< 2 Kings 15 >

1 In the seven and twentieth year of Jeroboam king of Israel reigned Azarias son of Amasias, king of Juda.
Bara mootummaa Yerobiʼaam mooticha Israaʼel keessa waggaa digdamii torbaffaatti, Azaariyaa ilmi Amasiyaa mooticha Yihuudaa sanaa mootii taʼe.
2 He was sixteen years old, when he began to reign, and he reigned two and fifty years in Jerusalem: the name of his mother was Jechelia of Jerusalem.
Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche. Maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte.
3 And he did that which was pleasing before the Lord, according to all that his father Amasias had done.
Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete.
4 But the high places he did not destroy: for the people sacrificed and burnt incense in the high places.
Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonni ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.
5 And the Lord struck the king, so that he was a leper unto the day of his death, and he dwelt in a free house apart: but Joatham the king’s soil governed the palace, and judged the people of the land.
Waaqayyos hamma gaafa inni duʼeetti mooticha lamxiidhaan dhaʼe; innis mana kophaa keessa ni jiraate. Yootaam ilmi mootichaa itti gaafatama masaraa mootummaa fudhatee saba biyyattii bulche.
6 And the rest of the acts of Azarias, and all that he did, are they not written in the book of the words of the days of the kings of Juda?
Wantoonni bara mootummaa Azaariyaa keessa hojjetaman kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
7 And Azarias slept with his fathers: and they buried him with his ancestors in the city of David, and Joatham his son reigned in his stead.
Azaariyaa abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yootaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
8 In the eight and thirtieth year of Azarias king of Juda, reigned Zacharias son of Jeroboam over Israel in Samaria six months:
Bara mootummaa Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saddeettaffaatti Zakkaariyaas ilmi Yerobiʼaam Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee jiʼa jaʼa bulche.
9 And he did that which is evil before the Lord, as his fathers had done: he departed not from the sins of Jeroboam the son of Nabat who made Israel to sin.
Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka warri Israaʼel hojjetan godhe sana irraa hin deebine.
10 And Sellum the son of Jabes conspired against him: and struck him publicly and killed him, and reigned in his place.
Shaluum ilmi Yaabeesh sun Zakkaariyaasitti kaʼee fuuluma sabaa duratti isa ajjeesee iddoo isaa qabatee mootii taʼe.
11 Now the rest of the acts of Zacharias, are they not written in the book of the words of the days of the kings of Israel?
Wantoonni bara mootummaa Zakkaariyaas keessa hojjetaman kanneen biraa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
12 This was the word of the Lord, which he spoke to Jehu, saying: Thy children to the fourth generation shall sit upon the throne of Israel. And so it came to pass.
Akkasiinis dubbiin Waaqayyoo kan inni “Sanyiiwwan kee hamma dhaloota Afuraffaatti teessoo Israaʼel irra ni taaʼu” jedhee Yehuutti dubbate sun ni raawwatame.
13 Sellum the son of Jabes began to reign in the nine and thirtieth year of Azarias king of Juda: and reigned one month in Samaria.
Shaluum ilmi Yaabeesh bara mootummaa Uziyaan mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee jiʼa tokko bulche.
14 And Manahem the son of Gadi went up from Thersa: and he came into Samaria, and struck Sellum the son of Jabes in Samaria, and slew him, and reigned in his stead.
Menaaheem ilmi Gaadiis Tiirzaadhaa kaʼee Samaariyaa dhaqe. Innis Shaluum ilma Yaabeesh sana lolee Samaariyaa keessatti ajjeesee iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
15 And the rest of the acts of Sellum, and his conspiracy, which he made, are they not written in the book of the words of the days of the kings of Israel?
Wantoonni bara mootummaa Shaluum keessa hojjetaman biraatii fi fincilli inni hojjete kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru.
16 Then Manahem destroyed Thapsa and all that were in it and the borders thereof from Thersa, because they would not open to him: and he slew all the women thereof that were with child, and ripped them up.
Yeroo sanatti, Menaaheem Tiirzaa kaʼee Tiifsaa fi warra magaalaa sana keessaa fi naannoo ishee jiraatu hunda dhaʼe; kunis sababii isaan karra banuufii didaniif. Innis Tiifsaa saamee dubartoota ulfa qaban hunda garaa baqaqse.
17 In the nine and thirtieth year of Azarias king of Juda, reigned Manahem son of Gadi over Israel ten years in Samaria.
Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti Menaaheem ilmi Gaadii mootii Israaʼel taʼe; innis Samaariyaa keessa jiraatee waggaa kudhan bulche.
18 And he did that which was evil before the Lord: he departed not from the sins of Jeroboam the son of Nabat, who made Israel to sin all his days.
Innis fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Bara biyya bulchaa ture guutuus cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
19 And Phul king of the Assyrians came into the land, and Manahem gave Phul a thousand talents of silver, to aid him and to establish him in the kingdom.
Ergasiis Phuuli mootichi Asoor biyyattiitti ni duule; Menaaheem immoo akka gargaarsa isaa argate aangoo ofii isaa jalatti mootummaa turfatuuf meetii taalaantii kuma tokko kenneef.
20 And Manahem laid a tax upon Israel, on all that were mighty and rich, to give the king of the Assyrians, each man fifty sides of silver: so the king of the Assyrians turned back, and did not stay in the land.
Menaaheem maallaqa kana warruma Israaʼel baasise. Akka mootii Asooriif kennamuuf namni sooressi kam iyyuu meetii saqilii shantama baasuu qaba. Kanaafuu mootiin Asoor duubatti deebiʼee malee ergasii biyyattii keessa hin turre.
21 And the rest of the acts of Manahem, and all that he did, are they not written in the book of the words of the days of the kings of Israel?
Wanni bara mootummaa Menaaheem keessa hojjetame kan biraa, wanni inni hojjete hundis kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
22 And Manahem slept with his fathers: and Phaceia his son reigned in his stead.
Menaaheemis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Pheqaayaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
23 In the fiftieth year of Azarias king of Juda reigned Phaceia the son of Manahem over Israel in Samaria two years.
Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa shantammaffaatti Pheqaayaan ilmi Menaaheem Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama bulche.
24 And he did that which was evil before the Lord: he departed not from the sins of Jeroboam the son of Nabat, who made Israel to sin.
Pheqaayaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
25 And Phacee the son of Romelia, his captain conspired against him, and smote him in Samaria, in the tower of the king’s house, near Argob, and near Arie, and with him fifty men of the sons of the Galaadites, and he slew him and reigned in his stead.
Ajajjoota isaa ol aantota keessaa Pheqaan ilmi Remaaliyaa isatti malate. Innis namoota Giliʼaad keessaa nama shantama fudhatee fiixee masaraa mootummaa kan Samaariyaa keessaa irratti Pheqaayaa, Argobbii fi Ariyyee ajjeese. Pheqaanis akkasiin Pheqaayaa ajjeesee iddoo isaa mootii taʼe.
26 And the rest of the acts of Phaceia, and all that he did, are they not written in the book of the words of the days of the kings of Israel?
Wanni bara mootummaa Pheqaayaa keessa hojjetame kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
27 In the two and fiftieth year of Azarias king of Juda reigned Phacee the son of Romelia over Israel in Samaria twenty years.
Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessaa waggaa shantamii lammaffaatti, Pheqaan ilmi Remaaliyaa Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa digdama bulche.
28 And he did that which was evil before the Lord: he departed not from the sins of Jeroboam the son of Nabat, who made Israel to sin.
Innis fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
29 In the days of Phacee king of Israel came Theglathphalasar king of Assyria, and took Aion, and Abel Domum Maacha and Janoe, and Cedes, and Asor, and Galaad, and Galilee, and all the land of Nephtali: and carried them captives into Assyria.
Bara Pheqaa mooticha Israaʼel keessa Tiiglaat Phileeser mootichi Asoor dhufee Iiyoon, Abeel Beet Maʼaakaa, Yaanoʼaa, Qaadeshii fi Haazoor, Giliʼaadii fi Galiilaa, biyya Niftaalem hundas walumatti qabatee namootas guuree Asooritti geesse.
30 Now Osee son of Ela conspired, and formed a plot against Phacee, the son of Romelia, and struck him, and slew him: and reigned in his stead in the twentieth year of Joatham the son of Ozias.
Ergasiis Hoosheeʼaa ilmi Eelaa, Pheqaa ilma Remaaliyaatti malate. Innis lolee isa ajjeesee bara mootummaa Yootaam ilma Uziyaan keessaa waggaa digdammaffaatti iddoo isaa mootii taʼe.
31 But the rest of the acts of Phaces, and all that he did, are they not written in the book of the words of the days of the kings of Israel?
Wanni bara mootummaa Pheqaa keessa hojjetame biraa fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
32 In the second year of Phacee the son of Romelia king of Israel reigned Joatham son of Ozias king of Juda.
Bara Pheqaa ilma Remaaliyaa mooticha Israaʼel keessa waggaa lammaffaatti Yootaam ilmi Uziyaan mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe.
33 He was five and twenty years old when he began to reign, and he reigned sixteen years in Jerusalem: the name of his mother was Jerusa, the daughter of Sadoc.
Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte.
34 And he did that which was right before the Lord: according to all that his father Ozias had done, so did he.
Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete.
35 But the high places he took not away: the people still sacrificed and burnt incense in the high places: he built the highest gate of the house of the Lord.
Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture. Namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa ixaanas achitti aarsaa turan. Yootaam Karra mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Ol aanu deebisee ijaare.
36 But the rest of the acts of Joatham, and all that he did, are they not written in the book of the words of the days of the kings of Juda?
Wantoonni bara mootummaa Yootaam keessaa hojjetaman kanneen biraatii fi wantoonni inni hojjete kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii?
37 In those days the Lord began to send into Juda Basin king of Syria, and Phacee the son of Romelia.
Bara sana keessa Waaqayyo Reziin mooticha Sooriyaatii fi Pheqaa ilma Remaaliyaa Yihuudaatti kakaasuu jalqabe.
38 And Joatham slept with his fathers, and was buried with them in the city of David his father, and Achaz his son reigned in his stead.
Yootaam abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit, magaalaa abbaa isaa keessatti isaanuma biratti ni awwaalame. Ilmi isaa Aahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

< 2 Kings 15 >