< Proverbs 3 >

1 My son, forget not my teaching, and let thy heart observe my commandments;
Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin; ajaja koos garaatti qabadhu;
2 for length of days, and years of life, and peace shall they add to thee.
isaan bara baayʼee fi umurii dheeraa, nagaa fi badhaadhummaa siif dabaluutii.
3 Let not loving-kindness and truth forsake thee; bind them about thy neck, write them upon the tablet of thy heart:
Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin; morma keetti hidhadhu; gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu.
4 and thou shalt find favour and good understanding in the sight of God and man.
Ati karaa kanaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti surraa fi maqaa gaarii ni argatta.
5 Confide in Jehovah with all thy heart, and lean not unto thine own intelligence;
Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin;
6 in all thy ways acknowledge him, and he will make plain thy paths.
karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.
7 Be not wise in thine own eyes; fear Jehovah, and depart from evil:
Ani ogeessa ofiin hin jedhin; Waaqayyoon sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.
8 it shall be health for thy navel, and moisture for thy bones.
Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna; lafee kee illee ni haaromsa.
9 Honour Jehovah with thy substance, and with the first-fruits of all thine increase;
Qabeenya keetiin, mataa midhaan keetii hundaanis Waaqayyoon kabaji;
10 so shall thy barns be filled with plenty, and thy vats shall overflow with new wine.
yoos gombisaan kee hamma irraan dhangalaʼutti guutama; iddoon cuunfaa wayinii keetiis daadhiidhaan guutamee irraan dhangalaʼa.
11 My son, despise not the instruction of Jehovah, neither be weary of his chastisement;
Yaa ilma ko, adabbii Waaqayyoo hin tuffatin; dheekkamsa isaas hin jibbin.
12 for whom Jehovah loveth he chasteneth, even as a father the son in whom he delighteth.
Waaqayyo akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti warra jaallatu ni adabaatii.
13 Blessed is the man that findeth wisdom, and the man that getteth understanding.
Namni ogummaa argatu kan hubannaas argatu eebbifamaa dha;
14 For the gain thereof is better than the gain of silver, and her revenue than fine gold.
ogummaan meetii caalaa faayidaa qabaatii; warqee caalaas buʼaa namaaf buusa.
15 She is more precious than rubies; and all the things thou canst desire are not equal unto her.
Gatiin ishee gatii lula diimaa caala; wanni ati akka malee hawwitu kam iyyuu isheedhaan wal qixxaachuu hin dandaʼu.
16 Length of days is in her right hand; in her left hand riches and honour.
Jireenyi dheeraan harka ishee mirgaa keessa jira; badhaadhummaa fi ulfinni harka ishee bitaa keessa jiru.
17 Her ways are ways of pleasantness, and all her paths are peace.
Karaan ishee karaa nama gammachiisuu dha; daandiin ishee hundis nagaa dha.
18 She is a tree of life to them that lay hold upon her; and happy is he that retaineth her.
Isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti; warri itti cichanii ishee qabatan immoo ni eebbifamu.
19 Jehovah by wisdom founded the earth; by understanding he established the heavens.
Waaqayyo ogummaadhaan hundee lafaa buuse; hubannaadhaanis samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe;
20 By his knowledge the deeps were broken up, and the skies drop down the dew.
beekumsa isaatiin tuujubawwan gargar qoodaman; duumessoonnis fixeensa coccobsan.
21 My son, let them not depart from thine eyes; keep sound wisdom and discretion:
Yaa ilma ko ogummaa fi hubannaa dhugaa eeggadhu; isaanis fuula kee duraa hin dhabamin;
22 so shall they be life unto thy soul, and grace unto thy neck.
isaan jireenya siif taʼu; morma kee miidhagsuufis faaya mormaa siif taʼu.
23 Then shalt thou walk in thy way securely, and thy foot shall not stumble;
Yoos ati karaa kee nagumaan deemta; miilli kees hin gufatu;
24 when thou liest down, thou shalt not be afraid, but thou shalt lie down and thy sleep shall be sweet.
ati yoo raftu hin sodaattu; hirribni kees yoo ati raftu sitti miʼaawa.
25 Be not afraid of sudden fear, neither of the destruction of the wicked, when it cometh;
Balaa akkuma tasaa sitti dhufu yookaan badiisa hamoota galaafatu hin sodaatin;
26 for Jehovah shall be thy confidence, and he will keep thy foot from being taken.
Waaqayyo irkoo siif taʼaatii; akka miilli kee kiyyoodhaan hin qabamnes si eega.
27 Withhold not good from them to whom it is due, when it is in the power of thy hand to do it.
Ati yeroo waan tokko gochuudhaaf aangoo qabdutti, warra wanni gaariin isaaniif malu irraa waan sana hin hanqisin.
28 Say not unto thy neighbour, Go, and come again, and to-morrow I will give, when thou hast it by thee.
Utuu amma waa qabduu, ollaa keetiin, “Yeroo biraa deebiʼii kottu; ani bori siifin kennaatii” hin jedhin.
29 Devise not evil against thy neighbour, seeing he dwelleth securely by thee.
Ollaa kee kan si amanee si cina jiraatu miidhuuf jettee waan hamaa itti hin yaadin.
30 Strive not with a man without cause, if he have done thee no harm.
Nama tokko utuu inni homaa si hin godhin akkasumaan hin miidhin.
31 Envy not the man of violence, and choose none of his ways.
Nama dabaatti hin hinaafin; yookaan karaa isaa tokko illee hin filatin.
32 For the perverse is an abomination to Jehovah; but his secret is with the upright.
Waaqayyo nama jalʼaa ni jibbaatii; nama qajeelaa garuu ofitti aanfata.
33 The curse of Jehovah is in the house of the wicked; but he blesseth the habitation of the righteous.
Abaarsi Waaqayyoo mana nama hamaa irra buʼa; inni garuu mana nama qajeelaa ni eebbisa.
34 He indeed scorneth the scorners; but he giveth grace unto the lowly.
Inni qoostota of tuultotatti ni qoosa; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna.
35 The wise shall inherit glory; but shame shall be the promotion of the foolish.
Ogeeyyiin ulfina dhaalu; gowwoota garuu inni ni qaanessa.

< Proverbs 3 >