusaalem keessaa baʼi!’ jedhee natti dubbatu nan arge.
19 I said, 'Lord, they themselves know that I imprisoned and beat those who believed in you in every synagogue.
“Anis deebiseen akkana jedhe; ‘Yaa Gooftaa jarri kun akka ani warra sitti amanan hidhuu fi tumuuf jedhee mana sagadaa tokko irraa gara isa biraatti darbaa ture beeku.
20 When the blood of Stephen your witness was spilled, I also was standing by and agreeing, and I was guarding the cloaks of those who killed him.'
Yeroo dhiigni dhuga baatuu keetii, dhiigni Isxifaanos dhangalaafamettis ani ajjeefamuu isaatti namootaan walii galee achi dhaabadheen uffata warra isa ajjeesanii eegaa ture.’
21 But he said to me, 'Go, because I will send you far away to the Gentiles.'”
“Gooftaanis, ‘Ani fagootti, gara Namoota Ormaatti sin ergaatii deemi’ naan jedhe.”
22 They listened to him until he said this. Then they shouted and said, “Away with such a fellow from the earth, for it is not right that he should live.”
Namoonni sunis hamma inni dubbii kana dubbatutti isa dhagaʼaa turan; ergasiis sagalee isaanii ol fudhatanii, “Namni akkanaa jiraachuu hin qabuutii lafa irraa balleessaa!” jedhanii iyyan.
23 As they were shouting, throwing off their cloaks, and throwing dust into the air,
Utuu isaan uffata isaanii dadarbatanii, awwaaras qilleensa keessa bibittinneessanii iyyanuu,
24 the chief captain commanded Paul to be brought into the fortress. He ordered that he should be questioned with scourging, so that he himself might know why they were shouting against him like that.
ajajaan sun akka Phaawulos qubata loltootaatti ol galfamuu ajaje; innis waan namoonni akkas isatti iyyaniif beekuuf jedhee akka Phaawulos garafamee qoratamu ajaje.
25 When they had tied him up with the thongs, Paul said to the centurion who was standing by, “Is it lawful for you to scourge a man who is a Roman and who has not been put on trial?”
Phaawulos immoo yommuu isaan isa garafuuf jedhanii teephaan isa hidhanitti ajajaa dhibbaa kan isa bira dhaabachaa tureen, “Lammii Roomaa tokko murtii malee garafuun isiniif ni eeyyamamaa?” jedhe.
26 When the centurion heard this, he went to the chief captain and told him, saying, “What are you about to do? For this man is a Roman citizen.”
Ajajaan dhibbaa sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gara ajajaa kumaa sanaa dhaqee, “Namichi kunoo lammii Roomaatii ati maal gochuu yaadda?” jedheen.
27 The chief captain came and said to him, “Tell me, are you a Roman citizen?” Paul said, “Yes.”
Ajajaan kumaa sunis Phaawulos bira dhaqee, “Mee natti himi; ati lammii Roomaatii?” jedhee gaafate. Innis, “Eeyyee” jedhee deebise.
28 The chief captain answered, “It was only with a large amount of money that I acquired citizenship.” But Paul said, “I was born a Roman citizen.”
Ajajaan kumaa sunis, “Ani lammummaa kana argachuudhaaf gatii guddaa baase” jedhe. Phaawulos immoo deebisee, “Ani garuu ittin dhaladhe” jedhe.
29 Then the men who were going to question him left him immediately. The chief captain also was afraid, when he learned that Paul was a Roman citizen, because he had tied him up.
Warri isa qoruuf yaadanis yommusuma isa irraa deebiʼan; ajajaan kumaa sunis yommuu akka Phaawulos lammii Roomaa taʼee fi akka ofii isaatii immoo Phaawulosin foncaan hidhe hubatetti ni rifate.
30 On the next day, the chief captain wanted to know the truth about the Jews' accusations against Paul. So he untied his bonds and ordered the chief priests and all the council to meet. Then he brought Paul down and placed him in their midst.
Ajajaan kumaa sun sababii Yihuudoonni Phaawulosin himataniif sirriitti beekuu fedhee guyyaa itti aanu isa hiikee akka luboonni hangafoonnii fi waldaan Yihuudootaa hundi walitti qabaman ajaje. Ergasii immoo Phaawulosin fidee akka inni fuula isaanii duratti dhiʼaatu godhe.

< Acts 22 >