< 1 Corinthians 16 >

1 Now concerning the collection for the saints, as I gave order to the churches of Galatia, so also do ye.
Egaa waaʼee buusii qulqullootaaf walitti qabamuu, isinis akkuma ani waldoota kiristaanaa kanneen Galaatiyaa ajaje sanatti raawwadhaa.
2 Upon the first day of the week let each one of you lay by him in store, as he may prosper, that no collections be made when I come.
Akka buusii walitti qabuun yeroo ani dhufutti hin taaneef tokkoon tokkoon keessan akkuma galii keessaniitti torbanuma torbaniin guyyaa jalqabaa waa kophaatti baasaatii kaaʼaa.
3 And when I arrive, whomsoever ye shall approve, them will I send with letters to carry your bounty unto Jerusalem:
Anis yeroon isin bira dhufutti akka namoonni isin filattan kennaa keessan geessaniif xalayaa ittiin beekaman kenneefii Yerusaalemitti isaan nan erga.
4 and if it be meet for me to go also, they shall go with me.
Yoo dhaquun koo barbaachisaa taʼe immoo isaan na wajjin dhaqu.
5 But I will come unto you, when I shall have passed through Macedonia; for I pass through Macedonia;
Ani waanan Maqedooniyaa keessa darbuuf, yeroon Maqedooniyaa keessa darbutti isin bira nan dhufa.
6 but with you it may be that I shall abide, or even winter, that ye may set me forward on my journey whithersoever I go.
Akka isin iddoo ani dhaqu hundatti karaa koo irratti na gargaaruu dandeessaniif tarii yeroo xinnoo isin bira nan tura taʼa; yookaan ganna isin bira nan tura taʼa.
7 For I do not wish to see you now by the way; for I hope to tarry a while with you, if the Lord permit.
Yoo Gooftaan jedhe ani waanan yeroo muraasa isin bira turuu abdadhuuf, amma utuun darbuu goree isin arguu hin barbaadu.
8 But I will tarry at Ephesus until Pentecost;
Hamma guyyaa Pheenxeqoosxeetti garuu Efesoon keessa nan tura.
9 for a great door and effectual is opened unto me, and there are many adversaries.
Balballi guddaanii fi buʼaa qabeessi tokko naa banameeraatii; mormitoonnis baayʼee dha.
10 Now if Timothy come, see that he be with you without fear; for he worketh the work of the Lord, as I also do:
Yoo Xiimotewos gara keessan dhufe waan innis akkuma koo hojii Gooftaa hojjetuuf yeroo inni isin bira turutti akka inni waa tokko iyyuu hin sodaanne godhaa.
11 let no man therefore despise him. But set him forward on his journey in peace, that he may come unto me: for I expect him with the brethren.
Kanaaf namni tokko iyyuu isa hin tuffatin; akka inni gara kootti deebiʼuufis nagaadhaan ergaa; ani obboloota wajjin isa eegaan jiraatii.
12 But as touching Apollos the brother, I besought him much to come unto you with the brethren: and it was not at all [his] will to come now; but he will come when he shall have opportunity.
Waaʼee obboleessa keenya Apholoos immoo akka inni obboloota kaan wajjin gara keessan dhufuuf ani jabeessee isa kadhadheen ture. Inni garuu amma dhufuuf gonkumaa fedhii hin qabu; yeroo isaaf mijaaʼutti garuu ni dhufa.
13 Watch ye, stand fast in the faith, quit you like men, be strong.
Dammaqaa; amantiitti cimaatii dhaabadhaa; jajjabaadhaa; cimaas.
14 Let all that ye do be done in love.
Wanni isin hojjettan hundinuu jaalalaan haa taʼu.
15 Now I beseech you, brethren (ye know the house of Stephanas, that it is the firstfruits of Achaia, and that they have set themselves to minister unto the saints),
Yaa obboloota, akka warri mana Isxiifaanaas jiraatan Akaayaa keessaa warra jalqabatti amanan taʼan isin ni beektu; isaanis qulqulloota tajaajiluuf of kennaniiru.
16 that ye also be in subjection unto such, and to every one that helpeth in the work and laboreth.
Anis akka isin namoota akkasiitiif, warra isaan wajjin hojjetanii fi dadhaban hundaaf ajajamtan isinin kadhadha.
17 And I rejoice at the coming of Stephanas and Fortunatus and Achaicus: for that which was lacking on your part they supplied.
Isxiifaanaas, Fartunaaxoosii fi Akaayiqos na bira dhufuu isaaniitti ani gammadeera; isaan waan asii dhabamuu keessaniin hirʼate guutaniiruutii.
18 For they refreshed my spirit and yours: acknowledge ye therefore them that are such.
Isaan hafuura koo fi hafuura keessan boqochiisaniiruutii. Kanaaf isin namoota akkanaatiif beekamtii kennaa.
19 The churches of Asia salute you. Aquila and Prisca salute you much in the Lord, with the church that is in their house.
Waldoonni kiristaanaa kanneen biyya Asiyaa nagaa isiniif dhaamu. Aqiilaa fi Phirisqillaan, waldaan kiristaanaa kan mana isaanii jirtus Gooftaadhaan nagaa guddaa isiniif dhaamu.
20 All the brethren salute you. Salute one another with a holy kiss.
Obboloonni hundinuu nagaa isinii dhaamu. Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.
21 The salutation of me Paul with mine own hand.
Ani Phaawulos, xalayaa nagaa kana harkuma kootiin barreessa.
22 If any man loveth not the Lord, let him be anathema. Maranatha.
Namni Gooftaa hin jaallanne kam iyyuu haa abaaramu. Yaa Gooftaa kottu.
23 The grace of the Lord Jesus Christ be with you.
Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus isin wajjin haa taʼu.
24 My love be with you all in Christ Jesus. Amen.
Jaalalli koo Kiristoos Yesuusiin hunduma keessan wajjin haa taʼu. Ameen.

< 1 Corinthians 16 >