< Ezekiel 43 >

1 Afterward he brought me to the gate, [even] the gate that looketh toward the east:
Ergasii namichi sun gara balbala baʼa biiftuutti garagaluutti na fide;
2 And, behold, the glory of the God of Israel came from the way of the east: and his voice [was] like a noise of many waters: and the earth shined with his glory.
anis utuu ulfinni Waaqa Israaʼel baʼa biiftuutii dhufuu nan arge. Sagaleen isaa akka sagalee huursaa bishaan yaaʼuu ture; laftis ulfina isaatiin ifte.
3 And [it was] according to the appearance of the vision which I saw, [even] according to the vision that I saw when I came to destroy the city: and the visions [were] like the vision that I saw by the river Chebar; and I fell upon my face.
Mulʼanni ani arges mulʼata ani yommuu inni magaalaa barbadeesuuf dhufetti argee fi mulʼata ani Laga Kebaar biratti argee ture sana fakkaata; anis adda kootiin lafatti nan gombifame.
4 And the glory of the LORD came into the house by the way of the gate whose prospect [is] toward the east.
Ulfinni Waaqayyoo sun karaa balbala gara baʼa biiftuutti garagaluun mana qulqullummaa seene.
5 So the spirit took me up, and brought me into the inner court; and, behold, the glory of the LORD filled the house.
Ergasiis Hafuurri ol na fuudhee gara oobdii gara keessaatti na fide; ulfinni Waaqayyoos mana qulqullummaa guute.
6 And I heard [him] speaking unto me out of the house; and the man stood by me.
Utuu namichi sun na bira dhaabatee jiruu, nama wayii kan mana qulqullummaa keessaa natti dubbatu nan dhagaʼe.
7 And he said unto me, Son of man, the place of my throne, and the place of the soles of my feet, where I will dwell in the midst of the children of Israel for ever, and my holy name, shall the house of Israel no more defile, [neither] they, nor their kings, by their whoredom, nor by the carcases of their kings in their high places.
Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, kun iddoo teessoo kootii fi faanni miilla koo irra ejjetuu dha. Kunis iddoo ani bara baraan Israaʼeloota gidduu jiraadhuu dha. Manni Israaʼel jechuunis isaan yookaan mootonni isaanii sagaagalummaa isaaniitii fi reeffa mootota isaaniitiin lammata gaarran waaqeffannaa isaanii irratti maqaa koo qulqulluu sana hin xureessan.
8 In their setting of their threshold by my thresholds, and their post by my posts, and the wall between me and them, they have even defiled my holy name by their abominations that they have committed: wherefore I have consumed them in mine anger.
Isaan yommuu anaa fi isaan gidduutti dallaa qofa hambisanii buusaa balbala isaanii buusaa balbala kootii bira, michichila balbala isaanii immoo michichila balbala kootii bira dhaabatanitti hojii isaanii jibbisiisaa sanaan maqaa koo qulqullicha xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin isaanan balleesse.
9 Now let them put away their whoredom, and the carcases of their kings, far from me, and I will dwell in the midst of them for ever.
Isaan amma sagaagalummaa isaaniitii fi reeffa mootota isaanii sana narraa haa fageessani; anis bara baraan isaan gidduu nan jiraadha.
10 Thou son of man, shew the house to the house of Israel, that they may be ashamed of their iniquities: and let them measure the pattern.
“Yaa ilma namaa, akka isaan cubbuu isaaniitiin qaanaʼaniif namoota Israaʼelitti mana qulqullummaa argisiisi. Isaan karoora isaa haa hubatan;
11 And if they be ashamed of all that they have done, shew them the form of the house, and the fashion thereof, and the goings out thereof, and the comings in thereof, and all the forms thereof, and all the ordinances thereof, and all the forms thereof, and all the laws thereof: and write [it] in their sight, that they may keep the whole form thereof, and all the ordinances thereof, and do them.
yoo isaan waan hojjetan hundatti qaanaʼan, karoora mana qulqullummaa jechuunis haala inni ittiin hojjetame, balbala ol seensisuu fi gad baasu, karoora isaa guutuu jechuunis sirna isaatii fi seera isaa hunda akka beekan godhi. Akka isaan karoora isaatii fi guutummaa sirna isaatiif amanamanii fi duukaa buʼaniifis fuula isaanii duratti waan kana barreessi.
12 This [is] the law of the house; Upon the top of the mountain the whole limit thereof round about [shall be] most holy. Behold, this [is] the law of the house.
“Seerri mana qulqullummaa kanaa dha: Lafti naannoo fiixee tulluu jiru hundi waan hunda caalaa qulqulluudhaa. Kun seera mana qulqullummaa ti.
13 And these [are] the measures of the altar after the cubits: The cubit [is] a cubit and an hand breadth; even the bottom [shall be] a cubit, and the breadth a cubit, and the border thereof by the edge thereof round about [shall be] a span: and this [shall be] the higher place of the altar.
“Lafa irra dheerinni iddoo aarsaa dhundhuma dheeraadhaan isa kana: Innis dhundhuma tokkoo fi balʼina barruu harkaa tokkoo dha; jalli isaa gad fageenya dhundhuma tokkootii fi balʼina dhundhuma tokkoo qaba; naannoon isaa immoo xiyyoo taakkuu tokkoo qaba. Ol dheerinni iddoo aarsaa sanaa kana:
14 And from the bottom [upon] the ground [even] to the lower settle [shall be] two cubits, and the breadth one cubit; and from the lesser settle [even] to the greater settle [shall be] four cubits, and the breadth [one] cubit.
Jala isaatii kaasee hamma gulantaa gadiitti ol dheerina dhundhuma lamaatii fi balʼina dhundhuma tokkoo qaba; gulantaa xinnaadhaa hamma gulantaa guddaatti ol dheerina dhundhuma afuriitii fi balʼina dhundhuma tokkoo qaba.
15 So the altar [shall be] four cubits; and from the altar and upward [shall be] four horns.
Iddoon ibiddaa kan iddoo aarsaa dhundhuma afur ol dheerata; badaan ibiddaa kun gaanfawwan ol babbaʼan afur qaba.
16 And the altar [shall be] twelve [cubits] long, twelve broad, square in the four squares thereof.
Iddoon ibiddaa kun roga wal qixxee afur qaba; dheerinni isaa dhundhuma kudha lama, balʼinni isaa immoo dhundhuma kudha lama:
17 And the settle [shall be] fourteen [cubits] long and fourteen broad in the four squares thereof; and the border about it [shall be] half a cubit; and the bottom thereof [shall be] a cubit about; and his stairs shall look toward the east.
Gulantaan ol aanus roga wal qixxee afur qaba; dheerinni isaa dhundhuma kudha afur, balʼinni isaas dhundhuma kudha afur; xiyyoon isaa walakkaa dhundhumaa, naannoon jala isaa immoo dhundhuma tokkoo dha. Gulantaawwan iddoo aarsaa sanaa gara baʼa biiftuutti garagalu.”
18 And he said unto me, Son of man, thus saith the Lord GOD; These [are] the ordinances of the altar in the day when they shall make it, to offer burnt offerings thereon, and to sprinkle blood thereon.
Inni akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yeroo iddoon aarsaa ijaaramutti dambiiwwan ittiin aarsaan gubamu dhiʼeeffamuu fi dhiigni iddoo aarsaa irratti facaafamu kanaa dha:
19 And thou shalt give to the priests the Levites that be of the seed of Zadok, which approach unto me, to minister unto me, saith the Lord GOD, a young bullock for a sin offering.
luboota Lewwota maatii Zaadoq kanneen na tajaajiluuf fuula koo duratti dhiʼaataniif akka aarsaa cubbuu taʼuuf dibicha kennita, jedha Waaqayyo Gooftaan.
20 And thou shalt take of the blood thereof, and put [it] on the four horns of it, and on the four corners of the settle, and upon the border round about: thus shalt thou cleanse and purge it.
Atis dhiiga isaa irraa xinnoo fudhattee gaanfa afran kan iddoo aarsaa, goleewwan gulantaa ol aanuu afranii fi naannoo xiyyoo isaa hunda dibda; haala kanaanis iddoo aarsaa sana qulqulleessitee araara buufta.
21 Thou shalt take the bullock also of the sin offering, and he shall burn it in the appointed place of the house, without the sanctuary.
Dibicha sanas aarsaa cubbuutiif fuutee iddoo qulqulluudhaan alatti, kutaa mana qulqullummaa kan waan kanaaf ramadame keessatti ni gubda.
22 And on the second day thou shalt offer a kid of the goats without blemish for a sin offering; and they shall cleanse the altar, as they did cleanse [it] with the bullock.
“Guyyaa lammaffaatti korbeessa reʼee kan hirʼina hin qabne aarsaa cubbuutiif dhiʼeessita; iddoon aarsaas akkuma dibichaan qulqulleeffame sanatti qulqulleeffama.
23 When thou hast made an end of cleansing [it], thou shalt offer a young bullock without blemish, and a ram out of the flock without blemish.
Erga iddoo aarsaa sana qulqulleessitee booddee, horii keessaa dibichaa fi korbeessa bushaayee kanneen lamaan isaani iyyuu hirʼina hin qabne dhiʼeessita.
24 And thou shalt offer them before the LORD, and the priests shall cast salt upon them, and they shall offer them up [for] a burnt offering unto the LORD.
Ati fuula Waaqayyoo duratti isaan dhiʼeessita; luboonni immoo soogidda itti facaasanii aarsaa gubamu godhanii Waaqayyoof isaan dhiʼeessu.
25 Seven days shalt thou prepare every day a goat [for] a sin offering: they shall also prepare a young bullock, and a ram out of the flock, without blemish.
“Ati guyyaa torbaaf guyyuma guyyaan korbeessa reʼee aarsaa cubbuutiif dhiʼeessuu qabda; akkasumas horii keessaa dibichaa fi korbeessa bushaayee kan hirʼina hin qabne dhiʼeessuu qabda.
26 Seven days shall they purge the altar and purify it; and they shall consecrate themselves.
Isaanis guyyaa torbaaf iddoo aarsaatiif araara buusanii isa qulqulleessuu qabu; akkasittis isa qulqulleessu.
27 And when these days are expired, it shall be, [that] upon the eighth day, and [so] forward, the priests shall make your burnt offerings upon the altar, and your peace offerings; and I will accept you, saith the Lord GOD.
Dhuma guyyoota kanaatti, guyyaa saddeettaffaa irraa jalqabee luboonni aarsaa keessan kan gubamuu fi aarsaa keessan kan nagaa iddoo aarsaa irratti dhiʼeessuu qabu. Ergasii ani isinan simadha, jedha Waaqayyo Gooftaan.”

< Ezekiel 43 >