< Luke 24 >

1 But on the first day of the week, at early dawn, they came to the tomb, bringing the spices which they had prepared.
Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii, dubartoonni sun urgooftuu qopheessan sana fudhatanii gara awwaalaa dhaqan.
2 They found the stone rolled away from the tomb.
Isaanis dhagaa sana balbala awwaalaa irraa gara galfamee argan;
3 They entered in, and did not find the body of the Lord Jesus.
yommuu seenanitti garuu reeffa Gooftaa Yesuus hin arganne.
4 It happened, while they were greatly perplexed about this, look, two men stood by them in dazzling clothing.
Utuma isaan waaʼee kanaa dinqisiifachaa jiranuu, namoonni uffata caccalaqqisaa uffatan lama isaan bira dhadhaabatan.
5 Becoming terrified, they bowed their faces down to the earth. They said to them, "Why do you seek the living among the dead?
Dubartoonni sunis sodaatanii mataa buusanii lafa ilaalan; namoonni sun garuu akkana isaaniin jedhan; “Isin maaliif warra duʼan keessa isa jiraataa barbaaddu?
6 He is not here, but is risen. Remember what he told you when he was still in Galilee,
Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa.
7 saying that the Son of Man must be delivered up into the hands of sinful men, and be crucified, and the third day rise again?"
‘Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama; ni fannifama; guyyaa sadaffaatti immoo ni kaafama’ jedhee tureetii.”
8 Then they remembered his words.
Dubartoonnis dubbii isaa yaadatan.
9 And returning from the tomb, they told all these things to the eleven and to all the rest.
Isaanis yommuu iddoo awwaalaatii deebiʼanitti waan kana hunda barattoota kudha tokkottii fi namoota hafan hundatti himan.
10 Now they were Mary Magdalene and Joanna and Mary the mother of James and the other women with them who told these things to the apostles.
Warri waan kana ergamootatti himanis Maariyaam ishee Magdalaa, Yohaanaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi dubartoota biraa warra isaan wajjin turanii dha.
11 These words seemed to them to be nonsense, and they did not believe them.
Isaan garuu sababii dubbichi oduu sobaa itti fakkaateef dubartoota sana hin amanne.
12 But Peter got up and ran to the tomb. Stooping and looking in, he saw the strips of linen by themselves, and he departed to his home, wondering what had happened.
Taʼus Phexros kaʼee gara awwaala sanaatti fiige. Yommuu gad jedhee ilaalettis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qofa arge; innis waan arge sana dinqifachaa deebiʼe.
13 And look, two of them were going that very day to a village named Emmaus, which was about seven miles from Jerusalem.
Guyyuma sana isaan keessaa namoonni lama ganda Emaaʼuus jedhamu dhaqaa turan; Emaaʼuusis Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira kudha tokkoo fagaata.
14 They talked with each other about all of these things which had happened.
Isaanis waaʼee waan taʼe sana hundaa walitti dudubbachaa turan.
15 It happened, while they talked and questioned together, that Jesus himself came near, and went with them.
Utuma isaan walitti dudubbachaa fi wajjin haasaʼaa jiranuus Yesuus mataan isaa itti dhiʼaatee isaan wajjin deemuu jalqabe.
16 But their eyes were kept from recognizing him.
Garuu akka isaan isa hin hubanneef iji isaanii qabamee ture.
17 And he said to them, "What are these words that you are exchanging with each other as you walk?" And they stood still, looking sad.
Innis, “Wanni isin dudubbachaa deemtan kun maali?” jedhee isaan gaafate. Isaanis gaddanii achuma dhadhaabatan.
18 One of them, named Cleopas, answered him, "Are you the only stranger in Jerusalem who does not know the things which have happened there in these days?"
Isaan keessaa namichi Qileyoophaa jedhamu tokko immoo deebisee, “Waan gidduu kana achitti taʼe kan hin beekne ati Yerusaalemiif keessummaadhaa?” jedheen.
19 He said to them, "What things?" They said to him, "The things concerning Jesus, the Nazarene, a man who was a prophet mighty in deed and word before God and all the people;
Innis, “Maal faatu taʼe?” jedhee gaafate. Isaanis deebisanii akkana jedhan, “Waaʼee Yesuus nama Naazreeti; inni raajii ture; fuula Waaqaatii fi fuula nama hundaa durattis dubbii fi hojiidhaan jabaa ture.
20 and how the chief priests and our rulers delivered him up to be condemned to death, and crucified him.
Luboonni hangafoonnii fi bulchitoonni keenya akka duuti itti muramuuf dabarsanii isa kennan; isa fannisanis.
21 But we were hoping that it was he who would redeem Israel. Yes, and besides all this, it is now the third day since these things happened.
Nu garuu namni Israaʼelin furu isa jennee abdannee turre. Kana irratti immoo erga wanni kun hundi taʼee harʼa guyyaa sadaffaa dha.
22 Also, certain women of our company amazed us, having arrived early at the tomb;
Akkasumas dubartoota keenya keessaa tokko tokko nu dinqisiisaniiru; isaanis barii barraaqaan gara awwaala sanaa dhaqanii,
23 and when they did not find his body, they came saying that they had also seen a vision of angels, who said that he was alive.
reeffa isaa achii dhaban. Dubartoonni sunis deebiʼanii akka ergamoonni isaanitti mulʼatanii, Yesuus jiraataa taʼuu isaa isaanitti himan nutti odeessan.
24 Some of us went to the tomb, and found it just like the women had said, but they did not see him."
Warra nu wajjin turan keessaas namoonni tokko tokko gara awwaalaa dhaqanii akka wanni sun akkuma dubartoonni nutti odeessan sana taʼe argan; isa garuu hin argine.”
25 Then he said to them, "O foolish ones, and slow of heart to believe in all that the prophets have spoken.
Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin yaa warra hin hubannee fi warra waan raajonni dubbatan hunda amanuuttis mataa jabaattan!
26 Did not the Christ have to suffer these things and to enter into his glory?"
Kiristooswaan kana hundaan dhiphatee ergasii immoo ulfina isaatti galuu hin qabu turee?”
27 Beginning from Moses and from all the prophets, he explained to them in all the Scriptures the things concerning himself.
Innis Musee fi raajota hunda irraa jalqabee waan Katabbiiwwan Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbatame isaaniif ibse.
28 They drew near to the village, where they were going, and he acted like he would go further.
Yommuu ganda dhaqaa turan sanatti dhiʼaatanittis Yesuus waan darbee deemu of fakkeesse.
29 They urged him, saying, "Stay with us, for it is almost evening, and the day is almost over." He went in to stay with them.
Isaan garuu, “Sababii galgalaaʼuu gaʼee fi dukkanaaʼaa jiruuf, nu bira buli” jedhanii jabeessanii isa kadhatan. Innis isaan bira buluuf gore.
30 It happened, that when he had sat down at the table with them, he took the bread and gave thanks. Breaking it, he gave to them.
Innis yommuu isaan wajjin maaddiitti dhiʼaatetti buddeena fuudhee, eebbisee, caccabsees isaaniif kenne.
31 Their eyes were opened, and they recognized him, and he vanished out of their sight.
Iji isaanii ni baname; isas ni beekan; innis ija isaanii duraa dhokate.
32 And they said to one another, "Weren't our hearts burning within us, while he spoke to us along the way, and while he opened the Scriptures to us?"
Isaanis, “Yeroo inni karaatti nu wajjin dubbachaa turee fi yeroo inni Katabbiiwwan Qulqulluu nuu ibsaa ture sana, garaan keenya nu keessatti bobaʼaa hin turree?” jedhanii wal gaafatan.
33 They rose up that very hour, returned to Jerusalem, and found the eleven gathered together, and those who were with them,
Yeruma sanas kaʼanii Yerusaalemitti deebiʼan; achitti immoo barattoota kudha tokkoo fi namoota isaan wajjin turan sana walitti qabamanii argan.
34 saying, "The Lord is risen indeed, and has appeared to Simon."
Warri walitti qabaman sunis, “Dhugumaan Gooftaan duʼaa kaʼeera; Simoonittis mulʼateera” jechaa turan.
35 They related the things that happened along the way, and how he was recognized by them in the breaking of the bread.
Namoonni lamaan sunis waan karaa irratti taʼe hundumaa fi yeroo Yesuus buddeena caccabse sana akkamitti akka isa beekan odeessan.
36 As they said these things, Jesus himself stood among them, and said to them, "Peace be to you."
Utuu isaan waan kana dudubbachaa jiranuu, Yesuus mataan isaa isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa taʼu” jedheen.
37 But they were terrified and filled with fear, and supposed that they had seen a spirit.
Isaan garuu waan ekeraa argan seʼanii naʼan; ni sodaatanis.
38 He said to them, "Why are you troubled? Why do doubts arise in your hearts?
Innis akkana isaaniin jedhe; “Maaliif sodaattu? Mamiinis maaliif garaa keessan keessatti uumama?
39 See my hands and my feet, that it is truly me. Touch me and see, for a spirit does not have flesh and bones, as you see that I have."
Akka anuma mataa koo taʼe mee harka koo fi miilla koo ilaalaa! Qaqqabadhaatii na ilaalaa; ekeraan foonii fi lafee hin qabu; ani garuu akkuma isin argitan kana foonii fi lafee qaba.”
40 When he had said this, he showed them his hands and his feet.
Innis waan kana dubbatee harka isaatii fi miilla isaa isaanitti argisiise.
41 While they still did not believe for joy, and wondered, he said to them, "Do you have anything here to eat?"
Utuma isaan sababii gammachuutii fi sababii dinqifannaatiif amma illee hin amanin, “Isin waan nyaatamu asii qabduu?” jedhee isaan gaafate.
42 And they gave him a piece of a broiled fish.
Isaanis qurxummii waadame kennaniif;
43 And he took it and ate in front of them.
innis fudhatee fuuluma isaanii duratti nyaate.
44 And he said to them, "This is what I told you, while I was still with you, that all things which are written in the Law of Moses, the Prophets, and the Psalms, concerning me must be fulfilled."
Innis, “Yeroo ani isin bira turetti, ‘Wanni seera Musee keessatti, kitaabota raajotaatii fi kitaaba faarfannaa keessatti waaʼee koo barreeffame hundi raawwatamuu qaba’ jedhee isinitti hime sun isa kana” jedheen.
45 Then he opened their minds, that they might understand the Scriptures.
Innis akka isaan Katabbiiwwan Qulqulluu hubataniif qalbii isaanii baneef.
46 He said to them, "Thus it is written, for the Christ to suffer and to rise from the dead the third day,
Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni barreeffame akkana jedha; ‘Kiristoos ni dhiphata; guyyaa sadaffaatti immoo warra duʼan keessaa ni kaʼa;
47 and that repentance leading to forgiveness of sins should be preached in his name to all the nations, beginning at Jerusalem.
maqaa isaatiinis qalbii jijjiirrachuunii fi dhiifamni cubbuu Yerusaalemii jalqabee saba hundatti ni lallabama.’
48 You are witnesses of these things.
Isinis dhuga baatota waan kanaa ti.
49 And look, I send forth the promise of my Father on you. But wait in the city until you are clothed with power from on high."
Kunoo ani waan Abbaan koo waadaa isinii gale sana isiniif nan erga; isin garuu hamma olii humna uffattanitti magaalaa Yerusaalem keessa turaa.”
50 He led them out as far as Bethany, and he lifted up his hands, and blessed them.
Innis achii baasee hamma Biitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lamaanis ol kaafatee isaan eebbise.
51 It happened, while he blessed them, that he departed from them, and was carried up into heaven.
Utuma isaan eebbisaa jiruus isaan dhiisee samiitti ol fudhatame.
52 They worshiped him, and returned to Jerusalem with great joy,
Isaanis isaaf sagadanii gammachuu guddaadhaan Yerusaalemitti deebiʼan.
53 and were continually in the temple, praising and blessing God.
Yeroo hundas mana qulqullummaa keessatti Waaqa galateeffachaa turan.

< Luke 24 >