< Luke 8 >

1 It happened soon afterwards, that he went about through cities and villages, proclaiming and bringing the good news of the Kingdom of God. With him were the twelve,
Yesuusis ergasii wangeela mootummaa Waaqaa lallabaa magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraatti, ganda tokko irraas gara ganda biraatti naannaʼaa ture. Warri Kudha Lamaanis isa wajjin turan;
2 and certain women who had been healed of evil spirits and infirmities: Mary who was called Magdalene, from whom seven demons had gone out;
dubartoonni hafuurota hamoo fi dhibee irraa fayyifaman tokko tokkos isa wajjin turan; isaanis Maariyaam ishee Magdalaa kan hafuuronni hamoon torba ishee keessaa baʼan,
3 and Joanna, the wife of Chuza, Herod's steward; Susanna; and many others; who provided for them from their possessions.
Yohaanaa niitii Kuuzaa isa eegduu mana Heroodis turee, Suusanaa fi dubartoota biraa baayʼee turan. Dubartoonni kunneenis waan qabaniin Yesuusii fi barattoota isaa tajaajilaa turan.
4 When a large crowd came together, and people from every city were coming to him, he spoke by a parable.
Yeroo tuunni guddaan walitti qabamee namoonnis magaalaa gara garaatii gara isaa dhufanitti Yesuus akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime:
5 "The farmer went out to sow his seed. As he sowed, some fell along the road, and it was trampled under foot, and the birds of the sky devoured it.
“Namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe. Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼee irra ejjetame; simbirroonnis nyaatanii fixan.
6 Other seed fell on the rock, and as soon as it grew, it withered away, because it had no moisture.
Kaan immoo lafa kattaa irra buʼe; innis waan jiidha hin qabneef yeroo biqiletti ni goge.
7 Other fell amid the thorns, and the thorns grew with it, and choked it.
Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis biqiltuu sana wajjin guddatee isa hudhe.
8 Other fell into the good ground, and grew, and brought forth fruit one hundred times." As he said these things, he called out, "He who has ears to hear, let him hear."
Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼe. Ni biqile; ijas dachaa dhibba naqate.” Innis yommuu waan kana dubbatetti lallabee, “Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu” jedhe.
9 Then his disciples asked him, "What does this parable mean?"
Barattoonni isaas hiikkaan fakkeenya kanaa maal akka taʼe isa gaafatan.
10 He said, "To you it is given to know the mysteries of the Kingdom of God, but to the rest in parables; that 'seeing they may not see, and hearing they may not understand.'
Innis akkana jedhe; “Icciitii mootummaa Waaqaa beekuun isinii kennameera; warra kaanitti garuu ani fakkeenyaan nan dubbadha; kunis, “‘Akka isaan utuma ilaalanuu hin argineef, utuma dhagaʼanuus, hin hubanneef.’
11 Now the parable is this: The seed is the word of God.
“Hiikkaan fakkeenyichaa kanaa dha: Sanyiin sun dubbii Waaqaa ti.
12 Those along the road are those who hear, then the devil comes, and takes away the word from their heart, that they may not believe and be saved.
Sanyiin karaa irraa sun namoota dubbicha dhagaʼanii garuu akka isaan amananii hin fayyineef diiyaabiloos dhufee dubbicha garaa isaanii keessaa fudhatuu dha.
13 Those on the rock are they who, when they hear, receive the word with joy; but these have no root, who believe for a while, then fall away in time of temptation.
Sanyiin lafa kattaa irraa sunis warra yommuu dubbicha dhagaʼanitti gammachuudhaan fudhatanii dha; isaan garuu hidda hin qaban. Yeroof amanu malee yeroo qorumsaatti ni ganu.
14 That which fell among the thorns, these are those who have heard, and as they go on their way they are choked with cares, riches, and pleasures of life, and bring no fruit to maturity.
Sanyiin qoraattii keessa buʼes warra dubbicha dhagaʼanii dha; isaanis akkuma karaa isaanii itti fufaniin yaaddoo jireenyaatiin, badhaadhummaa fi qananiidhaan hudhamu; hin bilchaatanis.
15 That in the good ground, these are such as in an honest and good heart, having heard the word, hold it tightly, and bring forth fruit with patience.
Sanyiin biyyoo gaarii irraa garuu warra garaa tolaa fi gaariidhaan dubbicha dhagaʼanii jabeessanii qabatanii obsaan ija naqatan argisiisa.
16 "No one, when he has lit a lamp, covers it with a container, or puts it under a bed; but puts it on a stand, that those who enter in may see the light.
“Namni kam iyyuu ibsaa qabsiisee okkotee keessa hin dhoksu yookaan siree jala hin kaaʼu. Qooda kanaa akka warri ol seenan ifa arguu dandaʼaniif baattuu ibsaa irra kaaʼu.
17 For nothing is hidden, that will not be revealed; nor anything secret, that will not be known and come to light.
Wanni dhokfamee utuu hin mulʼifamin hafu, wanni haguugamee utuu hin beekamin hafu yookaan utuu ifatti hin baafamin hafu tokko iyyuu hin jiruutii.
18 So consider carefully how you listen. For whoever has, to him will be given; and whoever does not have, from him will be taken away even that which he thinks he has."
Kanaaf akkamitti akka dhaggeeffattan qalbeeffadhaa. Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne kam iyyuu garuu wanni inni waan qabu of seʼu iyyuu isa irraa fudhatama.”
19 His mother and brothers came to him, and they could not come near him for the crowd.
Haatii fi obboloonni Yesuus isa arguu dhufan; garuu sababii baayʼina namaatiif isa bira gaʼuu hin dandeenye.
20 It was told him by some saying, "Your mother and your brothers stand outside, desiring to see you."
Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si arguu barbaadanii ala dhadhaabatanii jiru” jedhee isatti hime.
21 But he answered them, "My mother and my brothers are these who hear the word of God, and do it."
Innis, “Haati kootii fi obboloonni koo warra dubbii Waaqaa dhagaʼanii hojii irra oolchanii dha” jedhee deebise.
22 Now it happened on one of those days, that he entered into a boat, himself and his disciples, and he said to them, "Let us go over to the other side of the lake." So they launched out.
Gaaf tokko Yesuus barattoota isaatiin, “Kottaa galaana gama ceenaa” jedhe. Kanaafuu isaan bidiruu yaabbatanii qajeelan.
23 But as they sailed, he fell asleep. A wind storm came down on the lake, and they were taking on dangerous amounts of water.
Inni utuu isaan bidiruudhaan deemaa jiranuu hirribni qabee rafe. Bubbeen tokkos galaana sana irratti kaʼee, bidiruun sun bishaaniin guutamuu jalqabe; isaanis balaa guddaa keessa seenan.
24 So they came to him, and awoke him, saying, "Master, master, we are dying." And he awoke, and rebuked the wind and the raging of the water, and they ceased, and it was calm.
Barattoonnis dhaqanii, “Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu dhumuuf jirra!” jedhanii isa dammaqsan. Innis kaʼee bubbee fi bishaan raafamaa ture sana ifate; bubbeen sunis gab jedhe; wanni hundinuus ni tasgabbaaʼe.
25 He said to them, "Where is your faith?" But they were terrified and astonished, saying to one another, "Who is this, then, that he commands even the winds and the water, and they obey him?"
Barattoota isaas, “Amantiin keessan eessa jira?” jedhee gaafate. Isaanis sodaa fi dinqifannaadhaan, “Namichi bubbee fi bishaan illee ajaju kun eenyu? Isaanis ni ajajamuuf” jedhanii wal gaafatan.
26 They arrived at the country of the Gerasenes, which is opposite Galilee.
Isaanis gara biyya Gergeesenoon ishee galaanaan gama fuullee Galiilaatti argamtuutti bidiruudhaan ceʼan.
27 And when he came out onto the land he was met by a certain man from the town who had demons. For a long time he had worn no clothes, and did not live in a house, but in the tombs.
Yommuu Yesuus qarqara galaanaatti buʼettis namichi magaalaa sanaa kan hafuura hamaadhaan qabamee ture tokko isatti dhufe. Namichi kun yeroo dheeraadhaaf uffata hin uffatu ture; awwaala gidduu jiraata malee mana keessa hin jiraatu ture.
28 When he saw Jesus, he shouted, and fell down before him, and with a loud voice said, "What do I have to do with you, Jesus, you Son of the Most High God? I beg you, do not torment me."
Innis yommuu Yesuusin argetti iyyee miilla isaa irratti kufe; sagalee ol fudhatee iyyees, “Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Ani sin kadhadha; na hin dhiphisin!” jedhe.
29 For Jesus was commanding the unclean spirit to come out of the man. For the unclean spirit had often seized the man. He was kept under guard, and bound with chains and fetters. Breaking the bands apart, he was driven by the demon into the desert.
Yesuus akka hafuurri xuraaʼaan sun namicha keessaa baʼu ajajee tureetii. Hafuurri sunis yeroo baayʼee itti kaʼaa ture; namichi sun yoo harkaa fi miilli isaa foncaan hidhamee eegamaa ture iyyuu, hidhaa isaa of irraa kukkutee, hafuura hamaa sanaan gara lafa namni hin jirreetti geeffamaa ture.
30 Jesus asked him, "What is your name?" He said, "Legion," for many demons had entered into him.
Yesuusis, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis sababii hafuuronni hamoon baayʼeen isatti galanii turaniif, “Leegewoon” jedhee deebise.
31 They pleaded with him that he would not command them to go into the abyss. (Abyssos g12)
Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan Qilee keessa buʼan isaan hin ajajneef Yesuusin kadhatan. (Abyssos g12)
32 Now there was there a herd of many pigs feeding on the mountain, and they begged him that he would allow them to enter into those. He allowed them.
Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara irra achi dheedaa ture. Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan booyyeewwan sanatti galaniif isaanii eeyyamu Yesuusin kadhatan; innis ni eeyyameef.
33 The demons came out from the man, and entered into the pigs, and the herd rushed down the steep bank into the lake, and were drowned.
Yommuu hafuuronni hamoon sun namicha keessaa baʼanii booyyeewwanitti galanitti, hoomaan sun ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.
34 When those who fed them saw what had happened, they fled, and told it in the city and in the country.
Warri booyyeewwan tiksan sunis yommuu waan taʼe sana arganitti, baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan;
35 Then people went out to see what had happened. They came to Jesus, and found the man from whom the demons had gone out, sitting at Jesus' feet, clothed and in his right mind; and they were afraid.
namoonnis waan taʼe sana ilaaluu baʼan. Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti namicha hafuuronni hamoon keessaa baʼan sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee miilla Yesuus jala taaʼee argan; ni sodaatanis.
36 Those who saw it told them how he who had been possessed by demons was healed.
Warri waan kana arganii turanis namichi hafuura hamaan qabame sun akkamitti akka fayye namootatti odeessan.
37 All the people of the surrounding region of the Geresenes asked him to leave them, for they were very much afraid; and he entered into the boat and returned.
Kana irratti namoonni biyya Gergeesenoon hundinuu waan sodaadhaan guutamaniif akka Yesuus isaan biraa deemu isa kadhatan. Innis bidiruu yaabbatee achii deeme.
38 But the man from whom the demons had gone out begged him that he might go with him, but Jesus sent him away, saying,
Namichi hafuuronni hamoon keessaa baʼan sun Yesuus wajjin deemuuf isa kadhate; Yesuus garuu akkana jedhee of biraa isa deebise;
39 "Return to your house, and declare what great things God has done for you." He went his way, proclaiming throughout the whole city what great things Jesus had done for him.
“Mana keetti deebiʼiitii wanni Waaqni siif godhe hammam guddaa akka taʼe odeessi.” Namichis dhaqee wanni Yesuus isaaf godhe hammam guddaa akka taʼe magaalaa sana hunda keessatti odeesse.
40 When Jesus returned, the crowd welcomed him, for they were all waiting for him.
Yommuu Yesuus deebiʼetti namoonni baayʼeen isa simatan. Hundi isaanii isa eeggachaa turaniitii.
41 And look, there came a man named Jairus, and he was a ruler of the synagogue. He fell down at Jesus' feet, and pleaded with him to come into his house,
Namichi Yaaʼiiros jedhamu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee miilla Yesuus irratti kufee akka inni mana isaa dhaqu isa kadhate;
42 for he had an only daughter, about twelve years of age, and she was dying. But as he went, the crowds pressed against him.
sababiin isaas intalli isaa tokkittiin, durbi umuriin ishee gara waggaa kudha lamaa taʼu tokko duʼuu geessee turte. Utuu Yesuus deemaa jiruu namoonni qixa hundaan dhiibanii hafuura isa kutuu gaʼan.
43 A woman who had a flow of blood for twelve years (who had spent all her living on physicians) and could not be healed by any,
Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte; garuu namni tokko iyyuu ishee fayyisuu hin dandeenye.
44 came behind him, and touched the fringe of his garment, and immediately the flow of her blood stopped.
Isheenis dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe; dhiigni ishees yommusuma cite.
45 Jesus said, "Who touched me?" When all denied it, Peter and those with him said, "Master, the crowds press and jostle you."
Yesuusis, “Eenyutu na tuqe?” jedhee gaafate. Yommuu hundi isaanii haalanitti Phexros, “Yaa barsiisaa namoonni tuuttaʼanii si dhiibaa jiru” jedhe.
46 But Jesus said, "Someone did touch me, for I perceived that power has gone out of me."
Yesuus garuu, “Namni wayii na tuqeera; ani akka humni na keessaa baʼe nan beekaa” jedhe.
47 When the woman saw that she was not hidden, she came trembling, and falling down before him declared to him in the presence of all the people the reason why she had touched him, and how she was healed immediately.
Dubartittiinis akka utuu hin beekamin deemuu hin dandeenye hubannaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte. Isheenis maaliif akka isa tuqxee fi akkamittis akka yommusuma fayyite namoota sana hunda duratti dubbate.
48 He said to her, "Daughter, your faith has made you well. Go in peace."
Kana irratti inni, “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi” jedheen.
49 While he still spoke, one from the ruler of the synagogue's house came, saying to him, "Your daughter is dead. Do not trouble the Teacher."
Utuu Yesuus dubbachaa jiruus namni tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufee, “Intalli kee duuteerti; ati siʼachi barsiisicha hin rakkisin” jedhe.
50 But Jesus hearing it, answered him, "Do not be afraid. Only believe, and she will be healed."
Yesuus garuu yommuu dhagaʼetti Yaaʼiiroosiin, “Amani malee hin sodaatin; isheen ni fayyitii” jedhe.
51 When he came to the house, he did not allow anyone to enter in with him, except Peter, John, James, the father of the child, and her mother.
Inni yommuu mana Yaaʼiiroos gaʼetti Phexros, Yohannisii fi Yaaqoob akkasumas abbaa fi haadha intalattii malee akka namni tokko iyyuu isa wajjin ol seenu hin eeyyamne.
52 All were weeping and mourning her, but he said, "Do not weep. She is not dead, but sleeping."
Kana irratti namoonni hundinuu isheef wawwaachaa, faarsaas turan. Yesuus garuu, “Hin booʼinaa; isheen ni rafti malee hin duuneetii” jedhe.
53 They were ridiculing him, knowing that she was dead.
Isaan immoo akka isheen duute waan beekaniif isatti kolfan.
54 But he, taking her by the hand, called, saying, "Child, arise."
Inni garuu harka ishee qabee, “Intala ko, kaʼi!” jedhe.
55 Her spirit returned, and she rose up immediately. He commanded that something be given to her to eat.
Hafuurri ishees ni deebiʼe; isheenis yommusuma kaatee dhaabatte. Ergasii Yesuus akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime.
56 Her parents were amazed, but he commanded them to tell no one what had been done.
Abbaa fi haati ishees ni dinqifatan; inni garuu akka isaan waan taʼe sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje.

< Luke 8 >