< 以賽亞書 50 >

1 耶和華如此說: 我休你們的母親, 休書在哪裏呢? 我將你們賣給我哪一個債主呢? 你們被賣,是因你們的罪孽; 你們的母親被休,是因你們的過犯。
Waaqayyo akkana jedha: “Waraqaan ragaa, kan ani ittiin haadha keessan hiikee of irraa ittiin ishee geggeesse meerre? Yookaan namni liqii narraa qabu kan ani itti isin gurgure eenyu? Isin sababii cubbuu keessaniif gurguramtaniirtu; sababii yakka keessaniitiifis haati keessan ariʼamteerti.
2 我來的時候,為何無人等候呢? 我呼喚的時候,為何無人答應呢? 我的膀臂豈是縮短、不能救贖嗎? 我豈無拯救之力嗎? 看哪,我一斥責,海就乾了; 我使江河變為曠野; 其中的魚因無水腥臭,乾渴而死。
Yeroo ani dhufetti namni maaliif achi hin jiraatin? Yeroo ani waametti namni owwaatu maaliif achii dhabame? Harki koo akka furuu hin dandeenyeef gabaabateeraa? Ani isin baraaruuf humna dhabeeraa? Ani dheekkamsa qofaan galaana nan gogsa; lageenis gammoojjiitti nan geeddara; qurxummiiwwan isaanii bishaan dhabanii ajaaʼu; dheebuudhaanis ni dhumu.
3 我使諸天以黑暗為衣服, 以麻布為遮蓋。
Ani samiitti dukkana nan uffisa; wayyaa gaddaas itti nan haguuga.”
4 主耶和華賜我受教者的舌頭, 使我知道怎樣用言語扶助疲乏的人。 主每早晨提醒, 提醒我的耳朵, 使我能聽,像受教者一樣。
Akka ani warra dadhaban jajjabeessuuf, Waaqayyo Gooftaan arraba barate naa kenneera. Inni ganama ganama na dammaqsa; akka inni akkuma barataa tokkootti dhaggeeffatuufis gurra koo dammaqsa.
5 主耶和華開通我的耳朵; 我並沒有違背,也沒有退後。
Waaqayyo Gooftaan gurra koo naa baneera; anis fincilaa hin turre; ani dugda duubatti hin deebine.
6 人打我的背,我任他打; 人拔我腮頰的鬍鬚,我由他拔; 人辱我,吐我,我並不掩面。
Ani warra na rukutanitti dugda koo, warra areeda narraa buqqisanitti immoo maddii koo nan kenne; yeroo isaan natti qoosanii hancufa natti tufanitti, ani fuula koo isaan hin dhokfanne.
7 主耶和華必幫助我, 所以我不抱愧。 我硬着臉面好像堅石; 我也知道我必不致蒙羞。
Sababii Waaqayyo Gooftaan na gargaaruuf, ani hin salphifamu. Kanaafuu ani fuula koo akkuma dhagaa gurraachaa godhadheera; ani akka hin qaaneffamne illee nan beeka.
8 稱我為義的與我相近; 誰與我爭論, 可以與我一同站立; 誰與我作對, 可以就近我來。
Inni dhugaa naaf baasu dhiʼoo jira. Yoos eenyutu na himata ree? Mee walitti gad haa baanu! Himataan koo eenyu? Inni mee natti gad haa baʼu!
9 主耶和華要幫助我; 誰能定我有罪呢? 他們都像衣服漸漸舊了, 為蛀蟲所咬。
Waaqayyo Gooftaatu na gargaara. Eenyutu natti mura? Isaan hundi akkuma wayyaa moofaʼu; dholdholeenis isaan nyaatti.
10 你們中間誰是敬畏耶和華、 聽從他僕人之話的? 這人行在暗中,沒有亮光。 當倚靠耶和華的名, 仗賴自己的上帝。
Isin keessaa kan Waaqayyoon sodaatee dubbii garbicha isaatiif ajajamu eenyu? Namni dukkana keessa deddeebiʼu, kan ifa hin qabne, maqaa Waaqayyoo amanatee Waaqa isaatti haa irkatu.
11 凡你們點火,用火把圍繞自己的 可以行在你們的火焰裏, 並你們所點的火把中。 這是我手所定的: 你們必躺在悲慘之中。
Amma garuu isin warri ibidda bobeessitanii guca bobaʼaa deemu qabattan hundinuu ifa ibiddaa keessaniitii fi ifa guca bobeessitanii keessa deemaa. Wanni isin harka koo irraa argattan kanaa dha; isin dhiphinaan ni ciciiftu.

< 以賽亞書 50 >