< Romerne 15 >

1 Men vi, som ere stærke, bør bære de svages Skrøbeligheder og ikke være os selv til Behag.
Nu warri jajjaboo taane, dadhabbii warra dadhaboo baachuu qabna malee ofuma gammachiisuu hin qabnu.
2 Enhver af os være sin Næste til Behag til det gode, til Opbyggelse.
Tokkoon tokkoon keenya ollaa keenya ijaaruuf, akka isatti toluuf waan isa gammachiisu gochuu qabna.
3 Thi også Kristus var ikke sig selv til Behag; men, som der er skrevet: "Deres Forhånelser, som håne dig, ere faldne på mig."
Kiristoos iyyuu ofii isaa hin gammachiifneetii; kun garuu akkuma, “Arrabsoon warra si arrabsanii narra gaʼeera” jedhamee barreeffamee dha.
4 Thi alt, hvad der er skrevet tilforn, det er skrevet til vor Belæring, for at vi skulle have Håbet ved Udholdenheden og Skrifternes Trøst.
Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii.
5 Men Udholdenhedensog Trøstens Gud give eder at være enige indbyrdes, som Kristus Jesus vil det,
Waaqni obsaa fi jajjabina namaa kennu sun akka isin yaaduma Kiristoos Yesuus qabaate sana walii qabaattan isin haa gargaaru.
6 for at I endrægtigt med een Mund kunne prise Gud og vor Herres Jesu Kristi Fader.
Kunis akka isin yaada tokkoo fi afaan tokkoon Waaqaaf, Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiif ulfina kennitaniif.
7 Derfor tager eder af hverandre, ligesom også Kristus har taget sig af os, til Guds Ære.
Kanaaf akkuma Kiristoos ulfina Waaqaatiif jedhee isin simatetti isinis wal simadhaa.
8 Jeg siger nemlig, at Kristus er bleven Tjener for omskårne for Guds Sanddruheds Skyld for at stadfæste Forjættelserne til Fædrene;
Kiristoos dhugaa Waaqaatiif jedhee waadaa abbootiif kenname mirkaneessuuf akka tajaajilaa warra dhagna qabatanii taʼe ani isinittin himaatii;
9 men at Hedningerne skulle prise Gud for hans Barmhjertigheds Skyld, som der er skrevet: "Derfor vil jeg bekende dig iblandt Hedninger og lovsynge dit Navn,"
kunis akka Namoonni Ormaa sababii araara isaatiif Waaqa ulfeessaniif. Innis akkuma, “Kanaafuu ani Namoota Ormaa gidduutti sin jajadha; maqaa keetiifis nan faarfadha” jedhamee barreeffamee dha.
10 Og atter siges der: "Fryder eder, I Hedninger, med hans Folk!"
Amma illee, “Yaa Namoota Ormaa, isin saba isaa wajjin gammadaa” jedha.
11 Og atter: "Lover Herren, alle Hedninger, og alle Folkene skulle prise ham."
Amma illee, “Yaa Namoota Ormaa, hundi keessan Gooftaa jajadhaa; namoonni hundinuus faarfannaadhaan isa leellisaa” jedha.
12 Og atter siger Esajas: "Komme skal Isajs Rodskud og han, der rejser sig for at herske over Hedninger; på ham skulle Hedninger håbe."
Akkasumas Isaayyaas, “Hiddi Isseey kan saboota bulchuuf kaʼu tokko ni dhufa; Namoonni Ormaas isa abdatu” jedha.
13 Men Håbets Gud fylde eder med al Glæde og Fred, idet I tro, for at I må blive rige i Håbet ved den Helligånds Kraft!
Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.
14 Men også jeg, mine Brødre! har selv den Forvisning om eder, at I også selv ere fulde af Godhed, fyldte med al Kundskab, i Stand til også at påminde hverandre.
Yaa obboloota ko, isin ofii keessanii akka gaarummaadhaan guutuu taatan, akka beekumsaan guutamtanii fi akka wal gorsuu dandeessan ani iyyuu hubadheera.
15 Dog har jeg for en Del tilskrevet eder noget dristigere for at påminde eder på Grund af den Nåde, som er given mig fra Gud
Ani sababii ayyaana Waaqni naaf kenneetiif waan tokko tokko isin yaadachiisuuf jedhee ija jabinaan isinii barreesseera;
16 til iblandt Hedningerne at være en Kristi Jesu Offertjener, der som Præst betjener Guds Evangelium, for at Hedningerne må blive et velbehageligt Offer, helliget ved den Helligånd.
kunis akka Namoonni Ormaa Hafuura Qulqulluun Qulqulleeffamanii fuula Waaqaa duratti aarsaa fudhatama qabu taʼanii fi akka ani lubummaa wangeela Waaqaa lallabuutiin Namoota Ormaatiif tajaajilaa Kiristoos Yesuus taʼuuf.
17 Således har jeg min Ros i Kristus Jesus af min Tjeneste for Gud.
Kanaafuu ani Waaqa tajaajiluu kootiin Kiristoos Yesuusiin nan boona.
18 Thi jeg vil ikke driste mig til at tale om noget af det, som Kristus ikke har udført ved mig til at virke Hedningers Lydighed, ved Ord og Handling,
Ani waan Kiristoos waan ani jedhee fi hojjedheen akka Namoonni Ormaa Waaqaaf ajajaman gochuudhaan karaa kootiin raawwateen alatti homaa dubbachuuf ija hin jabaadhu;
19 ved Tegns og Undergerningers Kraft, ved Guds Ånds Kraft, så at jeg fra Jerusalem og trindt omkring indtil Illyrien har til fulde forkyndt Kristi Evangelium;
kunis humna mallattoo fi dinqiitiin, humna Hafuura Qulqulluutiinis raawwatame. Kanaafuu ani Yerusaalemii jalqabee naannaʼuun hamma Ilwaariqoonitti guutummaatti wangeela Kiristoos lallabeera.
20 dog således, at jeg sætter min Ære i at forkynde Evangeliet ikke der, hvor Kristus er nævnet, for at jeg, ikke skal bygge på en andens Grundvold,
Ani akka hundee namni biraa buuse irratti hin ijaarreef lafa Kiristoos itti hin beekaminitti wangeela lallabuuf yeroo hunda tattaaffadheera.
21 men, som der er skrevet: "De, for hvem der ikke blev kundgjort om ham, skulle se, og de, som ikke have hørt, skulle forstå."
Kunis isa, “Warri waaʼeen isaa itti hin himamin ni argu; warri hin dhagaʼinis ni hubatu” jedhamee barreeffamee dha.
22 Derfor er jeg også de mange Gange bleven forhindret i at komme til eder.
Anis kan yeroo baayʼee gara keessan dhufuu dhowwameef kanuma.
23 Men nu, da jeg ikke mere har Rum i disse Egne og i mange År har haft Længsel efter at komme til eder,
Amma garuu naannoowwan kanneenitti iddoon itti hojjedhu waan hin jirree fi anis waan isin arguuf waggaa baayʼee hawwaa tureef,
24 vil jeg, når jeg rejser til Spanien, komme til eder; thi jeg håber at se eder på Gennemrejsen og af eder at blive befordret derhen, når jeg først i nogen Måde er bleven tilfredsstillet hos eder.
yeroo Isphaaniyaa dhaqu isinitti goruu nan yaada. Anis yeroo achi irra darbu erga isin argee xinnoo isin wajjin gammadee booddee akka imala koo irratti na gargaartan nan abdadha.
25 Men nu rejser jeg til Jerusalem i Tjeneste for de hellige.
Amma garuu ani qulqulloota tajaajiluuf Yerusaalem dhaquuttin jira.
26 Thi Makedonien og Akaja have fundet Glæde i at gøre et Sammenskud til de fattige iblandt de hellige i Jerusalem.
Warri Maqedooniyaatii fi Akaayaa qulqulloota Yerusaalem jiraatan keessaa kanneen hiyyeeyyii taʼaniif buusii gochuutti gammadaniiruutii.
27 De have nemlig fundet Glæde deri, og de ere deres Skyldnere. Thi ere Hedningerne blevne delagtige i hines åndelige Goder, da ere de også skyldige at tjene dem med de timelige.
Isaan waan kana gochuuf ni gammadan; dhugumaanuu waan kana isaaniif gochuun dirqama isaanii ti. Namoonni Ormaa erga eebba hafuuraa Yihuudoota irraa qooddatanii, eebba isaanii kan foonii immoo Yihuudootaaf qooduun dirqama isaanii ti.
28 Når jeg da har fuldbragt dette og beseglet denne Frugt for dem, vil jeg derfra drage om ad eder til Spanien.
Kanaaf ani ergan waan kana raawwadhee, akka isaan buusii kana fudhatan mirkaneeffadhee booddee goree isin ilaalee Isphaaniyaa nan dhaqa.
29 Men jeg ved, at når jeg kommer til eder, skal jeg komme med Kristi Velsignelses Fylde.
Ani yommuu gara keessan dhufu akka eebba Kiristoosiin guutamee dhufu nan beeka.
30 Men jeg formaner eder, Brødre! ved vor Herre Jesus Kristus og ved Åndens Kærlighed til med mig at stride i eders Bønner for mig til Gud,
Yaa obboloota, akka isin kadhannaa Waaqa kadhattan keessatti naaf kadhachuudhaan na wajjin dhamaatan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin, jaalala Hafuura Qulqulluutiinis isinin kadhadha.
31 for at jeg må udfries fra de genstridige i Judæa, og mit Ærinde til Jerusalem må blive de hellige kærkomment,
Akka ani namoota Yihuudaa keessa jiraatan kanneen hin amanin jalaa baʼuu fi akka tajaajilli koos Yerusaalem keessatti qulqulloota achi jiraatan biratti fudhatama argatu naaf kadhadhaa;
32 for at jeg kan komme til eder med Glæde, ved Guds Villie, og vederkvæges med eder.
kunis akka ani fedhii Waaqaatiin, gammachuudhaan isin bira dhufee isin wajjin boqodhuuf.
33 Men Fredens Gud være med eder alle! Amen.
Waaqni nagaa hunduma keessan wajjin haa taʼu. Ameen.

< Romerne 15 >