< Jeremiah 42 >

1 Then all the captains of the forces, and Johanan the son of Kareah, and Jezaniah the son of Hoshaiah, and all the people from the least even unto the greatest, came near,
Ergasii ajajjoonni waraanaa hundi Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi Yezaaniyaa ilma Hooshaʼiyaa dabalatee, namni hundi, xinnaa guddaan dhufanii
2 and said unto Jeremiah the prophet, Let, we pray thee, our supplication be accepted before thee, and pray for us unto the LORD thy God, even for all this remnant; for we are left but a few of many, as thine eyes do behold us:
Ermiyaas raajichaan akkana jedhan; “Maaloo kadhaa keenya dhagaʼiitii hambaa kana hundaaf Waaqayyo Waaqa kee kadhadhu. Nu dur baayʼee turre; amma garuu akkuma ati argitu kana nu nama muraasa qofattu hafe.
3 that the LORD thy God may shew us the way wherein we should walk, and the thing that we should do.
Akka Waaqayyo Waaqni kee gara nu dhaquu qabnuu fi waan nu gochuu qabnu nutti himuuf nuu kadhadhu.”
4 Then Jeremiah the prophet said unto them, I have heard you; behold, I will pray unto the LORD your God according to your words; and it shall come to pass that whatsoever thing the LORD shall answer you, I will declare it unto you; I will keep nothing back from you.
Ermiyaas raajichis, “Ani isin dhagaʼeera; akkuma isin na gaafattan sana ani dhugumaan Waaqayyo Waaqa keessan nan kadhadha. Waan Waaqayyo dubbatu hundas isinitti nan hima; waan tokko illees isin hin dhoksu” jedhee deebise.
5 Then they said to Jeremiah, The LORD be a true and faithful witness amongst us, if we do not even according to all the word wherewith the LORD thy God shall send thee to us.
Jarris Ermiyaasiin akkana jedhan; “Yoo nu akkuma Waaqayyo Waaqni kee akka ati nutti himtuuf si erge sana gochuu baanne Waaqayyo mataan isaa dhuga baatuu dhugaatii fi amanamaa nutti haa taʼu.
6 Whether it be good, or whether it be evil, we will obey the voice of the LORD our God, to whom we send thee; that it may be well with us, when we obey the voice of the LORD our God.
Akka yeroo nu dubbii Waaqayyo Waaqa keenyaatiif ajajamnutti wanni hundi nutti toluuf yoo wanni sun jaallatamaa yookaan jibbamaa taʼe illee nu dubbii Waaqayyo Waaqa keenyaa kan itti si erganne sanaatiif ni ajajamna.”
7 And it came to pass after ten days, that the word of the LORD came unto Jeremiah.
Dubbiin Waaqayyoos guyyaa kudhan booddee gara Ermiyaas dhufe.
8 Then called he Johanan the son of Kareah, and all the captains of the forces which were with him, and all the people from the least even to the greatest,
Kanaafuu inni Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi ajajjoota waraanaa kanneen isa wajjin turan hunda, akkasumas nama xinnaa guddaa hunda walitti waame.
9 and said unto them, Thus saith the LORD, the God of Israel, unto whom ye sent me to present your supplication before him:
Innis akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni isin akka ani iyyata keessan itti isinii dhiʼeessuuf itti na ergitan sun akkana jedha:
10 If ye will still abide in this land, then will I build you, and not pull you down, and I will plant you, and not pluck you up: for I repent me of the evil that I have done unto you.
‘Yoo biyya kana keessa turtan, ani isinan ijaara malee isin hin diigu; ani isinan dhaaba malee isin hin buqqisu; ani badiisa isinitti fide sanaaf gaabbeeraatii.
11 Be not afraid of the king of Babylon, of whom ye are afraid; be not afraid of him, saith the LORD: for I am with you to save you, and to deliver you from his hand.
Mootii Baabilon isa amma sodaattan kana hin sodaatinaa. Ani isin baraaree harka isaatii isin baasuuf isin wajjin jiraatii. Isa hin sodaatinaa, jedha Waaqayyo.
12 And I will grant you mercy, that he may have mercy upon you, and cause you to return to your own land.
Ani akka inni garaa isinii laafee biyya keessanitti isin deebisuuf garaa isiniif nan laafa.’
13 But if ye say, We will not dwell in this land; so that ye obey not the voice of the LORD your God;
“Garuu yoo isin, ‘Nu biyya kana keessa hin turru’ jettanii akkasiin Waaqayyo Waaqa keessaniif ajajamuu diddan,
14 saying, No; but we will go into the land of Egypt, where we shall see no war, nor hear the sound of the trumpet, nor have hunger of bread; and there will we dwell:
amma illee yoo isin, ‘Hin taʼu, nu biyya Gibxi keessa iddoo itti waraana hin argine yookaan malakata hin dhageenye yookaan iddoo itti hin beelofne sana dhaqnee achi jiraanna’ jettan,
15 now therefore hear ye the word of the LORD, O remnant of Judah: thus saith the LORD of hosts, the God of Israel, If ye wholly set your faces to enter into Egypt, and go to sojourn there;
egaa yaa hambaa Yihuudaa, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Yoo isin biyya Gibxitti galuu barbaaddanii achi jiraachuu dhaqxan,
16 then it shall come to pass, that the sword, which ye feel shall overtake you there in the land of Egypt, and the famine, whereof ye are afraid, shall follow hard after you there in Egypt; and there ye shall die.
goraadeen isin sodaattan sun achumatti isin argata; beelli isin sodaattanis hamma Gibxitti isin faana buʼa; isinis achitti dhumtu.
17 So shall it be with all the men that set their faces to go into Egypt to sojourn there; they shall die by the sword, by the famine, and by the pestilence: and none of them shall remain or escape from the evil that I will bring upon them.
Dhugumaan warri biyya Gibxitti galanii achi qubachuu barbaadan hundi goraadeen, beelaa fi dhaʼichaan dhumu; isaan keessaa namni badiisa ani isaanitti fidu jalaa baʼu yookaan miliqu tokko iyyuu hin jiru.’
18 For thus saith the LORD of hosts, the God of Israel; As mine anger and my fury hath been poured forth upon the inhabitants of Jerusalem, so shall my fury be poured forth upon you, when ye shall enter into Egypt: and ye shall be an execration, and an astonishment, and a curse, and a reproach; and ye shall see this place no more.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Akkuma aariin koo fi dheekkamsi koo warra Yerusaalem keessa jiraatan irratti dhangalaʼe sana, yoo isin biyya Gibxitti galtan dheekkamsi koo isin irratti ni dhangalaʼa. Isinis waan abaarsaa, waan sodaa, waan yakkaatii fi waan fafaa ni taatu; iddoo kana illee gonkumaa deebitanii hin argitan.’
19 The LORD hath spoken concerning you, O remnant of Judah, Go ye not into Egypt: know certainly that I have testified unto you this day.
“Yaa hambaa Yihuudaa Waaqayyo, ‘Biyya Gibxi hin dhaqinaa’ isiniin jedheera. Waan kana qalbeeffadhaa: Ani harʼa isin akeekkachiisaatii;
20 For ye have dealt deceitfully against your own souls; for ye sent me unto the LORD your God, saying, Pray for us unto the LORD our God; and according unto all that the LORD our God shall say, so declare unto us, and we will do it:
Isin gaafa ‘Waaqayyo Waaqa keenya nuu kadhadhu; waan inni dubbate hundas nutti himi; nus ni ajajamnaaf’ jettanii gara Waaqayyo Waaqa keessanii na ergitan sana balleessaa guddaa hojjettan.
21 and I have this day declared it to you; but ye have not obeyed the voice of the LORD your God in any thing for the which he hath sent me unto you.
Ani harʼa isinitti himeera; isin garuu waan inni akka ani isinitti himuuf na erge sana hundaan Waaqayyo Waaqa keessaniif hin ajajamne.
22 Now therefore know certainly that ye shall die by the sword, by the famine, and by the pestilence, in the place whither ye desire to go to sojourn there.
Kanaafuu isin amma waan kana qalbeeffadhaa: Isin iddoo jiraachuu dhaquu feetan sana keessatti goraadeen, beelaa fi dhaʼichaan ni dhumtu.”

< Jeremiah 42 >