< Leviticus 10 >

1 And the sons of Aaron, Nadab and Abihu, picking up their censers, placed fire in them and incense upon them, offering in the sight of the Lord a strange fire, such as was not instructed of them.
Ilmaan Aroon jechuunis Naadaabii fi Abiihuu girgiraa isaanii fudhatanii ibidda itti naqanii ixaana irratti firfirsan; isaanis ibidda hin eeyyamamne kan Inni hin ajajin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan.
2 And fire coming out from the Lord destroyed them, and they died in the sight of the Lord.
Kanaafuu ibiddi Waaqayyo biraa baʼee gubee isaan fixe; isaanis fuula Waaqayyoo duratti dhuman.
3 And Moses said to Aaron: “This is what the Lord has spoken: ‘I will be sanctified in those who approach me, and I will be glorified in the sight of all the people.’” And upon hearing this, Aaron was silent.
Museenis Arooniin akkana jedhe; “Wanni Waaqayyo dubbate kanaa dha: “‘Ani warra natti dhiʼaatan gidduutti, qulqullina koo nan argisiisa; saba hunda durattis ani nan ulfaadha.’” Aroon immoo ni calʼise.
4 Then Moses called Mishael and Elzaphan, the sons of Uzziel, the paternal uncle of Aaron, and he said to them, “Go and take your brothers from the sight of the Sanctuary, and carry them beyond the camp.”
Museenis Miishaaʼeelii fi Elzaafaan ilmaan Uziiʼeel obboleessa abbaa Aroon sanaa ofitti waamee, “Kottaatii durbiiwwan keessan fuula iddoo qulqulluu duraa fuudhaatii qubata keessaa gad baasaa” jedhe.
5 And moving quickly, they took them as they lay, vested with linen tunics, and cast them outside, just as had been commanded them.
Jarris dhufanii akkuma Museen ajajetti akkuma isaan kittaa isaanii uffatanii jiranitti fuudhanii qubata keessaa gad isaan baasan.
6 And Moses said to Aaron, and to his sons, Eleazar and Ithamar: “Do not uncover your heads, and do not rend your garments, lest perhaps you may die, and indignation may rise up over the entire assembly. Let your brothers, and all the house of Israel, bewail the burning that the Lord has kindled.
Ergasii Museen Aroonii fi ilmaan Aroon, Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Mataa keessan filachuu hin dhiisinaa; wayyaa keessanis hin tarsaasinaa; yoo kanaa achii isin ni duutu; Waaqayyos saba guutuutti dheekkama. Garuu firoonni keessan manni Israaʼel hundi warra Waaqayyo ibiddaan balleesse sanaaf booʼuu dandaʼu.
7 But you shall not depart from the door of the tabernacle; otherwise, you shall perish. For certainly the oil of holy anointing is upon you.” And they did all things according to the precept of Moses.
Sababii zayitiin Waaqayyoo kan ittiin diban isin irra jiruuf isin balbala dunkaana wal gaʼii duraa hin deeminaa; yoo kanaa achii ni duutu.” Isaanis akkuma Museen isaan ajaje godhan.
8 The Lord also said to Aaron:
Waaqayyos Arooniin akkana jedhe;
9 “You shall not drink wine, nor anything that is able to inebriate you or your sons, when you enter into the tabernacle of the testimony, lest you die. For it is an everlasting precept in your generations.
“Atii fi ilmaan kee yommuu dunkaana wal gaʼii ol seentanitti daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhuginaa. Yoo kanaa achii ni duutu. Wanni kun dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa.
10 And so may you have the knowledge to discern between holy and profane, between polluted and clean.
Isin waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin, waan xuraaʼaa fi waan xuraaʼaa hin taʼin addaan baaftanii beekuu qabdu;
11 And so may you teach the sons of Israel all my ordinances, which the Lord has spoken to them by the hand of Moses.”
seera Waaqayyo karaa Museetiin isaanii kenne hundas saba Israaʼel barsiisuu qabdu.”
12 And Moses spoke to Aaron, and to his sons, Eleazar and Ithamar, who were remaining: “Take the sacrifice which remains from the oblation of the Lord, and eat it without leaven next to the altar, because it is the Holy of holies.
Museenis Aroonii fi ilmaan Aroon warra hafan jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Kennaa midhaanii kan aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman sana irraa hafe fuudhaatii utuu inni hin bukaaʼin tolchaatii iddoo aarsaa biratti nyaadhaa; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluudhaatii.
13 For you shall eat it in a holy place, which is given to you and to your sons, from the oblations of the Lord, just as has been instructed me.
Wanni kun aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman keessaa sababii qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼeef lafa qulqulluutti nyaadhaa; ani akkana ajajameeraatii.
14 Likewise, the breast which is offered, and the shoulder which is separated, you shall eat in a most clean place, you and your sons, and your daughters with you. For these have been set aside for you and your children from the victims which benefit the sons of Israel.
Garuu ati, ilmaan keetii fi intallan kee handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼeeffame sana nyaachuu dandeessu. Waan kanas iddoo seeraan qulqulluu taʼetti nyaadhaa. Wanni kun qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼee aarsaa nagaa kan saba Israaʼel irraa isiniif kennamee dhaatii.
15 Since they have lifted up in the sight of the Lord, the shoulder, and the breast, and the fat that is burned on the altar, these also belong to you and to your sons as a perpetual law, just as the Lord has instructed.”
Tafni dhiʼeeffamee fi handaraafni sochoofame sun akka aarsaa sochoofamu tokkootti akka fuula Waaqayyoo duratti sochoofamuuf cooma aarsaa ibiddaan dhiʼeeffame wajjin fidamuu qaba; kunis akkuma Waaqayyo ajajetti qooda keetii fi qooda ilmaan keetii kan bara baraa ti.”
16 Meanwhile, when Moses was searching for the he-goat, which had been offered for sin, he discovered it burned up. And being angry against Eleazar and Ithamar, the sons of Aaron who were remaining, he said:
Museenis reʼee aarsaa cubbuu sana jabeessee barbaade; kunoo reʼeen sun gubamee ture; innis ilmaan Aroon warra hafanitti jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaaritti aaree akkana jedhee isaan gaafate;
17 “Why did you not eat the sacrifice for sin in the holy place, which is the Holy of holies, and which was given to you, so that you might carry the iniquity of the people, and might pray for them in the sight of the Lord,
“Isin maaliif aarsaa cubbuu sana iddoo qulqulluutti hin nyaatin? Aarsaan sun waan hunda caalaa qulqulluu dha; innis akka isin fuula Waaqayyoo duratti araara isaaniif buusuudhaan yakka sabaa balleessitaniif isiniif kenname.
18 especially since none of its blood has been brought into the holy places, and since you should have eaten it in the Sanctuary, as was instructed me?”
Kunoo, dhiigni isaa Iddoo Qulqulluutti ol hin galfamne; isin akkuma ani ajajetti reʼee sana naannoo Iddoo Qulqulluutti nyaachuu qabdu ture.”
19 Aaron responded: “This day, the victim for sin has been offered, and the holocaust in the sight of the Lord. But you see what has happened to me. How could I eat it, or please the Lord in the ceremonies, having a sorrowful mind?”
Aroonis Museedhaan akkana jedhe; “Kunoo, isaan harʼa aarsaa isaanii kan cubbuutii fi aarsaa isaanii kan gubamu fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessaniiru; garuu wanni akkasii kun na qaqqabeera. Utuu ani aarsaa cubbuu sana harʼa nyaadhee jiraadhee silaa wanni sun fuula Waaqayyoo duratti ni fudhatama turee?”
20 But when Moses had heard this, he was satisfied.
Museenis yommuu waan kana dhagaʼetti ni gammade.

< Leviticus 10 >