< 2 Kings 16 >

1 In the seventeenth year of Pekah the son of Remaliah Ahaz the son of Jotham king of Judah began to reign.
Bara mootummaa Pheqaa ilma Remaaliyaa keessa waggaa kudha torbaffaatti Aahaaz ilmi Yootaam mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe.
2 Twenty years old was Ahaz when he began to reign; and he reigned sixteen years in Jerusalem: and he did not do that which was right in the eyes of Jehovah his God, like David his father.
Aahaaz yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamaa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Inni akka abbaa isaa akka Daawit fuula Waaqayyoo Waaqa isaa duratti waan qajeelaa hin hojjenne.
3 But he walked in the way of the kings of Israel, yes, and made his son to pass through the fire, according to the abominations of the nations, whom Jehovah cast out from before the children of Israel.
Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee gochawwan jibbisiisoo saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan ilma isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube.
4 He sacrificed and burnt incense in the high places, and on the hills, and under every green tree.
Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti, fiixee gaarranii irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti qalma dhiʼeessee, ixaanas aarse.
5 Then Rezin king of Aram and Pekah son of Remaliah king of Israel came up to Jerusalem to war: and they besieged Ahaz, but could not overcome him.
Reziin mootichi Sooriyaatii fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootichi Israaʼel Yerusaalemin loluuf ol baʼanii Aahaazin marsan; garuu isa moʼachuu hin dandeenye.
6 At that time Rezin king of Aram recovered Eilat to Aram, and drove the Jews from Eilat; and the Arameans came to Eilat, and lived there, to this day.
Yeroo sanatti Reziin mootichi Sooriyaa namoota Yihuudaa ariʼee baasuudhaan Eelaatin warra Sooriyaatiif deebise. Ergasiis Edoomonni Eelaatitti godaananii hamma harʼaatti achuma jiraatu.
7 So Ahaz sent messengers to Tiglath Pileser king of Assyria, saying, "I am your servant and your son. Come up, and save me out of the hand of the king of Aram, and out of the hand of the king of Israel, who rise up against me."
Aahaazis akkana jedhee gara Tiiglaat Phileeser mooticha Asooritti nama erge; “Ani garbichaa fi ilma kee ti. Kottuutii harka mootii Sooriyaatii fi harka mootii Israaʼel kanneen natti duulaniitii na baasi.”
8 Ahaz took the silver and gold that was found in the house of Jehovah, and in the treasures of the king's house, and sent it for a present to the king of Assyria.
Kana irratti Aahaaz meetii fi warqee mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiruu fi kan mankuusaa qabeenya masaraa mootummaa keessatti argamu baasee kennaa godhee mootii Asooritiif ni erge.
9 The king of Assyria listened to him; and the king of Assyria went up against Damascus, and took it, and carried its people captive to Kir, and killed Rezin.
Mootiin Asoor sunis kadhaa isaa tole jedhee Damaasqoo lolee qabate. Jiraattota ishees boojiʼee Qiiritti geesse; Reziinin immoo ni ajjeese.
10 King Ahaz went to Damascus to meet Tiglath Pileser king of Assyria, and saw the altar that was at Damascus; and king Ahaz sent to Urijah the priest the fashion of the altar, and its pattern, according to all its workmanship.
Aahaaz mootichi Tiiglaat Phileeser mooticha Asoor arguuf Damaasqoo dhaqe. Innis iddoo aarsaa tokko Damaasqoo keessatti argee fakkeenya isaatii fi karoora ittiin ijaaran hunda barreessee Uuriyaa lubichatti erge.
11 Urijah the priest built an altar: according to all that king Ahaz had sent from Damascus, so Urijah the priest made it for the coming of king Ahaz from Damascus.
Kanaafuu Uuriyaa lubichi akkuma karoora Aahaaz mootichi Damaasqoodhaa ergeef sana hundaatti utuu Aahaaz mootichi Damaasqoodhaa hin deebiʼin dura iddoo aarsaa sana ijaaree fixe.
12 When the king had come from Damascus, the king saw the altar: and the king drew near to the altar, and offered on it.
Mootichis yommuu Damaasqoodhaa deebiʼee iddoo aarsaa sana argetti itti dhiʼaatee irratti aarsaa dhiʼeesse.
13 He burnt his burnt offering and his meal offering, and poured his drink offering, and sprinkled the blood of his peace offerings, on the altar.
Innis aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii dhiʼeessee dhibaayyuu illee dhibaafatee dhiiga aarsaa nagaa kan ofii isaas iddoo aarsaa sana irratti ni facaase.
14 The bronze altar, which was before Jehovah, he brought from the forefront of the house, from between his altar and the house of Jehovah, and put it on the north side of his altar.
Iddoo aarsaa naasii irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura dhaabatee ture sanas mana qulqullummaa duraa iddoo aarsaa haaraa fi mana qulqullummaa Waaqayyoo gidduudhaa fidee gama kaabaatiin iddoo aarsaa haaraa bira kaaʼe.
15 King Ahaz commanded Urijah the priest, saying, "On the great altar burn the morning burnt offering, and the evening meal offering, and the king's burnt offering, and his meal offering, with the burnt offering of all the people of the land, and their meal offering, and their drink offerings; and sprinkle on it all the blood of the burnt offering, and all the blood of the sacrifice; but the bronze altar shall be for me to inquire by."
Ergasii Aahaaz mootichi akkana jedhee Uuriyaa lubicha ajaje; “Iddoo aarsaa guddicha irratti aarsaa gubamu kan ganamaatii fi kennaa midhaanii kan galgalaa, aarsaa mootichaa kan gubamuu fi kennaa midhaanii, aarsaa namoota biyyattii hundaa kan gubamu, kennaa isaanii kan midhaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessi. Iddoo aarsaa irratti dhiiga aarsaa gubamuutii fi dhiiga qalmaa hunda facaasi. Iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame garuu anatu ittiin gorsa gaafata.”
16 Urijah the priest did so, according to all that king Ahaz commanded.
Uuriyaan lubichis akkuma Aahaaz mootichi ajaje sana godhe.
17 King Ahaz cut off the panels of the bases, and removed the basin from off them, and took down the sea from off the bronze oxen that were under it, and put it on a pavement of stone.
Aahaaz mootichi baattuuwwan asii fi achi sochoofaman sana irraa marsaawwan buqqisee caabiiwwan dhiqannaa illee irraa baase. Gaanii sana baattuuwwan fakkii jibootaa kanneen naasii irraa hojjetaman irraa fuudhee dhagaa afamaa irra kaaʼe.
18 The covered way for the Sabbath that they had built in the house, and the king's entry outside, turned he to the house of Jehovah, because of the king of Assyria.
Innis mootii Asooriif jedhee oobdii guyyaa Sanbataatiif hojjetame iddoo isaatii fuudhee karra alaa kan mootonni ittiin mana qulqullummaa Waaqayyoo seenanis ni buqqise.
19 Now the rest of the acts of Ahaz which he did, aren't they written in the book of the chronicles of the kings of Judah?
Wanni bara mootummaa Aahaaz keessa hojjetame biraatii fi wanni inni hojjete kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii?
20 Ahaz slept with his fathers, and was buried with his fathers in the City of David: and Hezekiah his son reigned in his place.
Aahaazis abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Hisqiyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

< 2 Kings 16 >