< 2 Kings 22 >

1 Josiah was eight years old when he began to reign; and he reigned thirty-one years in Jerusalem: and his mother's name was Jedidah the daughter of Adaiah of Bozkath.
Yosiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa saddeetii ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa soddomii tokko bulche. Maqaan haadha isaa Yediidaa dha; isheenis intala Adaayaa nama biyya Boozqaatii ti.
2 He did that which was right in the eyes of Jehovah, and walked in all the way of David his father, and did not turn aside to the right hand or to the left.
Inni fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete; utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorinis karaa abbaa isaa Daawit irra deeme.
3 It happened in the eighteenth year of king Josiah, that the king sent Shaphan, the son of Azaliah the son of Meshullam, the scribe, to the house of Jehovah, saying,
Yosiyaas mootichi bara mootummaa isaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti akkana jedhee Shaafaan ilma Azaliyaa ilma Meshulaam barreessaa sana gara mana qulqullummaa Waaqayyootti erge:
4 "Go up to Hilkiah the high priest, that he may melt down the silver which is brought into the house of Jehovah, which the keepers of the threshold have gathered of the people.
“Gara Hilqiyaa lubicha ol aanaatti ol baʼiitii akka inni maallaqa gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidame kan warri balbala eegan namoota irraa walitti qaban sana lakkaaʼu godhi.
5 Let them deliver it into the hand of the workmen who have the oversight of the house of Jehovah; and let them give it to the workmen who are in the house of Jehovah, to repair the breaches of the house,
Maallaqni kunis namoota akka hojii mana qulqullummaa toʼataniif muudamanitti imaanaa haa kennamu. Namoonni kunneen immoo warra mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsaniif jechuunis,
6 to the carpenters, and to the builders, and to the masons, and for buying timber and cut stone to repair the house.
warra muka soofaniif, warra mana ijaaranii fi warra dhagaa soofaniif haa kaffalan. Akkasumas mana qulqullummaa haaromsuuf mukaa fi dhagaa soofame ittiin haa bitan.
7 However there was no accounting made with them of the money that was delivered into their hand; for they dealt faithfully."
Isaan garuu sababii amanamummaadhaan hojjetaniif, maallaqa imaanaa isaanitti kenname sana toʼachuun hin barbaachisu.”
8 Hilkiah the high priest said to Shaphan the scribe, "I have found the scroll of the law in the house of Jehovah." Hilkiah delivered the book to Shaphan, and he read it.
Hilqiyaa lubichi ol aanaan sunis, Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe. Kitaabichas Shaafaanitti kenne; Shaafaan immoo kitaaba sana ni dubbise.
9 Shaphan the scribe came to the king, and brought the king word again, and said, "Your servants have emptied out the money that was found in the house, and have delivered it into the hand of the workmen who have the oversight of the house of Jehovah."
Ergasiis Shaafaan gara mootichaa dhaqee, “Qondaaltonni kee maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture baasanii hojjettootaa fi namoota hojii mana qulqullummaa toʼatanitti imaanaa kennaniiru” jedhee hime.
10 Shaphan the scribe told the king, saying, "Hilkiah the priest has delivered a scroll to me." Shaphan read it before the king.
Shaafaan barreessaan sun, “Hilqiyaa lubichi kitaaba tokko natti kenneera” jedhee mootichatti hime. Shaafaanis fuula mootichaa duratti kitaaba sana dubbise.
11 It happened, when the king had heard the words of the scroll of the law, that he tore his clothes.
Mootichis dubbii Kitaaba Seeraa sana dhageenyaan uffata isaa ni tarsaase.
12 The king commanded Hilkiah the priest, and Ahikam the son of Shaphan, and Achbor the son of Micaiah, and Shaphan the scribe, and Asaiah the king's servant, saying,
Innis ajaja kana Hilqiyaa lubichatti, Ahiiqaam ilma Shaafaanitti, Akboor ilma Miikaayaatti, Shaafaan barreessichaa fi Asaayaa tajaajilaa mootichaatti ni kenne;
13 "Go inquire of Jehovah for me, and for the people, and for all Judah, concerning the words of this scroll that is found; for great is the wrath of Jehovah that is kindled against us, because our fathers have not listened to the words of this scroll, to do according to all that which is written concerning us."
“Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, sabaa fi Yihuudaa hundaaf Waaqayyoon gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii kitaabaa kanaatiif hin ajajaminiif dheekkamsi Waaqayyoo guddaan nutti bobaʼeera; isaan akka waan waaʼee keenya barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.”
14 So Hilkiah the priest, and Ahikam, and Achbor, and Shaphan, and Asaiah, went to Huldah the prophetess, the wife of Shallum the son of Tikvah, the son of Harhas, keeper of the wardrobe (now she lived in Jerusalem in the second quarter); and they talked with her.
Hilqiyaa lubichi, Ahiiqaam, Akboor, Shaafaanii fi Asaayaan Huldaanaa raajittii gaafachuu dhaqan. Huldaanaan kun niitii Shaluum ilma Tiqwaa, ilma Harhaas kan eegduu uffataa ture sanaa ti. Isheenis Yerusaalem keessa Aanaa Lammaffaa keessa jiraatti turte.
15 She said to them, "Thus says Jehovah, the God of Israel: 'Tell the man who sent you to me,
Isheenis akkana isaaniin jette; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Namicha natti isin erge sanatti akkana jedhaa himaa.
16 "Thus says Jehovah, 'Look, I will bring disaster on this place, and on its inhabitants, even all the words of the scroll which the king of Judah has read.
‘Waaqayyo akkana jedha: Ani akkuma waan kitaaba mootichi Yihuudaa dubbise sana keessatti barreeffame hundaatti iddoo kanaa fi saba isaatti badiisa nan fida.
17 Because they have forsaken me, and have burned incense to other gods, that they might provoke me to anger with all the work of their hands, therefore my wrath shall be kindled against this place, and it shall not be quenched.'"
Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waaqota tolfamoo harki isaanii tolche hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniif, dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni bobaʼa; hin dhaamus.’
18 But to the king of Judah, who sent you to inquire of Jehovah, thus you shall tell him, "Thus says Jehovah, the God of Israel: 'Concerning the words which you have heard,
Mootii Yihuudaa kan akka isin Waaqayyoon gaafattaniif isin erge sanatti akkana jedhaatii himaa; ‘Waaʼee dubbii ati dhageesse sanaa, Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha;
19 because your heart was tender, and you humbled yourself before Jehovah, when you heard what I spoke against this place, and against its inhabitants, that they should become a desolation and a curse, and have torn your clothes, and wept before me; I also have heard you,' says Jehovah.
“Sababii ati yeroo waan ani waaʼee iddoo kanaatii fi waaʼee saba isaa akka isaan abaaramanii barbadeeffaman waan hamaa dubbadhe dhageessetti garaan kee tuqamee fuula Waaqayyoo duratti gad of qabdeef, sababii uffata kee tarsaaftee fuula koo duratti boosseef, ani si dhagaʼeera” jedha Waaqayyo.
20 'Therefore look, I will gather you to your fathers, and you shall be gathered to your grave in peace, neither shall your eyes see all the disaster which I will bring on this place.'"'" They brought back this message to the king.
Kanaafuu ani abbootii kee biratti walittin si qaba; atis nagumaan awwaalamta. Waan hamaa ani iddoo kana irratti fiduuf jiru hunda iji kee hin argu.’” Isaanis deebii ishee fudhatanii gara mootichaatti deebiʼan.

< 2 Kings 22 >