< Numbers 12 >

1 Miriam and Aaron spoke against Moses because of the Cushite woman whom he had married; for he had married a Cushite woman.
Miiriyaamii fi Aroon sababii Museen dubartii Itoophiyaa fuudheef isaan mormuudhaan dubbachuu jalqaban; inni dubartii Itoophiyaa fuudhee tureetii.
2 They said, “Has the LORD indeed spoken only with Moses? Has not he spoken also with us?” And the LORD heard it.
Isaanis, “Waaqayyo karaa Musee qofaan dubbatee? Inni karaa keenyaanis dubbatee ture mitii?” jedhan. Waaqayyos dubbii kana dhagaʼe.
3 Now the man Moses was very humble, more than all the men who were on the surface of the earth.
Museen namoota lafa irra jiraatan hunda caalaa nama akka malee gad of qabu ture.
4 The LORD spoke suddenly to Moses, to Aaron, and to Miriam, “You three come out to the Tent of Meeting!” The three of them came out.
Waaqayyos yommusuma Museen, Aroonii fi Miiriyaamiin, “Isin sadanuu gara dunkaana wal gaʼiitti gad baʼaa” jedhe. Isaan sadanuus gad baʼan.
5 The LORD came down in a pillar of cloud, and stood at the door of the Tent, and called Aaron and Miriam; and they both came forward.
Ergasii Waaqayyo utubaa duumessaa keessaan gad buʼee balbala dunkaanaa irra dhaabatee Aroonii fi Miiriyaamin waame. Jarri lachuu isatti dhiʼaannaan,
6 He said, “Now hear my words. If there is a prophet among you, I, the LORD, will make myself known to him in a vision. I will speak with him in a dream.
inni akkana jedheen; “Dubbii koo dhagaʼaa: “Yoo raajiin Waaqayyoo gidduu keessan jiraate, ani mulʼata keessa isatti of nan mulʼisa; abjuudhaanis isatti nan dubbadha.
7 My servant Moses is not so. He is faithful in all my house.
Garuu garbichi koo Museen akkana miti; inni mana koo hunda keessatti amanamaa dha.
8 With him, I will speak mouth to mouth, even plainly, and not in riddles; and he shall see the LORD’s form. Why then were you not afraid to speak against my servant, against Moses?”
Ani utuu dhoksaadhaan hin taʼin, ifaan ifatti isatti nan dubbadha; inni bifa Waaqayyoo ni arga. Yoos isin maaliif garbicha koo Museedhaan mormuudhaan dubbachuu hin sodaanne ree?”
9 The LORD’s anger burned against them; and he departed.
Aariin Waaqayyos isaan irratti bobaʼe; innis isaan dhiisee deeme.
10 The cloud departed from over the Tent; and behold, Miriam was leprous, as white as snow. Aaron looked at Miriam, and behold, she was leprous.
Yommuu duumessi sun dunkaana gubbaadhaa ol kaʼetti kunoo, Miiriyaam lamxooftee akkuma cabbii addaattee turte. Aroonis gara isheetti garagalee akka isheen lamxii qabdu arge;
11 Aaron said to Moses, “Oh, my lord, please do not count this sin against us, in which we have done foolishly, and in which we have sinned.
innis Museedhaan akkana jedhe; “Maaloo yaa gooftaa ko, cubbuu nu gowwummaadhaan hojjenne sana nutti hin lakkaaʼin.
12 Let her not, I pray, be as one dead, of whom the flesh is half consumed when he comes out of his mother’s womb.”
Akka gatata foon isaa gariin nyaatamee gadameessa haadha isaa keessaa baʼu tokkoo ishee hin godhin.”
13 Moses cried to the LORD, saying, “Heal her, God, I beg you!”
Museen Waaqayyotti booʼee, “Yaa Waaqayyo, maaloo ishee fayyisi!” jedhe.
14 The LORD said to Moses, “If her father had but spit in her face, should not she be ashamed seven days? Let her be shut up outside of the camp seven days, and after that she shall be brought in again.”
Waaqayyo akkana jedhee Museedhaaf deebii kenne; “Utuu abbaan ishee fuula isheetti tufee silaa isheen bultii torba salphina keessa turti mitii ree? Isheen bultii torba qubataan ala haa turtu; ergasii deebitee dhufuu dandeessi.”
15 Miriam was shut up outside of the camp seven days, and the people did not travel until Miriam was brought in again.
Miiriyaam bultii torba qubataan ala turte; sabni sunis hamma isheen deebitutti deemsa itti hin fufne.
16 Afterward the people traveled from Hazeroth, and encamped in the wilderness of Paran.
Ergasii sabni sun Haxerootii kaʼee Gammoojjii Phaaraan keessa qubate.

< Numbers 12 >