< Malakias 3 >

1 Se, jeg sender min Engel, og han skal bane Vej for mit Åsyn; og til sit Tempel kommer i et Nu den Herre, I søger, og Pagtens Engel, som I længes efter; se, han kommer, siger Hærskarers HERRE.
“Kunoo ani ergamaa koo isa fuula koo duraan karaa naaf qopheessu nan erga. Ergasii Gooftaan isin eeggattan akkuma tasaa gara mana qulqullummaa isaa ni dhufa; ergamaan kakuu kan isin hawwitan sun ni dhufa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
2 Men hvo kan udholde den Dag, han kommer, og hvo kan stå, når han kommer til Syne? Han er jo som Metalsmelterens Ild og Tvætternes Lud.
Garuu eenyutu guyyaa dhufaatii isaa sana obsuu dandaʼa? Yeroo inni mulʼatuttis eenyutu isa dura dhaabachuu dandaʼa? Inni akka ibidda nama sibiila baqsee qulqulleessuu yookaan akka saamunaa nama wayyaa miicuu ti.
3 Han sidder og smelter og renser Sølv; han renser Levis Sønner, lutrer dem som Guld og Sølv, så de kan frembære Offergave for HERREN i Retfærdighed,
Inni akkuma nama meetii baqsee qulqulleessuu ni taʼa; Lewwotas calalee akka warqeettii fi meetiitti qulqulleessa. Ergasiis Waaqayyo namoota qajeelummaadhaan aarsaa isaaf fidan ni qabaata;
4 at Judas og Jerusalems Offergave må være HERREN liflig som i fordums Dage, i henrundne År.
akkuma bara darbee, akkuma waggoota duraa aarsaan Yihuudaatii fi Yerusaalem Waaqayyoon ni gammachiisa.
5 Jeg nærmer mig eder til Dom og vidner i Hast mod Troldmændene, Ægteskabsbryderne, Menederne og dem, som undertrykker Daglejere, Enker og faderløse, gør fremmede Uret og ikke frygter mig, siger Hærskarers HERRE.
“Kanaafuu ani murtiif gara keessan nan dhufa. Ani falfaltootatti, sagaagaltootatti, warra sobaan kakatanitti, warra mindaa hojjettootaa dhowwatanitti, warra haadhota hiyyeessaa fi ijoollee abbaa hin qabne hacuucanitti, warra alagoota murtii qajeelaa dhowwatanii fi na hin sodaannetti dhugaa baʼuuf nan ariifadha” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
6 Thi jeg, HERREN, er ikke blevet en anden, men I har ikke ophørt at være Jakobsønner".
“Ani Waaqayyo hin geeddaramu. Kanaafuu yaa ilmaan Yaaqoob isin hin barbadoofne.
7 Siden eders Fædres Dage er I afveget fra mine Bud og har ikke holdt dem. Vend om til mig, så vil jeg vende om til eder, siger Hærskarers HERRE. Og I spørger: "Hvorledes skal vi vende os?"
Isin bara abbootii keessaniitii jalqabdanii sirna koo irraa jalʼattaniirtu; hin eegnes. Gara kootti deebiʼaa; anis gara keessanitti nan deebiʼaa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin deebina?’ jettanii gaafattu.
8 Skal et Menneske bedrage Gud? I bedrager mig jo! Og I spørger:"Hvorved har vi bedraget dig?" Med Tienden og Offerydelsen!
“Namni Waaqa ni saamaa?” Taʼus isin na saamtan. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si saamne?’ jettanii gaafattu. “Kudhan keessaa tokkoo fi aarsaadhaan.
9 I trues med Forbandelse og bedrager dog mig, ja alt Folket gør det!
Isin guutummaan saba keessanii sababii na saamtaniif abaarsa jala jirtu.
10 Bring hele Tienden tiI Forrådshuset, så der kan være Mad i mit Hus; sæt mig på Prøve dermed, siger Hærskarers HERRE, om jeg da ikke åbner eder Himmelens Sluser og udøser Velsignelse over eder i Overmål.
Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa samii banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
11 Jeg vil for eders Skyld skræmme Æderne, så at de ikke ødelægger eder Landets Afgrøde, og Vinstokken på Marken skal ikke slå eder fejl, siger Hærskarers HERRE.
“Ani akka daanaʼoon midhaan keessan hin balleessineef nan ifadha; mukni wayinii lafa qotiisa keessaniis ija hin harcaafatu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
12 Og alle Folkene skal love eder, fordi l har et yndigt Land, siger Hærskarers HERRE.
“Ergasii isin biyya gammaddu waan taataniif, saboonni hundinuu eebbifamtoota isiniin jedhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
13 I taler stærke Ord imod mig, siger HERREN. Og I spørger: "Hvad taler vi imod dig?"
“Isin of tuulummaadhaan natti dubbattan” jedha Waaqayyo. “Taʼus, ‘Nu maal siin jenne?’ jettanii gaafattu.
14 I siger: "Det er ørkesløst at tjene Gud; hvad vinder vi ved at opfylde hans Krav og gå sørgeklædte for Hærskarers HERREs Åsyn?
“Isin akkana dubbattan; ‘Waaqa tajaajiluun faayidaa hin qabu. Nu fedhii isaa duukaa buunee akkuma nama booʼuu, fuula Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu dura jooruudhaan maal arganne?
15 Nej, vi må love de frække! De øver Gudløshed og kommer til Vejrs; de frister Gud og slipper godt derfra."
Amma garuu of tuultotaan eebbifamtoota jenna. Dhugumaan warri hamaa hojjetan ni eebbifamu; warri Waaqa qoranis ni miliqu.’”
16 Da talte de, som frygter HERREN, med hverandre. Og HERREN lyttede og hørte efter, og en Bog blev skrevet for hans Åsyn, for at de kunde ihukommes, som frygter HERREN og slår Lid til hans Navn.
Warri Waaqayyoon sodaatan walitti dubbatan; Waaqayyos isaan dhaggeeffate; ni dhagaʼes. Warra Waaqayyoon sodaatanii fi maqaa isaa kabajaniifis kitaabni maramaan yaadannoodhaaf fuula isaa duratti barreeffame.
17 Den Dag jeg griber ind, skal de tilhøre mig som mit Eje, siger Hærskarers HERRE, og jeg vil handle nænsomt med dem, som en Fader handler nænsomt med sin Søn, der tjener ham.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Guyyaa ani hojjedhutti isaan handhuuraa koo addaa ni taʼu. Akkuma namni tokko ilma isaa kan isa tajaajilu baraaru sana ani isa nan baraara.
18 Da skal l atter kende Forskel på retfærdig og gudløs, på den, som tjener Gud, og den, som ikke tjener ham.
Isin ammas garaa garummaa nama qajeelaatii fi nama hamaa, garaa garummaa warra Waaqa tajaajilaniitii fi warra hin tajaajillee ni argitu.

< Malakias 3 >