< Psalms 145 >

1 A praise psalm by David. I will exalt you, my God, the King. I will praise your name forever and ever.
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha.
2 Every day I will praise you. I will extol your name forever and ever.
Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa.
3 Great is the LORD, and greatly to be praised! His greatness is unsearchable.
Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf; guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.
4 One generation will commend your works to another, and will declare your mighty acts.
Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima; hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa.
5 I will meditate on the glorious majesty of your honor, on your wondrous works.
Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu; anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee itti nan yaada.
6 Men will speak of the might of your awesome acts. I will declare your greatness.
Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu; anis guddina kee nan labsa.
7 They will utter the memory of your great goodness, and will sing of your righteousness.
Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu; waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu.
8 The LORD is gracious, merciful, slow to anger, and of great loving kindness.
Waaqayyo arjaa fi gara laafessa; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
9 The LORD is good to all. His tender mercies are over all his works.
Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha; inni waan uume hundaaf garaa ni laafa.
10 All your works will give thanks to you, LORD. Your saints will extol you.
Yaa Waaqayyo, hojiin kee hundinuu si galateeffata; qulqulloonni kees si leellisu.
11 They will speak of the glory of your kingdom, and talk about your power,
Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu; waaʼee humna keetiis ni dubbatu;
12 to make known to the sons of men his mighty acts, the glory of the majesty of his kingdom.
kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa, surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif.
13 Your kingdom is an everlasting kingdom. Your dominion endures throughout all generations. The LORD is faithful in all his words, and loving in all his deeds.
Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti; bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba. Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha.
14 The LORD upholds all who fall, and raises up all those who are bowed down.
Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba; warra gad qabaman hundas ni kaasa.
15 The eyes of all wait for you. You give them their food in due season.
Iji nama hundaa si eeggata; atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita.
16 You open your hand, and satisfy the desire of every living thing.
Ati harka kee balʼiftee fedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta.
17 The LORD is righteous in all his ways, and gracious in all his works.
Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha.
18 The LORD is near to all those who call on him, to all who call on him in truth.
Waaqayyo warra isa waammatan hundatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.
19 He will fulfill the desire of those who fear him. He also will hear their cry, and will save them.
Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta; kadhannaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha.
20 The LORD preserves all those who love him, but he will destroy all the wicked.
Waaqayyo warra isa jaallatan hunda ni eega; jalʼoota hunda garuu ni balleessa.
21 My mouth will speak the praise of the LORD. Let all flesh bless his holy name forever and ever.
Afaan koo Waaqayyoon galateeffachuudhaan ni dubbata. Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sana bara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.

< Psalms 145 >