< Isaiah 22 >

1 The burden of the valley of vision. What aileth thee now, that thou art wholly gone up to the housetops?
Raajii waaʼee Sulula Mulʼataa: Amma maaltu isin rakkisee isin hundi fiixee manaatti ol baatan?
2 O thou that art full of shoutings, a tumultuous city, a joyous town; thy slain are not slain with the sword, neither are they dead in battle.
Yaa magaalaa wacaan guutamte, yaa magaalaa jeeqamtuu fi fandalaltuu, namoonni si jalaa qalaman goraadeedhaan hin ajjeefamne yookaan waraana keessatti hin dhumne.
3 All thy rulers fled away together, they were bound by the archers: all that were found of thee were bound together, they fled afar off.
Hooggantoonni kee hundi walumaan baqatan; isaan utuma xiyya hin darbatin qabaman. Isin utuma diinni fagoo jiruu baqattan iyyuu warri qabamtan hundi walumaan mana hidhaatti galfamtaniirtu.
4 Therefore said I, Look away from me, I will weep bitterly; labour not to comfort me, for the spoiling of the daughter of my people.
Kanaafuu ani, “Ana irraa garagalaa; ani hiqqifadhee nan booʼa. Badiisa saba koo irratti na jajjabeessuu hin yaalinaa” nan jedhe.
5 For it is a day of discomfiture, and of treading down, and of perplexity, from the Lord, the LORD of hosts, in the valley of vision; a breaking down of the walls, and a crying to the mountains.
Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Sulula Mulʼataa keessatti, guyyaa jeequmsaa, dhidhiitamuutii fi burjaajii, akkasumas guyyaa itti dallaa diiguutii fi tulluuwwanittis iyyuu qaba.
6 And Elam bare the quiver, with chariots of men [and] horsemen; and Kir uncovered the shield.
Eelaam manʼee xiyyaa qabattee gaariiwwanii fi abbootii fardaa fudhattee baati; Qiiris gaachana ishee qabatti.
7 And it came to pass, that thy choicest valleys were full of chariots, and the horsemen set themselves in array at the gate.
Sululawwan kee filatamoon gaariiwwaniin guutamaniiru; abbootiin fardaas karra magaalattii irratti ramadamaniiru.
8 And he took away the covering of Judah; and thou didst look in that day to the armour in the house of the forest.
Gooftaan ittisa Yihuudaa irraa mulqeera. Atis gaafas miʼa lolaa kan Masaraa Bosonaa keessa jiru sana abdatta.
9 And ye saw the breaches of the city of David, that they were many: and ye gathered together the waters of the lower pool.
Dallaan Magaalaa Daawit karaa baayʼee akka urame argitaniirtu; Haroo Gad aanaa keessattis bishaan kuufattaniirtu.
10 and ye numbered the houses of Jerusalem, and ye brake down the houses to fortify the wall.
Isin manneen Yerusaalem lakkooftan; dallaa ishee dhagaa jabeessuuf jettaniis manneen sana diigdan.
11 ye made also a reservoir between the two walls for the water of the old pool: but ye looked not unto him that had done this, neither had ye respect unto him that fashioned it long ago.
Bishaan Haroo Moofaatiif dallaa lamaan gidduutti kuusaa bishaanii tolchitan; garuu isin gara Isa waan sana hojjetee hin ilaalle; yookaan Isa bara dheeraan dura waan sana karoorseef ulfina hin kennine.
12 And in that day did the Lord, the LORD of hosts, call to weeping, and to mourning, and to baldness, and to girding with sackcloth:
Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, akka ati boossee wawwaattuuf, akka ati rifeensa mataa keetii of irraa cirtee wayyaa gaddaa uffatuuf guyyaa sana si waame.
13 and behold, joy and gladness, slaying oxen and killing sheep, eating flesh and drinking wine: let us eat and drink, for tomorrow we shall die.
Qooda kanaa garuu gammachuu fi fandalaluu, loon gorraʼuu fi hoolota qaluu, foon nyaachuu fi daadhii wayinii dhuguutu jira! Isin, “Kottaa ni nyaannaa; ni dhugnas; bor ni duunaatii!” jettu.
14 And the LORD of hosts revealed himself in mine ears, Surely this iniquity shall not be purged from you till ye die, saith the Lord, the LORD of hosts.
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu utuma gurri koo dhagaʼuu waan kana naa ibse: “Hamma guyyaa duʼa keessaniitti cubbuun kun isin irraa hin haqamu” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
15 Thus saith the Lord, the LORD of hosts, Go, get thee unto this treasurer, even unto Shebna, which is over the house, [and say],
Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Dhaqiitii itti gaafatamaa kanaan, Shebnaa, bulchaa masaraa mootummaatiin akkana jedhi:
16 What doest thou here? and whom hast thou here, that thou hast hewed thee out here a sepulchre? hewing him out a sepulchre on high, graving an habitation for himself in the rock!
Ati maal asii hojjetta? Akka ati iddoo kanatti iddoo awwaalaa qopheeffattu, akka iddoo ol kaʼaa irratti boolla awwaala keetii qotattu, akka kattaa keessatti iddoo boqonnaa keetii tolchattu eenyutu eeyyama siif kenne?
17 Behold, the LORD will hurl thee away violently as a [strong] man; yea, he will wrap thee up closely.
“Yaa nama jabaa kunoo, Waaqayyo jabeessee qabee si darbachuuf jira.
18 He will surely turn and toss thee like a ball into a large country; there shalt thou die, and there shall be the chariots of thy glory, thou shame of thy lord’s house.
Inni akkuma kubbaa furuursee biyya balʼaa tokko keessa si buusa. Yaa salphina mana gooftaa keetii, ati achitti duuta; gaariiwwan kee mimmiidhagoonis achitti hafu!
19 And I will thrust thee from thine office, and from thy station shall he pull thee down.
Ani aangoo kee irraa sin buusa; atis taayitaa kee irraa ni ariʼamta.
20 And it shall come to pass in that day, that I will call my servant Eliakim the son of Hilkiah:
“Ani gaafas garbicha koo Eliiyaaqiimin ilma Hilqiyaa nan waama.
21 and I will clothe him with thy robe, and strengthen him with thy girdle, and I will commit thy government into his hand: and he shall be a father to the inhabitants of Jerusalem, and to the house of Judah.
Ani uffata kee isatti nan uffisa; sabbata kee mudhii isaatti nan hidha; aangoo kees dabarsee isaaf nan kenna. Inni warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi mana Yihuudaatiif abbaa ni taʼa.
22 And the key of the house of David will I lay upon his shoulder; and he shall open, and none shall shut; and he shall shut, and none shall open.
Ani furtuu mana Daawit gatiittii isaa irra nan kaaʼa; waan inni banu namni tokko iyyuu cufuu hin dandaʼu; waan inni cufus namni tokko iyyuu banuu hin dandaʼu.
23 And I will fasten him as a nail in a sure place; and he shall be for a throne of glory to his father’s house.
Ani akkuma fannoo waa itti fannisan tokkootti iddoo jabaa irra isa nan dhaaba; innis mana abbaa isaatiif teessoo ulfinaa ni taʼa.
24 And they shall hang upon him all the glory of his father’s house, the offspring and the issue, every small vessel, from the vessels of cups even to all the vessels of flagons.
Isaanis kabaja mana abbaa isaa hunda, ijoollee isaatii fi ijoollee ijoollee isaa, miʼa xixinnaa kan waciitiidhaa jalqabee hamma okkoteetti jiru hunda isatti fannisu.”
25 In that day, saith the LORD of hosts, shall the nail that was fastened in a sure place give way; and it shall be hewn down, and fall, and the burden that was upon it shall be cut off; for the LORD hath spoken it.
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Gaafas qofoon iddoo jabaa dhaabame sun ni buqqaʼa; muramee lafa buʼa; baʼaan isatti fannifame sun harcaʼee caccaba.” Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.

< Isaiah 22 >