< Salme 137 >

1 Ved Babels Floder, der sad vi og græd, når Zion randt os i hu.
Nu yeroo Xiyoonin yaadannetti, lageen Baabilon bira teenyee boonye.
2 Vi hængte vore Harper i Landets Pile.
Achittis kiraara keenya muka alaltuutti fannifne;
3 Thi de, der havde bortført os, bad os synge, vore Bødler bad os være glade: "Syng os af Zions Sange!"
achitti warri nu boojiʼan faarfannaa, warri nu dhiphisanis, “Faarfannaawwan Xiyoon keessaa tokko nuu faarfadhaa!” jedhanii akka nu faarfannaa gammachuu isaaniif faarfannu nu gaafatan.
4 Hvor kan vi synge HERRENs Sange på fremmed Grund?
Nu utuu biyya ormaa jirruu, akkamitti faarfannaa Waaqayyoo faarfachuu dandeenya?
5 Jerusalem, glemmer jeg dig, da visne min højre!
Yaa Yerusaalem, yoo ani si irraanfadhe, harki koo mirgaa ogummaa isaa haa irraanfatu.
6 Min Tunge hænge ved Ganen, om ikke jeg ihukommer dig, om ikke jeg sætter Jerusalem over min højeste Glæde!
Yoo ani si yaadachuu baadhe, yoo ani gammachuu koo guddichaa olitti Yerusaalemin ilaaluu baadhe, arrabni koo laagaa kootti haa maxxanu.
7 HERRE, ihukom Edoms Sønner for Jerusalems Dag, at de råbte: "Nedbryd, nedbryd lige til Grunden!"
Yaa Waaqayyo, waan warri Edoom gaafa Yerusaalem diigamte jedhan sana yaadadhu; isaanis, “Ishee diigaa! Hamma hundee isheetti ishee diigaa!” jedhanii iyyan.
8 Du Babels Datter, du Ødelægger! Salig den, der gengælder dig, hvad du gjorde imod os!
Yaa intala Baabilon, kan baduudhaaf qophoofte, inni waan ati nu goote sanaaf, gatii kee siif kennu eebbifamaa dha.
9 Salig den, der griber dine spæde og knuser dem mod Klippen!
Inni daaʼimman kee qabee dhagaa irratti caccabsu sun eebbifamaa dha.

< Salme 137 >