< 2 Samuel 24 >

1 Again the LORD’s anger burned against Israel, and he moved David against them, saying, “Go, count Israel and Judah.”
Aariin Waaqayyoo ammas Israaʼelitti kaʼee Daawitiin, “Dhaqiitii Israaʼelii fi Yihuudaa lakkaaʼi” jedhee isaanitti kakaase.
2 The king said to Joab the captain of the army, who was with him, “Now go back and forth through all the tribes of Israel, from Dan even to Beersheba, and count the people, that I may know the sum of the people.”
Kanaafuu mootichi Yooʼaabii fi ajajjoota waraanaa kanneen isa bira turaniin, “Akka ani akka isaan hammam akka baayʼatan beekuu dandaʼuuf gosoota Israaʼel kanneen Daanii hamma Bersheebaatti jiraatan hunda keessa deemaatii namoota loluu dandaʼan galmeessaa” jedhe.
3 Joab said to the king, “Now may the LORD your God add to the people, however many they may be, one hundred times; and may the eyes of my lord the king see it. But why does my lord the king delight in this thing?”
Yooʼaab garuu deebisee, “Waaqayyo Waaqni kee loltoota kee dachaa dhibba caalaa haa baayʼisu; iji gooftaa koo mootichaas waan kana haa argu. Garuu gooftaan koo mootichi maaliif waan kana gochuu barbaade?” jedhe.
4 Notwithstanding, the king’s word prevailed against Joab and against the captains of the army. Joab and the captains of the army went out from the presence of the king to count the people of Israel.
Taʼus dubbiin mootichaa Yooʼaabii fi ajajjoota loltootaa yaada geeddarachiise; kanaafuu isaan fuula mootichaa duraa baʼanii namoota Israaʼel kanneen loluu dandaʼan galmeessuu deeman.
5 They passed over the Jordan and encamped in Aroer, on the right side of the city that is in the middle of the valley of Gad, and to Jazer;
Isaanis erga Yordaanos ceʼanii booddee gara kibba magaalaa sulula keessatti argamuutiin Aroʼeer bira qubatan; achii immoo Gaad keessa darbanii Yaʼizeeritti qajeelan.
6 then they came to Gilead and to the land of Tahtim Hodshi; and they came to Dan Jaan and around to Sidon,
Isaanis gara Giliʼaadii fi Tabaason Adasaay, itti aansanii gara Daan yaaʼanii achii immoo naannaʼanii Siidoonaa dhaqan.
7 and came to the stronghold of Tyre, and to all the cities of the Hivites and of the Canaanites; and they went out to the south of Judah, at Beersheba.
Ergasii immoo gara Daʼannoo Xiiroos, gara magaalaawwan Hiiwotaatii fi Kanaʼaanotaa hundaa dhaqan. Dhuma irratti immoo gara Bersheebaa kan kibba Yihuudaatti argamtu sanaa dhaqan.
8 So when they had gone back and forth through all the land, they came to Jerusalem at the end of nine months and twenty days.
Isaanis erga guutummaa biyyattii keessa naannaʼanii booddee jiʼa sagalii fi bultii digdamaatti Yerusaalemitti deebiʼan.
9 Joab gave up the sum of the counting of the people to the king; and there were in Israel eight hundred thousand valiant men who drew the sword, and the men of Judah were five hundred thousand men.
Yooʼaabis lakkoobsa namoota loluu dandaʼanii mootichatti hime; Israaʼel keessa namoota lolaaf gaʼumsa qaban kanneen goraadee qabachuu dandaʼan kuma dhibba saddeeti, Yihuudaa keessa immoo namoota kuma dhibba shanitu ture.
10 David’s heart struck him after he had counted the people. David said to the LORD, “I have sinned greatly in that which I have done. But now, the LORD, put away, I beg you, the iniquity of your servant; for I have done very foolishly.”
Daawit waan erga loltoota lakkaaʼee booddee balleessaan itti dhagaʼameef Waaqayyoon, “Ani waan hojjedhe keessatti cubbuu guddaa hojjedheera. Yaa Waaqayyo, ani akka ati balleessaa garbicha keetii dhiiftuuf sin kadhadha. Ani hojii gowwummaa guddaa hojjedheeraa” jedhe.
11 When David rose up in the morning, the LORD’s word came to the prophet Gad, David’s seer, saying,
Guyyaa itti aanutti utuu Daawit hirribaa hin kaʼin ergaan Waaqayyoo gara waa himaa Daawit gara Gaad raajichaa dhufe; ergaan sunis,
12 “Go and speak to David, ‘The LORD says, “I offer you three things. Choose one of them, that I may do it to you.”’”
“Dhaqiitii Daawitiin, ‘Waaqayyo akkana siin jedha: Ani filannoo sadii siifin kenna; akka ani isa sitti fiduuf isaan keessaa tokko filadhu’ jedhi” jedha.
13 So Gad came to David, and told him, saying, “Shall seven years of famine come to you in your land? Or will you flee three months before your foes while they pursue you? Or shall there be three days’ pestilence in your land? Now answer, and consider what answer I shall return to him who sent me.”
Kanaafuu Gaad gara Daawit dhaqee, “Waggaa torba biyya kee irra beelli haa buʼuu? Yookaan diinonni kee jiʼa sadiif si haa ariʼanii? Yookaan dhaʼichi guyyaa sadii biyya kee haa dhaʼuu? Egaa amma itti yaadiitii waan ani isa na erge sanaaf deebisu murteessi” jedheen.
14 David said to Gad, “I am in distress. Let us fall now into the LORD’s hand, for his mercies are great. Let me not fall into man’s hand.”
Daawit immoo Gaadiin, “Ani akka malee dhiphadheera. Waan araarri isaa guddaa taʼeef nu harka Waaqayyoo haa seennu; garuu akka ani harka namaa seenu hin godhin” jedhe.
15 So the LORD sent a pestilence on Israel from the morning even to the appointed time; and seventy thousand men died of the people from Dan even to Beersheba.
Kanaafuu Waaqayyo guyyaa itti aanu ganamaa jalqabee hamma guyyaan murtaaʼe raawwatutti Israaʼelitti dhaʼicha fide; Daanii hamma Bersheebaatti namoonni kumni torbaatamni ni dhuman.
16 When the angel stretched out his hand toward Jerusalem to destroy it, the LORD relented of the disaster, and said to the angel who destroyed the people, “It is enough. Now withdraw your hand.” The LORD’s angel was by the threshing floor of Araunah the Jebusite.
Yeroo ergamaan Waaqayyoo Yerusaalemin balleessuuf harka isaa diriirfatetti Waaqayyo sababii hubaatiin sun isa gaddisiiseef ergamaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, “Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu” jedhe. Yeroo sana ergamaan Waaqayyoo oobdii Arawunaa namicha gosa Yebuus sanaa bira ture.
17 David spoke to the LORD when he saw the angel who struck the people, and said, “Behold, I have sinned, and I have done perversely; but these sheep, what have they done? Please let your hand be against me, and against my father’s house.”
Daawit yommuu ergamaa Waaqayyoo kan namoota ajjeesaa ture sana argetti, Waaqayyoon, “Namni cubbuu fi balleessaa hojjete anuma. Isaan kunneen garuu hoolotaa dha. Isaan maal godhan? Harki kee anaa fi maatii koo irra haa buʼu” jedhe.
18 Gad came that day to David and said to him, “Go up, build an altar to the LORD on the threshing floor of Araunah the Jebusite.”
Gaafas Gaad gara Daawit dhaqee, “Ol baʼiitii oobdii Arawunaa namicha gosa Yebuus sanaa keessatti iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaari” jedheen.
19 David went up according to the saying of Gad, as the LORD commanded.
Kanaafuu Daawit akkuma Waaqayyo karaa Gaadiin isa ajajetti ol baʼe.
20 Araunah looked out, and saw the king and his servants coming on toward him. Then Araunah went out and bowed himself before the king with his face to the ground.
Arawunaan yommuu milʼatee mootichaa fi namoota isaa kanneen gara isaa dhufaa jiran argetti, gad baʼee fuula mootichaa duratti addaan lafatti gombifamee sagade.
21 Araunah said, “Why has my lord the king come to his servant?” David said, “To buy your threshing floor, to build an altar to the LORD, that the plague may be stopped from afflicting the people.”
Arawunaanis, “Gooftaan koo mootichi maaliif gara garbicha isaa dhufe?” jedhe. Daawit immoo, “Ani akka dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf, oobdii kee bitee isa irratti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchuufin dhufe” jedhee deebise.
22 Araunah said to David, “Let my lord the king take and offer up what seems good to him. Behold, the cattle for the burnt offering, and the threshing sledges and the yokes of the oxen for the wood.
Arawunaanis Daawitiin akkana jedhe; “Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu fudhatee haa dhiʼeessu. Aarsaa gubamuuf sangoonni kunoo ti; qoraaniif immoo miʼi ittiin midhaan dhaʼamuu fi waanjoon sangaa as jira.
23 All this, O king, does Araunah give to the king.” Araunah said to the king, “May the LORD your God accept you.”
Yaa mootii, Arawunaan waan kana hunda mootichaaf ni kenna.” Akkasumas Arawunaan, “Waaqayyo Waaqni kee siif haa fudhatu” isaan jedhe.
24 The king said to Araunah, “No, but I will most certainly buy it from you for a price. I will not offer burnt offerings to the LORD my God which cost me nothing.” So David bought the threshing floor and the oxen for fifty shekels of silver.
Mootichi garuu, “Akkas miti; ani gatiidhaan sirraa bituu na barbaachisa. Ani waan gatii itti hin baasin Waaqayyo Waaqa kootiif aarsaa gubamu godhee hin dhiʼeessu” jedhee Arawunaaf deebise. Kanaafuu Daawit oobdichaa fi sangoota sana meetii saqilii shantamaan bite.
25 David built an altar to the LORD there, and offered burnt offerings and peace offerings. So the LORD was entreated for the land, and the plague was removed from Israel.
Daawitis achitti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Waaqayyos kadhannaa waaʼee biyyattiif dhiʼaateef deebii kenne; dhaʼichis Israaʼel irraa ni deebiʼe.

< 2 Samuel 24 >