< Numbers 23 >

1 Balaam said to Balak, “Build here seven altars for me, and prepare here seven bulls and seven rams for me.”
Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; amma illee korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naa qopheessi” jedhe.
2 Balak did as Balaam had spoken; and Balak and Balaam offered on every altar a bull and a ram.
Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedhe sana godhe; isaan lamaan tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irratti korma looniitii fi korbeessa hoolaa tokko tokko aarsaa dhiʼeessan.
3 Balaam said to Balak, “Stand by your burnt offering, and I will go. Perhaps the LORD will come to meet me. Whatever he shows me I will tell you.” He went to a bare height.
Ergasii Balaʼaam Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani xinnoo achi sirraa nan siqa; ati immoo asuma aarsaa kee bira turi. Tarii Waaqayyo anaa wajjin wal arguuf ni dhufa taʼa. Waan inni natti mulʼisu kam iyyuu ani sittin hima.” Innis gara gaara tokkoo dhaqe.
4 God met Balaam, and he said to him, “I have prepared the seven altars, and I have offered up a bull and a ram on every altar.”
Waaqayyo isaan wal arginaan Balaʼaam, “Ani iddoo aarsaa torba qopheessee tokkoo tokkoo isaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko qopheesseera” jedhe.
5 The LORD put a word in Balaam’s mouth, and said, “Return to Balak, and thus you shall speak.”
Waaqayyo ergaa tokko afaan Balaʼaam keessa kaaʼee, “Baalaaqitti deebiʼiitii ergaa kana itti himi” jedheen.
6 He returned to him, and behold, he was standing by his burnt offering, he, and all the princes of Moab.
Balaʼaam Baalaaqitti deebiʼee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge.
7 He took up his parable, and said, “From Aram has Balak brought me, the king of Moab from the mountains of the East. Come, curse Jacob for me. Come, defy Israel.
Balaʼaam ergaa isaa akkana jedhee dubbate: “Baalaaq Arraam irraa, mootichi Moʼaab gaarran baʼaa irraa na fide. Innis, ‘Kottuutii Yaaqoobin naa abaari; kottuutii Israaʼelin naa balaaleffadhu’ jedhe.
8 How shall I curse whom God has not cursed? How shall I defy whom the LORD has not defied?
Ani akkamittan warra Waaqni hin abaarin abaaruu dandaʼa? Ani akkamittan warra Waaqayyo hin balaaleffatin balaaleffachuu dandaʼa?
9 For from the top of the rocks I see him. From the hills I see him. Behold, it is a people that dwells alone, and shall not be listed among the nations.
Fiixee gaarranii irraa ani isa nan arga; tulluuwwan irraas isa nan ilaala. Saba kophaa isaa jiraatu, kan saba kaan keessatti of hin lakkoofne nan arga.
10 Who can count the dust of Jacob, or count the fourth part of Israel? Let me die the death of the righteous! Let my last end be like his!”
Eenyutu awwaara Yaaqoob lakkaaʼuu dandaʼa? Eenyutu Israaʼel keessaa kurmaana isaa illee lakkaaʼa? Ani duʼa nama qajeelaa haa duʼu; dhumni koos akkuma dhuma isaa haa taʼu!”
11 Balak said to Balaam, “What have you done to me? I took you to curse my enemies, and behold, you have blessed them altogether.”
Baalaaqis Balaʼaamiin, “Wanni ati na goote kun maali? Ani akka ati diina koo naa abaartuufin si fide; ati kunoo isaan eebbifte malee waan tokko iyyuu isaan hin goone!” jedhe.
12 He answered and said, “Must I not take heed to speak that which the LORD puts in my mouth?”
Innis, “Ani waan Waaqayyo afaan koo keessa kaaʼu hin dubbadhuu?” jedhee deebii kenneef.
13 Balak said to him, “Please come with me to another place, where you may see them. You shall see just part of them, and shall not see them all. Curse them from there for me.”
Baalaaq, “Mee gara lafa itti isaan arguu dandeessu biraa na wajjin kottu; ati gara tokko qofa malee hunduma isaanii arguu hin dandeessu. Achiis isaan naa abaari” jedheen.
14 He took him into the field of Zophim, to the top of Pisgah, and built seven altars, and offered up a bull and a ram on every altar.
Inni gara dirree Xoofiim kan fiixee Phisgaa irratti argamuutti isa geesse; achittis iddoo aarsaa torba ijaaree tokkoo tokkoo iddoo aarsaa sanaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
15 He said to Balak, “Stand here by your burnt offering, while I meet God over there.”
Balaʼaamis Baalaaqiin, “Ati hamma ani achi siqee Waaqa wajjin wal argutti asuma aarsaa kee bira turi” jedhe.
16 The LORD met Balaam, and put a word in his mouth, and said, “Return to Balak, and say this.”
Waaqayyo Balaʼaam wajjin wal argee ergaa tokko afaan isaa keessa kaaʼee, “Baalaaqitti deebiʼiitii ergaa kana itti himi” jedheen.
17 He came to him, and behold, he was standing by his burnt offering, and the princes of Moab with him. Balak said to him, “What has the LORD spoken?”
Balaʼaam Baalaaq bira dhaqee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge. Baalaaqis, “Waaqayyo maal jedhe?” jedhee Balaʼaamiin gaafate.
18 He took up his parable, and said, “Rise up, Balak, and hear! Listen to me, you son of Zippor.
Balaʼaam akkana jedhee ergaa isaa dubbate: “Yaa Baalaaq, kaʼiitii dhaggeeffadhu; yaa ilma Ziphoori na dhagaʼi.
19 God is not a man, that he should lie, nor a son of man, that he should repent. Has he said, and he will not do it? Or has he spoken, and he will not make it good?
Waaqni nama miti; inni hin sobu; yookaan gaabbuudhaaf inni ilma namaa miti. Inni waa dubbatee ergasii hin hojjetuu? Inni waa abdachiisee ergasii hin raawwatuu?
20 Behold, I have received a command to bless. He has blessed, and I cannot reverse it.
Kunoo ani eebbisuudhaaf ajaja argadheera; inni eebbiseera; anis geeddaruu hin dandaʼu.
21 He has not seen iniquity in Jacob. Neither has he seen perverseness in Israel. The LORD his God is with him. The shout of a king is among them.
“Inni Yaaqoob keessatti daba hin argine; rakkina tokko illee Israaʼel keessatti hin argine. Waaqayyo Waaqni isaanii isaan wajjin jira; ililleen Mootii isaan wajjin jira.
22 God brings them out of Egypt. He has as it were the strength of the wild ox.
Waaqayyo biyya Gibxiitii isaan baase; inni jabina akka jabina gafarsaa qaba.
23 Surely there is no enchantment with Jacob; neither is there any divination with Israel. Now it shall be said of Jacob and of Israel, ‘What has God done!’
Yaaqoob irratti falfalli tokko iyyuu hin hojjetu; Israaʼel irrattis tolchi tokko iyyuu hin hojjetu. Amma Yaaqoobii fi Israaʼeliin, ‘Waan Waaqni hojjete ilaalaa!’ jedhama.
24 Behold, a people rises up as a lioness. As a lion he lifts himself up. He shall not lie down until he eats of the prey, and drinks the blood of the slain.”
Kunoo sabni sun akka leenca dhalaatti kaʼa; akkuma leencaattis ol jedha; inni hamma waan adamsate nyaatee fixutti, hamma dhiiga waan ajjeefate sanaa dhuguttis hin ciisu.”
25 Balak said to Balaam, “Neither curse them at all, nor bless them at all.”
Baalaaq Balaʼaamiin, “Ati gonkumaa isaan hin abaarin yookaan isaan hin eebbisin” jedhe.
26 But Balaam answered Balak, “Did not I tell you, saying, ‘All that the LORD speaks, that I must do’?”
Balaʼaamis, “Ani akka waan Waaqayyo jedhu kam iyyuu hojjedhu sitti hin himnee?” jedhee Baalaaqiif deebise.
27 Balak said to Balaam, “Come now, I will take you to another place; perhaps it will please God that you may curse them for me from there.”
Ergasii Baalaaq Balaʼaamiin, “Mee kottu amma illee ani iddoo biraa sin geessaa. Tarii achii jara naaf abaaruun kee Waaqa gammachiisa taʼaatii” jedhe.
28 Balak took Balaam to the top of Peor, that looks down on the desert.
Baalaaqis Balaʼaamin fiixee tulluu Pheʼoor kan irra dhaabatanii gammoojjii sana gad ilaalanitti ol baase.
29 Balaam said to Balak, “Build seven altars for me here, and prepare seven bulls and seven rams for me here.”
Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; ammas korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naaf qopheessi” jedhe.
30 Balak did as Balaam had said, and offered up a bull and a ram on every altar.
Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedheen sana godhe; tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irrattis korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse.

< Numbers 23 >