< Judges 13 >

1 The children of Israel again did that which was evil in the LORD’s sight; and the LORD delivered them into the hand of the Philistines forty years.
Israaʼeloonni ammas fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; kanaafuu Waaqayyo waggaa afurtama dabarsee harka Filisxeemotaatti isaan kenne.
2 There was a certain man of Zorah, of the family of the Danites, whose name was Manoah; and his wife was barren, and childless.
Namicha gosa Daan keessaa dhalatee Zoraa jiraatu kan Maanoʼaa jedhamu tokkotu ture; niitiin isaas dhabduu ijoollee tokko illee hin qabne turte.
3 The LORD’s angel appeared to the woman, and said to her, “See now, you are barren and childless; but you shall conceive and bear a son.
Ergamaan Waaqayyoos isheetti mulʼatee akkana jedheen; “Kunoo ati dhabduu ijoollee hin qabnee dha; garuu ulfooftee ilma deessa.
4 Now therefore please beware and drink no wine nor strong drink, and do not eat any unclean thing;
Egaa ati akka daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne yookaan waan xuraaʼaa tokko illee hin nyaanne of eeggadhu;
5 for, behold, you shall conceive and give birth to a son. No razor shall come on his head, for the child shall be a Nazirite to God from the womb. He shall begin to save Israel out of the hand of the Philistines.”
ati ulfoofte ilma daʼuuf jirtaatii. Qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqin; inni gaafa dhalatee jalqabee Naaziricha taʼuudhaan kan Waaqaaf addaan baafame taʼaatii; inni harka Filisxeemotaatii Israaʼeloota furuu jalqaba.”
6 Then the woman came and told her husband, saying, “A man of God came to me, and his face was like the face of the angel of God, very awesome. I did not ask him where he was from, neither did he tell me his name;
Dubartiin sunis gara dhirsa ishee dhaqxee akkana jettee itti himte; “Nama Waaqaa tokkotu gara koo dhufe. Innis ergamaa Waaqayyoo fakkaatee akka malee nama sodaachisa. Ani akka inni eessaa dhufe isa hin gaafanne; innis maqaa isaa natti hin himne.
7 but he said to me, ‘Behold, you shall conceive and bear a son; and now drink no wine nor strong drink. Do not eat any unclean thing, for the child shall be a Nazirite to God from the womb to the day of his death.’”
Garuu inni, ‘Ati ulfooftee ilma deessa. Egaa siʼachi daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugin; waan xuraaʼaas hin nyaatin; sababiin isaas inni gaafa dhalatee jalqabee hamma duʼutti Naaziricha Waaqaa taʼaatii’ naan jedhe.”
8 Then Manoah entreated the LORD, and said, “Oh, Lord, please let the man of God whom you sent come again to us, and teach us what we should do to the child who shall be born.”
Maanoʼaanis, “Yaa Gooftaa, akka namichi Waaqaa kan ati gara keenyatti ergite sun ammas dhufee akka nu itti mucaa dhalatu sana guddisuu qabnu nu barsiisuuf akka nuuf ergitu sin kadhadha” jedhee Waaqayyoon kadhate.
9 God listened to the voice of Manoah, and the angel of God came again to the woman as she sat in the field; but Manoah, her husband, was not with her.
Waaqnis Maanoʼaa dhagaʼe; ergamaan Waaqayyoo sunis utuu isheen lafa qotiisaa keessa teessuu gara dubartii sanaa deebiʼee dhufe; dhirsi ishee Maanoʼaan garuu ishee wajjin hin turre.
10 The woman hurried and ran, and told her husband, saying to him, “Behold, the man who came to me that day has appeared to me.”
Dubartittiinis dhirsa isheetti himuuf ariifattee, “Kunoo! Namichi guyyaa kaan natti mulʼate sun as jira!” jette.
11 Manoah arose and followed his wife, and came to the man, and said to him, “Are you the man who spoke to my wife?” He said, “I am.”
Maanoʼaanis kaʼee niitii isaa duukaa buʼe. Innis yommuu namicha bira gaʼetti, “Namni niitii kootti dubbate siʼii?” jedheen. Innis, “Anuma” jedhe.
12 Manoah said, “Now let your words happen. What shall the child’s way of life and mission be?”
Kanaafuu Maanoʼaan, “Yeroo dubbiin kee raawwatamutti seerri mucichi ittiin jiraatuu fi hojiin inni hojjetu maali?” jedhee isa gaafate.
13 The LORD’s angel said to Manoah, “Of all that I said to the woman let her beware.
Ergamaan Waaqayyoos akkana jedhee deebise; “Niitiin kee waan ani itti hime hunda gochuu qabdi.
14 She may not eat of anything that comes of the vine, neither let her drink wine or strong drink, nor eat any unclean thing. Let her observe all that I commanded her.”
Isheen waan muka wayinii irraa argamu tokko illee nyaachuu hin qabdu; daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu dhuguu yookaan waan xuraaʼaa kam iyyuu nyaachuu hin qabdu. Isheen waan ani ishee ajaje hunda gochuu qabdi.”
15 Manoah said to the LORD’s angel, “Please stay with us, that we may make a young goat ready for you.”
Maanoʼaanis ergamaa Waaqayyootiin, “Hamma nu korbeessa reʼee xinnaa isaa siif qopheessinutti nuu turi” jedhe.
16 The LORD’s angel said to Manoah, “Though you detain me, I will not eat your bread. If you will prepare a burnt offering, you must offer it to the LORD.” For Manoah did not know that he was the LORD’s angel.
Ergamaan Waaqayyoo, “Ati na tursitu illee, ani nyaata kee kam iyyuu hin nyaadhu. Garuu yoo aarsaa gubamu qopheessuu feete, isa Waaqayyoof dhiʼeessi” jedheen. Maanoʼaan akka inni ergamaa Waaqayyoo taʼe hin beekne ture.
17 Manoah said to the LORD’s angel, “What is your name, that when your words happen, we may honor you?”
Sana booddee Maanoʼaan ergamaa Waaqayyootiin, “Akka nu yeroo dubbiin ati dubbatte fiixaan baʼutti ulfina siif kenninuuf maqaan kee eenyu?” jedhee gaafate.
18 The LORD’s angel said to him, “Why do you ask about my name, since it is incomprehensible?”
Innis, “Ati maaliif maqaa koo gaafatta? Inni akka malee dinqii dha” jedheen.
19 So Manoah took the young goat with the meal offering, and offered it on the rock to the LORD. Then the angel did an amazing thing as Manoah and his wife watched.
Maanoʼaanis korbeessa reʼee xinnaa isaa kennaa midhaanii wajjin geessee kattaa irratti Waaqayyoof aarsaa godhe. Utuma Maanoʼaa fi niitiin isaa ilaalanuus Waaqayyo waan dinqii godhe.
20 For when the flame went up toward the sky from off the altar, the LORD’s angel ascended in the flame of the altar. Manoah and his wife watched; and they fell on their faces to the ground.
Yeroo arrabni ibiddaa iddoo aarsaa irraa samiitti ol baʼetti ergamaan Waaqayyoo arraba ibiddaa keessaan ol baʼe. Maanoʼaa fi niitiin isaa waan kana arganii adda isaaniitiin lafatti gombifaman.
21 But the LORD’s angel did not appear to Manoah or to his wife any more. Then Manoah knew that he was the LORD’s angel.
Ergamaan Waaqayyoo garuu deebiʼee Maanoʼaa fi niitii isaatti hin mulʼanne. Maanoʼaanis akka inni ergamaa Waaqayyoo taʼe beeke.
22 Manoah said to his wife, “We shall surely die, because we have seen God.”
Innis niitii isaatiin, “Nu Waaqa argineerraatii dhugumaan ni duuna!” jedhe.
23 But his wife said to him, “If the LORD were pleased to kill us, he would not have received a burnt offering and a meal offering at our hand, and he would not have shown us all these things, nor would he have told us such things as these at this time.”
Niitiin isaa garuu deebiftee akkana jetteen; “Waaqayyo utuu nu ajjeesuu barbaadee silaa aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii nu harkaa hin fudhatu ture; waan kana hundumas nutti hin argisiisu yookaan waan kana amma nutti hin himu ture.”
24 The woman bore a son and named him Samson. The child grew, and the LORD blessed him.
Dubartiin sun ilma deesse; Saamsoon jettees isa moggaafte. Innis ni guddate; Waaqayyos isa eebbise.
25 The LORD’s Spirit began to move him in Mahaneh Dan, between Zorah and Eshtaol.
Hafuurri Waaqayyoos yeroo inni Zoraa fi Eshitaaʼol gidduu qubata Daan keessa turetti isa kakaasu jalqabe.

< Judges 13 >