< Matthew 26 >

1 And it came to pass, when Jesus had finished all these sayings, he said to his disciples,
Yesuus erga waan kana hunda dubbatee raawwatee booddee barattoota isaatiin akkana jedhe;
2 You know that after two days is the feast of the passover, and the Son of man is betrayed to be crucified.
“Akkuma isin beektan Faasiikaaf guyyaa lamatu hafa; Ilmi Namaas fannifamuuf dabarfamee ni kennama.”
3 Then assembled together the chief priests, and the scribes, and the elders of the people, to the palace of the high priest, who was called Caiaphas,
Ergasii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni uummataa dallaa luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu keessatti walitti qabaman.
4 And consulted that they might take Jesus by subtlety, and kill him.
Isaanis haxxummaadhaan Yesuusin qabuu fi ajjeesuuf mariʼatan.
5 But they said, Not on the feast day, lest there be an uproar among the people.
Isaanis, “Garuu akka namoota gidduutti gooliin hin kaaneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin” jedhan.
6 Now when Jesus was in Bethany, in the house of Simon the leper,
Utuu Yesuus Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaa jiruu,
7 There came to him a woman having an alabaster box of very precious ointment, and poured it on his head, as he sat at meat.
dubartiin tokko shittoo gatiin isaa akka malee guddaa taʼe bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee gara isaa dhufte; akkuma inni maaddiitti dhiʼaateenis shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.
8 But when his disciples saw it, they had indignation, saying, To what purpose is this waste?
Barattoonnis yommuu waan kana arganitti aaranii akkana jedhan; “Waan kana balleessuun maaliif?
9 For this ointment might have been sold for much, and given to the poor.
Silaa shittoon kun gatii guddaatti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.”
10 When Jesus understood it, he said to them, Why trouble you the woman? for she has worked a good work on me.
Yesuusis kana hubatee akkana isaaniin jedhe; “Isin maaliif dubartii kana rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti.
11 For you have the poor always with you; but me you have not always.
Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.
12 For in that she has poured this ointment on my body, she did it for my burial.
Dubartiin kun yommuu shittoo kana dhagna koo irrati dhangalaaftetti awwaalaaf na qopheessuudhaaf waan kana goote.
13 Truly I say to you, Wherever this gospel shall be preached in the whole world, there shall also this, that this woman has done, be told for a memorial of her.
Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli kun itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.”
14 Then one of the twelve, called Judas Iscariot, went to the chief priests,
Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa namichi Yihuudaa Keeriyotii jedhamu tokko gara luboota hangafootaa dhaqee,
15 And said to them, What will you give me, and I will deliver him to you? And they covenanted with him for thirty pieces of silver.
“Yoo ani isa dabarsee isinitti kenne isin maal naaf kennitu?” jedhee gaafate. Isaanis meetii soddomaan walii galan.
16 And from that time he sought opportunity to betray him.
Yihuudaanis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin dabarsee kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
17 Now the first day of the feast of unleavened bread the disciples came to Jesus, saying to him, Where will you that we prepare for you to eat the passover?
Guyyaa jalqaba Ayyaana Maxinootti barattoonni gara Yesuus dhufanii, “Akka ati Faasiikaa nyaattuuf eessatti akka siif qopheessinu barbaadda?” jedhanii gaafatan.
18 And he says, Go into the city to such a man, and say to him, The Master said, My time is at hand; I will keep the passover at your house with my disciples.
Innis deebisee akkana jedhe; “Magaalaa seenaatii nama wayiitiin, ‘Barsiisaan, yeroon koo gaʼeera; ani barattoota koo wajjin Ayyaana Faasiikaa mana keetti nan kabaja siin jedha’ jedhaa.”
19 And the disciples did as Jesus had appointed them; and they made ready the passover.
Barattoonnis akkuma Yesuus isaan ajaje sana godhan; Faasiikaas ni qopheessan.
20 Now when the even was come, he sat down with the twelve.
Yesuusis yommuu galgalaaʼetti warra Kudha Lamaan wajjin maaddiitti dhiʼaate.
21 And as they did eat, he said, Truly I say to you, that one of you shall betray me.
Innis utuma nyaachaa jiranuu, “Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhe.
22 And they were exceeding sorrowful, and began every one of them to say to him, Lord, is it I?
Isaanis akka malee gaddanii tokko tokkoon, “Yaa Gooftaa, na taʼinnaa laata?” jedhanii gaafachuu jalqaban.
23 And he answered and said, He that dips his hand with me in the dish, the same shall betray me.
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Namichi na wajjin gabatee keessa harka kaaʼee cuuphate dabarsee na kenna.
24 The Son of man goes as it is written of him: but woe to that man by whom the Son of man is betrayed! it had been good for that man if he had not been born.
Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”
25 Then Judas, which betrayed him, answered and said, Master, is it I? He said to him, You have said.
Yihuudaan inni dabarsee isa kennuuf jiru sunis, “Yaa Barsiisaa, na taʼinnaa laata?” jedhe. Yesuusis, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.
26 And as they were eating, Jesus took bread, and blessed it, and broke it, and gave it to the disciples, and said, Take, eat; this is my body.
Utuu nyaachaa jiranuus Yesuus buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, “Fudhadhaa nyaadhaa; kun foon koo ti” jedhee barattoota isaatiif kenne.
27 And he took the cup, and gave thanks, and gave it to them, saying, Drink you all of it;
Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; akkanas jedhe; “Hundi keessan kana irraa dhugaa.
28 For this is my blood of the new testament, which is shed for many for the remission of sins.
Kun dhiiga koo, dhiiga kakuu haaraa kan dhiifama cubbuu namoota baayʼeetiif dhangalaafamuu dha.
29 But I say to you, I will not drink from now on of this fruit of the vine, until that day when I drink it new with you in my Father’s kingdom.
Ani isinitti nan hima; ani hamman guyyaa isin wajjin mootummaa Abbaa koo keessatti deebiʼee dhugutti ammaa jalqabee ija wayinii kana irraa hin dhugu.”
30 And when they had sung an hymn, they went out into the mount of Olives.
Isaanis erga faarfannaa faarfatanii booddee Tulluu Ejersaatti qajeelan.
31 Then says Jesus to them, All you shall be offended because of me this night: for it is written, I will smite the shepherd, and the sheep of the flock shall be scattered abroad.
Ergasii Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Hundi keessan edana sababii kootiif ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii: “‘Ani tiksee nan rukuta; hoolonni karra sanaas ni bittinneeffamu.’
32 But after I am risen again, I will go before you into Galilee.
Ani garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa.”
33 Peter answered and said to him, Though all men shall be offended because of you, yet will I never be offended.
Phexros immoo deebisee, “Yoo namni hundinuu sababii keetiif gufate iyyuu ani gonkumaa hin gufadhu” jedheen.
34 Jesus said to him, Truly I say to you, That this night, before the cock crow, you shall deny me thrice.
Yesuus immoo deebisee, “Ani dhuguma sitti nan hima; ati edana utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedheen.
35 Peter said to him, Though I should die with you, yet will I not deny you. Likewise also said all the disciples.
Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedheen. Barattoonni hundinuus akkasuma jedhan.
36 Then comes Jesus with them to a place called Gethsemane, and says to the disciples, Sit you here, while I go and pray yonder.
Ergasiis Yesuus barattoota isaa wajjin iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqe; innis, “Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti isin as taaʼaa” jedheen.
37 And he took with him Peter and the two sons of Zebedee, and began to be sorrowful and very heavy.
Innis Phexrosii fi ilmaan Zabdewoos lamaan of faana fudhatee deeme; gadduu fi yaaddaʼuus jalqabe.
38 Then says he to them, My soul is exceeding sorrowful, even to death: tarry you here, and watch with me.
Ergasiis inni, “Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii na wajjin dammaqaa” jedheen.
39 And he went a little farther, and fell on his face, and prayed, saying, O my Father, if it be possible, let this cup pass from me: nevertheless not as I will, but as you will.
Innis xinnoo achi hiiqee adda isaatiin lafatti gombifamee, “Yaa Abbaa ko, yoo dandaʼame xoofoon kun narra haa darbu. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhee kadhate.
40 And he comes to the disciples, and finds them asleep, and says to Peter, What, could you not watch with me one hour?
Innis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; “Jarana, isin saʼaatii tokkitti illee dammaqxanii na wajjin turuu hin dandeenyee?
41 Watch and pray, that you enter not into temptation: the spirit indeed is willing, but the flesh is weak.
Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”
42 He went away again the second time, and prayed, saying, O my Father, if this cup may not pass away from me, except I drink it, your will be done.
Ammas yeroo lammaffaa achi hiiqee, “Yaa Abbaa ko, xoofoon kun utuu ani hin dhugin yoo narra darbuu hin dandeenye akkuma fedhii keetii haa taʼu” jedhee kadhate.
43 And he came and found them asleep again: for their eyes were heavy.
Inni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii.
44 And he left them, and went away again, and prayed the third time, saying the same words.
Ammas isaan dhiisee achi hiiqee waanuma kanaan dura kadhate sana irra deebiʼee yeroo sadaffaa kadhate.
45 Then comes he to his disciples, and says to them, Sleep on now, and take your rest: behold, the hour is at hand, and the Son of man is betrayed into the hands of sinners.
Innis gara barattootaatti deebiʼee akkana jedheen; “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Kunoo, saʼaatiin sun gaʼeera; Ilmi Namaas dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama.
46 Rise, let us be going: behold, he is at hand that does betray me.
Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira.”
47 And while he yet spoke, see, Judas, one of the twelve, came, and with him a great multitude with swords and staves, from the chief priests and elders of the people.
Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruu, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafootaa fi maanguddoota uummataa biraa ergame guddaanis goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe.
48 Now he that betrayed him gave them a sign, saying, Whomsoever I shall kiss, that same is he: hold him fast.
Inni dabarsee Yesuusin kennu sunis, “Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaa” jedhee mallattoo kenneefii ture.
49 And immediately he came to Jesus, and said, Hail, master; and kissed him.
Yihuudaanis yommusuma Yesuusitti dhiʼaatee, “Nagumaa yaa barsiisaa!” jedhee isa dhungate.
50 And Jesus said to him, Friend, why are you come? Then came they, and laid hands on Jesus and took him.
Yesuusis deebisee, “Yaa michuu ko, waan dhufteef sana raawwadhu kaa!” jedhe. Namoonni sun itti dhiʼaatanii Yesuusin qabanii hidhan.
51 And, behold, one of them which were with Jesus stretched out his hand, and drew his sword, and struck a servant of the high priest’s, and smote off his ear.
Kunoo, warra Yesuus wajjin turan keessaa inni tokko goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa irraa kute.
52 Then said Jesus to him, Put up again your sword into his place: for all they that take the sword shall perish with the sword.
Yesuus immoo akkana jedheen; “Goraadee kee iddoo isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundinuu goraadeedhaan balleeffamuutii.
53 Think you that I cannot now pray to my Father, and he shall presently give me more than twelve legions of angels?
Ati waan ani Abbaa kootti iyyachuu hin dandeenye, waan innis yeruma sana ergamoota Waaqaa LeegewooniiKudha Lamaa olii naa hin ergine seetaa?
54 But how then shall the scriptures be fulfilled, that thus it must be?
Utuu akkas taʼee immoo wanni Katabbiiwwan Qulqulluun karaa kanaan taʼuu qaba jedhan sun silaa akkamitti raawwatama ree?”
55 In that same hour said Jesus to the multitudes, Are you come out as against a thief with swords and staves for to take me? I sat daily with you teaching in the temple, and you laid no hold on me.
Saʼaatii sanatti Yesuus tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii? Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa taaʼee barsiisaan ture; isinis na hin qabne.
56 But all this was done, that the scriptures of the prophets might be fulfilled. Then all the disciples forsook him, and fled.
Kun hundinuu garuu akka Katabbiiwwan raajotaa Qulqulluun raawwatamaniif taʼe.” Barattoonni hundinuus isa dhiisanii baqatan.
57 And they that had laid hold on Jesus led him away to Caiaphas the high priest, where the scribes and the elders were assembled.
Warri Yesuusin qaban sunis gara mana luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu iddoo barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni itti walitti qabamaniitti isa geessan.
58 But Peter followed him afar off to the high priest’s palace, and went in, and sat with the servants, to see the end.
Phexros garuu hamma dallaa mana lubicha ol aanaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waan taʼuuf jiru arguuf jedhee ol lixee waardiyyoota wajjin taaʼe.
59 Now the chief priests, and elders, and all the council, sought false witness against Jesus, to put him to death;
Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin Yihuudootaa guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa sobaa isatti barbaadaa turan.
60 But found none: yes, though many false witnesses came, yet found they none. At the last came two false witnesses,
Isaan garuu yoo dhuga baatonni sobaa hedduun dhiʼaatan illee homaa hin arganne. Dhuma irratti dhuga baatonni lama dhufanii,
61 And said, This fellow said, I am able to destroy the temple of God, and to build it in three days.
“Namichi kun, ‘Ani mana qulqullummaa Waaqaa diiguu, guyyaa sadii keessatti deebisee ijaaruu nan dandaʼa’ jedheera” jedhan.
62 And the high priest arose, and said to him, Answer you nothing? what is it which these witness against you?
Lubichi ol aanaanis kaʼee dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Yesuusin gaafate.
63 But Jesus held his peace, And the high priest answered and said to him, I adjure you by the living God, that you tell us whether you be the Christ, the Son of God.
Yesuus garuu inuma calʼise. Lubichi ol aanaan, “Ani Waaqa jiraataadhaan sin kakachiisa: Ati yoo Kiristoos Ilma Waaqaa taate mee nutti himi” jedheen.
64 Jesus says to him, You have said: nevertheless I say to you, Hereafter shall you see the Son of man sitting on the right hand of power, and coming in the clouds of heaven.
Yesuusis deebisee, “Atuu jetteerta. Ani garuu isinitti nan hima; isin siʼachi utuu Ilmi Namaa mirga isa Humna qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe.
65 Then the high priest rent his clothes, saying, He has spoken blasphemy; what further need have we of witnesses? behold, now you have heard his blasphemy.
Kana irratti lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Inni Waaqa arrabseera! Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa? Kunoo, Waaqa arrabsuu isaa isin iyyuu amma dhageessaniirtu.
66 What think you? They answered and said, He is guilty of death.
Maal isinitti fakkaata?” Isaanis, “Duʼatu isaaf mala” jedhanii deebisan.
67 Then did they spit in his face, and buffeted him; and others smote him with the palms of their hands,
Ergasii isaan fuula isaatti tufan; abootteenis isa rukutan. Warri kaan immoo isa kabalanii,
68 Saying, Prophesy to us, you Christ, Who is he that smote you?
“Yaa Kiristoos! Eenyutu si rukute? Mee raajii nutti dubbadhu” jedhaniin.
69 Now Peter sat without in the palace: and a damsel came to him, saying, You also were with Jesus of Galilee.
Phexrosis dallaa keessa ala taaʼaa ture; xomboreen tokko isatti dhiʼaattee, “Atis Yesuus namicha Galiilaa sana wajjin turte!” jetteen.
70 But he denied before them all, saying, I know not what you say.
Inni garuu, “Ani waan ati dubbachuutti jirtu hin beeku” jedhee hunduma isaanii duratti gane.
71 And when he was gone out into the porch, another maid saw him, and said to them that were there, This fellow was also with Jesus of Nazareth.
Utuu inni gara karra dallaa sanaatti deemaa jiruus xomboreen biraa tokko isa argitee, “Namichi kun Yesuus nama Naazreeti wajjin ture” jettee warra achi turanitti himte.
72 And again he denied with an oath, I do not know the man.
Innis kakatee, “Ani namicha kana hin beeku!” jedhee ammas gane.
73 And after a while came to him they that stood by, and said to Peter, Surely you also are one of them; for your speech denudes you.
Yeroo xinnoo booddee warri achi dhadhaabachaa turan Phexrositti dhiʼaatanii, “Atis dhuguma iyyuu jara keessaa tokkoo dha; loqodni kee si saaxilaatii” jedhan.
74 Then began he to curse and to swear, saying, I know not the man. And immediately the cock crew.
Yommus inni, “Ani namicha kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe. Yommusuma indaanqoon iyye.
75 And Peter remembered the word of Jesus, which said to him, Before the cock crow, you shall deny me thrice. And he went out, and wept bitterly.
Phexrosis dubbii Yesuus, “Ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedhee ture sana yaadate. Gad baʼees hiqqifatee booʼe.

< Matthew 26 >