< Jeremiah 10 >

1 Hear the word which the LORD speaks to you, house of Israel!
Yaa mana Israaʼel, waan Waaqayyo isiniin jedhu dhagaʼaa.
2 The LORD says, “Do not learn the way of the nations, and do not be dismayed at the signs of the sky; for the nations are dismayed at them.
Waaqayyo akkana jedha: “Isin karaa saboota ormaa hin baratinaa; saboonni ormaa isaan sodaatan iyyuu isin mallattoowwan samii hin sodaatinaa.
3 For the customs of the peoples are vanity; for one cuts a tree out of the forest, the work of the hands of the workman with the ax.
Barteen uummattootaa faayidaa hin qabu; isaan bosona keessaa muka muru; ogeessi hojii harkaa immoo qottoodhaan bifa itti baasa.
4 They deck it with silver and with gold. They fasten it with nails and with hammers, so that it cannot move.
Isaanis meetii fi warqeedhaan miidhagsu; akka inni hin sochooneef burruusaa fi mismaaraan walitti qabsiisu.
5 They are like a palm tree, of turned work, and do not speak. They must be carried, because they cannot move. Do not be afraid of them; for they cannot do evil, neither is it in them to do good.”
Waaqonni isaanii tolfamoon akkuma fakkeettii ittiin waa sodaachisan kan lafa qotiisaa buqqee keessaa sana dubbachuu hin dandaʼan; isaan waan deemuu hin dandeenyeef baatamuu qabu. Sababii isaan nama miidhuu yookaan waan gaarii tokko iyyuu hojjechuu hin dandeenyeef isaan hin sodaatinaa.”
6 There is no one like you, LORD. You are great, and your name is great in might.
Yaa Waaqayyo kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; ati guddaa dha; maqaan kees humna guddaa qaba.
7 Who should not fear you, King of the nations? For it belongs to you. Because among all the wise men of the nations, and in all their royal estate, there is no one like you.
Yaa mootii sabootaa eenyutu si hin sodaanne? Kun siif ni malaatii. Ogeeyyii sabootaa hunda keessaa, mootummoota isaanii hunda keessaas kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru.
8 But they are together brutish and foolish, instructed by idols! It is just wood.
Isaan hundinuu qalbii hin qaban; gowwootas; isaan waaqota tolfamoo mukkeenii kanneen faayidaa hin qabneen qajeelfamu.
9 There is silver beaten into plates, which is brought from Tarshish, and gold from Uphaz, the work of the engraver and of the hands of the goldsmith. Their clothing is blue and purple. They are all the work of skillful men.
Meetiin tumame Tarshiishii, warqeen immoo Uufaazii fidama. Wanni ogeessi hojii mukaatii fi tumtuun warqee hojjetan, wanni hojjettoota ogummaa qabaniin hojjetaman hundi halluu cuquliisaa fi diimaa dhiilgee uffifamaniiru.
10 But the LORD is the true God. He is the living God, and an everlasting King. At his wrath, the earth trembles. The nations are not able to withstand his indignation.
Waaqayyo garuu Waaqa dhugaa ti; inni Waaqa jiraataa, Mootii bara baraa ti. Yeroo inni dheekkamutti lafti ni hollatti; saboonnis dheekkamsa isaa dura dhaabachuu hin dandaʼan.
11 “You shall say this to them: ‘The gods that have not made the heavens and the earth will perish from the earth, and from under the heavens.’”
“Isin waan kana isaanitti himaa; ‘Waaqonni samii fi lafa hin uumin kunneen lafa irraa fi samii jalaa ni barbadaaʼu.’”
12 God has made the earth by his power. He has established the world by his wisdom, and by his understanding has he stretched out the heavens.
Waaqni garuu humna isaatiin lafa uume; ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse; hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse.
13 When he utters his voice, the waters in the heavens roar, and he causes the vapors to ascend from the ends of the earth. He makes lightnings for the rain, and brings the wind out of his treasuries.
Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni samii ni huursu; inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha. Inni bokkaa wajjin balaqqee ni erga; mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.
14 Every man has become brutish and without knowledge. Every goldsmith is disappointed by his engraved image; for his molten image is falsehood, and there is no breath in them.
Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha; tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama. Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti; isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.
15 They are vanity, a work of delusion. In the time of their visitation they will perish.
Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti. Yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.
16 The portion of Jacob is not like these; for he is the maker of all things; and Israel is the tribe of his inheritance. The LORD of Armies is his name.
Inni Qooda Yaaqoob taʼe sun garuu akka warra kanaa miti; inni Uumaa waan hundumaa ti, Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
17 Gather up your wares out of the land, you who live under siege.
Ati kan marfamtee jirtu, biyyattii keessaa baʼuuf qabeenya kee walitti qabadhu.
18 For the LORD says, “Behold, I will sling out the inhabitants of the land at this time, and will distress them, that they may feel it.”
Waaqayyo akkana jedhaatii; “Kunoo, ani amma warra biyyattii keessa jiraatan furguggisee nan baasa; akka isaan dhiphataniifis rakkina isaanitti nan fida.”
19 Woe is me because of my injury! My wound is serious; but I said, “Truly this is my grief, and I must bear it.”
Waan ani miidhameef anaaf wayyoo! Madaan koo kan hin fayyinee dha! Taʼus ani ofii kootiin, “Kun dhukkuba koo ti; anis isa obsuun qaba” nan jedhe.
20 My tent has been destroyed, and all my cords are broken. My children have gone away from me, and they are no more. There is no one to spread my tent any more, to set up my curtains.
Dunkaanni koo diigameera; funyoon isaa hundis cicciteera. Ilmaan koo na dhiisanii sokkaniiru; isaan hin jiran; namni dunkaana naa dhaabu, yookaan golgaa naa hidhu tokko iyyuu hin jiru.
21 For the shepherds have become brutish, and have not inquired of the LORD. Therefore they have not prospered, and all their flocks have scattered.
Tiksoonni qalbii hin qaban; Waaqayyonis hin barbaaddatan; kanaafuu isaan hin milkaaʼan; bushaayeen isaanii hundinuus bittinnaaʼaniiru.
22 The voice of news, behold, it comes, and a great commotion out of the north country, to make the cities of Judah a desolation, a dwelling place of jackals.
Kunoo, oduun, raafamni guddaan tokko biyya kaabaatii dhufaa jira! Innis magaalaawwan Yihuudaa onsee iddoo waangoonni jiraatan godha.
23 LORD, I know that the way of man is not in himself. It is not in man who walks to direct his steps.
Yaa Waaqayyo, ani akka jireenyi namaa kan mataa isaa hin taʼin nan beeka; namni adeemsa isaa ofumaan qajeelfachuu dandaʼu hin jiru.
24 LORD, correct me, but gently; not in your anger, lest you reduce me to nothing.
Yaa Waaqayyo dheekkamsa keetiin utuu hin taʼin, murtii qajeelaadhaan na sirreessi; yoo kanaa achii ati na balleessitaatii.
25 Pour out your wrath on the nations that do not know you, and on the families that do not call on your name; for they have devoured Jacob. Yes, they have devoured him, consumed him, and have laid waste his habitation.
Saboota si hin beeknetti uummata maqaa kee hin waammannetti dheekkamsa kee dhangalaasi. Isaan Yaaqoobin nyaataniiruutii; guutumaan guutuuttis isa nyaatanii; iddoo jireenya isaa illee barbadeessaniiru.

< Jeremiah 10 >