< 2 Chronicles 17 >

1 And Jehoshaphat his son reigned in his stead, and strengthened himself against Israel.
Yehooshaafaax ilmi Aasaa iddoo abbaa isaa mootii taʼe; Israaʼelittis ni cime.
2 And he placed forces in all the fenced cities of Judah, and set garrisons in the land of Judah, and in the cities of Ephraim, which Asa his father had taken.
Innis magaalaawwan Yihuudaa kanneen jabeeffamanii ijaaraman hunda keessa loltoota ni qubachiise; Yihuudaa fi magaalaawwan Efreem kanneen abbaan isaa Aasaan qabatee ture keessas loltoota magaalaa eegan ni kaaʼe.
3 And the LORD was with Jehoshaphat, because he walked in the first ways of his father David, and sought not unto the Baalim;
Sababii Yehooshaafaax bara dargaggummaa isaa keessa karaa abbaan isaa Daawit jiraachaa ture irra deddeebiʼeef Waaqayyo isa wajjin ture. Inni Baʼaal duukaa hin buune;
4 but sought to the God of his father, and walked in his commandments, and not after the doings of Israel.
waan Israaʼeloonni hojjetan duukaa buʼuu dhiisee Waaqa abbootii isaa duukaa buʼuudhaan ajaja isaa ni eege.
5 Therefore the LORD stablished the kingdom in his hand; and all Judah brought to Jehoshaphat presents; and he had riches and honour in abundance.
Waaqayyos harka isaa jalatti mootummaa cimsee ni dhaabe; akka inni qabeenyaa fi ulfina guddaa qabaatuufis Yihuudoonni hundi Yehooshaafaaxiif kennaa fidaa turan.
6 And his heart was lifted up in the ways of the LORD: and furthermore he took away the high places and the Asherim out of Judah.
Garaan isaas karaa Waaqayyootiif banamaa ture; kana malees iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatii fi siidaawwan Aasheeraa Yihuudaa keessaa ni balleesse.
7 Also in the third year of his reign he sent his princes, even Ben-hail, and Obadiah, and Zechariah, and Nethanel, and Micaiah, to teach in the cities of Judah;
Bara mootummaa isaa keessaa waggaa sadaffaatti akka isaan magaalaawwan Yihuudaa keessatti barsiisaniif qondaaltota isaa jechuunis Ben-Haayil, Obaadiyaa, Zakkaariyaas, Naatnaaʼelii fi Miikaayaasin ni erge.
8 and with them the Levites, even Shemaiah, and Nethaniah, and Zebadiah, and Asahel, and Shemiramoth, and Jehonathan, and Adonijah, and Tobijah, and Tob-adonijah, the Levites; and with them Elishama and Jehoram, the priests.
Lewwonni tokko tokko isaan wajjin turan; jarris: Shemaaʼiyaa, Netaaniyaa, Zebaadiyaa, Asaaheel, Shemiiraamoot, Yoonaataan, Adooniyaa, Xoobbiyyahuu fi Xoob-Adooniyaa feʼa. Luboonni immoo Eliishaamaa fi Yehooraam turan.
9 And they taught in Judah, having the book of the law of the LORD with them; and they went about throughout all the cities of Judah, and taught among the people.
Isaanis Kitaaba Seera Waaqayyoo fuudhanii deemanii guutummaa Yihuudaa keessatti ni barsiisan; magaalaawwan Yihuudaa hunda keessas deemanii saba ni barsiisan.
10 And the fear of the LORD fell upon all the kingdoms of the lands that were round about Judah, so that they made no war against Jehoshaphat.
Sababii sodaachisni Waaqayyoo mootummoota biyyoota naannoo Yihuudaa jiran irra buʼeef isaan Yehooshaafaax wajjin wal hin lolle.
11 And some of the Philistines brought Jehoshaphat presents, and silver for tribute; the Arabians also brought him flocks, seven thousand and seven hundred rams, and seven thousand and seven hundred he-goats.
Filisxeemonni tokko tokko kennaawwanii fi meetii akka gibiraatti fidanii Yehooshaafaaxiif ni kennan; Araboonni immoo bushaayee jechuunis korbeeyyii hoolaa kuma torbaa fi dhibba torbaa fi korbeeyyii reʼee kuma torbaa fi dhibba torba fidaniif.
12 And Jehoshaphat waxed great exceedingly; and he built in Judah castles and cities of store.
Yehooshaafaaxis ittuma caalchisee jabaachaa ni deeme; Yihuudaa keessattis daʼannoowwanii fi magaalaawwan miʼa itti kuusan ni ijaare;
13 And he had many works in the cities of Judah; and men of war, mighty men of valour, in Jerusalem.
inni mankuusaalee baayʼee magaalaawwan Yihuudaa keessaa qaba ture. Loltoota muuxannoo qabanis Yerusaalem keessa turse.
14 And this was the numbering of them according to their fathers’ houses: of Judah, the captains of thousands; Adnah the captain, and with him mighty men of valour three hundred thousand:
Haalli isaan itti maatii maatiidhaan hiriiranis kana: Yihuudaa keessaa ajajjoota gareewwanii 1,000: Adinaahi ajajjichi loltoota 300,000 wajjin;
15 and next to him Jehohanan the captain, and with him two hundred and fourscore thousand:
isatti aanee Yehohaanaan ajajjichi loltoota 280,000 wajjin;
16 and next to him Amasiah the son of Zichri, who willingly offered himself unto the LORD; and with him two hundred thousand mighty men of valour:
isatti aanee immoo Amaasiyaa ilma Zikrii kan tajaajila Waaqayyootiif jedhee of kenne loltoota 200,000 wajjin.
17 And of Benjamin; Eliada a mighty man of valour, and with him two hundred thousand armed with bow and shield:
Gosa Beniyaam keessaa: Eliyaadaan loltuun jabaan sun loltoota xiyyaa fi gaachana qabatan 200,000 wajjin;
18 and next to him Jehozabad, and with him an hundred and fourscore thousand ready prepared for war.
isatti aanee immoo Yehoozaabaad namoota lolaaf qophaaʼan 180,000 wajjin hiriire.
19 These were they that waited on the king, beside those whom the king put in the fenced cities throughout all Judah.
Isaan kunneen namoota inni magaalaawwan guutummaa Yihuudaa keessatti jabeeffamanii ijaaraman keessa qubachiiseen alatti warra mooticha tajaajilaa turanii dha.

< 2 Chronicles 17 >