< 西番雅书 1 >

1 当犹大王亚们的儿子约西亚在位的时候,耶和华的话临到希西家的玄孙,亚玛利雅的曾孙,基大利的孙子,古示的儿子西番雅。
Dura buʼaa faarfannaatiif. Meeshaa koo kan ribuutiin kan faarfatame. Dubbiin Waaqayyoo kan bara Yosiyaas ilmi Aamoon mootii Yihuudaa ture keessa gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, ilma Gedaaliyaas, ilma Amariyaa, ilma Hisqiyaas dhufe kanaa dha:
2 耶和华说: 我必从地上除灭万类。
“Ani fuula lafaa irraa waan hunda haxaaʼee nan balleessa” jedha Waaqayyo.
3 我必除灭人和牲畜, 与空中的鸟、海里的鱼, 以及绊脚石和恶人; 我必将人从地上剪除。 这是耶和华说的。
“Ani namaa fi horii haxaaʼee nan balleessa; simbirroota samiitii fi qurxummii galaanaa, waaqota tolfamoo namoota hamoo gufachiisan haxaaʼee nan balleessa.” “Ani sanyii namaa lafa irraa nan balleessa” jedha Waaqayyo.
4 我必伸手攻击犹大 和耶路撒冷的一切居民, 也必从这地方剪除所剩下的巴力, 并基玛林的名和祭司,
“Ani Yihuudaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hundatti harka koo ol nan fudhadha. Ani hambaa Baʼaal hundaa fi maqaa luboota waaqota tolfamoo waaqeffatanii iddoo kanaa nan balleessa;
5 与那些在房顶上敬拜天上万象的, 并那些敬拜耶和华指着他起誓, 又指着玛勒堪起誓的,
warra raayyaa samii waaqeffachuuf qinaaxxii manaa irratti sagadan, warra sagadanii fi Waaqayyoon kakatan, warra Moolekiinis kakatan,
6 与那些转去不跟从耶和华的, 和不寻求耶和华也不访问他的。
warra Waaqayyoon duukaa buʼuu dhiisanii duubatti deebiʼan, warra Waaqayyoon hin barbaanne yookaan gorsa isaa hin gaafanne nan balleessa.”
7 你要在主耶和华面前静默无声, 因为耶和华的日子快到。 耶和华已经预备祭物, 将他的客分别为圣。
Guyyaan Waaqayyoo waan dhiʼaateef fuula Waaqayyoo Gooftaa duratti calʼisaa. Waaqayyo aarsaa tokko qopheesseera; inni warra affeere qulqulleesseera.
8 到了我—耶和华献祭的日子, 必惩罚首领和王子, 并一切穿外邦衣服的。
“Guyyaa aarsaa Waaqayyootti ani qondaaltota ilmaan mootichaatii fi warra wayyaa ormaa uffatan hunda nan adaba.
9 到那日,我必惩罚一切跳过门槛、 将强暴和诡诈得来之物充满主人房屋的。
Ani gaafas warra buusaa irra utaalan, kanneen galma waaqota isaanii jeequmsaa fi gowwoomsaadhaan guutan nan adaba.”
10 耶和华说:当那日, 从鱼门必发出悲哀的声音, 从二城发出哀号的声音, 从山间发出大破裂的响声。
Waaqayyo akkana jedha; “Gaafas Karra Qurxummii irraa iyya, Waltajjii Lammaffaa irraa wawwaannaa, gaarran irraa immoo sagalee diigama guddaatu dhagaʼama.
11 玛革提施的居民哪,你们要哀号, 因为迦南的商民都灭亡了! 凡搬运银子的都被剪除。
Isin warri Makteesh keessa jiraattan wawwaadhaa; daldaltoonni keessan hundi lafa irraa haxaaʼamu; warri meetii daldalan hundinuus ni barbadaaʼu.
12 那时,我必用灯巡查耶路撒冷; 我必惩罚那些如酒在渣滓上澄清的; 他们心里说: 耶和华必不降福,也不降祸。
Ani yeroo sana Yerusaalemin ibsaadhaan nan sakattaʼa; warra qananiidhaan jiraatan, kanneen akka daadhii wayinii siicoo irratti hafee taʼan, kanneen, ‘Waaqayyo waan tolaas taʼu waan hamaa homaa hin godhu’ jedhanii yaadan nan adaba.
13 他们的财宝必成为掠物; 他们的房屋必变为荒场。 他们必建造房屋,却不得住在其内; 栽种葡萄园,却不得喝所出的酒。
Qabeenyi isaanii ni saamama; manni isaanii ni ona. Isaan mana ijaarratu; garuu keessa hin jiraatan; isaan biqiltuu wayinii ni dhaabbatu; garuu daadhii wayinii hin dhugan.”
14 耶和华的大日临近, 临近而且甚快, 乃是耶和华日子的风声; 勇士必痛痛地哭号。
Guyyaan Waaqayyoo guddichi dhiʼaateera; dhiʼaatees dafee dhufaara. Dhagaʼaa! Iyyi guyyaa Waaqayyoo hadhaaʼaa dha; goonni achitti sagalee ol fudhatee iyya.
15 那日是忿怒的日子, 是急难困苦的日子, 是荒废凄凉的日子, 是黑暗幽冥、密云乌黑的日子,
Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa, guyyaa dhiphinaa fi gaddaa, guyyaa rakkinaa fi badiisaa, guyyaa dukkanaa fi dimimmisaa, guyyaa duumessaa fi dukkana hamaa ni taʼa;
16 是吹角呐喊的日子, 要攻击坚固城和高大的城楼。
magaalaawwan dallaa jabaa qabanii fi gamoowwan ol dhedheeroo irratti guyyaa itti malakata afuufanii fi iyya waraanaa taʼa.
17 我必使灾祸临到人身上, 使他们行走如同瞎眼的, 因为得罪了我。 他们的血必倒出如灰尘; 他们的肉必抛弃如粪土。
“Sababii isaan Waaqayyootti cubbuu hojjetaniif, ani akka isaan akkuma jaamotaatti deemaniif uummatatti dhiphina nan fida. Dhiigni isaanii akkuma awwaaraa, miʼi garaa isaaniis akkuma kosii gatama.
18 当耶和华发怒的日子, 他们的金银不能救他们; 他的忿怒如火必烧灭全地, 毁灭这地的一切居民,而且大大毁灭。
Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti meetiin isaanii yookaan warqeen isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu.” Ibidda hinaaffaa isaatiin addunyaan hundi ni barbadoofti; warra lafa irra jiraatan hundatti inni badiisa tasaa ni fidaatii.

< 西番雅书 1 >