< Salme 128 >

1 (Sang til Festrejserne.) Salig enhver, som frygter Herren og går på hans veje!
Faarfannaa Ol Baʼuu. Warri Waaqayyoon sodaatan, kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.
2 Dit Arbejdes Frugt skal du nyde, salig er du, det går dig vel!
Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta; ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.
3 Som en frugtbar Vinranke er din Hustru inde i dit Hus, som Oliekviste er dine Sønner rundt om dit Bord.
Niitiin kee mana kee keessatti, akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati; ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti, akka lataa muka ejersaa ni taʼu.
4 Se, så velsignes den Mand, der frygter HERREN.
Namni Waaqayyoon sodaatu akkasitti eebbifama.
5 HERREN velsigne dig fra Zion, at du må se Jerusalems Lykke alle dit Livs Dage
Bara jireenya keetii guutuu, Waaqayyo Xiyoon irraa si haa eebbisu; atis badhaadhummaa Yerusaalem argi.
6 og se dine Sønners Sønner! Fred over Israel!
ijoollee ijoollee keetii ni argi; nagaan Israaʼeliif haa taʼu.

< Salme 128 >