< Luke 10 >

1 And after these things, the Lord appointed seventy others, also, and sent them, two and two, before his face, into every city and place to which he himself was about to go.
Kana booddee Gooftaan namoota biraa 72 muudee gara magaalaawwanii fi lafa ofii dhaquuf ture hundaatti lama lamaan of dura isaan erge.
2 He said, therefore, to them: The harvest truly is great, but the laborers are few; pray, therefore, the Lord of the harvest that he send out laborers into his harvest.
Akkanas isaaniin jedhe; “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa. Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.
3 Go; behold, I send you as lambs in the midst of wolves.
Deemaa! Ani akka ilmoolee hoolaa gara gidduu yeeyyiitti isin erga.
4 Carry no purse, nor bag, nor sandals; and salute no one on the road.
Borsaa yookaan korojoo yookaan kophee hin qabatinaa; karaa irrattis nama tokko illee nagaa hin gaafatinaa.
5 Whatever house you enter, first say, Peace be to this house.
“Yeroo mana tokko seentanitti dursaatii, ‘Nagaan mana kanaaf haa taʼu’ jedhaa.
6 And if a son of peace be there, your peace shall rest on him; but, if not, it shall return upon you.
Yoo namni nagaa achi jiraate, nagaan keessan isaaf taʼa; yoo kanaa achii nagaan keessan isiniif deebiʼa.
7 And in that house remain, eating and drinking what they have to give; for the laborer is worthy of his hire; go not from house to house.
Waan isaan isinii kennan hunda nyaachaa, dhugaas achuma turaa; hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni malaatii. Manaa gara manaatti hin labinaa.
8 And whatever city you enter, and they receive you, eat what is set before you;
“Yeroo magaalaa tokko seentanii simatamtanitti waanuma isinii dhiʼaate nyaadhaa.
9 and heal those in it who are sick, and say to them: The kingdom of God has come near to you.
Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaatii, ‘Mootummaan Waaqaa isinitti dhiʼaateera’ jedhaa isaanitti himaa.
10 But whatever city you enter, and they receive you not, go out into the streets of it, and say:
Yoo magaalaa tokko seentanii isin simachuu baatan garuu gara daandii magaalaatti baʼaatii akkana jedhaa;
11 Even the dust of your city, which cleaves to us, we do wipe off against you; yet know this, that the kingdom of God has come near to you.
‘Nu akka akeekkachiisa isinii taʼuuf awwaara magaalaa keessanii illee miilla keenya irraa dhadhaʼanna. Taʼus waan kana beekaa: Mootummaan Waaqaa dhiʼaateera.’
12 I say to you, It shall be more tolerable, in that day, for Sodom, than for that city.
Ani isinittin hima; gaafas magaalaa sana irra Sodoomiif ni salphata.
13 Alas for thee, Chorazin! alas for thee, Bethsaida! for, if the mighty works which have been done in you, had been done in Tyre and Sidon, they would have repented long ago, sitting in sackcloth and ashes.
“Yaa Koraaziin siif wayyoo! Yaa Beetisayidaa siif wayyoo! Hojiin dinqii kan isin keessatti hojjetame sun utuu Xiiroosii fi Siidoonaa keessatti hojjetamee jiraatee isaan silaa yeroo dheeraan dura uffata gaddaa uffatanii, daaraa keessas tataaʼanii qalbii jijjiirratu turan.
14 But for Tyre and Sidon it shall be more tolerable in the judgment, than for you.
Garuu guyyaa murtiitti isin irra Xiiroosii fi Siidoonaaf ni salphata.
15 And thou, Capernaum, who hast been exalted to heaven, shalt be brought down to hades. (Hadēs g86)
Atis yaa Qifirnaahom, hamma samiitti ol kaafamtaa? Lakki, Siiʼoolitti gad buuta. (Hadēs g86)
16 He that hears you, hears me; and he that rejects you, rejects me; and he that rejects me, rejects him that sent me.
“Namni isin dhagaʼu kam iyyuu na dhagaʼa; namni isin dhagaʼuu didu anas dhagaʼuu dida; namni na dhagaʼuu didu immoo isa na erge sana dhagaʼuu dida.”
17 And the seventy returned with joy, and said: Lord, even the demons are subject to us through thy name.
Namoonni torbaatamii lamaan sunis gammachuudhaan deebiʼanii, “Yaa Gooftaa, hafuuronni hamoon iyyuu maqaa keetiin nuu ajajamaniiru” jedhan.
18 And he said to them: I saw Satan, like lightning from heaven, falling.
Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Ani utuu Seexanni akkuma balaqqeetti samii irraa buʼuu nan arge.
19 Behold, I give you authority to tread on serpents and scorpions, and authority over all the power of the enemy; and nothing shall by any means hurt you.
Kunoo, ani akka isin bofaa fi torbaanqabaa lafatti dhidhiittanii fi akka humna diinaa hundas moʼattaniif aangoo isinii kenneera; wanni kam iyyuu isin hin miidhu.
20 However, rejoice not in this, that the spirits are subject to you; but rejoice that your names are written in heaven.
Garuu sababii maqaan keessan samii keessatti barreeffameef gammadaa malee sababii hafuuronni isinii ajajamaniif hin gammadinaa.”
21 In that hour Jesus rejoiced in spirit, and said: I thank thee, Father, Lord of heaven and earth, because thou hast hid these things from the wise and prudent, and hast revealed them to babes; even so, Father, for so it seemed good in thy sight.
Yesuus yeroo sana Hafuura Qulqulluudhaan gammachuun guutamee akkana jedhe; “Yaa Abbaa, Gooftaa samiitii fi lafaa, sababii ati wantoota kanneen ogeeyyii fi hubattoota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti mulʼifteef ani sin galateeffadha. Eeyyee yaa Abbaa, ati waan kana gochuutti gammaddeertaatii.
22 All things are delivered to me by my Father; and no one knows who the Son is but the Father, and who the Father is but the Son, and he to whom the Son will reveal him.
“Abbaan koo waan hunda dabarsee natti kenneera. Abbaa malee namni tokko iyyuu Ilmi eenyu akka taʼe hin beeku; Ilmaa fi nama Ilmi isa itti mulʼisuu fedhu malee namni tokko iyyuu Abbaan eenyu akka taʼe hin beeku.”
23 And he turned to his disciples, and said privately: Blessed are the eyes that see what you see.
Barattoota isaattis garagalee kophaatti akkana jedheen; “Iji waan isin argitan argu eebbifamaa dha.
24 For I say to you, that many prophets and kings desired to see what you see, and did not see; and to hear what you hear, and did not hear.
Ani isinittin himaatii raajonnii fi mootonni baayʼeen waan isin argitan kana arguu barbaadan; garuu hin argine. Waan isin dhageessan kanas dhagaʼuu barbaadan; garuu hin dhageenye.”
25 And, behold, a certain lawyer stood up to tempt him, and said: Teacher, what shall I do to inherit eternal life? (aiōnios g166)
Gaaf tokko, hayyuun seeraa tokko Yesuusin qoruuf jedhee kaʼee dhaabate. Innis, “Yaa Barsiisaa, ani jireenya bara baraa dhaaluudhaaf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate. (aiōnios g166)
26 He said to him: What is written in the law? How do you read?
Yesuusis deebisee, “Seera keessatti maaltu barreeffame? Atis akkamitti dubbifta?” jedheen.
27 He answered and said: You shall love the Lord your God with your whole heart, and with your whole soul, and with your whole strength, and with your whole understanding, and your neighbor as yourself.
Namichis, “‘Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu; ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaalladhu’” jedhee deebise.
28 He said to him: You have answered correctly; do this, and you shall live.
Yesuusis, “Sirriitti deebifteerta; atis kanuma godhi ni jiraattaa” jedheen.
29 But, wishing to justify himself, he said to Jesus: And who is my neighbor?
Namichi sun garuu qajeelaa of gochuu barbaadee, “Ollaan koo eenyu?” jedhee Yesuusin gaafate.
30 And Jesus answered and said: A certain man went down from Jerusalem to Jericho, and fell among; robbers, who stripped him of his raiment, and wounded him, and went away, leaving him half dead.
Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Namichi tokko utuu Yerusaalemii baʼee Yerikootti gad buʼaa jiruu harka saamtotaa seene. Isaanis uffata isaa irraa baafatanii, tumanii, duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman.
31 And by chance a certain priest went down along that road, and when he saw him, he passed by on the other side.
Lubni tokko utuu akkuma tasaa karaa sanaan gad buʼuu namicha argee irraa goree darbe.
32 In like manner, also, a Levite, when he came to the place, went and looked on him, and passed by on the other side.
Akkasumas namichi gosa Lewwii tokko yommuu iddoo sana gaʼeetti namicha sana argee irraa goree darbe.
33 But a certain Samaritan, who was on a journey, came near him; and when he saw him, he had compassion on him.
Namichi Samaariyaa tokko garuu utuu deemaa jiruu iddoo namichi sun jiru gaʼe; yommuu isa argettis garaa laafeef.
34 And he went to him, and bound up his wounds, pouring in oil and wine; and he put him on his own beast, and carried him to an inn, and took care of him.
Innis itti dhiʼaatee zayitii fi daadhii wayinii madaa isaatti naqee hidheef; harree isaa irras kaaʼee, mana boqonnaa keessummootaatti isa geesse; achittis isa gargaare.
35 And on the morrow, when he departed, he took out two denarii, and gave them to the innkeeper, and said to him: Take care of him; and whatever you spend more, on my return, I will repay you.
Guyyaa itti aanutti diinaarii lama baasee abbaa mana boqonnaa sanaatti kennee, ‘Namicha kana ittiin naa walʼaani; yoo kana caalaa baaftes ani yeroon deebiʼee dhufutti siifin kenna’ jedheen.
36 Which, then, of these three do you think was neighbor to him that fell among the robbers?
“Egaa jara sadan kanneen keessaa ollaan namicha harka saamtotaa seene sanaa isa kam seeta?”
37 He replied: He that showed mercy to him. Jesus said to him: Go, and do you likewise.
Hayyuun seeraa sunis, “Isa garaa laafeef sana” jedheen. Yesuusis, “Atis dhaqiitii akkasuma godhi” jedheen.
38 And it came to pass, as they continued their journey, that he entered a certain village, and a certain woman named Martha received him into her house.
Utuu karaa deemaa jiranuu Yesuus ganda tokko seene; dubartiin Maartaa jedhamtu tokkos mana isheetti isa simatte.
39 And she had a sister called Mary, who also sat at the feet of Jesus, and heard his word.
Isheenis obboleettii Maariyaam jedhamtu tokko qabdi turte; Maariyaamis miilla Gooftaa jala teessee waan inni jedhu dhaggeeffachaa turte.
40 But Martha made herself busy with much serving; and she came to him, and said: Lord, dost thou not care that my sister has left me to serve alone? Bid her, therefore, that she help me.
Maartaan garuu baayʼina hojiitiin waan dadhabaa turteef gara isaa dhuftee, “Yaa Gooftaa, obboleettiin koo akka ani hojii hunda kophaa koo hojjedhu natti dhiisuun ishee si hin gaddisiisuu? Akka isheen na gargaartu itti himi!” jette.
41 But Jesus answered and said to her: Martha, Martha, you are anxious and troubled about many things:
Gooftaanis deebisee akkana jedheen; “Yaa Maartaa, yaa Maartaa, ati waaʼee waan baayʼee yaaddofta; ni raafamtas.
42 one thing is needful; and Mary has chosen the good part, which shall not be taken from her.
Wanni barbaachisu garuu waanuma tokko qofa; Maariyaam isa caalu filatteerti; innis ishee irraa hin fudhatamu.”

< Luke 10 >