< Isaiah 37 >

1 And it came to pass, when King Hezekiah heard it, that he rent his clothes, —and covered himself with sackcloth, and entered the house of Yahweh;
Hisqiyaas mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti, uffata isaa tarsaasee wayyaa gaddaas uffatee mana qulqullummaa Waaqayyoo seene.
2 and sent Eliakim who was over the household and Shebna the scribe and the elders of the priests, covered with sackcloth, —unto Isaiah the prophet, Son of Amoz;
Innis Eliiyaaqiim bulchaa masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaa fi luboota dura buʼoota hundi isaanii wayyaa gaddaa uffatan Isaayyaas raajicha ilma Amoos sanatti erge.
3 and they said unto him, Thus, saith Hezekiah, A day of distress and rebuke and reviling, is this day, —For children are come to the birth, and, strength, is there none to bring forth.
Isaanis akkana jedhanii isatti himan; “Hisqiyaas akkana jedha: Guyyaan kun akkuma yeroo daaʼimni tokko dhalachuu gaʼee garuu dubartiin humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduutti guyyaa lubbamuu, kan dheekkamsaatii fi kan salphinaa ti.
4 It may be, that Yahweh thy God will hear the words of Rabshakeh whom the king of Assyria his lord, hath sent to reproach a Living God, and will rebuke the words which Yahweh thy God hath heard, —Wherefore lift thou up a prayer, for the remnant that remaineth.
Waaqayyo Waaqni kee dubbii ajajaa waraanaa kan gooftaan isaa mootichi Asoor akka inni Waaqa jiraataatti qoosuuf erge sanaa dhagaʼee dubbii Waaqayyo Waaqni kee dhagaʼe sanaaf jedhee isatti dheekkama taʼa. Kanaafuu ati hambaawwan hamma ammaatti jiraniif kadhadhu.”
5 So the servants of King Hezekiah came unto Isaiah.
Yommuu qondaaltonni Hisqiyaas Mootichaa gara Isaayyaas dhufanitti,
6 And Isaiah said unto them, Thus, shall ye, surely say, unto your lord, —Thus, saith Yahweh—Be not thou afraid because of the words which thou hast heard, wherewith the servants of the king of Assyria have reviled, Me.
Isaayyaas akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa gooftaa keessanitti himaa; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati waan dhageesse jechuunis dubbii garboonni mootii Asoor ittiin na arrabsan sana hin sodaatin.
7 Behold me! about to let go against him a blast of alarm, and when he heareth the report, then will he return to his own country, —and I will cause him to fall by the sword in his own land.
Dhaggeeffadhaa! Ani akka inni oduu wayii dhagaʼee gara biyya ofii isaatti deebiʼuuf hafuura tokko isa keessa nan kaaʼa; achittis akka inni goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.’”
8 So Rabshakeh returned, and found the king of Assyria, warring against Libnah, —for he had heard, that he had broken up from Lachish.
Ajajaan waraanaas yommuu akka mootiin Asoor Laakkiishii baʼee deeme dhagaʼetti, duubatti deebiʼee utuu mootichi Libnaa lolaa jiruu argate.
9 And he heard it reported concerning Tirhakah king of Ethiopia, saying, He hath come forth to fight with thee, —so when he heard it, he sent messengers unto Hezekiah, saying:
Senaaheriibis akka Tiirhaaq mootichi Itoophiyaa sun isa loluuf dhufaa jiru dhagaʼe. Innis yommuu waan kana dhagaʼetti, akkana jedhee Hisqiyaasitti ergamoota erge:
10 Thus, shall ye surely speak unto Hezekiah king of Judah, saying, Let not thy God, in whom, thou, art trusting, beguile thee, saying, —Jerusalem, shall not be given over, into the hand of the king of Assyria.
“Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin akkana jedhaa: Waaqni ati abdattu sun, ‘Yerusaalem dabarfamtee harka mootii Asooritti hin kennamtu’ jedhee si hin gowwoomsin.
11 Lo! thou, thyself, hast heard what the kings of Assyria have done to all the lands in devoting them to destruction, —and shalt, thou, be delivered?
Ati waan mootonni Asoor guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaan biyyoota hunda godhan dhageesseerta. Ati immoo ni haftaa ree?
12 Did the gods of the nations, deliver them, whom my fathers destroyed, —Gozan, and Haran, —and Rezeph, and the sons of Eden, who were in Telassar?
Waaqonni saboota abbootiin koo barbadeessan sanaa jechuunis waaqonni Goozaan, waaqonni Kaaraan, waaqonni Rezefii fi waaqonni namoota Eden kanneen Telaasaar keessa turan sanaa isaan oolchaniiruu?
13 Where are the king of Hamath, and the king of Arpad, and the king of the city of Sepharvaim, —of Hena, and Ivvah?
Mootiin Hamaati yookaan mootiin Arfaad eessa jira? Mootiin magaalaa Seefarwaayim, mootiin Heenaa yookaan mootiin Iwaa eessa jira?”
14 And, when Hezekiah had received the letter at the hand of the messengers, and had read it, then went he up to the house of Yahweh, and Hezekiah spread it out, before Yahweh.
Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼee xalayaa sana fuula Waaqayyoo duratti diriirse.
15 And Hezekiah prayed unto Yahweh saying:
Hisqiyaas akkana jedhee Waaqayyoon kadhate:
16 O Yahweh of hosts, God of Israel—inhabiting the cherubim, Thou thyself, art GOD, even thou alone, for all the kingdoms of the earth: Thou, didst make the heavens and the earth.
“Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, Waaqa Israaʼel, kan Kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta.
17 Bow down, O Yahweh, thine ear—and hear, Open, O Yahweh, thine eyes—and see, —Yea hear thou all the words of Sennacherib, who hath sent—to reproach a Living God.
Yaa Waaqayyo, gurra kee as qabiitii dhagaʼi; yaa Waaqayyo, ija kees banadhuu ilaali; dubbii Senaaheriib kan inni Waaqa jiraataa arrabsuuf erge kana hunda dhaggeeffadhu.
18 Of a truth, O Yahweh, —the kings of Assyria have devoted to destruction all the countries, and their land;
“Yaa Waaqayyo, mootonni Asoor uummata kana hundaa fi biyyoota isaanii balleessuun dhugaa dha.
19 and have put their gods in the fire, —for, no-gods, were they, but the work of the hands of men wood and stone and so they destroyed them.
Isaan waaqota jaraa ibiddatti naqanii barbadeessaniiru; waaqonni sun mukaa fi dhagaa harka namaatiin soofaman turan malee waaqota hin turreetii.
20 Now, therefore, O Yahweh our God, save us, out of his hand, —That all the kingdoms of the earth, may know, That, thou, art Yahweh, thou alone.
Kanaafuu yaa Waaqayyo Waaqa keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu akka ati qofti Waaqayyo Waaqa taate beekaniif, harka isaatii nu baasi.”
21 Then Isaiah son of Amoz sent unto Hezekiah saying, —Thus, saith Yahweh, God of Israel, In that thou hast prayed unto me concerning Sennacherib king of Assyria,
Sana booddee Isaayyaas ilmi Amoos akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Sababii ati waaʼee Senaaheriib mooticha Asoor na kadhatteef,
22 this, is the word which Yahweh hath spoken concerning him, —The virgin daughter of Zion, laugheth thee to scorn—mocketh thee, The daughter of Jerusalem after thee doth wag her head,
dubbiin Waaqayyo isaan mormuudhaan dubbate kunoo kanaa dha: “Intalli Xiyoon durbi qulqullittiin si tuffattee sitti qoosti. Intalli Yerusaalem yeroo ati baqattutti mataa ishee sitti raafti.
23 Whom, hast thou reproached and insulted? And, against whom, hast thou lifted high thy voice? Yea thou hast proudly raised thine eyes, against the Holy One of Israel.
Kan ati itti qoostee arrabsite sun eenyu? Ati eenyutti sagalee kee ol fudhattee of tuulummaadhaan ija ol qabatte? Qulqullichuma Israaʼel sanatti mitii!
24 Through thy servants, thou hast reproached My Lord and hast said, —With my multitude of chariots, have I ascended The height of the mountains The recesses of Lebanon, That I may cut down Its tallest cedars Its choicest firs, That I may enter Its highest summit, Its thick garden forest:
Ati karaa ergamoota keetiitiin, Gooftaatti qoosteerta. Ati akkanas jetteerta; ‘Ani gaariiwwan koo hedduudhaan fiixee tulluuwwaniitti, fiixee Libaanoon kan akka malee ol dheeratuttis ol baʼeera. Ani birbirsawwan isaa akka malee dhedheeroo, gaattiraawwan isaa filatamoo sanas ciccireera. Ani fiixeewwan isaa kanneen akka malee ol fagoo, bosonoota akka malee mimmiidhagoo qaqqabeera.
25 I, have digged, and drunk waters, —That I may dry up, with the soles of my feet, all the Nile-streams of Egypt.
Ani biyya ormaatti boolla bishaanii qotadhee achitti bishaan dhugeera. Ani faana miilla kootiin lageen Gibxi hunda gogseera.’
26 Hast thou not heard—That, long ago, that, is what I appointed, And from days of old, devised? Now, have I brought it to pass, That thou mightest Serve to lay waste, in desolate ruins, fortified cities;
“Ati waan kana hin dhageenyee? Bara dheeraan dura anatu waan kana hojjete. Ani bara durii keessa waan kana nan karoorfadhe; amma immoo hojii irra oolfadheera; kunis akka ati magaalaawwan dallaa jabaa qaban diigdee tuullaa dhagaa gootuu dha.
27 And their inhabitants, being powerless, were overthrown and put to shame—They became—Grass of the field and Young herbage, Grass on housetops, and Seed parched before it came up.
Namoonni isaanii humna dhabanii abdii kutataniis qaanaʼan. Isaan akkuma biqiltuu diidaa, akkuma biqiltuu kichuu tokkoo, akkuma marga mana gubbaatti biqilu kan utuu hin guddatin gubatee ti.
28 Howbeit, thine abode and thy coming out and thy going in, I know, —and thy raging against me.
“Ani garuu lafa ati jirtu, yoom akka dhuftuu fi yoom akka deemtu, akka ati akka malee natti aartu illee nan beeka.
29 Because, thy raging against me, and thy contempt, have come up into mine ears, Therefore will I put My ring in thy nose, and My bit in thy lips, And will turn thee back, by the way by which thou camest.
Sababii ati akka malee natti aartee of tuulummaan kees gurra koo seeneef, ani funyaan keetti hokkoo koo, afaan keetti immoo luugama koo kaaʼee akka ati karuma dhufte sanaan deebitu sin godha.
30 And, this unto thee, is the sign, Eating this year, the growth of scattered seeds, And in the second year, that which shooteth up of itself, —Then in the third year, Sow ye—and reap, and Plant ye vineyards, and eat the fruit thereof.
“Yaa Hisqiyaas kun mallattoo siif taʼa: “Isin waggaa kana waan ofumaan biqilu, waggaa lammaffaatti immoo waanuma isa irraa latu nyaattu. Waggaa sadaffaatti garuu facaafadhaa galfadhaa; muka wayiniis dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa.
31 Then shall the escaped of the house of Judah that remain, again, Take root downward, —And bear fruit upward.
Ammas hambaan mootummaa Yihuudaa tokko, jalaan hidda baafatee gubbaan immoo ija naqata.
32 For, out of Jerusalem, shall come forth a remnant, And that which hath escaped, out of Mount Zion, —the jealousy of Yahweh of hosts, will perform, this.
Yerusaalem keessaa hambaan tokko, Tulluu Xiyooniitii immoo gareen warra badiisa jalaa baʼe tokkoo ni dhufa. Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu waan kana ni raawwata.
33 Therefore, thus, saith Yahweh, concerning the king of Assyria, He shall not enter this city, Nor shoot there, an arrow, —Nor attack it with shield, Nor cast up against it a mound:
“Kanaafuu Waaqayyo waaʼee mooticha Asoor akkana jedha: “Inni magaalaa kana hin seenu, yookaan xiyya tokko illee asitti hin darbatu. Inni gaachana qabatee fuula isaa duratti hin dhiʼaatu yookaan tuullaa biyyoo itti hin marsu.
34 By the way that he Came in, By the Same, shall he return, —And into this city, shall he not enter, Declareth Yahweh.
Inni karuma dhufe sanaan ni deebiʼa; magaalaa kanas hin seenu” jedha Waaqayyo.
35 Thus will I throw a covering over this city to save it, —For mine own sake, And for the sake of David my servant.
“Anis sababii ofii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee magaalaa kana nan eega; nan oolchas!”
36 Then went forth the messenger of Yahweh, and smote—in the camp of the Assyrians—a hundred and eighty-five thousand, —and when men arose early in the morning, lo! they were all, dead bodies!
Ergasii ergamaan Waaqayyoo gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture.
37 So Sennacherib the king of Assyria brake up, and went his way, and returned, —and remained in Nineveh.
Kanaafuu Senaaheriib mootichi Asoor qubata sana keessaa baʼee baqate; Nanawweetti deebiʼees achi jiraate.
38 And it came to pass, as he was bowing down in the house of Nisroch his god, that, Adrammelech and Sharezer his sons, smote him with the sword, howbeit, they, escaped into the land of Ararat, —and, Esarhaddon his son, reigned, in his stead.
Gaaf tokko utuu inni mana sagadaa Waaqa isaa Nisrook jedhamuu keessatti waaqeffachaa jiruu ilmaan isaa Adramelekii fi Sharezer goraadeedhaan isa ajjeesanii gara biyya Araaraatitti baqatan. Ilmi isaa Eesarhadoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

< Isaiah 37 >