< Luke 4 >

1 Jesus, full of the Holy Spirit, returned from the Jordan, and was led by the Spirit into the wilderness
Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Yordaanosii kaʼee Hafuuruma sanaan gammoojjiitti geeffame;
2 for forty days, being tempted by the devil. He ate nothing in those days. When they were completed, he was hungry.
achittis guyyaa afurtama diiyaabiloosiin qorame. Innis guyyoota sana keessa homaa hin nyaanne; dhuma irrattis ni beelaʼe.
3 The devil said to him, "If you are the Son of God, command this stone to become bread."
Diiyaabiloosis, “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagaan kun buddeena taʼu ajaji” jedheen.
4 Jesus answered him, saying, "It is written, 'Humankind cannot live by bread alone.'"
Yesuus immoo deebisee, “‘Namni buddeena qofaan hin jiraatu’jedhamee barreeffameera” jedheen.
5 And leading him up to a high mountain, the devil showed him all the kingdoms of the world in a moment of time.
Diiyaabiloosis gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee hamma liphsuu ijaatti mootummoota addunyaa hunda isatti argisiise.
6 The devil said to him, "I will give you all this authority, and their glory, for it has been delivered to me; and I give it to whomever I want.
Akkanas jedheen; “Ani taayitaa isaaniitii fi ulfina isaanii hundumaa siifin kenna; taayitaa fi ulfinni kun waan naa kennameef ani abbaa kennuufii barbaadeef kennuu nan dandaʼa.
7 If you therefore will worship before me, it will all be yours."
Yoo ati naa sagadde, wanni kun hundinuu kan kee taʼa.”
8 Jesus answered and said to him, "It is written, 'You are to worship the Lord your God, and serve him only.'"
Yesuus immoo, “‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi, isuma qofa tajaajili’jedhamee barreeffameera” jedhee deebiseef.
9 He led him to Jerusalem, and set him on the pinnacle of the temple, and said to him, "If you are the Son of God, cast yourself down from here,
Diiyaabiloosis Yerusaalemitti isa geessee, fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, asii gad of darbadhu.
10 for it is written, 'He will put his angels in charge of you, to guard you;'
Akkana jedhamee barreeffameeraatii: “‘Inni akka isaan sirriitti si eeganiif, ergamoota isaa siif ni ajaja;
11 and, 'On their hands they will bear you up, lest perhaps you dash your foot against a stone.'"
isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef, harka isaaniitiin ol si fuudhu.’”
12 And Jesus, answering, said to him, "It is said, 'Do not test the Lord your God.'"
Yesuus immoo deebisee, “‘Waaqa kee Goofticha hin qorin’jedhameera” jedheen.
13 When the devil had completed every temptation, he departed from him until another time.
Diiyaabiloos immoo erga qorumsa kana hunda raawwatee booddee hamma yeroo mijaaʼaa argatutti isa dhiisee deeme.
14 Jesus returned in the power of the Spirit into Galilee, and news about him spread through all the surrounding area.
Yesuus humna Hafuuraatiin Galiilaatti deebiʼe; oduun waaʼee isaas baadiyyaa guutuu keessa faffacaʼe.
15 He taught in their synagogues, being praised by all.
Inni manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa ture; namni hundinuus isa jaje.
16 He came to Nazareth, where he had been brought up. He entered, as was his custom, into the synagogue on the Sabbath day, and stood up to read.
Innis Naazreeti iddoo itti guddate dhaqe; guyyaa Sanbataas akkuma amala isaa mana sagadaa seene. Kitaaba dubbisuufis kaʼee dhaabate;
17 The scroll of the prophet Isaiah was handed to him, and unrolling the scroll, he found the place where it was written,
kitaabni raajicha Isaayyaas isatti kenname. Innis kitaabicha banee kutaa akkana jedhamee barreeffame argate:
18 "The Spirit of the Lord is upon me, because he has anointed me to preach good news to the poor. He has sent me to heal the brokenhearted, to proclaim liberty to the captives, recovering of sight to the blind, to deliver those who are crushed,
“Hafuurri Gooftaa narra jira; akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf, inni na dibeeraatii. Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman, akka warri jaaman argan, akka warri cunqurfamanis bilisa baʼan lallabuuf na ergeera;
19 and to proclaim the acceptable year of the Lord."
inni akka ani bara tola Gooftaa labsuufis na ergeera.”
20 He closed the scroll, gave it back to the attendant, and sat down. The eyes of all in the synagogue were fastened on him.
Innis kitaabicha cufee tajaajiltichatti deebisee kennee taaʼe; warri mana sagadaa sana keessa turan hundinuus xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan.
21 He began to tell them, "Today, this Scripture has been fulfilled in your hearing."
Innis, “Barreeffamni kun harʼa gurra keessanitti raawwatame” isaaniin jechuu jalqabe.
22 All testified about him, and wondered at the gracious words which proceeded out of his mouth, and they said, "Is not this Joseph's son?"
Hundi isaanii waaʼee isaa waan gaarii dubbachaa turan; dubbii ayyaan qabeessa afaan isaatii baʼus ni dinqisiifatan. Isaanis, “Kun ilma Yoosef mitii?” jedhanii gaafatan.
23 He said to them, "Doubtless you will tell me this parable, 'Physician, heal yourself. Whatever we have heard done at Capernaum, do also here in your hometown.'"
Yesuusis, “Akka isin, ‘Yaa abbaa qorichaa, of fayyisi! Waan Qifirnaahomitti hojjechuu kee dhageenye sana as biyya keettis hojjedhu’ jettanii natti mammaaktan ani shakkii hin qabu” isaaniin jedhe.
24 He said, "Truly I tell you, no prophet is acceptable in his hometown.
Innis itti fufee akkana jedhe; “Ani dhuguma isinitti nan hima; raajiin tokko iyyuu iddoo itti dhalatetti fudhatama hin qabu.
25 But truly I tell you, there were many widows in Israel in the days of Elijah, when the sky was shut up three years and six months, when a great famine came over all the land.
Ani dhuguman isiniin jedha; bara Eeliyaas yeroo samiin waggaa sadii fi walakkaa cufamee beelli hamaan buʼeetti haadhota hiyyeessaa baayʼeetu Israaʼel keessa ture.
26 Elijah was sent to none of them, except to Zarephath, in the land of Sidon, to a woman who was a widow.
Taʼus Eeliyaas gara haadha hiyyeessaa magaalaa Saraaphtaa biyya Siidoon keessa jiraattu tokkootti ergame malee haadhota hiyyeessaa sana keessaa gara tokkoo isaaniitti illee hin ergamne.
27 There were many lepers in Israel in the time of Elisha the prophet, yet not one of them was cleansed, except Naaman, the Syrian."
Bara Elsaaʼi raajichaas namoota lamxaaʼan hedduutu Israaʼel keessa ture; garuu Naʼamaan, namicha Sooriyaa tokkicha sana malee warra kaan keessaa namni tokko iyyuu hin qulqulloofne ture.”
28 They were all filled with wrath in the synagogue, as they heard these things.
Namoonni manicha sagadaa keessa turan hundinuu yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aaran.
29 They rose up, threw him out of the city, and led him to the brow of the hill that their city was built on, that they might throw him off the cliff.
Isaanis kaʼanii magaalaa sana keessaa gad isa baasan; gad isa darbachuuf jedhaniis ededa tulluu magaalaan isaanii irratti ijaaramteetti ol isa baasan.
30 But he, passing through the midst of them, went his way.
Inni garuu gidduudhuma isaanii baʼee deeme.
31 He came down to Capernaum, a city of Galilee. He was teaching them on the Sabbath day,
Innis gara Qifirnaahom, magaalaa Galiilaa keessaatti gad buʼe; guyyaa Sanbataas namoota barsiise.
32 and they were astonished at his teaching, for his word was with authority.
Isaanis waan dubbiin isaa taayitaa qabuuf barsiisa isaa ni dinqisiifatan.
33 In the synagogue there was a man who had a spirit of an unclean demon, and he shouted with a loud voice,
Namichi hafuura hamaa xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa keessa ture. Innis sagalee guddaadhaan iyyee akkana jedhe;
34 saying, "Ah. What have we to do with you, Jesus, Nazarene? Have you come to destroy us? I know you who you are — the Holy One of God."
“Uffi! Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!”
35 Jesus rebuked him, saying, "Be silent, and come out of him." When the demon had thrown him down in their midst, he came out of him, having done him no harm.
Yesuus immoo, “Calʼisii isa keessaa baʼi!” jedhee ifate. Hafuurri hamaan sunis isaan hunda duratti namicha kuffisee utuu hin miidhin isa keessaa baʼe.
36 Amazement came on all, and they spoke together, one with another, saying, "What is this word? For with authority and power he commands the unclean spirits, and they come out."
Namoonni hundinuu dinqifatanii, “Maal barsiisni akkanaa! Inni taayitaadhaan, humnaanis hafuurota xuraaʼoo ni ajaja; isaanis ni baʼu” waliin jedhan.
37 News about him went out into every place of the surrounding region.
Oduun waaʼee isaas biyya naannoo sanaa guutuu keessa faffacaʼe.
38 He rose up from the synagogue, and entered into Simon's house. Now Simon's mother-in-law was suffering from a high fever, and they appealed to him about her.
Yesuus mana sagadaatii baʼee mana Simoon dhaqe. Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaa hamaadhaan qabamtee dhiphachaa turte; isaanis akka Yesuus ishee gargaaru isa kadhatan.
39 He stood over her, and rebuked the fever; and it left her. Immediately she rose up and served them.
Innis isheetti gad jedhee, dhagna gubaa sana ifate; dhagna gubaan sunis ishee dhiise. Isheenis yeruma sana kaatee isaan tajaajiluu jalqabde.
40 When the sun was setting, all those who had any sick with various diseases brought them to him; and he laid his hands on every one of them, and healed them.
Namoonnis yeroo aduun lixxetti namoota dhukkuba gosa garaa garaa qaban hunda gara Yesuus fidan; innis tokkoo tokkoo isaanii irra harka isaa kaaʼee isaan fayyise.
41 Demons also came out from many, crying out, and saying, "You are the Son of God." But he rebuked them and did not allow them to speak, because they knew that he was the Christ.
Akkasumas hafuuronni hamoon iyyanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii namoota baayʼee keessaa baʼan. Inni garuu sababii isaan akka inni Kiristoos taʼe beekaniif isaan ifate; akka isaan dubbatanis hin eeyyamneef.
42 When it was day, he departed and went into an uninhabited place, and the crowds looked for him, and came to him, and held on to him, so that he would not go away from them.
Yommuu bariʼettis Yesuus achii baʼee, iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis isa barbaadaa turan; yommuu gara isaa dhufanittis akka inni isaan dhiisee hin deemneef isa dhowwuu yaalan.
43 But he said to them, "I must proclaim the good news of the kingdom of God to the other cities also. For this reason I have been sent."
Inni garuu, “Ani magaalaawwan kaanittis wangeela mootummaa Waaqaa lallabuun qaba; sababiin ani ergameefis kanuma” jedhe.
44 And he was preaching in the synagogues of Galilee.
Innis ittuma fufee manneen sagadaa Yihuudaa keessatti lallabaa ture.

< Luke 4 >