< 1 Samuel 14 >

1 Now it happened on a day that Jonathan the son of Saul said to the young man who bore his armor, “Come! Let’s go over to the Philistines’ garrison that is on the other side.” But he did not tell his father.
Gaafa tokko Yoonaataan ilmi Saaʼol dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatuun, “Kottu gara qubata Filisxeemotaa kan gama kaaniin jiru sanaatti ceenaa” jedhe. Inni garuu abbaa isaatti hin himne.
2 Saul stayed in the uttermost part of Gibeah under the pomegranate tree which is in Migron; and the people who were with him were about six hundred men,
Saaʼolis Migroon keessa daarii Gibeʼaa muka Roomaanii jala taaʼaa ture. Namoonni isa wajjin turanis gara dhibba jaʼaa ti;
3 including Ahijah the son of Ahitub, Ichabod’s brother, the son of Phinehas, the son of Eli the priest of the LORD in Shiloh, wearing an ephod. The people did not know that Jonathan was gone.
Ahiiyaan inni dirata uffatus isaan keessaa tokko ture. Innis ilma Ahiixuub obboleessa Iikaabood, ilma Fiinehaas ilma Eelii kan Shiiloo keessatti luba Waaqayyoo ture sanaa ti. Akka Yoonaataan deemes namni tokko iyyuu quba hin qabu ture.
4 Between the passes, by which Jonathan sought to go over to the Philistines’ garrison, there was a rocky crag on the one side and a rocky crag on the other side; and the name of the one was Bozez, and the name of the other Seneh.
Malkaan ittiin Yoonaataan gara qubata waraana Filisxeemotaatti ceʼuu barbaade sun bitaa fi mirgaan kattaawwan qara qaban lama qaba ture; inni tokko Bozeezi, kaan immoo Seenee jedhama.
5 The one crag rose up on the north in front of Michmash, and the other on the south in front of Geba.
Kattaan tokko karaa kaabaa fuullee Mikmaasiin, kaan immoo karaa kibbaa fuullee Gibeʼaa dhaabata ture.
6 Jonathan said to the young man who bore his armor, “Come! Let’s go over to the garrison of these uncircumcised. It may be that the LORD will work for us, for there is no restraint on the LORD to save by many or by few.”
Yoonaataanis dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatuun, “Kottu gara qubata warra dhagna hin qabatin sanaatti ceenaa. Maaltu beeka Waaqayyo nu gargaara taʼaatii. Baayʼeedhaanis taʼu xinnoodhaan wanni fayyisuu irraa Waaqayyoon dhowwu tokko iyyuu hin jiru” jedhe.
7 His armor bearer said to him, “Do all that is in your heart. Go, and behold, I am with you according to your heart.”
Dargaggeessichi miʼa lolaa isaaf baatu sunis, “Waan qalbiitti yaadde hunda godhi; duubattis hin deebiʼin; anis akkuma yaada keetiitti si wajjinan jira” jedhe.
8 Then Jonathan said, “Behold, we will pass over to the men, and we will reveal ourselves to them.
Yoonaataanis akkana jedhe; “Egaa kottu gara isaaniitti ceenaa; isaan nu hin argan.
9 If they say this to us, ‘Wait until we come to you!’ then we will stand still in our place and will not go up to them.
Yoo isaan, ‘Hamma nu gara keessan dhufnuttu nu eegaa’ jedhan, asumatti isaan eegna; garuu isaanitti ol hin baanu.
10 But if they say this, ‘Come up to us!’ then we will go up, for the LORD has delivered them into our hand. This shall be the sign to us.”
Yoo isaan, ‘Gara keenyatti ol kottaa’ jedhan garuu kun akka Waaqayyo dabarsee harka keenyatti isaan kenne mallattoo waan nuu taʼuuf itti ol baana.”
11 Both of them revealed themselves to the garrison of the Philistines; and the Philistines said, “Behold, the Hebrews are coming out of the holes where they had hidden themselves!”
Lamaan isaanii iyyuu qubata loltoota Filisxeemotaatti of argisiisan. Filisxeemonnis, “Kunoo! Ibroonni boolla itti dhokatan keessaa baʼaa jiru” jedhan.
12 The men of the garrison answered Jonathan and his armor bearer, and said, “Come up to us, and we will show you something!” Jonathan said to his armor bearer, “Come up after me, for the LORD has delivered them into the hand of Israel.”
Namoonni qubata Filisxeemotaa keessa jiranis, “Ol kottaa; waan tokko isinitti argisiisnaa!” jedhanii Yoonaataanii fi dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatu sanatti iyyan. Kanaaf Yoonaataan dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatuun, “Waaqayyo harka Israaʼelootaatti dabarsee isaan kenneeraatii na faana kottu” jedhe.
13 Jonathan climbed up on his hands and on his feet, and his armor bearer after him, and they fell before Jonathan; and his armor bearer killed them after him.
Yoonaataan harkaa fi miilla isaatiin daaʼimee ol baʼe; dargaggeessi miʼa lolaa isaaf baatus isa faana ol baʼe. Filisxeemonnis harka Yoonaataaniitiin barbadeeffaman; dargaggeessichi Yoonaataan wajjin tures isa duukaa buʼee isaan fixe.
14 That first slaughter, which Jonathan and his armor bearer made, was about twenty men, within as it were half a furrow’s length in an acre of land.
Yoonaataanii fi namichi miʼa lolaa isaaf baatu sun rukuttaa jalqabaa sana keessatti lafa qotiyyoo cimdii tokko oolchuu irratti Filisxeemota gara digdamaa taʼan ajjeesan.
15 There was a trembling in the camp, in the field, and among all the people; the garrison and the raiders also trembled; and the earth quaked, so there was an exceedingly great trembling.
Qubata keessatti, lafa qotiisaa keessattii fi saba gidduutti naasuutu taʼe; loltoonni qubata keessa turanii fi warri balaa buusan ni hollatan; laftis ni raafamte. Naasuun sunis naasuu Waaqa biraa ergame ture.
16 The watchmen of Saul in Gibeah of Benjamin looked; and behold, the multitude melted away and scattered.
Yeroo sana waardiyyoonni Saaʼol kanneen biyya Beniyaam keessa Gibeʼaa turan utuu loltoonni sun karaa hundaan bittinnaaʼanii ni argan.
17 Then Saul said to the people who were with him, “Count now, and see who is missing from us.” When they had counted, behold, Jonathan and his armor bearer were not there.
Saaʼol namoota isa wajjin turaniin, “Mee loltoota lakkaaʼaatii nama nu keessaa deeme ilaalaa” jedhe. Yommuu lakkaaʼanittis Yoonaataanii fi namichi miʼa lolaa isaaf baatu sun achi hin turre.
18 Saul said to Ahijah, “Bring God’s ark here.” For God’s ark was with the children of Israel at that time.
Saaʼolis Ahiiyaadhaan, “Mee taabota Waaqaa as fidi” jedhe. Yeroo sana taabonni sun Israaʼeloota harka ture.
19 While Saul talked to the priest, the tumult that was in the camp of the Philistines went on and increased; and Saul said to the priest, “Withdraw your hand!”
Utuu Saaʼol lubatti dubbachaa jiruu qubata Filisxeemotaa keessatti wacni guddachaa dhufe. Kanaafuu Saaʼol lubichaan, “Harka kee gad deebifadhu” jedhe.
20 Saul and all the people who were with him were gathered together, and came to the battle; and behold, they were all striking each other with their swords in very great confusion.
Saaʼolii fi namoonni isaa wal gaʼanii gara waraanaa deeman. Isaanis utuu Filisxeemonni burjaajaʼanii goraadee ofii isaaniitiin wal cicciranuu argan.
21 Now the Hebrews who were with the Philistines before and who went up with them into the camp from all around, even they also turned to be with the Israelites who were with Saul and Jonathan.
Ibroonni duraan Filisxeemota wajjin turanii fi isaan wajjin gara qubata isaaniitti ol baʼan sun gara Israaʼeloota warra Saaʼolii fi Yoonaataan wajjin turaniitti deebiʼan.
22 Likewise all the men of Israel who had hidden themselves in the hill country of Ephraim, when they heard that the Philistines fled, even they also followed hard after them in the battle.
Israaʼeloonni biyya gaaraa Efreem keessatti dhokatanii turan yommuu akka Filisxeemonni baqachaa jiran dhagaʼanitti, lolatti makamanii isaan ariʼan.
23 So the LORD saved Israel that day; and the battle passed over by Beth Aven.
Gaafas Waaqayyo Israaʼelin ni baraare; lolli sunis Beet Aawwen darbee itti fufe.
24 The men of Israel were distressed that day; for Saul had adjured the people, saying, “Cursed is the man who eats any food until it is evening, and I am avenged of my enemies.” So none of the people tasted food.
Saaʼol, “Hamma galgalaatti, hamma ani diinota koo haaloo baafadhutti namni waa nyaatu kam iyyuu abaaramaa haa taʼu!” jedhee waan saba kakachiisee tureef gaafas namoonni Israaʼel akka malee dhiphatanii turan. Kanaafuu loltoota keessaa namni tokko iyyuu waa afaaniin hin qabne.
25 All the people came into the forest; and there was honey on the ground.
Hoomaan waraanaa hundi bosona seene; dammis lafa ture.
26 When the people had come to the forest, behold, honey was dripping, but no one put his hand to his mouth, for the people feared the oath.
Isaanis yeroo bosona seenanitti damma yaaʼu argan; taʼus isaan waan kakaa sana sodaataniif namni tokko iyyuu harka isaa afaanitti hin geeffanne.
27 But Jonathan did not hear when his father commanded the people with the oath. Therefore he put out the end of the rod that was in his hand and dipped it in the honeycomb, and put his hand to his mouth; and his eyes brightened.
Yoonaataan garuu akka abbaan isaa namoota kakaadhaan qabe hin dhageenye ture; kanaafuu inni fiixee ulee qabatee ture sanaatiin dhaaba dammaa waraanee afaaniin muuxate; iji isaas ni ifeef.
28 Then one of the people answered, and said, “Your father directly commanded the people with an oath, saying, ‘Cursed is the man who eats food today.’” So the people were faint.
Ergasiis loltoota keessaa tokko, “Abbaan kee, ‘Namni harʼa waa nyaatu kam iyyuu abaaramaa haa taʼu!’ jedhee cimsee hoomaa waraanaa kakaadhaan qabeera; namoonnis kanaaf gaggaban” jedhee isatti hime.
29 Then Jonathan said, “My father has troubled the land. Please look how my eyes have brightened because I tasted a little of this honey.
Yoonaataan immoo akkana jedhe; “Abbaan koo biyyatti rakkina uumeera. Yommuu ani damma kana irraa xinnoo afaaniin qabetti iji koo akkamitti akka naaf ifee baname mee ilaalaa.
30 How much more, if perhaps the people had eaten freely today of the plunder of their enemies which they found? For now there has been no great slaughter among the Philistines.”
Namoonni utuu boojuu diinota isaanii irraa fudhatan keessaa waa nyaatanii akkam gaarii ture. Silaa Filisxeemonni ajjeefaman kana caalaa baayʼatu ture mitii?”
31 They struck the Philistines that day from Michmash to Aijalon. The people were very faint;
Israaʼeloonni gaafa sana erga Mikmaasii hamma Ayaaloonitti Filisxeemota dhaʼanii booddee akka malee dadhabanii turan.
32 and the people pounced on the plunder, and took sheep, cattle, and calves, and killed them on the ground; and the people ate them with the blood.
Isaanis itti gaggabanii waan boojiʼan irratti lafa dhaʼanii hoolota, sangootaa fi jabboota lafatti qalatan; dhiiguma wajjinis nyaatan.
33 Then they told Saul, saying, “Behold, the people are sinning against the LORD, in that they eat meat with the blood.” He said, “You have dealt treacherously. Roll a large stone to me today!”
Isaan keessaas namichi tokko, “Kunoo namoonni foon dhiiga wajjin nyaachuudhaan Waaqayyotti cubbuu hojjechaa jiru” jedhee Saaʼolitti hime. Innis, “Isin seera cabsitaniirtu! Dhagaa guddaa isaa gangalchaatii as naa fidaa” jedhe.
34 Saul said, “Disperse yourselves among the people, and tell them, ‘Every man bring me here his ox, and every man his sheep, and kill them here, and eat; and do not sin against the LORD in eating meat with the blood.’” All the people brought every man his ox with him that night, and killed them there.
Ergasiis, “Isin namoota gidduu faffacaʼaatii, ‘Tokkoon tokkoon keessan sangaa fi hoolaa keessan fidaatii qalaa nyaadhaa; isin foon dhiiga isaa wajjin nyaachuudhaan Waaqayyotti cubbuu hin hojjetinaa’ isaaniin jedhaa” jedhe. Kanaafuu namni hundi halkan gaafasii sangaa isaa fidee achitti qale.
35 Saul built an altar to the LORD. This was the first altar that he built to the LORD.
Saaʼolis iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaare; waan kanas yeroo jalqabaatiif godhe.
36 Saul said, “Let’s go down after the Philistines by night, and take plunder among them until the morning light. Let’s not leave a man of them.” They said, “Do whatever seems good to you.” Then the priest said, “Let’s draw near here to God.”
Saaʼol, “Kottaa Filisxeemota duukaa buunee hamma lafti bariʼutti isaan saamnaa; nama tokko illee lubbuun hin hambifnu” jedhe. Isaanis, “Waan gaarii sitti fakkaate hunda godhi” jedhanii deebisan. Lubichi garuu, “Asumatti Waaqa gaafanna” jedhe.
37 Saul asked counsel of God: “Shall I go down after the Philistines? Will you deliver them into the hand of Israel?” But he did not answer him that day.
Saaʼolis, “Ani Filisxeemota duukaa buʼuu? Ati dabarsitee harka Israaʼelitti isaan ni kennitaa?” jedhee Waaqa gaafate. Waaqni garuu gaafa sana deebii hin kennineef.
38 Saul said, “Draw near here, all you chiefs of the people, and know and see in whom this sin has been today.
Kanaafuu Saaʼol akkana jedhe; “Hooggantoonni loltootaa hundi as kottaa; cubbuu harʼa hojjetame ifatti baafnaa.
39 For as the LORD lives, who saves Israel, though it is in Jonathan my son, he shall surely die.” But there was not a man among all the people who answered him.
Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa Israaʼelin baraaru sanaa, yoo namni cubbuu kana hojjete ilma koo Yoonaataan illee taʼe inni duʼuu qaba.” Garuu isaan keessaa namni tokko iyyuu deebii isaaf hin kennine.
40 Then he said to all Israel, “You be on one side, and I and Jonathan my son will be on the other side.” The people said to Saul, “Do what seems good to you.”
Saaʼolis Israaʼeloota hundaan, “Isin achi dhaabadhaa; anii fi ilmi koo Yoonaataan immoo as dhaabanna” jedhe. Namoonnis, “Waan gaarii sitti fakkaate godhi” jedhaniin.
41 Therefore Saul said to the LORD, the God of Israel, “Show the right.” Jonathan and Saul were chosen, but the people escaped.
Ergasii Saaʼol, “Deebii qajeelaa naa kenni” jedhee Waaqayyoon Waaqa Israaʼel kadhate. Ixaanis Yoonaataanii fi Saaʼolitti baʼe; namoonnis bilisa baʼan.
42 Saul said, “Cast lots between me and Jonathan my son.” Jonathan was selected.
Saaʼolis, “Anaa fi ilma koo Yoonaataan gidduutti immoo ixaa buusaa” jedhe. Ixaan sunis Yoonaataanitti baʼe.
43 Then Saul said to Jonathan, “Tell me what you have done!” Jonathan told him, and said, “I certainly did taste a little honey with the end of the rod that was in my hand; and behold, I must die.”
Saaʼolis Yoonaataaniin, “Ati waan goote natti himi” jedhe. Yoonaataanis, “Ani dhugumaan fiixee ulee kootiin damma xinnoo ishee muuxadheera. Egaa ani duʼuun qabaa?” jedhee isatti hime.
44 Saul said, “God do so and more also; for you shall surely die, Jonathan.”
Saaʼolis Yoonaataaniin, “Yoonaataan, yoo ati dhugumaan duʼuu baatte Waaqni waan kanaa fi kan caalu iyyuu natti haa fidu” jedhe.
45 The people said to Saul, “Shall Jonathan die, who has worked this great salvation in Israel? Far from it! As the LORD lives, there shall not one hair of his head fall to the ground, for he has worked with God today!” So the people rescued Jonathan, so he did not die.
Namoonni garuu Saaʼoliin akkana jedhan; “Yonaataan namni moʼannoo guddaa kana Israaʼeliif fide duʼuu qabaa? Kun gonkumaa hin taʼu! Dhugaa Waaqayyo jiraataa, rifeensi mataa isaa tokko illee lafa hin buʼu; inni gargaarsa Waaqaatiin harʼa waan kana godheeraatii.” Namoonni akkasiin Yoonaataanin baraaran; innis hin ajjeefamne.
46 Then Saul went up from following the Philistines; and the Philistines went to their own place.
Saaʼolis Filisxeemota ariʼuu ni dhiise; isaanis gara biyya isaaniitti dachaʼan.
47 Now when Saul had taken the kingdom over Israel, he fought against all his enemies on every side: against Moab, and against the children of Ammon, and against Edom, and against the kings of Zobah, and against the Philistines. Wherever he turned himself, he defeated them.
Saaʼol erga Israaʼel irratti mootii taʼee booddee diinota isaanii kanneen gama hundaan turan hunda jechuunis Moʼaabota, Amoonota, Edoomota, Mootota Zoobaa fi Filisxeemota lole. Lafa dhaqu hundattis isaan barbadeessa ture.
48 He did valiantly and struck the Amalekites, and delivered Israel out of the hands of those who plundered them.
Gootummaadhaanis Amaaleqoota lolee moʼate; Israaʼelootas harka warra isaan saamanii jalaa baase.
49 Now the sons of Saul were Jonathan, Ishvi, and Malchishua; and the names of his two daughters were these: the name of the firstborn Merab, and the name of the younger Michal.
Ilmaan Saaʼol Yoonaataan, Yishwii fi Malkii-Shuwaa turan. Maqaan intallan isaa immoo isheen hangafni Meerab, quxisuun immoo Miikaal jedhama ture.
50 The name of Saul’s wife was Ahinoam the daughter of Ahimaaz. The name of the captain of his army was Abner the son of Ner, Saul’s uncle.
Maqaan niitii isaa Ahiinooʼam jedhama ture; isheenis intala Ahiimaʼaz turte. Maqaan ajajaa waraana Saaʼol Abneer ilma Neeriti; Neer immoo obboleessa abbaa Saaʼol.
51 Kish was the father of Saul, and Ner the father of Abner was the son of Abiel.
Qiish abbaan Saaʼolii fi Neer abbaan Abneer ilmaan Abiiʼeel.
52 There was severe war against the Philistines all the days of Saul; and when Saul saw any mighty man or any valiant man, he took him into his service.
Bara jireenya Saaʼol guutuu waraana cimaatu Filisxeemota irratti adeemsifamaa ture; Saaʼolis yommuu nama jabaa yookaan goota tokko argutti ofitti fudhatee akka isa tajaajilu godhata ture.

< 1 Samuel 14 >