< 启示录 21 >

1 我又看见一个新天新地;因为先前的天地已经过去了,海也不再有了。
Anis ergasii samii haaraa fi lafa haaraa nan arge; samiin duraatii fi lafti duraa sun badaniiruutii; galaannis siʼachi hin jiraatu.
2 我又看见圣城新耶路撒冷由 神那里从天而降,预备好了,就如新妇妆饰整齐,等候丈夫。
Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee samii keessaa Waaqa biraa utuu gad buutuu nan arge.
3 我听见有大声音从宝座出来说:“看哪, 神的帐幕在人间。他要与人同住,他们要作他的子民。 神要亲自与他们同在,作他们的 神。
Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; “Kunoo, iddoon Waaqni jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Waaqni mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Waaqa isaaniis ni taʼa.
4 神要擦去他们一切的眼泪;不再有死亡,也不再有悲哀、哭号、疼痛,因为以前的事都过去了。”
Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii.”
5 坐宝座的说:“看哪,我将一切都更新了!”又说:“你要写上;因这些话是可信的,是真实的。”
Inni teessoo sana irra taaʼes, “Kunoo, ani waan hundumaa nan haaromsa!” jedhe; innis, “Dubbiin kun waan amanamaa fi dhugaa taʼeef, kana barreessi” naan jedhe.
6 他又对我说:“都成了!我是阿拉法,我是俄梅戛;我是初,我是终。我要将生命泉的水白白赐给那口渴的人喝。
Innis akkana naan jedhe: “Raawwatameera. Alfaa fi Omeegaan, Jalqabaa fi Dhumni anuma. Ani nama dheeboteef burqaa bishaan jireenyaa irraa tola nan kenna.
7 得胜的,必承受这些为业:我要作他的 神,他要作我的儿子。
Inni moʼu waan kana hunda ni dhaala; ani Waaqa isaa nan taʼaaf; innis ilma koo ni taʼa.
8 惟有胆怯的、不信的、可憎的、杀人的、淫乱的、行邪术的、拜偶像的,和一切说谎话的,他们的分就在烧着硫磺的火湖里;这是第二次的死。” (Limnē Pyr g3041 g4442)
Garuu qoodni sodaattotaa, kan warra amantii hin qabnee, kan xuraaʼotaa, kan warra nama ajjeesanii, kan halaleewwanii, kan warra falfala hojjetanii, kan warra waaqota tolfamoo waaqeffataniitii fi kan sobduuwwan hundaa haroo ibiddaatii fi dinyii bobaʼuu keessa taʼa; kunis duʼa lammaffaa ti.” (Limnē Pyr g3041 g4442)
9 拿着七个金碗、盛满末后七灾的七位天使中,有一位来对我说:“你到这里来,我要将新妇,就是羔羊的妻,指给你看。”
Ergamoota torban warra waciitii torban dhaʼicha dhumaa torbaniin guutaman qaban keessaas inni tokko dhufee, “Kottu, misirrittii niitii Hoolichaa sitti nan argisiisaatii” naan jedhe.
10 我被圣灵感动,天使就带我到一座高大的山,将那由 神那里、从天而降的圣城耶路撒冷指示我。
Innis Hafuuraan na fuudhee tulluu guddaa fi dheeraa tokkotti na geesse; utuu Yerusaalem Magaalaa Qulqullittiin samii keessaa Waaqa biraa gad buutuu natti argisiise.
11 城中有 神的荣耀;城的光辉如同极贵的宝石,好像碧玉,明如水晶。
Isheenis ulfina Waaqaatiin ni ibsiti turte; cululuqni ishees akkuma cululuqa dhagaa gatii guddaa, akka dhagaa yaasphiidii qulqulluu akka bilillee ture.
12 有高大的墙,有十二个门,门上有十二位天使,门上又写着以色列十二个支派的名字。
Magaalattiinis dallaa guddaa fi ol dheeraa karra kudha lama qabu qabdi turte. Karrawwan sana irras ergamoota kudha lamatu dhaabatee ture; karra kudha lamaan sana irrattis maqaan gosoota Israaʼel kudha lamaanii barreeffamee ture.
13 东边有三门,北边有三门,南边有三门,西边有三门。
Karaa baʼa biiftuutiin karra sadii, karaa kaabaatiin karra sadii, karaa kibbaatiin karra sadii, karaa lixa biiftuutiinis karra sadiitu ture.
14 城墙有十二根基,根基上有羔羊十二使徒的名字。
Dallaan magaalattiis hundee kudha lama qaba ture; hundeewwan sana irrattis maqaan ergamoota Hoolichaa kudha lamaanii barreeffamee ture.
15 对我说话的,拿着金苇子当尺,要量那城和城门城墙。
Ergamaan natti dubbate sunis magaalattii, karrawwan isheetii fi dallaawwan ishee safaruudhaaf ulee safartuu kan warqee qaba ture.
16 城是四方的,长宽一样。天使用苇子量那城,共有四千里,长、宽、高都是一样;
Magaalaan sunis golee afur qabdi turte; dheerinni isheetii fi garaan ishee wal qixxee ture. Ergamaan sunis ulee isaatiin magaalattii safare; balʼinni ishees gara kiiloo meetira 2,200 taʼe; dheerinni ishee, garaan isheetii fi ol dheerinni ishees wal qixxee ture.
17 又量了城墙,按着人的尺寸,就是天使的尺寸,共有一百四十四肘。
Dallaa magaalattiis ni safare; innis akka safara namaa kan ergamichi ittiin safaraa ture sanaatti dhundhuma 144 taʼe.
18 墙是碧玉造的;城是精金的,如同明净的玻璃。
Dallaan sun dhagaa yaasphiidiitiin ijaarame; magaalaan sun immoo warqee qulqulluu akka bilillee qulqulluu taʼeen ijaaramte.
19 城墙的根基是用各样宝石修饰的:第一根基是碧玉;第二是蓝宝石;第三是绿玛瑙;第四是绿宝石;
Hundeewwan dallaa magaalaa sanaas dhagaa gatii guddaa gosa hundumaatiin miidhagfaman. Hundeen jalqabaa yaasphiidiin, lammaffaan sanpeeriin, sadaffaan keelqedooniin, afuraffaan immoo maragdiin miidhagfame;
20 第五是红玛瑙;第六是红宝石;第七是黄璧玺;第八是水苍玉;第九是红璧玺;第十是翡翠;第十一是紫玛瑙;第十二是紫晶。
Inni shanaffaan sardooniksiin, jaʼaffaan sardiyooniin, torbaffaan kiristolobeen, saddeettaffaan biiraleen, saglaffaan wuraawureen, kurnaffaan kirisphiraasisiin, kudha tokkoffaan yaakintiin, kudha lammaffaan immoo ametiisxinosiin miidhagfame.
21 十二个门是十二颗珍珠,每门是一颗珍珠。城内的街道是精金,好像明透的玻璃。
Karrawwan kudha lamaan lula kudha lama turan; tokkoon tokkoon karra sanaas lula tokko irraa hojjetame. Daandiin magaalaa sanaas warqee qulqulluu akkuma bilillee keessaan waa argamuu ti.
22 我未见城内有殿,因主 神—全能者和羔羊为城的殿。
Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼuu fi Hoolichi mana qulqullummaa ishee waan taʼaniif ani magaalattii keessatti mana qulqullummaa tokko illee hin argine.
23 那城内又不用日月光照;因有 神的荣耀光照,又有羔羊为城的灯。
Aduun yookaan jiʼi magaalattiif ibsuun hin barbaachisu; ulfinni Waaqaa ifa kennaafiitii; Hoolichis ibsaa ishee ti.
24 列国要在城的光里行走;地上的君王必将自己的荣耀归与那城。
Saboonni ifa isheetiin deddeebiʼu; mootonni lafaas ulfina isaanii gara isheetti fidu.
25 城门白昼总不关闭,在那里原没有黑夜。
Sababii halkan achi hin jirreef karrawwan magaalattii gonkumaa guyyaa tokko iyyuu hin cufaman.
26 人必将列国的荣耀、尊贵归与那城。
Ulfinaa fi kabaja sabootaa gara ishee ni fidu.
27 凡不洁净的,并那行可憎与虚谎之事的,总不得进那城;只有名字写在羔羊生命册上的才得进去。
Warra maqaan isaanii kitaaba jireenyaa kan Hoolichaa keessatti galmeeffame malee wanni xuraaʼaan tokko iyyuu yookaan namni waan jibbisiisaa hojjetu yookaan namni nama sobu kam iyyuu magaalaa sana hin seenu.

< 启示录 21 >