< Luke 17 >

1 Then Jesus said to the disciples, “It is inevitable that stumbling blocks come, but woe to the one through whom they come!
Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Wantoonni akka namoonni gufatan godhan dhufuun hin oolu; garuu nama wantoonni kunneen karaa isaatiin dhufaniif wayyoo!
2 It would be better for him if a heavy millstone were hung around his neck and he were cast into the sea than for him to cause one of these little ones to stumble.
Inni warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee gufachiisuu mannaa dhagaan daakuu morma isaatti hidhamee galaanatti utuu darbatamee isaa wayya ture.
3 Watch yourselves. If yoʋr brother sins against yoʋ, rebuke him. If he repents, forgive him.
Kanaafuu of eeggadhaa. “Yoo obboleessi kee yakka sitti hojjete isa ifadhu; yoo inni qalbii jijjiirrate immoo dhiifama godhiif.
4 Even if he sins against yoʋ seven times in a day, and seven times in that day he comes back and says, ‘I repent,’ yoʋ must forgive him.”
Yoo inni guyyaa tokkotti yeroo torba cubbuu sitti hojjetee yeroo torbanuu sitti deebiʼee, ‘Ani qalbii nan jijjiirradha’ siin jedhe dhiifama godhiif.”
5 The apostles said to the Lord, “Increase our faith.”
Ergamoonnis Gooftaadhaan, “Amantii keenya nuu guddisi” jedhan.
6 The Lord said, “If you had faith like a grain of mustard seed, you could say to this mulberry tree, ‘Be uprooted and planted in the sea,’ and it would obey you.
Innis akkana jedhee deebise; “Isin amantii xinnoo hamma ija sanaaficaa illee yoo qabaattan, muka qilxuu kanaan, ‘Buqqaʼiitii galaana keessa dhaabami!’ jechuu dandeessu; innis isinii ajajama.
7 “Suppose one of you has a servant plowing the field or tending the sheep. As soon as he comes in from the field would you say, ‘Come and recline at the table’?
“Isin keessaa namni tokko garbicha lafa qotu yookaan kan hoolota tiksu qaba haa jennu; inni yeroo garbichi sun alaa galutti, ‘Dafii kottuutii taaʼii waa nyaadhu’ jedhaanii?
8 Instead, would yoʋ not say to him, ‘Prepare my supper. Put on yoʋr apron and serve me while I eat and drink; after that yoʋ may eat and drink’?
Qooda kanaa inni garbicha sanaan, ‘Irbaata naa qopheessi; hamma ani nyaadhee dhugutti marxifadhuutii na tajaajili; sana booddee ati ni nyaattaa; ni dhugdas’ hin jedhuunii?
9 Do yoʋ thank that servant because he did what he was commanded? I think not.
Namichis sababii garbichi sun waan ajajame sana raawwateef isa ni galateeffataa?
10 So you also, when you have done everything you were commanded to do, should say, ‘We are unworthy servants; we have only done what we were obligated to do.’”
Kanaafuu isinis yommuu waan ajajamtan hunda raawwattanitti, ‘Nu garboota faayidaa hin qabnee dha; waanuma hojjechuu qabnu qofa hojjenne’ jedhaa.”
11 Now on his way to Jerusalem, Jesus traveled along the border of Samaria and Galilee.
Yesuus utuu Yerusaalem dhaquu Samaariyaa fi Galiilaa gidduu darbaa ture.
12 As he entered a village, he was met by ten lepers who stood at a distance.
Akkuma inni ganda tokko seeneenis, namoonni lamxaaʼan kudhan isatti dhufan. Isaanis fagoo dhadhaabatanii,
13 They lifted up their voices, saying, “Jesus, Master, have mercy on us!”
sagalee isaanii ol fudhatanii, “Yesuus yaa Gooftaa, nuu naʼi!” jedhan.
14 When he saw them, he said to them, “Go show yourselves to the priests.” As they went along, they were cleansed.
Innis yommuu isaan argetti, “Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa!” jedheen; isaanis utuma deemaa jiranuu qulqullaaʼan.
15 When one of them saw that he had been healed, he came back, glorifying God with a loud voice.
Isaan keessaas inni tokko yommuu fayyuu isaa argetti sagalee guddaadhaan Waaqaaf ulfina kennaa deebiʼee dhufe.
16 He then fell on his face at Jesus' feet, giving him thanks. (Now he was a Samaritan.)
Adda isaatiinis miilla Yesuus irratti gombifamee isa galateeffate; innis nama Samaariyaa ture.
17 In response Jesus said, “Were not ten cleansed? Where then are the other nine?
Yesuusis akkana jedhee gaafate; “Kurnanuu qulqullaaʼaniiru mitii? Yoos warri hafan sagallan eessa dhaqan?
18 Were there none found who came back to give glory to God except this foreigner?”
Nama ormaa kana malee namni deebiʼee Waaqaaf galata galchu tokko iyyuu hin argamnee?”
19 Then he said to the man, “Rise and go on yoʋr way; yoʋr faith has healed yoʋ.”
Yesuusis, “Kaʼii deemi; amantiin kee si fayyiseeraatii” jedheen.
20 At one point Jesus was asked by the Pharisees when the kingdom of God was coming, so he answered them, “The kingdom of God does not come with observable signs,
Fariisonnis mootummaan Waaqaa yoom akka dhufu Yesuusin gaafatan; innis akkana jedhee deebiseef; “Mootummaan Waaqaa namatti mulʼachaa hin dhufu;
21 nor will people say, ‘Behold, here it is!’ or, ‘Behold, there it is!’ For behold, the kingdom of God is within you.”
namoonnis, ‘Mootummaan Waaqaa kunoo as jira’ yookaan ‘Kuunnoo achi jira’ hin jedhan; mootummaan Waaqaa isin gidduu jiraatii.”
22 Then he said to the disciples, “The days will come when you will long to see one of the days of the Son of Man, but you will not see it.
Innis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Yeroon isin itti guyyoota Ilma Namaa keessaa isa tokko arguu hawwitan ni dhufa; garuu hin argitan.
23 People will say to you, ‘Behold, here he is!’ or, ‘Behold, there he is!’ Do not go off with them or run after them,
Namoonni, ‘Inni kuunnoo achi jira!’ yookaan ‘Kunoo as jira’ isiniin jedhu; isin garuu hin dhaqinaa; isaan duukaas hin buʼinaa.
24 for just as lightning flashes from one part of the sky and shines to the other, so will the Son of Man be in his day.
Ilmi Namaa guyyaa isaatti akkuma balaqqeessi balaqqeessaʼee gama tokkoo hamma gama kaaniitti samii ibsuu ni taʼaatii.
25 But first he must suffer many things and be rejected by this generation.
Inni garuu duraan dursee akka malee dhiphachuu fi dhaloota kanaan tuffatamuu qaba.
26 Just as it was in the days of Noah, so will it be in the days of the Son of Man.
“Akkuma bara Nohi taʼe sana, yeroo Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa.
27 People were eating and drinking, marrying and being given in marriage, until the day when Noah went into the ark, and the flood came and destroyed them all.
Hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. Bishaan badiisaas dhufee hunda isaanii balleesse.
28 It will be the same as it was in the days of Lot. People were eating and drinking, buying and selling, planting and building.
“Bara Looxis akkasuma ture; namoonni nyaachaa, dhugaa, bitachaa, gurgurachaa, biqiltuu dhaabbachaa, manas ijaarrachaa turan.
29 But on the day when Lot went out from Sodom, fire and sulfur rained down from heaven and destroyed them all.
Guyyaa Looxi Sodoomii baʼetti garuu ibiddii fi dinyiin samii irraa roobee hunda isaanii balleesse.
30 So will it be on the day when the Son of Man is revealed.
“Guyyaa Ilmi Namaa mulʼatuttis akkasuma taʼa.
31 On that day, he who is on the housetop and whose goods are in the house must not come down to get them. Likewise, he who is in the field must not turn back.
Guyyaa sana namni bantii manaa irra jiru kan mana keessaa miʼa qabu miʼa sana fudhachuuf gad buʼuu hin malu. Akkasuma immoo namni lafa qotiisaa keessa jiru tokko iyyuu waan tokkoof illee manatti hin deebiʼin.
32 Remember Lot's wife.
Niitii Looxi yaadadhaa!
33 Whoever seeks to save his life will lose it, but whoever loses his life will preserve it.
Namni lubbuu isaa eeggachuu yaalu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni turfata.
34 I tell you, on that night two people will be in one bed; one will be taken and the other will be left.
Ani isinittin hima; halkan sana namoonni lama siree tokko irra ni rafu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.
35 Two women will be grinding grain together; one will be taken and the other will be left.”
Dubartoonni lama walii wajjin midhaan daaku; isheen tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti. [
Namoonni lama lafa qotiisaa keessa jiru; tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.”]
37 Then the disciples said to him in response, “Where, Lord?” He said to them, “Where the body is, there the vultures will be gathered together.”
Isaanis, “Yaa Gooftaa, eessatti?” jedhanii gaafatan. Innis, “Iddoo raqni jirutti gogocorroowwan walitti qabamu” jedhee deebiseef.

< Luke 17 >