< Psalms 144 >

1 A Psalm of David. Blessed be the LORD my Rock, who traineth my hands for war, and my fingers for battle;
Faarfannaa Daawit. Waaqayyo kattaa koo, isa harka koo waraanaaf, quba koos lolaaf leenjisu sanaaf galanni haa gaʼu.
2 My lovingkindness, and my fortress, my high tower, and my deliverer; my shield, and He in whom I take refuge; who subdueth my people under me.
Inni Waaqa na jaallatuu fi daʼoo koo ti; iddoo ani itti daʼadhuu fi fayyisaa koo ti. Gaachana koo, iddoo ani itti kooluu galu, kan na jalatti saba naaf bulchuu dha.
3 LORD, what is man, that Thou takest knowledge of him? or the son of man, that Thou makest account of him?
Yaa Waaqayyo, akka ati waaʼee isaa yaadduuf, namni maali? Akka ati isaaf yaadduuf ilmi namaa maali?
4 Man is like unto a breath; his days are as a shadow that passeth away.
Namni akkuma qilleensa shuf jedhee darbuuti, barri isaas akkuma gaaddisa darbuu ti.
5 O LORD, bow Thy heavens, and come down; touch the mountains, that they may smoke.
Yaa Waaqayyo, samiiwwan kee tarsaasii gad buʼi; akka aarri isaan keessaa yaaʼuufis tulluuwwan tuqi.
6 Cast forth lightning, and scatter them; send out Thine arrows, and discomfit them.
Bakakkaa ergiitii diina bittinneessi; xiyya kee darbadhuutii isaan balleessi.
7 Stretch forth Thy hands from on high; rescue me, and deliver me out of many waters, out of the hand of strangers;
Ol gubbaadhaa harka kee gad hiixadhuutii bishaan jabaa jalaa, harka alagaa duraas, na baasi; na oolchis;
8 Whose mouth speaketh falsehood, and their right hand is a right hand of lying.
warra afaan isaanii sobaan guutame, warra harki isaanii mirgaa nama dogoggorsu duraa na baasi.
9 O God, I will sing a new song unto Thee, upon a psaltery of ten strings will I sing praises unto Thee;
Yaa Waaqi, ani faarfannaa haaraa siif nan faarfadha; kiraara ribuu kudhaniitiinis siifin weeddisa;
10 Who givest salvation unto kings, who rescuest David Thy servant from the hurtful sword.
isa moototaaf moʼannoo kennuuf, isa garbicha isaa Daawitin goraadee nama ajjeesu jalaa baasuuf nan faarfadha.
11 Rescue me, and deliver me out of the hand of strangers, whose mouth speaketh falsehood, and their right hand is a right hand of lying.
Harka Ormootaa duraa, warra afaan isaanii sobaan guutame, warra harki isaanii mirgaa nama dogoggorsu jalaa na baasi; na oolchis.
12 We whose sons are as plants grown up in their youth; whose daughters are as corner-pillars carved after the fashion of a palace;
Ilmaan keenya dargaggummaa isaanii keessatti, akka biqiltuu tolee guddatee haa taʼan; intallan keenyas akka utubaa golee, kan masaraa mootummaa miidhagsuuf soofamee haa taʼan.
13 Whose garners are full, affording all manner of store; whose sheep increase by thousands and ten thousands in our fields;
Gombisaawwan keenya, midhaan gosa garaa garaatiin haa guutaman. Hoolonni keenya kumaatama haa dhalan; dirree keenya irrattis kumaatama kudhaniin haa baayʼatan;
14 Whose oxen are well laden; with no breach, and no going forth, and no outcry in our broad places;
loon keenya haa dorroban hin gatatin yookaan yeroo malee hin dhalin; boojiʼamuunis hin jiraatin; wawwaachuunis karaa keenya irratti hin dhagaʼamin.
15 Happy is the people that is in such a case. Yea, happy is the people whose God is the LORD.
Warri eebbi kun taʼeef haa gammadan; warri Waaqayyo Waaqa isaanii taʼeef eebbifamoo dha.

< Psalms 144 >