< 歌羅西書 2 >

1 我願意你們曉得,我為你們和老底嘉人,並一切沒有與我親自見面的人,是何等地盡心竭力;
Akka ani isiniif, warra Lodooqiyaa jiranii fi warra fooniin fuula koo hin argin hundaafis jedhee hammam carraaqaa jiru isin akka beektan nan barbaada.
2 要叫他們的心得安慰,因愛心互相聯絡,以致豐豐足足在悟性中有充足的信心,使他們真知上帝的奧祕,就是基督;
Kunis akka isaan jaalalaan tokko taʼanii garaan isaanii jajjabeeffamuuf, akka isaan badhaadhummaa hubannaa guutuu qabaatanii icciitii Waaqaa jechuunis Kiristoosin beekaniif;
3 所積蓄的一切智慧知識,都在他裏面藏着。
badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuus isuma keessa dhokfameera.
4 我說這話,免得有人用花言巧語迷惑你們。
Anis akka namni tokko iyyuu afaan tolee isin hin gowwoomsineef waan kana isinittin hima.
5 我身子雖與你們相離,心卻與你們同在,見你們循規蹈矩,信基督的心也堅固,我就歡喜了。
Ani yoon fooniin isin irraa fagaadhe illee hafuuraan isin wajjin waanan jiruuf, isin hammam naamusa qabeeyyii akka taatanii fi amantiin isin Kiristoositti qabdanis hammam cimaa akka taʼe arguu kootiif nan gammada.
6 你們既然接受了主基督耶穌,就當遵他而行,
Yoos akkuma Kiristoos Yesuus Goofticha fudhattanitti isatti jiraadhaa;
7 在他裏面生根建造,信心堅固,正如你們所領的教訓,感謝的心也更增長了。
akkuma barattan sanatti hidda keessan isa keessatti gad fageeffadhaatii isa irratti ijaaramaa; amantiittis jabaadhaa; galata guutee dhangalaʼus dhiʼeessaa.
8 你們要謹慎,恐怕有人用他的理學和虛空的妄言,不照着基督,乃照人間的遺傳和世上的小學就把你們擄去。
Eenyu iyyuu barsiisa waaʼee Kiristoos irratti hundeeffameen utuu hin taʼin falaasama faayidaa hin qabnee fi gowwoomsaa, kan bartee namaatii fi qajeelfama addunyaa kanaa irratti hundeeffameen akka isin hin boojine of eeggadhaa.
9 因為上帝本性一切的豐盛都有形有體地居住在基督裏面,
Guutummaan Waaqummaa hundinuu fooniin Kiristoos keessa jiraataatii;
10 你們在他裏面也得了豐盛。他是各樣執政掌權者的元首。
isinis Kiristoos isa humnaa fi taayitaa hunda irratti mataa taʼe sanaan guutamtaniirtu.
11 你們在他裏面也受了不是人手所行的割禮,乃是基督使你們脫去肉體情慾的割禮。
Isumaanis foon cubbamaa taʼe sana of irraa gattanii dhagna qabattaniirtu; dhagna qabaan kunis dhagna qabaa harka namaatiin taʼe utuu hin taʼin kan Kiristoosiin taʼee dha;
12 你們既受洗與他一同埋葬,也就在此與他一同復活,都因信那叫他從死裏復活上帝的功用。
isinis cuuphaadhaan isa wajjin awwaalamtanii humna Waaqaa kan Kiristoosin warra duʼan keessaa isa kaasetti amanuu keessaniin cuuphaadhuma sanaan isa wajjin kaafamtaniirtu.
13 你們從前在過犯和未受割禮的肉體中死了,上帝赦免了你們一切過犯,便叫你們與基督一同活過來;
Yeroo isin cubbuu keessanii fi foon keessan kan dhagna hin qabamin sanaan duutanii turtanitti Waaqni Kiristoos wajjin jiraattota isin taasise. Cubbuu keenya hundas nuu dhiise;
14 又塗抹了在律例上所寫、攻擊我們、有礙於我們的字據,把它撤去,釘在十字架上。
innis himata idaa keenya kan seeraa kan nuun mormuu fi nutti muru sana haqee mismaaraan fannootti diree dhabamsiise.
15 既將一切執政的、掌權的擄來,明顯給眾人看,就仗着十字架誇勝。
Innis humnootaa fi taayitaawwan fannoodhaan moʼate hidhannoo hiikkachiisuudhaan ifa baasee uummatatti isaan argisiise.
16 所以,不拘在飲食上,或節期、月朔、安息日都不可讓人論斷你們。
Kanaafuu eenyu iyyuu waan nyaattanii fi waan dhugdaniin yookaan waaʼee ayyaanaatiin yookaan waaʼee Baatii Haaraatiin yookaan waaʼee Sanbataatiin isinitti hin murin.
17 這些原是後事的影兒;那形體卻是基督。
Isaan kunneen gaaddidduu waan dhufuuf jiruu ti; dhugaan isaa garuu Kiristoos keessa jira.
18 不可讓人因着故意謙虛和敬拜天使,就奪去你們的獎賞。這等人拘泥在所見過的,隨着自己的慾心,無故地自高自大,
Namni sobee gad of qabuu fi ergamoota waaqeffachuu jaallatu kam iyyuu badhaasa isin hin dhabsiisin. Namni akkasii waan arge hunda baayʼisee odeessa; sababii malee yaada foon isaatiin of tuula.
19 不持定元首。全身既然靠着他,筋節得以相助聯絡,就因上帝大得長進。
Innis mataa isa dhagni guutuun ittiin soorame, hiddaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee guddina Waaqni kennuufiin guddatu sana irraa citeera.
20 你們若是與基督同死,脫離了世上的小學,為甚麼仍像在世俗中活着、服從那「不可拿、不可嘗、不可摸」等類的規條呢?
Isin erga Kiristoos wajjin qajeelfama hundee kan addunyaa kanaatiif duutanii maaliif akka waan amma iyyuu kan addunyaa taataniitti sirna isaatiif bultu ree?
Innis, “Harkaan hin qabatin! Hin dhandhamin! Hin tuqin!” jedha.
22 這都是照人所吩咐、所教導的。說到這一切,正用的時候就都敗壞了。
Isaanis waan ajajaa fi barsiisa namaa irratti hundeeffamaniif yeroo hojii irra oolanitti baduuf murteeffamaniiru.
23 這些規條使人徒有智慧之名,用私意崇拜,自表謙卑,苦待己身,其實在克制肉體的情慾上是毫無功效。
Sirni kunis dhugumaan of dirqisiisuun waaqeffachuu isaanii, gad of qabuu sobaatii fi foon isaanii miidhuu isaaniitiin bifa ogummaa qaba; hawwii foonii dhowwuuf garuu faayidaa tokko illee hin qabu.

< 歌羅西書 2 >