< 利未記 24 >

1 耶和華曉諭摩西說:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 「要吩咐以色列人,把那為點燈搗成的清橄欖油拿來給你,使燈常常點着。
“Akka ibsaan ittuma fufee bobaʼuuf akka isaan zayitii ejersaa kan cuunfamee taliila taʼe siif fidaniif ijoollee Israaʼel ajaji.
3 在會幕中法櫃的幔子外,亞倫從晚上到早晨必在耶和華面前經理這燈。這要作你們世世代代永遠的定例。
Aroonis ibsaawwan sana golgaa taabota kakuu seeraa kan dunkaana wal gaʼii keessa jiru sanaan alatti fuula Waaqayyoo duratti galgalaa hamma ganamaatti ittuma fufee haa qopheessu. Kunis dhaloota keessaniif seera bara baraa haa taʼu.
4 他要在耶和華面前常收拾精金燈臺上的燈。」
Ibsaawwan baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa hojjetaman irra fuula Waaqayyoo dura jiran sun ittuma fufanii qopheeffamuu qabu.
5 「你要取細麵,烤成十二個餅,每餅用麵伊法十分之二。
“Daakuu bullaaʼaa fuudhiitii buddeena kudha lama tolchi; tokkoon tokkoon buddeena sanaas daakuu iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka lama lamaan haa tolfamu.
6 要把餅擺列兩行,每行六個,在耶和華面前精金的桌子上;
Buddeena kanas toora tokko keessa jaʼa jaʼa godhiitii minjaala warqee qulqulluu irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura jiru irra toora lamaan kaaʼi.
7 又要把淨乳香放在每行餅上,作為紀念,就是作為火祭獻給耶和華。
Akka inni qooda buddeena sanaa kutaa yaadannootii fi aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu taʼuuf tokkoo tokkoo toora sanaa irra ixaana qulqulluu kaaʼi.
8 每安息日要常擺在耶和華面前;這為以色列人作永遠的約。
Buddeenni kunis akka kakuu bara baraa taʼee saba Israaʼel iddoo buʼuuf yeroo hunda Sanbatuma Sanbataan fuula Waaqayyoo dura haa kaaʼamu.
9 這餅是要給亞倫和他子孫的;他們要在聖處吃,為永遠的定例,因為在獻給耶和華的火祭中是至聖的。」
Buddeenni kun qooda Arooniitii fi ilmaan isaa ti; isaanis sababii buddeenni kun qooda isaanii kan bara baraa kan aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffame keessaa kutaa waan hunda caalaa qulqullaaʼe taʼeef iddoo qulqulluutti isa haa nyaatan.”
10 有一個以色列婦人的兒子,他父親是埃及人,一日閒遊在以色列人中。這以色列婦人的兒子和一個以色列人在營裏爭鬥。
Namichi haati isaa gosa Israaʼelii fi abbaan isaa immoo nama biyya Gibxii taʼe tokko Israaʼeloota gidduu baʼe; lollis qubata keessatti isaa fi Israaʼelicha tokko gidduutti kaʼe.
11 這以色列婦人的兒子褻瀆了聖名,並且咒詛,就有人把他送到摩西那裏。(他母親名叫示羅密,是但支派底伯利的女兒。)
Ilmi dubartii Israaʼel sunis Maqaa Waaqaa arrabse; ni abaares; kanaafuu Museetti isa fidan. Maqaan haadha namicha sanaas Sheloomiit jedhama; isheen immoo intala namicha gosa Daanii kan Dibraayi jedhamuu ti.
12 他們把那人收在監裏,要得耶和華所指示的話。
Isaanis hamma fedhiin Waaqayyoo isaanii ifutti eegumsa jala isa tursan.
13 耶和華曉諭摩西說:
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe:
14 「把那咒詛聖名的人帶到營外。叫聽見的人都放手在他頭上;全會眾就要用石頭打死他。
“Namicha Waaqa arrabse sana qubata keessaa gad baasi. Warri isa dhagaʼan hundinuu harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan; waldaan hundi immoo dhagaadhaan isa haa tumu.
15 你要曉諭以色列人說:凡咒詛上帝的,必擔當他的罪。
Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni kam iyyuu yoo Waaqa isaa abaare inni cubbuu hojjeteef itti gaafatama;
16 那褻瀆耶和華名的,必被治死;全會眾總要用石頭打死他。不管是寄居的是本地人,他褻瀆耶和華名的時候,必被治死。
namni Maqaa Waaqayyoo arrabsu haa ajjeefamu. Waldaan hundi dhagaadhaan isa haa tumu. Alagaas taʼu dhalataan biyyaa yoo Maqaa Waaqaa arrabse haa ajjeefamu.
17 打死人的,必被治死;
“‘Namni nama ajjeese kam iyyuu haa ajjeefamu.
18 打死牲畜的,必賠上牲畜,以命償命。
Namni horii namaa ajjeese horii sana iddoo haa buusu.
19 人若使他鄰舍的身體有殘疾,他怎樣行,也要照樣向他行:
Namni tokko yoo ollaa isaa miidhe, wanni inni nama sana godhe isa irrattis haa godhamu;
20 以傷還傷,以眼還眼,以牙還牙。他怎樣叫人的身體有殘疾,也要照樣向他行。
kunis qooda cabaa cabaa, qooda ijaa ija, qooda ilkaanii ilkaan jechuu dha. Innis akkuma nama miidhe sana isa irrattis haa godhamu.
21 打死牲畜的,必賠上牲畜;打死人的,必被治死。
Namni horii ajjeese horii sana iddoo haa buusu; namni nama ajjeese garuu haa ajjeefamu.
22 不管是寄居的是本地人,同歸一例。我是耶和華-你們的上帝。」
Alagaas taʼu dhalataa biyyaatiif seera tokkicha qabaadhaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’”
23 於是,摩西曉諭以色列人,他們就把那咒詛聖名的人帶到營外,用石頭打死。以色列人就照耶和華所吩咐摩西的行了。
Museen waan kana Israaʼelootatti hime; isaanis namicha Waaqa arrabse sana qubata keessaa gad baasanii dhagaadhaan tuman; Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo Musee ajaje godhan.

< 利未記 24 >