< Exodus 19 >

1 In the third month of the departure of Israel from the land of Egypt, in that day, they arrived in the wilderness of Sinai.
Israaʼeloonni erga Gibxii baʼanii as jiʼa sadaffaa keessa guyyuma itti Gibxii baʼan sana Gammoojjii Siinaa gaʼan.
2 Thus, setting out from Raphidim, and going directly to the desert of Sinai, they encamped in the same place, and there Israel pitched their tents away from the region of the mountain.
Isaanis erga Refiidiimii kaʼanii booddee Gammoojjii Siinaa seenan; sabni Israaʼelis Gammoojjii sana keessa fuullee tulluu sanaa qubatan.
3 Then Moses ascended to God. And the Lord called to him from the mountain, and he said: “This you shall say to the house of Jacob, and announce to the sons of Israel:
Museenis gara Waaqaatti ol baʼe; Waaqayyos tulluu irraa isa waamee akkana jedheen; “Ati mana Yaaqoobiin akkana jetta; saba Israaʼelittis waan kana himi:
4 ‘You have seen what I have done to the Egyptians, in what way I carried you upon the wings of eagles and how I have taken you for myself.
‘Waan ani warra Gibxi godhee fi akka ani itti qoochoo risaa irratti isin baadhee gara kootti isin fide isin mataan keessan iyyuu argitaniirtu.
5 If, therefore, you will hear my voice, and you will keep my covenant, you will be to me a particular possession out of all people. For all the earth is mine.
Ammas isin yoo naaf ajajamtan, yoo kakuu koo eegdan isin saboota hunda keessaa qabeenya addaa naaf taatu. Yoo lafti hundinuu kan koo taʼe illee,
6 And you will be to me a priestly kingdom and a holy nation.’ These are the words that you will speak to the sons of Israel.”
isin mootummaa lubootaatii fi saba qulqulluu naaf taatu.’ Dubbiin ati saba Israaʼelitti himuu qabdus kanuma.”
7 Moses went, and calling together those greater by birth among the people, he set forth all the words which the Lord had commanded.
Museen deebiʼee maanguddoota sabaa walitti waamee, dubbii akka inni dubbatuuf Waaqayyo isa ajaje sana hunda fuula isaanii duratti dhiʼeesse.
8 And all the people responded together: “Everything that the Lord has spoken, we shall do.” And when Moses had related the words of the people to the Lord,
Jarri hundinuus afaan tokkoon, “Nu waan Waaqayyo jedhe hundumaa ni goona” jedhanii deebisan; Museen immoo waan jarri jedhan deebisee Waaqayyotti fide.
9 the Lord said to him: “Soon now, I will come to you in the mist of a cloud, so that the people may hear me speaking to you, and so that they may believe you continuously.” Therefore, Moses reported the words of the people to the Lord,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akka sabni kun anaa si wajjin dubbatu dhagaʼee yeroo hunda si amanatuuf kunoo ani duumessa yabbuu keessaan gara kee nan dhufa.” Ergasiis Museen waan sabni sun jedhe Waaqayyotti hime.
10 who said to him: “Go to the people, and sanctify them today, and tomorrow, and let them wash their garments.
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Gara sabaa dhaqiitii harʼaa fi bori isaan qulqulleessi. Akka isaan wayyaa isaanii miiccatanii
11 And let them be prepared on the third day. For on the third day, the Lord will descend, in the sight of all the people, over Mount Sinai.
guyyaa sadaffaaf qophaaʼan godhi; gaafa sana utuma sabni hundi ilaaluu Waaqayyo Tulluu Siinaa irratti gad ni buʼaatii.
12 And you will establish limits for the people all around, and you will say to them: ‘Take care not to ascend to the mountain, and that you do not touch its parts. All who touch the mountain, shall die a death.’
Naannoo tullichaatti saba sanaaf daangaa tolchiitii akkana jedhiin; ‘Isin akka tulluu sanatti ol hin baane yookaan akka qarqara isaa illee hin tuqne of eeggadhaa. Namni tulluu sana tuqu kam iyyuu haa ajjeefamu.
13 Hands shall not touch him, but he shall be crushed with stones, or he shall be pierced through with darts. Whether it be a beast or a man, he shall not live. For when the trumpet begins to sound, perhaps they might go up toward the mountain.”
Inni dhagaadhaan haa tumamu yookaan xiyyaan haa waraanamu; harki tokko iyyuu isa hin tuqin; horiis taʼu namni akka jiraatu hin eeyyamamuuf.’ Isaan yeroo malakanni utuu gargar hin citin afuufamu qofa tulluutti ol baʼuu dandaʼu.”
14 And Moses came down from the mountain to the people, and he sanctified them. And when they had washed their garments,
Museen tulluu irraa gara sabaatti gad buʼee saba sana qulqulleesse; isaanis uffata isaanii miiccatan.
15 he said to them, “Be prepared on the third day, and do not draw near to your wives.”
Innis saba sanaan, “Guyyaa sadaffaaf of qopheessaa; dubartii biras hin gaʼinaa” jedhe.
16 And now, the third day arrived and the morning dawned. And behold, thunders began to be heard, and also lightning flashed, and a very dense cloud covered the mountain, and the noise of the trumpet resounded vehemently. And the people who were in the camp were fearful.
Ganama guyyaa sadaffaa sana tulluu sana irra bakakkaa, balaqqeessaa fi duumessa yabbuu, akkasumas sagalee malakataa guddaatu dhagaʼame. Warri iddoo qubataa sana keessa jiraatan hundis ni hollatan.
17 And when Moses had led them out to meet God, from the place of the camp, they stood at the base of the mountain.
Museenis saba sana iddoo qubannaatii baasee gara Waaqaatti fide; jarris miilla tulluu sanaa jala dhadhaabatan.
18 Then all of Mount Sinai was smoking. For the Lord had descended over it with fire, and smoke ascended from it, as from a furnace. And the entire mountain was terrible.
Tulluun Siinaa hundis sababii Waaqayyo ibiddaan irratti gad buʼeef aaraan haguugame. Aarri sunis akkuma aara boolla ibiddaatii baʼuutti ol baʼe; tulluun sunis guutumaan guutuutti akka malee raafame;
19 And the sound of the trumpet gradually increased to be louder, and extended to be longer. Moses was speaking, and God was answering him.
sagaleen malakataa ittuma guddachaa deeme. Museenis ni dubbate; sagaleen Waaqaas deebii kenneef.
20 And the Lord descended over Mount Sinai, to the very top of the mountain, and he called Moses to its summit. And when he had ascended there,
Waaqayyo fiixee Tulluu Siinaa irratti gad buʼee Musee gara fiixee tulluu sanaatti ol waame. Museenis ol baʼe;
21 he said to him: “Descend, and call the people to witness, lest they might be willing to transgress the limits, so as to see the Lord, and a very great multitude of them might perish.
Waaqayyo immoo akkana isaan jedhe; “Akka isaan Waaqayyo ilaaluuf jedhanii daarii hin dabarree fi akka isaan keessaas namni baayʼeen hin duuneef gad buʼiitii isaan akeekkachiisi.
22 Likewise, the priests who approach toward the Lord, let them be sanctified, lest he strike them down.”
Akka Waaqayyo isaan hin balleessineef luboonni Waaqayyotti dhiʼaatan iyyuu of haa qulqulleessan.”
23 And Moses said to the Lord: “The people are not able to ascend to Mount Sinai. For you testified, and you commanded, saying: ‘Set limits around the mountain, and sanctify it.’”
Museen immoo Waaqayyoon, “Sababii ati mataan kee, ‘Naannoo Tullichaatti daangaa dhaabiitii isa qulqulleessiitii addaan baasi’ jettee akeekkachiisa nuu kenniteef sabni kun Tulluu Siinaatti ol baʼuu hin dandaʼu” jedhe.
24 And the Lord said to him, “Go, descend. And you shall ascend, and Aaron with you. But let not the priests or the people transgress the limits, nor ascend to the Lord, lest perhaps he may put them to death.”
Waaqayyos, “Gadi buʼiitii Aroonin fidii kottu. Garuu luboonnii fi uummanni gara Waaqayyootti ol dhufuuf jedhanii daangaa hin darbin; yoo kanaa achii inni isaan balleessa” jedhee deebise.
25 And Moses descended to the people, and he explained everything to them.
Museenis gad buʼee waan kana uummatatti hime.

< Exodus 19 >