< Jeremiah 2 >

1 The LORD’s word came to me, saying,
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
2 “Go and proclaim in the ears of Jerusalem, saying, ‘The LORD says, “I remember for you the kindness of your youth, your love as a bride, how you went after me in the wilderness, in a land that was not sown.
“Dhaqiitii gurra Yerusaalemiitti akkana jedhii labsi: “Waaqayyo akkana jedha: “‘Ani amanamummaa kee kan yeroo dargaggummaa, akka ati akkuma misirrittiitti na jaallattee lafa gammoojjii keessa, lafa midhaan itti hin facaafamin keessa na duukaa buute nan yaadadha.
3 Israel was holiness to the LORD, the first fruits of his increase. All who devour him will be held guilty. Evil will come on them,”’ says the LORD.”
Israaʼel kan Waaqayyoof qulqulloofte sun, mataa midhaan isaa turte; warri ishee nyaatan hundis akka nama yakka hojjeteetti ilaalamu ture; badiisnis isaanitti dhufe’” jedha Waaqayyo.
4 Hear the LORD’s word, O house of Jacob, and all the families of the house of Israel!
Yaa mana Yaaqoob, isin maatiiwwan mana Israaʼel hundinuus dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
5 The LORD says, “What unrighteousness have your fathers found in me, that they have gone far from me, and have walked after worthless vanity, and have become worthless?
Waaqayyo akkana jedha: “Abbootiin keessan kan akkas narraa fagaatan balleessaa maalii narratti arganiitii? Isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne faana buʼanii isaanumtuu warra faayidaa hin qabne taʼan.
6 They did not say, ‘Where is the LORD who brought us up out of the land of Egypt, who led us through the wilderness, through a land of deserts and of pits, through a land of drought and of the shadow of death, through a land that no one passed through, and where no man lived?’
Isaanis, ‘Waaqayyo inni Gibxii nu baasee, gammoojjii homtuu keessa hin jirre keessaan, lafa gammoojjii fi dhooqaa keessaan lafa hongee fi dukkanaa, biyya namni tokko iyyuu keessa hin dabarree fi keessa hin jiraanne keessaan dabarsee nu fide sun eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne.
7 I brought you into a plentiful land to eat its fruit and its goodness; but when you entered, you defiled my land, and made my heritage an abomination.
Ani akka isin ija ishee nyaattanii midhaan isheetti gammaddaniif gara lafa gabbataatti isin fideera. Isin garuu dhuftanii biyya koo xureessitan; handhuuraa koos akka jibbamu gootan.
8 The priests did not say, ‘Where is the LORD?’ and those who handle the law did not know me. The rulers also transgressed against me, and the prophets prophesied by Baal and followed things that do not profit.
Luboonnis, ‘Waaqayyo eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne. Warri seera wajjin oolanis na hin beekne; bulchitoonni natti fincilan; raajonnis waaqota faayidaa hin qabne duukaa buʼanii maqaa Baʼaaliin raajii dubbatan.
9 “Therefore I will yet contend with you,” says the LORD, “and I will contend with your children’s children.
“Kanaafuu ani amma iyyuu isin wajjin falmii qaba” jedha Waaqayyo. “Ijoollee ijoollee keessanii wajjinis falmii nan qabaadha.
10 For pass over to the islands of Kittim, and see. Send to Kedar, and consider diligently, and see if there has been such a thing.
Mee gara qarqara Kitiimitti ceʼaatii ilaalaa; gara Qeedaarittis nama ergaatii qalbiidhaan qoradhaa; yoo duraan wanni akkasii taʼee jiraates ilaalaa.
11 Has a nation changed its gods, which really are no gods? But my people have changed their glory for that which does not profit.
Yoo isaan waaqota taʼuu baatan iyyuu sabni tokko takkumaa waaqota isaa geeddaree beekaa? Uummanni koo garuu ulfina isaa waaqota tolfamoo faayidaa hin qabneen geeddareera.
12 “Be astonished, you heavens, at this and be horribly afraid. Be very desolate,” says the LORD.
Yaa samiiwwan, waan kana dinqifadhaa; naasuu guddaadhaanis holladhaa” jedha Waaqayyo.
13 “For my people have committed two evils: they have forsaken me, the spring of living waters, and cut out cisterns for themselves: broken cisterns that cannot hold water.
“Uummanni koo cubbuu lama hojjete: Isaan ana burqaa bishaan jireenyaa dhiisanii boolla bishaanii ofii isaanii, boolla bishaanii baqaqaa bishaan qabachuu hin dandeenye qotataniiru.
14 Is Israel a slave? Is he born into slavery? Why has he become a captive?
Israaʼel garbaa? Inni garbicha manatti dhalatee? Yoos inni maaliif boojiʼame ree?
15 The young lions have roared at him and raised their voices. They have made his land waste. His cities are burned up, without inhabitant.
Leenconni aadaniiru; isattis gururiʼaniiru. Isaan biyya isaa onsaniiru; magaalaawwan isaas gubamanii duwwaa hafaniiru.
16 The children also of Memphis and Tahpanhes have broken the crown of your head.
Akkasumas namoonni Memfiisii fi Tahiphaanhees mataa kee buruqsaniiru.
17 “Have not you brought this on yourself, in that you have forsaken the LORD your God, when he led you by the way?
Ati yeroo inni karaa irra si qajeelchetti, Waaqayyoon Waaqa kee dhiisuudhaan waan kana ofitti fiddeerta mitii?
18 Now what do you gain by going to Egypt, to drink the waters of the Shihor? Or why do you go on the way to Assyria, to drink the waters of the River?
Egaa ati maaliif Shihoorii bishaan dhuguuf jettee biyya Gibxi dhaqxa? Maaliifis bishaan laga Efraaxiis dhuguuf jettee Asoor dhaqxa?
19 “Your own wickedness will correct you, and your backsliding will rebuke you. Know therefore and see that it is an evil and bitter thing, that you have forsaken the LORD your God, and that my fear is not in you,” says the Lord, GOD of Armies.
Hamminni kee si adaba; duubatti deebiʼuun kees si ifata. Ati Waaqayyoon Waaqa kee dhiiftee na sodaachuu diduun kee hammam hamaa fi hadhaaʼaa akka sitti taʼe ilaalii hubadhu” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
20 “For long ago I broke off your yoke, and burst your bonds. You said, ‘I will not serve;’ for on every high hill and under every green tree you bowed yourself, playing the prostitute.
“Ani bara dheeraan dura waanjoo kee sirraa cabseera; hidhaa kees sirraa kukkuteera. Ati garuu, ‘Ani si hin tajaajilu’ jette! Ati garuu akkuma sagaagaltuu tokkootti tulluuwwan dhedheeroo hunda irraa fi mukkeen lalisoo hunda jala ciifte.
21 Yet I had planted you a noble vine, a pure and faithful seed. How then have you turned into the degenerate branches of a foreign vine to me?
Ani garuu muka wayinii filatamaa, kan sanyiin isaa guutumaan guutuutti qulqulluu taʼe godhee si dhaabbadheen ture. Yoos ati akkamitti wayinii diidaa taatee natti geeddaramte ree?
22 For though you wash yourself with lye, and use much soap, yet your iniquity is marked before me,” says the Lord GOD.
Ati yoo daaraadhaan dhiqattee saamunaa hedduutti fayyadamte iyyuu, xuriin yakka keetii amma illee fuula koo dura jira” jedha Waaqayyo Gooftaan.
23 “How can you say, ‘I am not defiled. I have not gone after the Baals’? See your way in the valley. Know what you have done. You are a swift dromedary traversing her ways,
“Ati akkamitti, ‘Ani hin xuroofne; Baʼaal duukaas hin buune’ jechuu dandeessa? Waan sulula keessatti taʼaa turte yaadadhu; waan hojjechaa turtes qalbeeffadhu. Ati gaala dhalaa asii fi achi fiigduu dha;
24 a wild donkey used to the wilderness, that sniffs the wind in her craving. When she is in heat, who can turn her away? All those who seek her will not weary themselves. In her month, they will find her.
harree diidaa kan gammoojjii barattee fedhii kormaatiin qilleensa suufattu tokko, maaltu fedhii ishee irraa ishee deebisuu dandaʼa? Kormi ishee barbaadu kam iyyuu ishee argachuuf hin rakkatu; inni yeroo gaanaatti ishee argata.
25 “Keep your feet from being bare, and your throat from thirst. But you said, ‘It is in vain. No, for I have loved strangers, and I will go after them.’
Miilla kee kophee malee deemuu irraa, laagaa kee immoo dheebuu irraa eeggadhu. Ati garuu, ‘Kun waan abdii hin qabnee dha! Ani waaqota ormaa nan jaalladha; isaan faanas nan buʼa’ jette.
26 As the thief is ashamed when he is found, so the house of Israel is ashamed— they, their kings, their princes, their priests, and their prophets,
“Akkuma hattuun yeroo qabamtu salphifamtu sana manni Israaʼel ni salphifama; isaan, mootonni isaaniitii fi qondaaltonni isaanii, luboonni isaaniitii fi raajonni isaanii ni salphifamu.
27 who tell wood, ‘You are my father,’ and a stone, ‘You have given birth to me,’ for they have turned their back to me, and not their face, but in the time of their trouble they will say, ‘Arise, and save us!’
Isaan mukaan, ‘Ati abbaa koo ti,’ dhagaadhaan immoo, ‘Situ na dhale’ jedhu. Isaan dugda isaanii malee fuula isaanii natti hin deebifanneetii; taʼus isaan yeroo rakkatanitti, ‘Kottuu nu baasi!’ jedhu.
28 “But where are your gods that you have made for yourselves? Let them arise, if they can save you in the time of your trouble, for you have as many gods as you have towns, O Judah.
Waaqonni ati ofiif tolfatte sun eessa jiru? Isaan yoo si baasuu dandaʼan mee yeroo ati rakkina keessa jirtutti haa dhufan! Yaa Yihuudaa, ati akkuma magaalaa hedduu qabdu sana waaqota hedduu qabdaatii.
29 “Why will you contend with me? You all have transgressed against me,” says the LORD.
“Isin maaliif na himattu? Isin hundinuu natti finciltaniirtu” jedha Waaqayyo.
30 “I have struck your children in vain. They received no correction. Your own sword has devoured your prophets, like a destroying lion.
“Ani akkasumaanan ijoollee keessan adabe; isaan sirreeffama fudhachuu didan. Goraadeen keessan akkuma leenca beelaʼe tokkootti raajota keessan fixxe.
31 Generation, consider the LORD’s word. Have I been a wilderness to Israel? Or a land of thick darkness? Why do my people say, ‘We have broken loose. We will come to you no more’?
“Isin dhaloonni ammaa dubbii Waaqayyoo qalbeeffadhaa: “Ani Israaʼeliif gammoojjii yookaan biyya dukkana hamaan turee? Sabni koo maaliif, ‘Nu asii fi achi jooruu ni dandeenya; siʼachi gara kee hin dhufnu’ jedha?
32 “Can a virgin forget her ornaments, or a bride her attire? Yet my people have forgotten me for days without number.
Durbi tokko faaya ishee, misirrittiin tokko immoo miʼa ittiin heerumtu ni irraanfattii? Sabni koo garuu, guyyaa hamma hin qabne na irraanfateera.
33 How well you prepare your way to seek love! Therefore you have even taught the wicked women your ways.
Ati jaalala adamsuutti akkam ogeettii dha! Dubartoota akka malee hamoo taʼan iyyuu amala kee barsiifteerta.
34 Also the blood of the souls of the innocent poor is found in your skirts. You did not find them breaking in, but it is because of all these things.
Ati utuu isaan cabsanii seenanuu isaan qabuu baattu iyyuu, dhiigni hiyyeeyyii balleessaa hin qabnee wayyaa kee irratti ni argama. Utuma wanni kun hundi taʼee jiruu
35 “Yet you said, ‘I am innocent. Surely his anger has turned away from me.’ “Behold, I will judge you, because you say, ‘I have not sinned.’
ati, ‘Ani balleessaa hin qabu; inni natti hin dheekkamu’ jetta. Ani garuu sababii ati, ‘Ani cubbuu hin hojjenne’ jettuuf, sitti nan mura.
36 Why do you go about so much to change your ways? You will be ashamed of Egypt also, as you were ashamed of Assyria.
Ati maaliif karaa kee geeddaruudhaan, asii fi achi deemuu baayʼifta? Akkuma Asoor si qaanessite sana Gibxis si qaanessiti.
37 You will also leave that place with your hands on your head; for the LORD has rejected those in whom you trust, and you will not prosper with them.
Ati mataa kee qabattee, iddoo sanaa baata; Waaqayyo warra ati itti irkatte tuffateeraatii; ati isaaniin hin milkooftu.

< Jeremiah 2 >